Oduu Haaraya

“Dide!” jedhe Oromoon.

Har’a duulli nurratti banamee jira. Duula kaabaa kibbaan, bahaa lixaan nurratti baname kanamoo kangaggeessaa jiru wayyaanee dha. Wayyaaneen waggoota 26n darbaniif Oromoorratti falfaluu dhiiftee hin beektu. Kan waggoota sadan darbanii ammoo adda.
Barri-baranaa ammoo, bara Wayyaaneen duula xumuraa ummata Oromoorratti  labsiteedha jechuutu danda’ama.  Aga’aaziin  waggoottan darbaniif keessumaa ammoo birraa darbe maqaalabsii yeroo muddamaatiin ummata Oromootti bobba’ee ajjeechaa, hidhaafi dararaa raawwataa ture. Maqaadhaaf  labsiin yeroo muddamaa sun ka’us yakka waraanni sirnichaa ummata Oromoorratti raawwatu hin dhaabbanne.
Kun hunduu akka yaaddeetti bu’aa fiduufii didee, qabsoon Oromoon bilisummaa isaaf taasisu akka  daran itti cimu taasise. Aarii kana irraa wayyaaneen kunoo akkuma addunyaan quba qabutti saboota biraa hidhachiiftee ummata Oromoorratti duula labsitee jirti.
 
Gama baha, kibba bahaa fi kibbaan sumaaloota bor hin beekne garaaf bultoota  qaadimtee, leenjiftee, hidhachiiftee Oromootti bobbaafte.  Liyyuu hayiliin sumaalee ajaja  qondaalota waraanaa wayyaanee irraa fudhatu kunis yeroo ammaa kana kan ajjeese ajjeesee kaan bakka buutee dhabamsiisee  ummata Oromoo kuma dhibbaan lakka’amu saamee, qayee fi qabeenyarraa buqqisee  balaa gurguddaaf saaxilaeera.
Ajjeechaa, hidhaa, dararaa fi saamicha akksumas qayee fi qabeenyarraa Oromoo  buqqisuudhaan qabsoo bilisummaa ummanni Oromoo ABO jalatti gurmaa’ee  taasisu dhaabuu kan hin danda’in wayyaaneen, gama baha fi kibba baha Oromiyaatiin waan raawwatte raawwattee dura dhaabbannoo guddaan ummata Oromoorraa ishii muudannaan ammoo kallattii ishii gama lixa oromoiyaatti jijjirtee duula biraa ummata Oromoo irratti labsitee
ibidda biraa qabsiisuuf shurshuraa jirti.  Akkuma baha, kibba bahaa fi kibbaan liyyuu hayilii sumaalee ummata Oromootti dulchiiftee jiraattoota naannichaa kuma dhibbootaan  qayee fi qabeenyarraa buqqiftee, saamaa fi fixaa turtee fi jirtu  lixa Oromiyaattin ammoo adda  waraanaa biraa bantee ummata Oromoo dhumaatii fi buqqa’iinsa biraaf saaxiluuf darbees qabsoo isaa; FXG irraa akka  dagamu taasisuuf dibbee waldhabbii fi lolaa dhaanaa jirti.
 
Tibba kana Oduun guyyuu dhagahamaa jiru akka ifa taasisutti Wayyaaneen asii fi achiin meeshaa waraanaa heddumminaan gama lixa Oromiyaatti guuraa jirti. Meeshaa kanas garaaf bultoota  boru hin beekne Gumzi keessaa filattee leenjisaa turte hidhachiisaa jirti.
Garaaf bultoonni Gumzirraa Oromootti duulanii ajjeechaa, saamichaa fi dararaa raawwatan kanaan duras kan irra deddeebidhaan yakka walfakkaataa raawwachaa turan ta’us kan ammaa adda kan jedhan maddeen naannichaa duulli yeroo ammaa kun itti fufa duula gama baha Oromiyaatti gaggeeffamee ummanni Oromoo ciminaan ofirraa qolachaa jiruu waan ta’eef, isa kanas haaluma walfakkaatuun irree tokkoon ofirraa qolachuun barbaachisaa ta’uu akeekanii gochi wayyaanee kun ummata Oromoo qabsoo bilisummaa hadhoofturra jiru karaa kamiinuu akka daguu hin dandeenye jala muru.
Eeyyee  yakki wayyaanee kun qabsoo Oromoon bilisummaa isaaf taasisu daguus, dhaabus hin danda’u.
Uummanni Oromoo uummata du’a, hidhaa fi dararaa sodaatee qabsoo isaarraa duubatti  jedhu akka hin taane waggoonni 26n darban keessumaa FXGn waggoota 3n darbanii eenyufuu ragaa baheera. Wayaaneen karaa
hedduun  Oromoo tuttuqxee ilaaltee jirti, Aga’aaziin itti bobba’ee yaalee  jira, garaaf  bultoonni Liyyuu hayilii sumaalees ajjeechaa dabalatee yakkoota danuu raawwateera. Oromoon garuu caalaatti alaa manaa harka walqabatee qabsoo bilisummaa isaa ABOn durfamu jabeessee itti fufe malee duubatti hin jenne, ykn hin seesofne. Deemsi amma wayyaaneen Gumzoota garaaf bulan gama lixa Oromiyaatin hidhachiiftee Oromootti duulchisuuf carraaqaa jirtuus gama kamiinuu waan milkaawuumiti.
Duullii kun  qaamuma duula  wayyaanee gama bahaa, kibba bahaa fi kibbaa ta’us ummanni Oromoo akka dhufaatii isaatti ofirraa hanqisuuf tattaafachaa jira.  Kun cimee itti fufuu qaba. Wayyaaneen Oromoo ollaan waldhabsiiftee tasgabbii dhorkitee qabsoo bilisummaa  isaarraa daguun toftaa fi tarsiimoo godhattee duula ijibbaatarra jirti. Kun akka hin milkoofne ammoo caalaatti irratti dalaguun dirqama Oromoo maraati.
 
Uummanni Oromoo akkuma kanaan dura duula sirnoota bittoota Habashaa kamiifuu tole jedhee yakka isaaniitiif jilbiifatee hin beekne duula Wayyaaneen amma itti jirtu kanaafis akka hin  jilbiifanne eenyufuu ifa
galaa dha. Akkuma argaa  fi dhagahaa jirruttis Oromoon kan yeroo kamiituu caalaa alaa manatti harka walqabatee diina isaa dura dhaabbatee falmaa jira. Qabsoo bilisummaa  Oromoo ABOn durfamu gama
hundaan deeggaraa jira. Qabsoon  bilisummaa Oromoo ABOdhaan gaggeeffamu kunis sadarkaa abdachiisaa fi murteessarra gaheera.
 
Hara’a FXG gutummaa Oromiyaa keessatti Finiinaa jira. Amboo, Walisoo, Hargee Bahaa Fi Lixaa Magaaloota Baayyee, Shaashamannee, Boorana Mooyaalee dabaltee Mgaalaa Hedduu keessatti, Lixa Oromiyaa akkasuma
Magaalaa danuu keessatti qeerroon diina hundeen buqqisee gatuuf sochii  cimaarra jira.  Wayyaaneenis dhugaa kana kan hubatte ta’uu  ishii sochii itti jirtu irraa salphaatti hubachuutu danda’ama. Ajjeechaa, dararaa fi saamicha cimsitee jirti. Garuu Uummanni dinnaan dideedha waan ta’eef FXG finiinaa jiru dhaabuu hin dandeenye!
Mootummaan abbaa irree tokkoo yoo dhiphatu, yoo soda keessa seenu, yoo kufaatitti dhihaatu akkuma amma wayyaaneen taatu kana ta’a. Waanuma amma wayyaaneen ummata Oromoorratti dalagaa jirtu dalaga. Kanuma arge hunda ajjeesa, saboooota waliiti buusuuf tattaafata, yoo saboota dhabe sabuma tokko keessatti afan-fajjii uumuu yaala. Amantii fi amantii waldura dhaaba. Hidhaa dararaan hojii isaa guyyaa- guyyaa ta’a. Dhugaa
akkasii ammoo Dargii irratti argineerra, kan Liibiyaa bulchaa ture Gaadaafirrattis argineerra.
Abbootii irree danuus lakkaawuu dandeenya. Kan yeroo ammaa kana wayyaanee irratti argaa jirruu fi muldhachaa jirus kanuma.   Qabsoon keenya, qabsoon Bilisummaa ABOn gaggeeffamu wayyaanee dhiphuu keessa seensiseera. Qeerroon, ummanni Oromoo bal’aan alaa manaa sochii taasisaa jiruun wayyaanee irratti injifannoo boonsaa galmeessisaa jira.
Har’a  wayyaaneen jira jettee of dhaadheessitus  jigaa jirti. Sobdee haa dhidhittattu malee diigamarra  jirti. Miseensoonni OPDO, DHDN, BADN fi kanneen biroo hedduun sirna kana keessaa tokko tokkoon baqachaa jiru. kuun gara qabsoo bilisummaa saboonni cunqurfamoon gaggeessanitti makamaa jiru, kuun akka bahaniin alatti hafaa jiru.
 
Amma kan asii fi achitti dhidhiitachaa jiru wayyaanotaa fi ergamtoota muraasa. Isaan ammoo qabsoo keenya irree tokkoon eegalle jabeessinee itti fufuun xumura itti godhuun dirqama numara irraa eegamuu dha.
 
Wayyaaneen  kan jirtu fakkaachuuf dhaadattus hin jirtu, kan hin jirre ta’uu ishii hubannee ammoo qabsoo keenya cimfachuun , caalaatti haraka walqabachuun kan yeroo kamiituu caalaa barbaachisaadha. Daandiin
bilisummaatti nubaasu qabsoo keenya cimfachuu, FXG eegalle daran itti jabeessuu qofa.
Isa alaa manatti, baadiyyaa magaalaatti, haa jabeeffannu!

Check Also

faannoo

OROMO CIVILIANS CONTINUE TO BE TARGETED BY FANO MILITIA

Amhara Fano continued to attack Oromo civilians. In this latest incident, at least 17 people …