Oduu Haaraya

DIRAAMAA WAYYAANEETIIN FINCILLI SABA BAL’AA HIN GUFATU, HIN DHAABBATUS!!

#OromoProtests

Barreessaan: Saphaloo Kadiir

Ashamaa Harka fuune sabboontoota ilmaan oromoo akkam jirtu? Waa jajjabaattanni? Eeyyee! Jabaachuudha kaa wanni guddaan. Mee dhaamsa gabaabaafi hatattamsiisaa tokkoon isiniif qaba hanga xumuraa na faana bu’aa. Eega dubbiftan booda ammoo hiriyoota keessan maraaf ‘share’ gootanii dabarsuun quuqama sabummaati.

Yeroo ammaa kana ilmaan oromoo mormii saaminsa lafaa maqaa master pilaaniitiin wayyaaneen nurratti aggaamamee jiru balaaleeffachuudhaan ilmaan oromoo kan dhiigni oromummaa itti dhagayame idil addunyaarratti fincila diddaa gabrummaa finiinsaa jiran. Akkuma argaa jirru sabboontoonni oromoo biyya keessa jiran Finfinnee qofa osoo hin taane Oromiyaan guutuun master pilaaniifi saaminsa wayyaanee jalaa bahuu qabdi jachuun yeroo kamuu caalaa waan harka wal qabatan fakkaatu. Kun waan guddaafi abdachiisaa dha. Fincila baranaa kana finciloota kanaan duraa irraa wanni adda taasisu baayyeetu jira. Isaan keessaa ijoofi hangafni hiriirri mormii kun idil oromiyaa keessatti hanga liphuutti wal gahee finiinuu isaati.

Kan biraa ammaas sabboontoonni ilmaan oromoo onne qabeeyyiin lukkeelee miidhaa ilmaan oromoo irratti fudhatu mara jala bu’anii tarkaanfii boobsaa irratti fudhachaa jiraachuu isaati. “Tokko du’ee tokkon nyaatu, wal gaggalaafanna taati!” waan ja’an fakkaatu. Eeyyee! Tarkaanfiin akkanaa kun eenyullee taanaan akka harka isaa ilmaan oromoo irraa adabaan sassaabatu taasisuu daran kan nu boonsuu dha. Haaluma kanaan ilmaan oromoo walabummaa biyya isaanii jaalataniifi oromummaaf hadoodan marti gara fincilichatti makamuun mukulkula qabsoo wajiijuun itti fufaa jiran.

Qabsoo jalqabamte tanaan sirna duguuggaa sanyii ganna 25 oliif nurratti raawwachaa tureefi jiru, sirna nama nyaataa wayyaanee kana yaaddeessuu hin oolle. Kanaaf sirni wayyaanee yeroo ammaa fincila barattootaafi dargaggootaan jalqabamee gara hawaasa bal’aa makamaa jiru kana baayyee sodaachuun akkuma aadaa isaa diraamaa sobaa hojjachuu jalqabee jira. Diraamaa Wayyaanee (OPDO’n) hojjattee biyyaan burjaajeessitu kun tooftaafi adeemsa baayyee kan qabu yoo tahu san keessaa tokko maqaa dhaabbilee siyaasaatiin ilmaan abbaafi saba tokkoo wal shakkisiisuun walitti buusuudha. Kana malees gochoota suukanneessaafi nama gubu ifumaaf hojjachuun quba dhaabbiilee siyaasaa qulqulluufi seena qabeeyyiitti qabuun maqaa isaanii xureessuun ummataafi isaan duuydaa garaa godhuuf yaaluudha. Dhaabni siyaasaa oromoo kan wayyaaneen yeroo hedduu xureessuuf kuftee kaatu hangafni ABO akka tahe namuu ni beeka. Kana booda garuu eenyulleen diraamaa xurii wayyaaneen namaan faaltu kana hin amanu. Hin fudhatuusi.

Filmii sobaa baayyee dhaaba siyaasaa Oromootti fakkeessuun Wayyaaneen (OPDO’n) ifumaaf raawwattee, gocha diinummaa hojjattee maqaa ABO (Adda Bilisummaa Oromoo)tti fakkeessuun dhaaba jaalatamaafi hangafa laphee ilmaan oromoo keessatti dhiigaan barreeffame, ABO (WBO) xureessuuf yeroo mara xibaartu keessaa tokko, gocha hamaa, suukanneessaafi duguuggaa sanyii bara 1984 keessa OPDO /WAYYAANEEN/ Oromiyaa bakkoota garagaraa kan akka Baddannoofi iddoo hedduu keessatti ofuma isiitiif raawwachuun qaanii takka malee maqaa ABO’tiin dokmantarii adda addaa qindeessuun ummata oromoo ittiin afanfaajjeessaa turanii dha. “Namni fokkatu hin qaanfantu” ja’anii mitiiree? Ani ammoo maakmaaksa kana jijjiiree “Dhaabni fokkotu hin qaanfatu” ja’een Wayyaanee/OPDO’ti maakmaake.

Wayyaaneen (OPDO) dhara dhugaa fakkeessuun, qaanii malee nyaara haaddattee, ija soogiddaan dhiqattee dhagaan daabboo jechuun humaa isii hin dhibu. Isiif salphaadha. Salphaa qofa osoo hin taane muuxannoo yeroo dheeraa itti qabdiisi. Dhaabbiilee sabqunnamtii akka TV fi Raadiyoo ololuma akkanaa afuuf ifiif dhaabbatettiis fayyadamuun diraamaalee sobaa kana maqaa misoomaa, nageenyaafi waan oromoof quuqamu fakkaatee ittiin dhaadheessaa tureeti jira. Odeeffannoo cubbuutiifi diraamaa sobaa adda addaa kan tahe ja’anii hawaasa biraan gahan kanaan namoonni baayyeen kan dogoggoruufi hubannoo sobaa qabatu tahuus garuu ummanni bal’aan Oromoo kan hin amanne tahu beekuu dhabuun isaanii garuu nama ajaa’ibsiisa. Haa tahuu garuu yaada jallaan sammuu ummataa booreeysuun, sodaafi shoorarkaa onnee hawaasaa keessatti uumuun hanga tokko akka waan isaaniif fiinxa baheetti umrii dheereeffachuu danda’uun xiqqollee taatu isaaf fala fakkaachuu hin oolle. ‘Haqni ni qal’ata malee hin citu’ maakmaaksa jadhu waan hin beekneef tahuu hin oolu.

Wayyaanee/OPDO’n ‘Aanan adii dha’ yoo ja’aniin ‘Lakkii diimaadha’ siin jatti. Tarsiimoo ‘kijibii amansiisi’ jettu waan qabaniif, yeroo hedduu waan wal hin fakkaanne kootaafi maammuddii walitti erbuuf shorooyxi. ABO qofa osoo hin tahin wayyaaneen dhaaba siyaasaafi ilmaan Oromoo kan dhugaan sabboonummaafi quuqama saba isaanii qaban mara maqaa gosa gosaa itti moggaaftee farrajuun hojii isii jalqabaati. Mootummaan nama nyaataan Wayyaanee/OPDO kan jecha dimokraasii jedhu dhagahuu malee takkaa hiikkaa isii hin beekne, dhaabboolii oromoo isaan faallaa tahe mara farra misoomaa, farra nageenya, farra dimokraasi, shoorarkeessitoota, …kkf jechuun maqaa hin jirre itti maxxansuu yaalti. ABO’n dhaaba duguuggaa sanyii raawwate waan taheef carraa deebi’ee ummata Oromoo bulchuu hin qabu jattee yeroo minnaagdu mul’atti wayyaaneen. Wayyaanee (OPDO’n) ifiif dhaaba misoomaati ifiin jechuun wayta bulga’aniis ni mul’atu. Nama gaddisiisa! Wayyaaneen waggoota 10’niif dachaan guddanne jettee osoo dhara afuuftuu bara tokkotti ummanni isiin bulchitu beelaan gaaga’amaa jira. Guddinni waggaa 10 dachaan dabalaa ture akkamitti waggaa tokkoof nama eewaluu dadhabaa? Akkuma dimokraasiin isaanii xalayaarra malee qabatamaan hin jirre, guddinni isaaniitiis lafa irra akka hun jirre beekkamaadha. Mootummaan maal naan ja’anii hin beekne wayyaaneen kana mara yoo haqqiftu waanuma ummanni oromoo tole dhugaa keetii jachuun irraa fudhatu seetii laata?

  Yeroo wayyaaneefi jaartiin isii OPDO’n (Obbodu’oo) “ABO’n gocha suukanneessaa duguuggaa sanyii raawwatte” jechuun olola gurraacha addeessitee hafarsuuf yaaltu kana mee gaafuma takka gaafadhaa. “Eega gocha san ABO’n kan raawwate tahee isin kan waraabame san eessaa argattanree?” Jannee yoo gaafanne deebii hin qaban. Soba dirree taa’u ija jabinaan dhugaa fakkeessuuf yaaluu malee deebii akka hin qabne karuma salphaan mirkanfachuus dandeenya. Wayyaaneen/OPDO’n dhamaate takka takka ammoo “dokmantii ABO isaanuma harkaa buufanne” jachuun deebii dharaa laatu. Kun garuu warroota seenaafi adeemsa qabsoo oromoo hin beekne tokko tokko yoo tahe malee ummata oromoo bal’aafi warra diraamaa wayyaane kana gad fageenyaan beekan kanneen biraa gonkuma hin dogoggorsiisu. Garuu yoo dhugaa jiru kan walitti himnu tahe, wareegamtoonni qabsoo bilisummaa oromoo dhugaan gaggeessaa turan irra caalaan isaanii kan kufan mataa isaanii caalaa dokmantiilee isaanii diinaaf dabarsuu diddaaf kan lubbuu if balleessan tahuun beekkamaadha. Qabsaa’oonni oromoo beekkamoon wayta garagaraa yoo tasa diinaan sardaman, mataa isaaniifi dokmantiis waliin boombii ofitti dhoosanii lubbuu isaaniifi ragaalee isaan harka jiru waliin kan if barbadeessaa turan akka tahan namuutu ni beeka. Inumaatuu ragaa akka viidiyoo guddaa san dhiisii, seenaa Haaji Aadam Saaddoo yaadachuun ni gaha. Haaji Aadam xalayaa xiqqoo ragaa muraasa qabdu alaanfatee garatti liqimsuun “Wanni garaa nu bahe garatti nu deebitee, amma waan barbaaddan nu godhuu dandeessan” jadheen jara habashaatiin. Maalayyaa dokumantii guddaa vidiyoo gahu?

Mootummaan wayyaanee jaalalaafi fedhii ummanni oromoo ABO’f qabu duriis sirritti beeka. Kanaaf ABO cuqun dibee hawaasa oromootiin wal jibbisiisuuf if butuchaa ture. Tooftaa garagaraatti fayyadamee ABO ummata oromoo keessaa baasuus garuu, tooftuma kamittuu fayyadamee dhiiga ilmaan oromoo keessaa ABO baasuu takkaa hin dandeenye. Jaalala ummanni ABO’f qabu kan dur beeku daran ammoo barana ifaafi ifatti mirkaneessaniif oromoon. Gaafa ayyaana Irreecha baranaa irratti hawaasni oromoo miliyoona 5 caalu argamanitti hundi isaanii jibba wayyaaneef qabaniifi jaalala ABO’f qaban hasaasanii osoo hin taane lallabanii, dhiichasanii, leellisanii sodaa tokko malee himaniif. Sanirraan dabree yeroo ammaa fincila master pilaaniin wal qabatee guutuu oromiyaa keessatti baratootaafi ummanni oromoo bal’aan “ABO malee..” jechaa dhiichisuu qofa osoo hin taane alaabaa ABO walakkaa oromiyaatti fannisuun jaalalaafi hawwii isaanii mirkaneessaafi jiran kanattiis, wayyaaneen ammallee maqaa ABO xureessuufi akka waan ummanni jibbaa irraa qabuutti odeessuun isaa hin oolle. Haatahuu malee yoo kana odeessu qilleensi afaan isaa seenuu ala dubbiin isaa gurra oromoo seenuu hin dandeenyeef. Kana kan hubate mootummaan wayyaanee dubbiin maqaa ABO’tiif olola sobaa hafarsuuf yaale kan isarraa hin fudhatamneefi tooftaa qammante tahuu waan bareef mata duree diraamichaa jijjiiruuf dhiheenya kana yeroo biraa caalaa wixxifachaa ture. Amma immoo roga amantiitiin ummata walitti buusuuf yaalaa jira wayyaaneen.

        ====== Itti Fufa=======

Barreessaan: Saphaloo Kadiir
Muddee,2015
E-mail: ak23873@gmail.com

DIRAAMAA WAYYAANEETIIN FINCILLI SABA BAL’AA HIN GUFATU, HIN DHAABBATUUS!!

         (Kutaa 2ffaa.)

Barreessaan: Saphaloo Kadiir

Wayyaanee/OPDO’n diraamaan golga godhattee obboleeyyan ittiin wal shakkisuufi ilmaan abbaa tokkoo duugdaa garaa walitti goodhuun fincila ilmaan oromoo fashaleessuuf yaaddu keessaa kan biraa amantiidha. Tooftaa amantiitiin Diraamaa wayyaaneen soba dhugaa fakkeessitee ummataan burjaajeessuuf yaaltu keessaa tokko yoo laalle, amantaa muslimaati. Kanumaan wal qabatee dokmantii Tv isaanii irratti bara 2011 mata duree ‘Aqildaamaa’ jedhuunifi bara 2013 ammoo mata duree “Jihadawi Harakat” jedhuun fakkeessanii dhiheessaa turan yaadachuun gahaadha. Filmiin lamaan kun akka wayyaaneen yaaddetti bu’aa galmeessisuufi hin dandeenye. Wayyaaneen akka waan muslimni mootummaa islaamaa biyyattii keessatti ijaaruuf deemuu, akka waan muslimni biyyatti tana akka Iraaq, Israa’el fi Filisxeem’fatti uuda ibiddaa taasisuuf deemuu fakkeessuun, akka waan muslimni itoophiyaa akeekaafi kaayyoo akka alshabab, alqaa’idaa, Bokko Haraamiifi kkf qabanii godhuun akka waan biyyattiin hawaasa muslimaatiin shoorarkooytee garba dhiigaa tahuuf deemtuu fakkeessee filmii sodaachisaafi buttuu (horor) hojjachuun qalbii ummataa shakkii addaa keessa galchuun if bir’achiisee umrii isaa dheerachuuf yaale. Ummata muslimaafi hawaasa amantii biraa hordofaniis walitti gufachiisuuf yaalaa ture. Hin milkooyneef. Ammallee diraamaa biraa fidee masgiida Anuwaar guddaa finfinneetti ibidda qabsiise. Garuu mootummaa shoorarkeessaa dachiin marteen, gita bittaan mootummaa wayyaaneen kun yoomillee diraamaan akkanaa akka fiinxa hin baaneef osoo beekuu maaliif akka if dararee ummatallee shoorarkeessu namaaf hin galu. Lubbuu namaa galaafachuun, qabeenya hawaasaa barbadeessuun, ummata walitti buusuun umrii aangoo dheereeyfachuuf tattaafachuun isii kun maraatuu yoo tahe malee hiikkaa biraa hin qabu.

Wayyaaneen amma diraama isii gara amantii naanneeffachuu mallattoolee nuuf mirkaneessan keessaa kaleessa gaafa mudde 11, 2015 masjiida Anuwaar irratti boombii darbuu isaati. Sanuu wayyaaneen ifumaaf masjiidicha gubuun qaama yakka raawwate barbaadaan jira jechuun kijibuu jalqabe. Guyyaa kaleessa gaafa Mudde 11, salaata jum’aa booda masjiida Anawaar guddicha Finfinnee irratti boombiin darbatamee qabeenyaafi namarrattiis miidhaa cimaan gahuun beekkamaadha. Namni 16 madaawanii hofpitaala jiraachuu himama. Eenyuutu gube? Wayyaaneetu gube. Wayyaaneen ammoo shorarkeessitoota, finciltoota oromoo dhiheenya kanaa waliin walitti hidhee, ‘oromoon gaaffiin isaani finfinnee waliin wal qabata waan taheef isaaniitu gube ja’ee cubbuu dubbachuuf if qopheesfaa jiraachuun isaa waan shakkii qabuu miti. Diraamaa isaa kan dharaa saniin yrroo gabaabatti qopheessee ummataan xaxuun ifaa hafan qabu. Garuu dhugaan jiru nuti oromoon osoo carraan argamee wanti handhura finfinnee keessaa gubnu fi fonqolchinu hangafni siidaa Minilik’faadha malee masjiidaa miti. Oromoon amantii tokko irraallee dhiba hin qabu. Finciltoonni oromoo siyaasaa biyyattii irraa aarii qaba malee amantaa miti.

Garuu wayyaaneen jibba hamaa amantii muslimaa irraa qabdu qofa osoo hin taane, adeemsaafi muuxannoo gochoota hamaa akkanaarratti qabduus beekuun salphaa dha. Wayyaaneen jibba amantii muslimaa qabaachuu qofaaf osoo hin taane, umrii aangoo isii dheereeffachuufiis muslimootuma jiddutti qondoo jibbaa habaqaaltee akka isaan waliif hin galle taasisuufi. Mootummaan wayyaanee humnaafi murannoo hawaasa muslimaa waan beekuuf yeroo garii hawaasuma muslimaa maqaa adda addaatiin diigee walitti buusuun akka shoorarkaawan taasisuu fedha. Gaafa garii ammoo hawaasa amantii muslimaa hordofan kan amantii biraa qaban waliin walitti dallansiisuuf warraaqa. Muuxannoo gochoota hamaa wayyaaneen masjiidaafi naannoo masjiidaatti uumuun hawwii dharaa dhugoomfachuuf qabdu keessaa tokko yoo kan yaadannu tahe, shoorarkaa bara 2005’ni (1987 A.L.H) yaadachuun gahaadha.

Bara 2005 mootummaan wayyaanee masjiida Anuwaaritti walitti bu’iinsa uumuun ulamaa muslimaa, abbootii amantaa, sheekoota, dargaggeeyyii muslimaa, imaamoota masjiidaafi hordoftoota amantaa hedduu hidhuun, reebuuniifi gocha suukanneessaa meeqa irratti raawwachuun isaanii yaadannoo seenaa yeroo dhihooti. Gaafasii jalqabee dubbi barbaad mootummaan wayyaanee imaamoota masjiidaallee ifiif hawaasaaf filuu qofa osoo hin taane amantaan tanaafi tanaatu sirriidha tana hordofaa jechuun, amala anaatu siif beekaa isaatiin hawaasa muslimaa zaliil godhaa ture. Hawaasni muslimaa ammoo kan fudhatu hin taane. Kanaafiis sababa barbaadee hawaasa muslimaa shoorarkeessuuf akka saree maraattee olii gad fiigaa ture. Qabsoo hawaasni muslimaa karaa nagayaatiin godhu kallattii jijjiiree ummata nagayaa humnaan macalaasuuf hedduu tattaafatuus, garuu osoo akka hawwe hin milkaa’in karooraafi wixiineen isaa tan cubbuu jalaa fashalooytee hafte. Kana boodaas dadhabe ja’ee abdii muree hin teenye. Basaasa, dabballeefi tikoota isaa danuu koofiyaafi imaamata biteefi mudawwar itti kaayee kara masgiidaa dhangalaasuu jalqabe. Masgiida qofa osoo hin tahin gara awwaliyaatiis erguun akka basaasaniifi walitti bu’iinsa uuman taasisuuf harka naqachuu yaaluus koreewwan hawaasa muslimaatiin qaanqeen shira isaa jalaa dhaamte. Kana booda ammaas mala biraa diriirfachuu jalqabe, mootummaan wayyaanee kan akka gaararraatti torba if jijjiiru.

Kanaan milkaa’uu dhabnaan ammaas tooftaa jijjiiratee naannoo unmanni muslimaa sagalee isaa dhageessisuuf itti walitti qabamu maratti qaamuma isaatiin konkolaataa gubuu, alaabaa gubuufi kkf fayyadamuun muslimootaatu kana godhe jechuun tarkaanfi hadhaawaa fudhachuuf yaalii godhaa ture. Ummanni muslimaa jallina mootummaan wayyaane hojjatu waan beekuuf of eggannoo sirrii godhaa waan tureef osoo hin milkaa’in hafuu danda’ee ture. Osoo kun kanaan jiruu shoorarkaa waggaa afur dura basaastuufi dabbaloonni isaa muslima fakkaachuun ‘goolii gurraacha’ uumaniin lubbuun dargaggoota danuu baduun, kumaatamni mana hidhaatti darbamuufi gochoonni baayyeen muslimoota irratti raawwatamaa turuun ni beekkama. Dhiheenya kana ammoo hawaasa muslimaa sababa adda addaa itti barbaade ‘xalayaa shoorarkeessummaatu sibiratti argame’, goolii uumuuf sossoo’aa jiraachuu kee ragaatu sibiratti mul’ateefi kkf jechuun hidhuu dabalatee tarkaanfii adda addaa irratti fudhachuun daran hammaatee jiraachuu odeeffannoon ni ibsiti. Keessattuu torbaan kana keessa eega fincilli ummata oromoon finiinuu jalqabe kana poolisoonni xiyyeeffannoo addaa naannoo masjiida Anwaariifi masjiida Nuur’itti godhuu akka jalqaban ragaatu ifoomsa. Ragaa kana maraafi muuxannoo diraamaa mootummaan wayyaanee hojjatuus yoo xinxallu tarkaanfiin masjiida Anuwaar irratti fudhatamees hojii wayyaanee tahuun ifa galeessa. Kan gara goru dhabe afaanfajjawaan mootummaa wayyaanee fincila mormii hawaasa oromootiin malli harkaa baduun mata duree diraamaa isaa gara amantiitti jijjiiruuf yaade masjiida irratti gocha cubbuu raawwatee jira. Eeyyee! Raawwatee jira. Kun waan nama mormisiisuu miti. Hawaasni muslimaas tahee barattoonni fincila kaasaa jiran boombii eessaa fidanree? Kan ibidda guutuu harkaa qabu wayyaanee qofa. Kanaaf isa malee eenyulleen gocha akkasii hin raawwatu.

Eegaa kabajamtoota keenya asirratti wanni beekuu qabnu guddaan fincilli keenya kan duraan deemaa jiru daran finiinee itti fufuu qaba malee qabbanaa’uufi dhaabbachuu hin qabu. Inumaatuu kana booda hawaasa muslimaatiiniis tumsi dabalamee daran humna dabalachuu qaba. Mootummaan wayyaanee hoongoo namaafi sa’aaf hin tolle tahuu daa’imni barana dhalateehu himana malee beeka. Gadaan isaa dhumatee kan jiru tahuu ifaafi ifatti mallattoowwan mul’isan danuudha. Haatahuu malee namni galaanni fuudhe hoomacha qaqqabata akkuma ja’amu san mootummaan wayyaaneetiis galaanni fincila ilmaan oromoo isa fuudhuu waan beekeef gubaatii Anuwaar masjiid kanaan wal qabsiisee gara keenya quba as laachuun hin oolamu. Nuti garuu dhimma akkanaatiif gurra hin qabnu. Hawaasni muslimaas kana sirritti beeka. Nama waan nyaatu beekan waan hagu hin gaafatan ja’a oromoon. Akkasiitii oromoos tahee hawaasni muslimaa idil itoophiyaa waan wayyaaneen taate tolchanii beekan. Walumaagalatti, ilmaan oromoo ololaafi soba diraamaa wayyaaneetiin gufachuu osoo hin taane, bifa haareyaan mormii isaanii hanga ummata bal’aatti gad buusuun qaanqee xiqqoo daandi bilisummaa ibsuuf billiq jatte tana daran bobeeysuun akka dachii guutuun walaq jattu taasisuuf if qopheessuu qaban jechuuniin ergaa koo xumura.

Galatoomaa!!

Oromiyaan ni bilisoomti, gadaan kan bilisummaati!!
……

Saphaloo Kadiir
Mudde 12, 2015
#Oromoprotests.

Check Also

Amanuel Wondimu

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to …