Oduu Haaraya

Ayyaanni WBO Magaalaa Perth keessatti Kabajame milkii fi injifannoon xumuramee

Guraandhala 2, 2014,  MOA, Perth;- Ayyaanni WBO Amajjii 26/2014 magaalaa guddittii “West Australia” kan taate “Perth” ti sirna hoo’aa fi miidhagaan ayyaaneffatame. Sirni ayyaana kanaa akkuma aadeeffatametti eebba manguddotaa fi Faaruu Alaabaa Oromoon eegale. Itti aansuun Konyaa ABO Perth bakka bu’uun hirmaattotaan bagan nagaan dhuftanii fi galata kan galchan Ob. Gammachuu Dambalii ti. Ob. Gammachuun keessummoota hirmaattotaan erga wal barsiisaniin booda, akeeka qophichaa fi sagantaalee jiran beeksisuun MGS fi MBBA – ABO Ob. Gaashuu Lammeessaa fi gaafatamaa Jaarmayaa fi Siyaasaa kutaa ABO Australia Ob. Gammachuu Fayyeeraa gara waltajjiitti afeeran.

Ob. Gaashuu Lammeessaa seenaa Ayyaana Guyyaa WBO yaadachiisuun dirree qabsoo fi caayaalee ABO qofaa biratti waggoota muraasaaf erga kabajamee booda guddachaa fi babal’achaa deemuun ayyaana Ummata Oromoo bal’aa ta’uu ibsan. Kan seenaa hayyoota seenaaf keenyee, akka qabsaa’aatti kan itti xiyyeeffannu haala qabatamaan har’a harkaa qabnuu irratti kan jedhan Ob. Gaashuun qabsoon bilisummaa Oromoo yeroo ammaa qabatamaan irra jiru ayyaaneffattootaaf bal’inaan ibsan.

Qabsoon bilisummaa Oromoo ABOn hogganamu bu’aa bahii fi gufuun keessaa fi alaan itti heddummaatu illee gufuulee hunda injifannoon irra aanee akeeka QBO; Bilisummaa Ummata Oromoo fi Walabummaa Oromiyaa dhugoomsuuf qabsoo hidhannoo, siyaasaa, dipilomaasii fi Warraaqsa Ummataa qindeeffatee gaggeessuun humna guddaa ta’uutti Ummanni Oromoo ittiin boonuu qaba jedhan.

Wabii fi Gaacha Umaata Oromoo kan ta’e WBO ilaalchisee Ob.Gaashuun yommuu ibsan dirree sochii kaabaa-kibba, bahaa-dhiha, akkasumas jeddu gala Oromiyaa keessaatti babal’ifachaa tarkaanfilee jajjabduu diina irratti fudhachaa akka jiru, tarkaanfii kanas jabeessee akka itti fufu ta’uu firootaa fi diinota keenya maraaf ifa goona jedhan.

Sochii biyya keessaa ilaalchisees caasaalee ABOn ijaaraman fi qabsichi kan of keessa uummate Sochii Qeerroon Bilisummaa Oromoo taasisu akka jabaatee humna jijjiirraa bu’uraa argamsiisuu danda’utti Addi Bilisummaa Oromoo tumsa irraa eegamu mara of qusannaa tokko malee taasisa jedhan. Kanuma waliin hojii dipilomaasii kan ilaalu sagalee Ummata Oromoo  fi sochii QBO dhageessisuun cinatti shiraa fi yakka Wayyaaneen Ummata Oromoo fi Oromiyaa irraan gahaa jirtu saaxiluuf ABO jabaatee hojjataa akka jiruu fi dhageettii  hedduun argamuu kan ibsan Ob. Gaashuun hojii gama kanaa humneessinee gurra horuun;  adda durummaan hawaasa Oromoo biyya alaa jiraatan irraa kan eegamu ta’uu jabeessanii dhaaman.

Ibsa bal’aa viidiyoo fi suuraaleen deeggaramee kenname si’aa’inaan kan dhaggeeffatan ayyaaneffattoonni waantota ifa hin taane hunda naamusaa fi naamusa  ijaaraa ta’een gaafataniiru. Ob. Gaashuunis  deebii qubsaa deebisaniiru. Dabalataan ABO maal nurraa eega? Maal nuuf dhaamtu? Gaafii jedhuuf;

Diinonnii QBOs ta’ee Ummata Oromoo cabsuuf dhama’an Wayyaanee qofa otoo hin taane kanneen bakka kufanii ka’uuf ekeraa faarsuu eegalan akka dabalatu yaadachiisuun kana hunda irra aanuuf injifannoolee amma har’aatti argame eeggachaa qaawwa diinni ittiin nu seenuu danda’u mara cufachuu keenya marikaneeffachuu akka feesisu; kanuma waliin mooraa Oromummaa  keessatti of eeguun ulaagaa sabbonummaa ti kan jedhan Ob. Gaashuu yeroon ammaa taa’anii kan hojjatu yeroo itti qeeqan otoo hin taane kan beekumsa qabu beekumsaan, kan ogummaa qabu ogummaan, kan humna qabu humnaan, kan maallaqa qabu maallaqaan qabsaa’otaa fi WBO cina dhaabbachuun gaafatamuummaa seenaa jalaa yeroo of baasuu qabnu waan ta’eef bakka dandeettii keenyaa adda baafannee dirqama keenya haa baanu jechuun dhaaman.

Ayyaana kana irratti kabajamtuu fi jaalatamtuu kan taane artiisti Ilfinash Qannoo Norway irraa kan argamte yommuu ta’uu haasaa gabaabaa taasifteen jabinni qabsaa’otaa obsaa fi cichoomina akeeka dhaabbataniif qabaniin akka madaalamu ibsuun obsa waliif qabaannee tokkummaan dhaaba keenya ABO cinaa haa dhaabbanu jechuun dhaamsa qabdu dabarfatte.

Ob. Gammachuu Fayyeeraa gama isaaniitiin sochii ABO biyya Australia keessatti taasisaa jiruu fi tarsiimoo diinni ittiin hawaasa Oromootti seentu yaadachiisuun, hawaasni Oromoo akkuma aadaa isaatti jabaatee sochii diinaa akka fashalsuu fi dursee irratti hojjatu dhaaman.

Ayyaana kana irratti Vidiyoon sochii WBO fi diddaa sabboontota Oromoo biyya keessa qalbeeffachiisu  kan agarsiifame yommuu ta’u; hirmaatonni ayyaana kanaas vidiyoolee sa’aa dheeraaf agarsiifame gammachuu fi marartoo guddaan erga ilaalanii booda battalumatti tinnisa WBOf oolu kumoota hedduun lakkaa’amu gumaachuun gumaachi fakkaataan jabaatee akka itti fufuu fi  waan qaban maraan ABO waliin akka hiriiran waadaa galan. Gumaata taasifameenis ta’ee hirmaannan hawwan Oromoo Perth fakkeenya gaarii fi abdii qabsaa’otaa Oromoo ta’uu isaanii kan mirkaneesse ture.

Ayyaana WBO Perth5Ayyaana WBO PerthAyyaana WBO Perth3Ayyaana WBO Perth2

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …

One comment

  1. how long you guys keep lying to oromo people we know that you went their for holiday with your families and friends. What victory you have achieved to oromo people by going holiday from Melbourne to perth STOP LYING YOU WILL NOT ESCAPE JUJDEMENT BY HISTORTY . WHEN MILILONS OF oromo people were with and donating millions of dollars you cloud not do anything expect making rich your selves and families. you are keep cheating oromos when do stop lying to the people. expecting freedom from You is expecting offspring from a mule, keep lying !!!!! time will come when find hiding place.