Oduu Haaraya

DAMMA DAAMUU GORSA DUBARTOOTA HUNDAAF. Dhiirotaaf kana dubbisuun dhorkaadha.

_______________
1, Gonkumaa hin irraanfatiin akka abbaan manaa kee sii fuudhe, waan addaa akka hin uumamneef itti gaafatamummaa fi dirqama kee bahuu qabda.
2, Dadhabina abbaa manaa keetii maatii kee fi hiriyyaa keetti hin himiin, gara fulduraatti gufuu jireenya kee ta’uu waan danda’uuf.
3, Gonkumaa sababa tokkoof jettee abbaa manaa kee hin jeeqin, kun mallattoo wal kabajuu dhiisuu waan ta’eef.
4, Gonkumaa ilaalcha kee fi gamnummaa (mood) fayyadamtee abbaa manaa keetti hin dubbatiin, abbaan manaa kee maalitti hiikkachuu akka danda’u waan hin beeknef.
5, Gonkumaa abbaa manaa kee dhiirota kan biraan hin madaalin, dhoksaan jireenya isaani maal akka ta’e waan hin beeknef.
6, Gonkumaa hiriyyaa abbaa manaa keetii waliin hidhata uumuuf hin yaalin,isaan waliin jaalala uumuun waan siif hin danda’amneef, waan isaanitti himamu qabuuf abbaan manaa keeyyuu jira waan ta’eef
7, Gonkumaa nama waa’ee abbaa manaa keetii xiiyyeefatu wajjiin wali hin galiin, namni garaagarummaa nama gidduutti waan uumuuf, waa’ee abbaa manaa keetiif itti gaafatamtuun sii qofa ta’ uu beeki.
8, Gonkumaa abbaa manaa keetti hin qaabamiin yoo inni harka duwwaa ta’ee raakkinni isin mudate, jajjabeessuu qabdarraan kan hafe.
9, Gonkumaa haadha manaa qisaasessituu hin ta’iin, yoos abbaan manaa kee immoo sin olitti qisaasessuu waan danda’uuf.
10, Gonkumaa sababa hin uummatin yeroo abbaan manaa kee wal- quunnamtii saalaa si gaafatu, wal-quunnamtiin saalaa dhiiraaf baay’ee barbaachisaa waan ta’eef, yoo ati diddee sababa kan uumtu taate dubartii biraa wan yaaduuf, yoo rakkoon addaa jiraate malee dhiirri wal-quunnamtii saalaa malee yeroo dheeraa turuu hin danda’u.
11, Gonkumaa hin madaaliin abbaa manaa kee wal-quunnamtii al-tokkootin yookiin rakkina al-tokkootin, kun guddinni mana keetti akka hin dhufneef sababa waan ta’uuf.
12, Gonkumaa yaada, falmii fi filannoo uummata irratti abbaa manaa keef hin deebisiin, innumti haa deebisuuti. akkasumas tarii kan keeyyuu deebisuu waan danda’uuf.
13, Gonkumaa abbaa manaa kee ijoolle fulduratti hin loliin (wal hin dhabiin), dubartii beektuun kana hin gootu waan ta’eef.
14, Bareedina abbaa manaa keetii mirkaneessuu hin dagatiin, utuu inni of bareechee xumuree sin gaafatin.
15, Gonkumaa hiriyyaan kee abbaa manaa kee waliin hidhata akka uumtu hin eyyamiin.
16, Gonkumaa yeroo mana fincaani fi yeroo uffataa hin ariifatiin,abbaan manaa kee kanaan waan hin mufanneef.
17, Maatiin kee yookaan hiriyyaan kee erga heerumtee waa’ee heeruma kee yaada kaasu hin qaban, jecha isaan jedhaniif yeroo kee gubuu hin qabdu, yoo isaan dhiisuun si dirqamsiise dhiisu qabda malee.
18, Gonkumaa yaadni kee qabeenya irratti kan xiiyyeefatu ta’uu hin qabu, yoo qarshii isa ol kan argattu ta’ellee walitti fiduu qabda malee.
19, Hin irraanffatiin abbaan manaa yaadaan dhaggeeffachuu barbaadaati, yaadni kee qabamaa itti ta’uu hin qabu. Walii galtee gaariin gammachuu jireenya ofiiti waan ta’eef.
20, Yeroo marii yoo yaadni kee kan Isaa olitti hojjetu ta’e gonkumaa ofii kee isaan olitti of hin madaaliin, kun waliin hojjechuu waan ta’eef.
21, Abbaa manaa kee irratti ol-aantummaa hin fudhatiin, abbaan manaa mataa haadha manaa waan ta’eef.
22, Haati manaa dadhabduun maal-na dhibdee haadha manaati, isheen qaamnumti isheeyyuu akka dhokfamu hin beektu.
23, Abbaan manaa kee akaakuu ittoo nyaataa gaarii fedhaa?? Haala ittoo nyaata kee foyyeessuu yaali, abbaan manaa nyaatatti waan hin qoosneef.
24, Gonkumaa abbaa manaa keetiin hin morkatiin(wal hin dhabiin), Yeroo qabdu hunda seeran fayyadami qabeenyi kee akka dabaluuf.
25, Dhufaatii abbaa manaa keen dura burchuqqoo (baattuu bishaanii) qopheessii kaa’i, akkasumas namni kamiyyuu mana kee yeroo dhufuuf.
26, Dubartii waa’ee heerumaa ilaacha gadhee qabdu wajjiin walitti dhufeenya hin uumiin.
27, Mana dhaabuun kee siif gatii qaba, innis akka ilaalcha mataa keetittidha, of jibbaa jiraachuun garuu gatii hin qabu.
28, Ijoolleen eebba (kennaa) waaqayyooti, kanaaf ijoollee kee jaall’adhuuti sirritti isaan barsiisi.
29, Ati Gonkumaa mana kee to’achuuf dulluma hin qabaatiin, sababa kamiinuu yaada fi bakka atii manaa fi maatii keef qabdu gonkumaa hirr’achuu hin danda’iin.
30, Haati manaa kadhaannaatti jabaattuun baayyee aboo-qabeettiidha, Yeroo hunda abbaa manaa kee fi maatii keetiif kadhadhu.

Waan dubbistaniif galatooma!!!

“like” fi ”share” waliif gochuu hin dagatiinaa.

Maddi isaa waanan dubbise irraa

Qopheessaan:- Kidaanuu Xurunaa Raggaasaa.
Gulaaltuun:- Bijigee Maammoo Hayiluuti.

Check Also

kaartaa oromiyaa 2

Teessuma Lafaa fi Haala QilleensaaTeessumni ji’oograafii fi haalli qilleensa Oromiyaa baayyee bal’aa dha.

Obsan maleen Oromiyaan gaarreen dhedheeroo, badda-rogeelee (plateaus), ija laggeenii (gorges) nama maalachiisan, diida ijji ilaalee …