Oduu Haaraya

Dhaamsa Simannaa Waggaa Haaraayaa  Hayyuu Kallacha Walbummaa Oromiyaa – KWO

 

Guyyaa Har’aa bara keessa turre bara 2015 Xumurree bara haarawa bara 2016 simannee jirra. Barri keessa dabarre 2015 akkuma baroottan biroo hunda ummanni keenya osoo  waanjoo gabrrummaa tan jaarraa tokkoo oliif jalatti kufe jalaa bahee diina humna qawween  biyya teenya qabate ufirraa kaasee ummata bilisaa fi biyya isaa walaba argachuudhaaf diina kallattiin kokkee walqabee qabsoo hadhooftuu diinarratti geggeeysu dhumate.  Barii haaraan 2016 bara qabsoo bilisummaa fi walabummaa sabni keenya sirnna kiyyoo gabrrummaa jalaa uf baasuf godhu cimsee itti fufuudhaan injifannoo cululuqaa itttiin galmmeesu akka tayu hawwina.

Sabni keenya erga nagaha waaraa dhabee, biyya isaa irratti akka lammii lammataatti (2nd citizen) ilaalamuu eegalee, lafaa fi qabeenyi isaa gabrroomfattotaan saamamuu eegalee jaarraa tokkoof walakkaa lakkoofsisuuf baroota muraasatu isa hafe.

Dhaabnni keenna Kallachi Walabummaa Oromiyaa – KWOn Sabni keenya gadi’aantummaa, gabrrummaa, baqatummaa, hidhaa fi ajeechaa  bara dheeraaf irra gahaa jiru hundeedhaan ufirraa  buqqisee, ummanni keenna abbaa biyya isaa Oromiyaa akka tahu, abbaa mirgaa fi qabeenya isaa akka tahu, mirga uumaadhaan ilmi namaa lafa addunyaa keessatti qabu akka goonfatu wareegama barbaachisu kafalee, sirna gabrummaa/koloni cabsudhaan, seenaa haarawa lafa teenyaa fi gaafa Afrikaa keessatti argamsiisudhaaf murannoon qabsaa’uf waadaa isaa ni haaromsa.

Mootummaan Wayyaanee erga Caamsaa 1991 humnna  qawweetin biyya teenna qabatte irraa eegalee waggoota 25 akkuma sirnoota dabaranii Saba Oromoo lafa isaa irraa buqqisuu, qabeenya Oromoo saamuu, Oromoota mirga isaanii gaafatan ajjeesuu, hidhuu fi dararuu akkasumas dhabamsiisuu karoora jalqabaa godhattee irratti hojjachaa as geeyse. Yeroo ammaa duula snayii duguuggaa kana galmmaan gahuuf maqaa Master Pilaanii Finffinnee fi naannoo ishee jedhuun Ummata Oromoo irratti lola labsitee jirti. Wayyaaneen lola Saba Oromoo irratti ifatti labsite kana keessatti daa’imman umriin isaanii waggaa 10 irraa kaasee haga manguddoo waggaa 80 ol rasaasaan ajjeesaa, kumaan madeessaa, kumaa fi kitilaan mana hidhaatti guuraa jirti. Barttoota qalamaa fi waraqaa adii harkkattti qabachuudhaan gaafii mirgaa karaa nagahaan gaafatan irratti waraana raayyyaa biyyattii, Hilikoptariin lolaa osoo hin hafin Ummata keenya shororkeessaa jirti. Yeroon keessa jirru kun yeroo sababa Kanaan Sabni keenya gaddaa fi gadadoo keessa jiruudha.

Gaafiin Ummanii keenya gaafate gaafii, haqaa, gaafii abbaa biyyummaa, gaafii mirga dhala namaa fi gaafii seeraati. Oromoon gaafii isaa kan haqaa kana galmmaan gahuuf barataa fi barsiisaan, hojjataa fi qotee bulaan, kaabaa fi kibbaa, bahaa fi dhihaa wal waamee gootummaan diina isaa dura dhabbatee kufee kuffisaa jira. Dhiigni Saba keenyaa bilisummaa Oromoo fi walabummaa Oromiyaa mirkaneesuf akka bishaanii rasaasa diinaatiin dhangalaafamaa jira. Sabni keenya biyya keeyssaa roorroo fi saamicha mootummaan wayyanee maqaa Master Pilaanii Finffinnee fi nannoo isii jedhuun irratti karoorfate kana fashaleesuf gootummaan dura dhabbatee wareega lubbuu isaatin lammii isaa boonsisee diina isaa itti qaanfachiisaa jira. Ummanni keenya biyya alaa jiru garaagarummaa yaada siyaasaa, kutaa fi amantaan osoo wal hin qoqoodin tokkummaan dhaabbatee sagalee Ummata biyya keeyssaa addunyaaf dhageeysisaati jira. Walumaa gala yeroon kun yeroo Sabni keenya biyya keeyssaa fi alaan harka wal qabatee gamttaadhaan diina isaa dura dhaabbachaa jiruudha. Dhaabni keenya KWOn adeemsi kun kan jajjabeefamuu fi daran haala ijaarsaatiin walqabatee itti fufuu qabudha jenna.

Qabsoon Sabni keenya kumaa fi kitilaan itti wareegamaa asiin gahe yeroo irraa gara yerootti, guyyaa irraa gara guyyatti jijjiirama guddaa agarsiisaa dhuftee jirti. Dhawaatuma qabsoon jabaachaa deemtun wareegamni kaffalamullee ulfaataa akka dhufu beekkamaadha. Kanaaf, qabsoon Saba Oromoo galma isii rukutuudhaaf Ummanni keenya murannoo cimaadhaan harka walqabatee diina hinikkaa irratti fuullefachuudhaan wareegama barbaachisu dachaa dachaan baasudhaan bilisummaa Saba Oromoo fi Walabummaa biyya teenya Oromiyaa akka mirkaneesinu  dhaabni keenya KWOn waamicha lammummaa dabarasa.

 

  1. Saba Oromoof :

Sabni Oromoo erga kiyyoo gabrrummaa jalatti kuferraa kaasee hanga har’aatti tole jedhee fedhii isaatin diinaaf bulee hin beeku. Sabni kabajamaan kun humna qawween qabamee, aadaa fi seenaan isaa tuffatamee, mirgi namoooma isaa sarbamee, qabeenyaa fi lafti isaa humnaan saamamaa har’a gahe. Sabni Oromoo Saba nagaha jaalatu, saba keesummaa fi baqataa isatti baqate kabajuu fi jiraachisu akka taye diinillee osoo hin hafnne raga baha. Oromoon Saba waaqaa fi lafaaf tolu dha. Gatiin Waqaa fi lafaaf, sa’aa fi namaaf toluun keenya tuffatamuu, saamamuu fi ajjeefamuun  nuuf deebi’uu hin qabu. Oromoon akkuma Saba Kamituu bilsa ta’ee dhalate. Biyyyi isaa Oromiyaanis akkuma biyyota kamiituu biyya walaba turte. Kanaaf, bilisummaa keenyaa fi walabummaa biyya keenya Oromiyaa mirkaneesuf tokkummaadhaan diiina afoo akka dhaabannu KWOn waamicha dabarsa.

 

  1. Dhaabotii Siyaasaa  Oromoof:

Qabsoo Saba keenyaa gulantaa amma geenye Kanaan gahuu keessatti qoodni dhaabotiin Siyaasa Oromoo adda addaa gumaachan xiqqaa miti. Wareegamni kaffalames ol’aanaadha. Haa ta’u malee har’allee qabsoo Saba keenyaa galmmaan gahuu hin dandeenye. Yeroo ammaa abbaan qabsichaa Ummanni Oromoo qabsoo isaa uf harkkatti galfatee diinaan kokkee wal qabee diina raasaa jira. Dhaabotiin siyaasaa Oromoo hanga ammaa wal sababa adda addaan waldiiguu, walirratti ololuu, walumaa gala diina kallattii dhiifnnee ufii keenyaa mogolee wal buusaa waan turreef akka sabni keenya nurraa eegutti humna jabaa horannee qabsoo finiinsuu hin dandeenye. Sabni keenya Oromoon dhugaa jaalata. Soba hin fedhu. Sobaanis nu hin deegaru. Yoo dhugaa itti himnee waan dhugaa taye ittti mudhifne nu waliin dhaabbata. KWOn dursaa Sabaa waliin dhugaa irratti hundaayee, dhugaa itti himee, dhugaa itti garsiisee qabsoo sabaa finiinsuu filata.  Kanaaf, KWOn dhaabotiin siyaasaa Oromoo daba walirrratti deemsisaa turan keessaa bahanii, garaagarummaa yaadaa fi ilaalchaa waliif kabajanii, dhimma Oromoo fi Oromummaa qofarratti akka waliin dhaabbatanii fi diina kallattii iratti akka waliin qabsaa’an waamicha dabarsa.

 

 

  • Ummata Cunqurfamooo Biyyattiif

 

Kwon bilisummaa Saba Oromoo fi Walabummaa Oromiyaaf yoo qabsaa’u, qabsoofnu Impayera dharaan ijaaramee biyya keenna kiyyoo gabrummaa jala galche ufirraa kaafnnee nagahaan biyya keenya keessa jiraachufi. Bu’aan Impaayerichaa fi bu’aan keenna kallatiidhaan walitti bu’a. Sirni dabaa kun (sirnni mootummaa Wayyaanee)  hundeen diigamu malee bu’aan/mirgi saba keennaa hin eeggamu. Sirna kana diiguuf qabsoon keenya fincila Uummata keenyaatin wal cinaa hiriirree  mirga guutuu goonfachudhaaf murannoon itti fufa. Ummanni Oromoo ummatoota cunqurfamoo biyya Etoopia keeyssa jiraatan waliin rakkoo tokkollee hin qabu. Saba biraatin wanti walitti nu buusu tokkllee hin jiru. Kanaaf, dhaabni keenya KWOn sabaa fi Sablammiin biyyatti hundi qabsoo haqaa kan Ummanni Oromoo mirga isaa fi abbaa biyyummaa isaa kabachiisudhaaf godhu cinaa hiriirun diina hunda keenya walitti qabee lafarraa duguugaa jiru sirnna wayyaanee ufirraa kaasuuf akka qabsaayan waamicha dabarsa.

 

 

 

Mootummaan cubbamaan Wayyaanee isin tajaajilaa jirtan aduun akka dhihaa jirtu isinis argaa jirtu jennee yaadnna. Ummanni keenna isaan jibbee, isaan tufee jira. Mootummaan Ummannni jibbe ni kufa. Kanaaf seenaan sirnoota ammaan dura dhufanii dabrranii ragaadha. Walumaa gala mootummaan dhaabbataan hin jijjiiramne addunyaa tana irra hin jiru. Kan dhaabbataa taye Ummataa fi biyya dha. Ummanni yoomuu ni jiraata. Isin ammoo qaama Ummata kanaati. Abbootiin, haadhotiin, obbolaa fi abboleettin teeyssan sirnna Kanaan ajjeefamaa, reebamaa, qabeenyi  biyyaa wayyaanotaan samamaa akka jiru ni agartu. Osoo kana agarttan mootummaa cubbamaa saba isin keeyssaa baatan lafarraa balleessaa jiru cinaa dhaabattanii tajaajilaa jirtu.  Gaafa wayyanonnni gara villa biyyoota faranjiitti  qabeenya Ummataa kan saamaniin bitatanitti baqatan isin Ummata kana keessatti hafuuf akka deemtan hin dagatinaa.

 

Kanaaf, KWOn mootummaa kufuuf gatantaraa jiru tajaajiluu dhiiftanii karaa isiniif danda’ame hundaan kufaatii sirnnichaa ariifachiisuu irraa qooda akka fudhattan, warri hidhannoo diinaa harkaa qabdan hidhannoo keeyssan Ummata irraa dhalattan ittisuuf akka oolchitan waamicha lammummaa isiniif dabarasa.

 

Dhiigni barattoota oromoo lafatti hin badu!

Oromiyaan ni Walaboomti!

Kallacha Walabummaa OromiyaaKWO

Front for Independence Of Oromia –FIO

Muddee 31, 2015

 

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …