Oduu Haaraya

Cuunfaa Walgahii Qondaaloota Kutaalee ABO BA

 

1. Duula bifa oloolaan nurratti baname akkamitti ofirraa qolanna:

2. Dhaamsa KQ KS fi dirqama nuuf kenname:

3. Walii galtee dhaaboota Oromoo waliin taasifame

4. Tumsa dhaaboota Bilisummaa fi Democracy

Hubachiisa: Cuunfaan kun qabxiilee duraan lamaa laalchisee yaada mana keessaa ka’ee fi murtii irra gahame

1. Duula bifa oloolaan nurratti baname akkamitti ofirraa qolanna:

Yeroo ammaa kana keessatti paltalk, Facebook fi marsaalee adda addaa irratti oloolli dhaabaa fi hoggana

akkasumas QBO irratti banamuun beekkamaa dha. Kana ofirraa qolachuuf gara keenyaan maal godhuu qabna

isa jedhu irratti yaanni mana keessaa ka’e irratti marihatame jira. Qabxiilee ka’an keessaa:

1. Dhaabni yeroo namni ganu dursani miseensota beeysisuun irratti qophaawuuf nama gargaara.

Ammayyuu kan dallananii bahan yoo jiraatan ololoota dhufuu deemu ofirraa qolachuuf dhaabni dursee

miseensoota isaa beeysisuu.

2. Gama keenyaan araaramne jirra jannee dhaaboonni ammo ifaa fii karaa dhoossaan oloola hin dhiifne.

Fakkeenyaa KWOn Swedeniti “shaneen summii dha” jattee ofaa turte.

3. Girmaa Xurunaa dhaan wal qabatee oloola deemu laalchisee gurmuun tokko dhaabbachuu akka

4. Oloolli deemaa jiru oloola cimaa dha. Harki wayyaanee karaa Diaspora Affairs keessa jiraatu shakkama.

Irra guddaan kashlabootaan kan deemsifamaa jiru yoo tahu, oloola kana cabsuu jacha isaaniif deebisaa

kennaa ooluun kar tokkoon barbaachisummaa hin qabu. Kanaaf, nuti Sochii biyya keessaa finiinsuu tu

furmaata kennu dandanya. ABO irratti wanni duulamaa jiruuf dhaabuma kanaatu miseensaas tahe

waraana qaba waan taheef jacha – Wayyaaanee dabalatee. Gama keenyaan oloola ofirraa qolachuu ti

dabalatee tarkaanfii mumul’atoo tahe fudhachuu irratti hojjachuu dha.

5. Araara amma jalqabame kanas gara keenyaan akka hin gufannee waan dandeenye hunda godhuu fi

karaa dhaabota kaaniin qooda fudhannaan oloola kana irraa qaban irraa akka dhaabbattan itti himanii,

akka irraa of qusatan gochuun barbaachisaa dha. Miseensoota isaani sirnaan waan qabani hin jirreef

rakkoo qabaachuu akka qabaatan beekuu fi gariin kan maqaa dhaaboota saniin dubbachaa jiran akka

miseensoota isaaniitu hin taane hubanne kan isaan dhaabu dandayan akka dhaaban kan isaan hin

dandeenye ammo ofirraa kanaa itti dhaaban barbaaduu qabna.

6. Oloola hamaatu deemaa jira. Oloolli ammaa deemaa jiru kun dhaabaa deggersa dhorkachuu,

miseensotaa wal shakkisiisuu, ummatni ABO irra abdii akka kutatu godhuu, Qeerroo fi ummata wal

shakkisiisuu, Qeerroo deggersa dhorkachiisuu fi kkf dha. Gar tokkoon isaanu oloola oofaa jirra jedhanii

waa’ee ABO haasawuunu ofii caasaa akka hin qabnee fi ABOn akka caasaa qabaate hojjachaa jiru of

saaxilaa jiru. Waan taheef oloola kana dhaabna jannee isaan confront godhuun keessaafu hogganni

akka isaanitti gadi bu’uu irra hin jiru. Gama keenyaan waan isaan sodaatan sana hojjannee argamuutu

7. Hoggana tahanii kanneen dhokatani turanii fi amma as bahani nutti dhukaasaa jiran kanaas addaan

baafachuun barbaachisaa dha. Namoota waan gaggadhee fi fokkisaa jedhani namoota akka isaani

qabatani gadi bahan saaxiluun barbaachisaa dha.

8. Miseensoonni keenya bakka barbaachisaa tahetti (paltalk, fb … wkf) irratti saaxiluu irratti hojjachaa,

hogganoonni keenya ammo media fi bakka barbaachisetti dura dhaabbachuun barbaachisaa dha.

9. Oloolli deemaa jiru waanuma lafa jala deemaa turee dha. Dubbiin kun erga jaarmayoonni wal tahan

booda jabaachaa dhufe. Kun wanni garsiisu waanuma duraanu deemaa turee fi hinaafaan gadi bahuu

10. Media ummanni itti dadhabaa jiru irratti bahani namoota biyya keessaa faa dubbisuun propaganda

oofuun dhibbaa nurratti qaba. Kana toora qabsiisuun dhaabarraa eeggama. Warri akka Boruu

Barraaqaa faa miseensootni akka dhaabaaf hojjachaa jiruti yeroo eegan, gadi bahee dhaaba irratti

olooluun isaa nu midhee jira. Miseensonni waan akkanaa kanaaf dursinee qophii dhabuu keenya

odeeffanoo dhabuu dha.

11. Oloola deemu laalchisee odeessa jiru ykn waa’ee namoota oloola oofaa jirani odeessi yoo nuuf

kenname nuti sanitti dhimma baanee namoota sana saaxiluu ni dandeenya. Waan taheef, hogganni

odeessa gahaa kennee miseensotatti dhimma bahuu qaba – nutuu ofirraa dhoorgina. Karaa biraan

media lee abbaa itti tahuu qabna. Meseensi dafee keessa seenuun abbaa itti tahuu osoo dandeenyu

halaalarraa laaluun rakkoo akka fiduu dandayu beekuu qabna – nuutu abbaa itti tahee waan sana

12. Oloola kanaaf hamma tokko kan bu’ura tahe Girmaa Xurunaa ti. Nama tokkoof jacha dhaabni dilana

arrabfamu hin qabu. Dhaabichi ibsa wahii irratti kennuun dirqama. Warroonni akkanatti oloola ofaa

turan keessaa gariin miseensoota dhaabaa kan turan, gariin kan wayyaaneen ergite fi gariin kan

karumaa itti dabalame dha.Oloolli hawaasa keessatti murteessaa dha. Kanaaf, namoota garii

hogganiniis tahe miseensoonni bilbilaanillee nurraa dhaabbadhu jedhani itti himuuniis rakkina hin qabu

– numa gargaara. Namni akka walitti dhihaannuun wal hubachiisuun gar-tokkoon ofirraa laafisuu numa

13. Oloola kana akka miseensatti maqaa dhooysaa fi deeggartoota keessaan, akkuma hedduun ammaahuu

dura dhaabbachaa jirutti dura dhaabbachuu itti fufuun barbaachisaa dha. Kashlabeen hujjii godhatee

waan kana itti hojjachaa jirti. Kanaaf, karaa adda addaan fact jirtu miseensootaa fi deeggartootaaf

kennuun irratti hojjachuun ni dandayama.

14. Oloola oloolaan hin cabsinu jachuun, sirrii miti. Oloola oloolaumaan dhaabani. Kanaaf deebisaa

kennuufiin barbaachisaa dha. Jiraachuu keenya hujjiin garsiisuun, barbaachisa adha. Oloola kanaaf wal

rammanne torbaan tokkoofillee taatu yoo irratti hojjanne cal’isiisu dandeenya.

15. Hogganni maqaan dhawame akka amma J. Garbii faatti hoggana qeerrooti jedhani yoo oloolan

fakkeenyaaf, ol bahani ofirraa deebisuun barbaachisaa dha. Hundaafuu, hujjii nuti hojjanuttu oloolaaf

16. Fincilaa fi lola walitti hin maknu jachaa miseensootaa fi ummatatti himaa jirra. Wanni nurraa eeggamu

wana mul’ataa tokko gochuu dha. Warregama kafaluun keenya erga hin hafeneefu fagottii akkana

goone jannee SBO irratti himuun osuma jiraatu, magaaluma xixiiqoo tokkotti tarkaanfii mul’ataa

fudhachuu fi akka dhagayamu gochuun barbaachisaa dha.

17. Waan kana dura dhaabbachuun barbaachisaa dha. Keessaa fu Paltalk irratti warri oloola oofan

warruma dhaaboota adda addaa keessaa dhufee dha. Waan kana cal’isuun nurra hin jiru, namoota

hedduu dogoggorsuu dandayu. Kanaaf, warra oloola oofu kana qorannee eenyummaa isaani karaa

adda addaan dura dhabbachuun barbaachisaa dha.

18. Sagalee Qeerroo faa jabeessani akka oloola deemaa jiru kana irratti waan dubachaa jiran ciminaani itti

fufan gochuun barbaachisaa dha. Dhaaboonni walitti dhufne kuniis numa irratti eeguun gama isaaniis

gadi bahani waa jachuu dhabuun gaaffii nama keessa fida. QC faa keessaahiis warri nummaan beeynu

kanneen achumarra taa’anii barruun dubbii owwisaa jiru. Kanas waa gochuu qabna. Namoota dhaaba

kana keessaa ala of godhe dhaabni dafee miseensootaaf beeysisuu – keessaafu hoggana yoo tahe.

1. Oloola amma deemaa jiru kana cabsuuf WBO cimsuun tarkaanfii finiinsuu fi Qeerroon akka jabaate FXG

itti fuftu waan dandeenye hunda gochuu.

2. Qabsoo biyya keessaa finiinsuu.

3. Koree ykn qaama tokko kan waan kana dura dhaabbattu dhaabni itti tolchu. Koree kana birkiin

odeessii fi beeksisa biyya alaa akka dhaabee hogganu. Birkiin Jaarmaa biyya alaan qajeelfamni itti

tolchuun akka gargaaru. Miseensootaa fi deeggarootni akka waan deemaa jiru hubatani bakka hundatti

dura dhaabbatan gochuu – kakaasuu.

4. Akka wal beekkumsaan kanneen osoo hin beekin oloola kanatti dabalamani hafarsan akka nurraa

dhaabbatan itti dubbachuu.

5. Waltahiinsa dhaabota Oromoo giddutti godhame akka jabaatuu taasisuu irratti hojjachuu.

6. Medialee jirtu dhuunfachuun oloola nurratti oofuu irraa of qusatani akkan waan Oromoo fi QBO tolaa

dubbatan irratti hojjachuu.

7. Kanneen qaama oloolaa tana identify goonee qabaachuu fi qormaata irratti gaggeessuun saaxiluu.

Kanaafiis odeessa yeroo yeroon wal jijjiiruu qabna. Kanaaf marsaa keenyatti dhimma baanee wal

hubachiisuun irratti hojjachuu.

8. Jabinaa fi laafina keenya xiinxallee yeroo yeroon gamaaggamuun hujjii teenya finiinsuu.

9. Shira wayyaanee oloola amma deemaa jiruun walitti qabsiisani ofirraa qolqachuu fi odeessi gahaan

miseensootaaf kennamuu.

2. Dhaamsa KQ KS fi dirqama nuuf kenname:

Dhaamsa Korsa Sabaa laalchisee, KQ KS qophii xumachaa akka jirtuu fi karaa keenyaa kan barbaachisu dolaara

US kuma dhibba sadii buusuu akka tahe nu beeysiftee jirti. Dirqama nutti kenname kana akkamitti akka

bahachuu dandeenyu laalchisee marii gaggeefame irratti yaadoota burqan:

1. Korri sabaa barbaachisaa dha. Dhaaba kana haaroyomse akka itti fufnu godhu. Haatahu malee,

ammatti fardoominni isaa hin mul’atu. Yeroo namni dhumaa jiruu, qawwee fi rasaasaa bitaa jannee

hulaa dhadhawaa jirru kana keessatti xiqqo prioritize godhu irratti rakkoo waan fiduu fakkaata. Waan

taheef, akka yaanni kun GS tiif dhihaate achi nuuf butamu haa gaafannu.

2. KS kana schedule bahe irraa achi siiysuun ammatti hin barbachisu. Eerga itti seenneefu cininnannee

taasisuu dha. Korri sabaa fardii dha. Lakkoofsi hogganaatu 80 ykn 90 tahuu malee kanneenuma

duraanu ykn Jn. duraanu hojjachaa jiranitti garru malee kaan maqaadhuma qabatee taa’aa jira. KS

yaamame kun hundi qulqullaawuu fi for any eventuality of qophaawu qabna.

3. Rakkina kana waliin itti seenne waan taheef, ba’aa kana baadhachuu dandayuu qabna. Caasaa hundatti

dabarsani buusuu nutti murame miseensoonni keenya akka dafani xumuran gochuutu irra wayya.

4. Dhimma KS kana yeroo murteesitan irra hin turre. KS tahuun barbaachisaa dha. Akka KS gaggeefamu

GS erga murteesse wanni godhan hin jiru. Horiin gaaffii tahuu hin qabu. Miseensoonni keenya

kumaatamaan baasaahu waan jiraniif $400.00 matatti baasuun rakkisaa miti. Garuu, ammatti KS biyya

alatti deebifanee goonaa yoo tahe ani bu’aa isaa argaa hin jiru. Miseensoonni guddaan biyya keessa

jiru qooda yoo irraa hin fudhanne, bu’aa hin qabu. Dandayamnaan dirretti akka nuuf godhamu.

5. Dhimma kana kora xiqaa kutaa keenyaa irratti hasawame ture. Dubbiin maallaqa osoo hin tahiin

maaltu ammatti prioritize tahuu qabaa dha. Kanaaf, gama keenyaan maalaqa hin buufna, garuu

ammatti horiin kun lola nutti labsame ofirraa qolachuu irratti ooluu qaba.

6. Amma fardiin Waraanni Wayyaanee Oromiyaa guutuu irratti qubatee jira. Ol’adeemaan dhumaa jira.

Kanaaf , ammatti fardiin KS otuu hin tahiin Qawwee bituu dha.

7. KS kun yoomii fi eessatti tahaa isa jadhu quba hin qabnu. Inni kaan lubbuu isaa kennaa waan jiruuf

miseensooni keenya waan irratti murtaawe akka tahan tahanii baasuu qabna.

8. Dhaaboonni nuti dabalaman hogganni isaanii hedduun biyya alaa jiru. ABOn qophii kana yeroo

qopheessuu hogganni isaa irra hedduun akka biyya alaa kanaa hin taane qophiin jiraa? Kan jedhuus

gaafii dha. Hogganni kun kanneen hojjatanii fi biyya keessaa qabsoo tana furgaasu dandayaniin bakka

9. Ooloola alatti deemaa jiruu fi dantaadhuma qabsoo keenyaafu KS kun godhamu qaba. Akka heeraa fi

seera dhaabatti tahee, korri godhamnaan dirreedhuma ykn biyyootuma olla keessatti godhachuu dha

malee biyya alaa kana keessatti godhuu hin tahu. Barbaachisu biyya alaa kanatti WJQ godhame yaadni

akka gumaachamu godhuu malee heeruma keenya eeggamee godhuu dha. Ummanni Oromoos KS

kana yeroo hedduu gaafachaa jira. Kanaaf ,osoo yeroo biraa gaafachuu bannee horii kana hamma ofii

baafnu baafne hawaasa keessaahis argamsiisuun godhamu qaba.

10. Haalli amma mootummaan jeeqamaa jiru kana keessatti, nuti gama keenyaan itti qophaawuu qabna.

Dhaabni keenya jalaa gubbaan akkamitti deemaa jiraa kan nu hundinuu argaa jirru. Jaallan hamma

tokko kan hojjachaa jiran malee argaa hin jirru.

11. KS kanarratti hogganni filamu Oromiyaa fakkaachuu qaba.

12. Hogganni tokko hammam takka dhaaba kana keessatti qooda kennuu qabaaniis waan jiraati. Amma

warra akka Lichoo faa yoo laalle, dirreen kibbaa yeroo sanitti qacalee waan turteef namoonni akka siaa

filamuu dandayan. Boruu barraaqaas akkasumatti laaluu dandeenya.

13. Oloolli deemaa jiru kun hasaassiin KS tun waan dhgayameef hoggana irratti duuluu, miseensa

demoralize godhuu fi ummata abdii kutachiisani qabsoo tanarraa galchuu faatu jira.

14. Kora sabaa kanaaf maallaqa hanganaatu nu barbaachisa kan jedhuutu gaafatame. Kanaaf, amma waan

gaafatamne kana akkamitti hujjii irra oolchinaa malee kaan yeroo birootti bu’ura qabsiifannee irratti

marihachuun yaada kennanchuu/dhiheessuun ni dandayama.

15. Yeroo ammatti haa nuuf dheeratuu fi hin dheeratuun bu’ura kanaan waliin waan wal qabateef jacha

legitimate jachuu ni dandyama. Garuu, akkamitti tahaa fi maal tahuu qabaa inni jedhu, KQ KS tiif

dhiisuu dha. Jarri kore kuniis akkuma keenyatti kan yaadanii fi waan kanaas qopheessuuf empowered

warra tahee irratti hojjachaa jiru.

16. Yeroon nuuf haa dheeratu warri jedhu ammatti kan itti rakkachuu qabnu natti hin fakkaatu,

horiidhuma kana burqusiisuuf yeroo hamma tokko nurraa fixa. Qajeelfamni itti aanee dhufuu fii

geejjibuunu yeroo hamma tokko fixa. KS kun ammaaf murteessaa dha. Garuuu yeroon hammanatti

jedhame waan nutti himaniif jacha kana irratti yeroo baleeessuun hin barbaachisu. Qawwee bituus itti

fufaa miseensoonni keenya horii xiqoo tana baasuun kan rakkisaa tahuu miti.

17. Silaa ammatti kan irratti marihachuun nurra ture, akkamitti abbootii qabeenyaa gaafanna fi hawaasa

gaafanna kan jedhu irratti marihannee kanneen nu keessaa baasuu hin dandeenye llee compensate

goonee waan gaafatamne kana daran baasuu akka dandeenyutti marihachuu qabna ture.

18. Ammatti ji’oota meeqa keessatti waan kana guuruu dandeenya kan jedhu irratti marihannee, kan

yaada kennachuu itti debina. Amma waan murtaawe jijjiiruu hin dandeenyu.

19. Kutaalee fi konyaaleen cufti humna namaa wal qixa hin qabanii kan jedhuus yoo tilmaama keessa

galchine gaarii dha. Fakkeenyaaf, naanno jiddu gala Europe kana miseensoonni hedduminaaf hin qaban

kanneen jiranu waan adda addaan kan daadarakawani dha. Kanaaf, kanas keessa laaluun barbaachisaa

dha. Ammaaf, murtiin kennamtee kana hujjii irra oolchuu dha.

20. Yeroo KS gaggeefannu eessaa fi yeroon isaa yoo himame gaarii dha. Akkuma 2004 sanitti kora

gaggeefannee hogganoota biyya ambaa kanatti tarrifne addaan deemuu osoo hin tahini ulaagaan

ammumatti qophaawuu qaba.

21. Gaaffiin yeroo KS achi butaa jedhu murtii GS gaafatu. Yaanni dhihaate garuu KQ KS fi koree hujjii

raawwachiiftutti hin dhagayamnu jachuu miti. Kanaaf, KS barbaachisummaa tahuu isaa walgahiin kuni

jala muree wal hubachiifnee dha. Kan yaada kennachuu booda irratti deebina.

Mana keessaa yaadoti armaa olii erga ka’anii irratti marihatamee booda waanti irra gahame:

1. KS geggeeffachuun barbaachisummaan isaa hubatame. Horiin kanaaf barbaachisu akka

hatattamaan baafamee gabaafamufi haatattamaan progress report dhihaate as geenyee jachuun

2. KS kana as butuu fi achi butuu, eessatii fi yoom kan jedhu odeessa wayyaaneef kennuu waan

3. Yaadoota amma dhihaatan kana KQ KS tiif akka ilaalcha keessa galchaniif dhiheessuu.

4. KS gaggeefachuu, dirqama nutti kenname bahachuu, akka naannotti hawaasaa fi abbooti

taheef, yeroo isaa eeggachaa haala wal quba qabaachifamuu akka tahu.

qabeenyaa gargaasifachuu irratti hojjatamuun jalqabu. Akkaataa abbooti qabeenyaa fi hawaasa

keessaa qooda fudhachiifnu ammo wal hubannoo fi mariin akka tahu mariin barbaachisummaa isaa

5. Yaadoota amma kaka’nii fi waan KQ KS tiif akka yaadatti dhiheessinu laalchisee fuldura akka irratti

5. Walii galtee dhaaboota Oromoo waliin taasifame – ibsi J. Odaan kenname

6. Tumsa dhaaboota Bilisummaa fi Democracy – ibsi J. Dr. Shuguxin kenname.

Injifannoo Ummata oromoof!

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …

One comment

  1. Namni Oromoo ta’e tokko waan kan hin maxxansu. Kun dhimma jaarmiyaa Oromoo tokko ilaala. kanaaf kun hojii diinummaati.