Oduu Haaraya

DUBARTOOTA MALLATTOO QABSOO BILISUMMAA

Bitooteessa 31, 2016

 

]Abbaa Urjii tiin

 

abbaa urjiiUumama isaarraa kaasee, warri utubaa hawaasaa ti. Utubaan hawaasaa kuni diriiree dhaabbachuu fii ulfina irra jiru akka baadhatu godhuurratti, jaartummaa/niitummaa fii haadhummaan dubartoonni itti gaafatama guddaa qabu. San malees, aadaa maalummaa fii eenyummaa beeysisuu fii calaqqisuurratti dubartoonni alaabaa hawaasaa ti. Roorroo hawaasarra geeysu dura dhaabbachuu fii irraa ittisuu keessattiis, durattii, eeboo fii gaachena qabatanii, dirree lolaa keessa geeraraa gulufuullee baatan, qarmaammee eeguun; galaa qopheessuun; wayaa hodhuu, qoybuu fii miicuun; madoo tajaajiluu fii wal’aanuun; qooda irraa eegamu  gumaachaa turan.

Walakkaa Bar-dhibbee 20ffaa ykn Jaarraa 50ffa -rraa kaasee, qoonni hujii dubartii kan warraa akkuma jirutti jiraatee, isa hawaasaa keessatti ammoo, jijjiirama guddaa tu dhalate. Aadaan sirna barnootaa tan manatti ugguraa turte jijjiiramtee, dubartoonni, baayyinaan, mana barnootatti bobbahuu jalqaban. Haalli kuni, qooda bultii tan ganamaa, tan tajaajila manaa fii joollee, qonyee isaaniirraa odoo hin buufne, gumaata hawaasaaf laatan caalaa ol kaase. Garuu, qoonni gumaachan haa guddatu malee, mirgaa fii tabaroon warra, hawaasaa fii lammii keessatti qaban, bakkarraa sossoohuu didde. Kanaaf, aadaa, hoodaa fii safuun (laguun) haqaaramtee, ol-aantummaa dhiiraa irratti seereessuun qixxummaa waakkatte, jijjiiruuf mudhii hidhatanii wal’aasotti seenan.

Jaarraa 50ffaa –rraa kaasee, jijjiiramni dhufe kan haala jireenya dubartii qofa hin turre. Yaruma tana, bulchiinsa gabrummaa alagaa jalaa bahuuf qabsoon bilisummaa biyyootaa fii hawaassan hedduu keessatti, gabroomfatarratti qaanqee wa’laansoo facaasuu jalqabde. Haalli kuni, dubartoota biyyootaa fii hawaassan gabrooman keessa jiran qabsoo bilisummaaf lammiin godhan irraa qooda fudhachutti bobbaase. Gaafana, dirqamman durattii dirree waraanaa duubaan irratti bobbaahaa turaniin alatti, dhiira maddii hiriiranii dhaadannoo lallabuu bira dabranii, qabsoof zinnaara hidhatan. Akkuma dhiiraatti, manaa bahanii, diida galanii, dhagaa boraafatanii, duulatti bobbahan. Boombii ifitti caanceeysanii diina barbadeeysanii wareegaman. Kana malees, gandoota keessatti dhokotanii, biiflummaan, adawwii lafatti haran; Qaruutee tahanii, haxxummaa isaanii tiin, odeeyfannoo fii sirrii (iccitii) diinaa funaanan; Shashaqaxa dubartummaa tiin sobanii, nyaapha, illima kaayamteef keessatti guuran. Walii-galatti, dubartoonni, qabsoo riphee loltummaan sirna gabrummaa fonqolchuu keessatti, miseensummaan loluu bira dabranii, hoogganummaan lolchiisuun bilisummaaf wareegama barbaachisu warra kennu tahan.

Qabsoo bilisummaaf godhamtu keessatti, dubartoonni qooda fudhachuun, irree dura-dhaabbii cimsitee, gabroomfatatti hegeree dukkaneeysite. Jaalalti dubartoonni biyyaa fii lammiif qaban, tooftaa sirna bulchiinsa isaa umrii ittiin dheereeffatu, tan lammii lammiin gabroomsuu fii basaasuu, qaawa duraa dhiphifte. Murannoon dubartoonni jibba roorroo tiif qabaniis, tan gunaa fii aangoon injifatamtuuf tahuu didde. Tanaan achittiis, dubartoota qabsaawota, haala adda-addaa tiin harka isaa seenan irraa tumaa fii araraasa fedheen iccitii keessaa baasuun, karoora fiixa hin-baane itti tahe. Dimshaashatti, haalaa fii amalli qabsaawummaa dubartii, gabroomfataaf dhukkuba sammuu tahe.

Axeerarriif, dubartoonni, haala armaa oliitti, qabsoo bilisummaarraa qooda fudhachuun, biyyoota Aasiyaa, Ameerikaa Kibbaa fii Afrikaa keessatti, kufiinsa sirna gabrummaa saffisan. San keessa, seenaa dirree qabsoo keessattiis jijjiirama guddaa fidan. Gootummaa akka durattitti dhiirummaan madaalamuu hanqisan. Gariin, lammii isaanii fii diina birattiis mallattoo qabsoo bilisummaa tahan. Gariin, inumaa san bira kutanii, guutuu adunyaa keessatti faajjii qabsoo fii diddaa roorroo tahuun beekkaman.

Haala armaa olii kanaan, qabsoo bilisummaaf godhamte keessatti, gootummaa fii murannoon, lammii biyyaa bira taree hawaasa adunyaa keessatti, maallatto diddaa gabrummaa tahuun dubartoota beekkaman keessa takka, Jamiilaa Boohiirdi. Jamiila, qabsoo hidhannoo ummanni Algeeriyaa (Jazaa’ir), bulchiinsa gabrummaa Faransaayii jalaa bilisoomuuf godhan keessatti, qabsooytuu haalaan beekkamte. Jamiila, xiqqeenyaan jaalala qabsoo bilisummaa tiin boojihamtee, mana barnootaa keessatti, dhaadannoo “Faransaayiin haadha teenya!” jettu, “Algeeriyaan haadha teenya!” jettutti bakka buusuun, bulchiinsa gabrummaatti finciluu jalqabde. Gocha isii kanaaf bulchiinsi mana barnootaa daddeebi’ee adabullee, dhaadannoo akka jattu barbaadamu afaanii baasuu dadhabe.

Fincilli diddaa gabrummaa kan joolummaan Jamiila qaadhimate, gashantummaan, sab-boonota maadhee lafa-jalaatti jaaramaniin walitti hidhe. Bara 1954 keessa akka addi bilisummaa Front de Libération Nationale (FLN) ja’amu dhaabbateen, umrii kudha sagalitti, miseensoomte. Akka dhaabni kuni kaayoo dhaabbateef fiixa baasuurratti bobbaa jalqabeen, daandii loltoonni Faransaayii irra deemanirratti boombii awwaaluun, diina galaafachutti seente. Gaafa dhaabni damee Fedayeen (warra bilisummaaf if wareegu) dhaabuuf miseensota keessaa warra haala kanaaf if qaadhiman gaafate, Jamiila murattuu duraa taatee if galmeessite.

Amajjii 26, 1957, mana dargaggoonni Faransaayii kanneen dirqama biyyaaMilitary Service” -iif Algeeriyaa dhufan itti bashannanan dhokottee seentee, boombii yaroon dhukaatu dhooysitee baate. Boombiin isiin keesse loltoota kudha tokko ajjeeftee baayyee madeeysite. Ajjeechaa fii madaan alattiis, bakkaa fii haalli gaaga’amaa, waraana Faransaayii fii nafxanyoota Algeeriyaa keeysa turan maratti shoorarkaa gadhiise. Gocha isii kanarraa kan ka’e, maqaan isii beekkamee, qabsaawota haalaan barbaadaman keeysaa tan angafaa taate. Kanarraan kan ka’e, qaruutee Faransaayii tiin, halkanii-guyyaa adamamtee, Caamsa 09, 1957, waraanaan marfamtee, dhukaasa walitti bananiin madooytee harka diinaatti kufte. Qabamtee yaroo karaa mana hidhaa deemaniin, kani madooytee jirtu, afaaniin callisuu diddee, hamma mana hidhaa ol naqanitti, “Jazaayirna!” “Algeeriya teenya!” jettee lallabaa turte. Yaroo tana, isii malees, karaa irraan deemaan irra ummanni turaniis, dhaadannoo isii jalaa bowwaasaa turan.

Akka Jamiila mana hidhaa geeyfataniin, haluu bahuu fii iccitii irraa arkachuuf hamma dandayan cafaqan. Tumiinsaan dhiiga hedduu irraa yaasanii dhukkuba amenorrhea ja’amu kan laguu dubrtii hanqisu ykn gufachiisu mudan. San malees, miila mirgaa irratti ajjeesan. Korreentii itti diranii harmaa fii dhanna hormaataa waadan. Garuu, araraasa kana hundaan Jamiila afaanii sirrii takkallee baasuu dadhaban.  Yaroo tuman, waan isaan dhagayuu fedhan dhiiftee, dhaadannoo isii tan gaafa joollummaa tiin gurra duuchiti. Diinni Booddee, Adooleeysa 16, 1957, warri biyya isii irreen qabate, shororkeessitummaan baannatee, du’a itti murteessee, ajjeechaa isii tiif Bitooteessa 07, 1958, ballamate. Jamiila, diina du’aan yakkeen, “akka du’a narratti murteessuuf jiraattan niin beeka. Ammoo hin irraanfatinaa, ana ajjeesuu dhaan, biyya teeysan keessatti bilisummaa halaakuun alatti, Algeeriyaa bilisaa fii walabaa tahuu hin hanqiftan,” jette.

Oduun Jamiila du’aan yakkamuu, onnee tarkaanfattootaa fii sab-boonotaa fudhattee, adunyaa sossoofte. Magaalota gurguddoo biyyoota addunyaa keeysatti hiriira walitti dhaabbateen, dhaadannoo isii “Algeeriyaan tan ummata Algeerriyaa ti!” bowwaasifte. San biratti, dhaadannoo “Save Djamila Bouhired,” “Jamiilaa Boohiird dandamachiisaa!” jattu lallabsiifte. Tarkaanfiin, maqaa Jamiilaa adunyaa hunda keeysatti beeysisuu bira dabree, suuraa fii fuula isii mallattoo qabsoo bilisummaa godhe. Gochi kuni, hoogganoonta biyyootaa kanneen akka, Presdantii Misraa Jamaal Abdunnaasir, kan Hindii Jawaharlal Nehru fii Abbaa Bokkuu Soviet Union Nikita Khrushchev, mootummaa Faransaayii dura magantaa dhaabe. Dura dhaabbiin adunyaa mara keessaa itti xiyyeeffatte mootummaa Faransaayiirratti dhiibbaa fidde. Guyyaa ballama ajjeechaa, murtii hujiirra oolchuuf onnee itti dhabdee, ji’a itti aanu, Caamsaa 18, 1958, adaba ajjeechaarraa hidhaa umriitti jijjiirte. Ajjeechaan Jamiilarraa hafuun, tarkaanfattootaa fii sab-boonotaa adunyaa mara gammachiise. Jamiila ammoo ni naasise. Hoggaa jijjiirraa murtii dhageesse, “Hidhaa umriirra du’a naaf wayya. Silaa na ajjeesanii, laalaa narra gayaa jirturraa hara na baafachiisanii,” jette.

Haalli Jamiilaa fii kan biraatiis qabsoo bilisummaa itti finiinsee, Faransaayiin Jamiila mana hidhaa Algeeriyaa keessatti taraaduu dadhabee, dhuma bara 1958, gaashiree guddoo biyya isaa magaalaa Reim ja’amtu keessaa qabu fidate. Maayyiirratti, wal’aansoo diddaa gabrummaa irra aanuu dadhabdee, bulchiinsa gabrummaa baroota 132-a booda, Algeeriyaa gadhiisuu murteeffatte. Yaroo tana, waraanaa fii hortee nafxanyoota isaa kenneen Jaarraa sadiihii fii Gadaa tokkoo cinaa biyya san keessatti wal-horan nagayaan baafachuuf, jalqaba bara 1962, qabsaawota (FLN) waliin marii jalqabe. Marii tana keeysa, Jamiila, akkuma dhaadachaa seentetti, “Algeeriyaan tiyya!” jechaa, mana hidhaa Faransaa keessaa  baate. “Murannoon Jamiila bilisummaaf qabdu, qabsoo diddaa gabrummaa tan Bar-dhibbee 20ffaa tiif fakkii dha” ja’amee, seenaa diddaa gabrummaa keessatti galmeeffame. Jamiila, umrii 81-n akkuma gaafa joollummaatti, ammallee, lammii isii tiif aanaannachaa jirti.

****************

Madaaluma olii tiin, dubartiin asxaa diddaa gabrummaa Jaarraa 50ffaa taate Leeylaa Khaalidi. Leeylaan, umrii waggaa sadihiitti, bara 1948, warraa waliin biyya isii Falasxiin irraa Lubnaanitti baqachuu dirqamte. Biyya baqaatti, umrii 15-tti, dhaaba Arab Nationalist Movement (ANM) ja’amu kan bara 1967-tti, Popular Front for the Liberation of Palestine (PFLP)-tti jijjiirametti miseensoomuun qabsoo bilisummaatti seente.

Hagayya 29, 1969, umrii 24-tti, jaallan waliin, xayyaara Ameerikaa kan Roomaarraa gama Ateens (Athens) deemaa jiru boojihanii, imaltuu isaarraa maqee, karaa Dimishq (Damascus) akka deemu godhan. Leeylaan iddoo dhaloota isii kan daa’imummaan keessaa baqatte samiirraa gadi laaluuf, xayyaarichi, biyya Israa’el magaalaa Haifa gubbaa akka bararu goote.

Bobbaa boojii xayyaaraa booda, suuraan Leeylaa tan isii Kilaash (AK-47) qabattee, imaamata bifa adii fii gurraacha walkeessa qabu matatti hagooggatte agarsiisftu, adunyaa keessa facaate. Yaroon san, yaroo dubartoonni Oroppaa fii Ameerikaa keessatti hiriira walitti dhaabbateen mirga wal-qixxuumaa falmachaa turani. Suuraan Leeylaa qawwee waliin agarsiiftu, dubartoota kanatti onnee dabalte. Kanneen mirgaaf qabsaawaa jiran malees, miliyoonota dammaysitee wal’aansoof hiriira galchite. Haala kanaan, yaroo gabaabduu keessatti, Leeylaan, murannoo ummanni Falasxiin diddaa gabrummaa tiif qaban adunyaa beeysisuu bira kuttee, wal’aansoo dubartoonni mirga wal-qixxummaa tiif godhaa jiraniif asxaa taate.

Adunyaa keessatti beekkamuun, Leeylatti, dirqama akkasii kan biraarratti bobbahuuf gufuu itti tahe. Gufuu irraan tarkaanfachuuf, oppiraasiyoona funyaanii fii mallaa tan yaroo jahaa tiin uunkata fuulaa if jijjiirte. Leeylaan, innaawaa jeeynummaa, yaroo oppiraasiyoona godhamtu, banjii coraa hadoochuun laalaa irraa hanqisu fudhachuu didde. Haala oppiraasiyoonaa, “Kaayoo dantaa tiyyaa olii fii irra kabajamtuu, kaayoo dhimmi dhunfaa hundi irraa gad tahuun qaba,” yaada ja’uun ibsite.

Akka fuulli sabateen, Birraa 06, 1970, xayyaara Israa’el kan Amastardaam irraa gama Neew Yoork bararuuf saganteeyfate boojihuuf, jaala tokkoo waliin, yaabbatan. Walakkaa amnaatti, iddoo warri xayyaaricha oofan jiran seenuuf, lameeniin hulaa itti dhadhawan. Leeylaan, boombii harka qabdurraa, ilkeen lilmee buqqaaftee, akka hulaa bananiif warra oofutti lallabde. Yaroo tana, Komandoon Israa’eel xayyaara keessaa, duubaa dhukaasa itti bananii jaala biraa kuffisan. Isiin mataa dhawamtee, akkuma boombii sanacha keessaa qabdutti qabamte. Maalif akka boombii gad hin-dhiisin yaroo gaafatamtu, “qaceelfamni naaf kenname, warra oofu ittiin sodaachisuu malee, xaayyaricha barbadeessuun lubbuu namaa galafachuu hin turre,” jette.

Haala san booda, xayyaarri iddoo itti deemurraa maqee, biyya Ingiliz magaala Landan qubate. Achitti, Leeylaan mootummaa biyyaatti kennamtee, shororkeessitummaan baannatamte. Kanarratti, Leeylaan, “Een tu shororkeessummaa qe’ee teenyatti habaqaale? Gariin alaa dhufee lafa teenya fudhatee, humnaan irraa nu oofee, goorannoo keessa akka jiraannu nu dirqe. Shororkeessummaan tana natti fakkaata. Shororkeessummaa tana dura dhaabbachuu fii miidhaa isii hanqisuun qabsoo ja’ama.” Jette.

Akka Leeylaan mana hidhaa seenteen, oduun qabamuu isii daftee magaala keessa facaatee, ummanni daawwachuuf itti yaa’an. Foolisoonni waardiyaa isii dhaabbatan, kabajaa fii jaalala qabaniif ibsaniif. Odoo akkasitti jirtuu, walii-galtee jijjiirraa hiidhamtootaa tan mootumma Ingilizii fii dhaaba isii jiddutti godhamteen, Onkololeessa 01, bara 1970, hidhaa guyyaa 28-i booda, gadhiifamte. Leeylaan, yaroo tanatti nama umrii 71 ti. Akkasumaa waliin, ammallee, akkuma gaafa shamarrumaa sanitti, bilisummaa lammii tiif anaannatti.

****************

Akkuma Algeeriyaa fii Falasxiinitti, Oromiyaa niis, sossooha qabsoo bilisummaa isii keessatti, dubartoota jeeynummaan isaanii hoonga hin-qabne, kanneen murannoon qabsoo bilisummaa tiif qaban mallatto diddaa  gabrummaa isaan godhu heddu qabdi. Haala kanaan, qabsoo hidhannoo bilisummaatti joollummaan  makamuun, araraafama bahaa-bu’ii dirree qabsoo malees miidhaa harka diinaatti mudatteen odoo hin daddaaqamin, kaayoo ganamaatti cichuun, lammii bira dabree diina birattiillee mallattoo qabsoo bilisummaa ummata Oromiyaa tahuun, dubartiin jiruun farfamuun malte, Aslii Oromoo (Mahamaadi) ti. Asliin, akkuma Leeylaatti, umrii 15-tti, gashantummaan, biyya baqaa keessatti, wal’aansoo bilisummaa tiif if qaadhimtee, bara 1983 keessa, Jabuutirraa Soomaaliyaa dhaquun qabsawota Abba Bilisummaa Oromootti makamte.

Bara 1987 keessa, humna itti dhufte ifirraa ittisuuf, lola biyya alagaa keessatti godhaniin, qaataa harkiftee shurufkaa baarudaa shittoo godhachuu jalqabde. Bara 1989 jila qabsaawotaa kanneen Kora Adda Bilisummaa Oromoorratti arkamuuf dirree qabsoo Dhihaarraa dhufan waliin odoo karaa biyyaa ol deematuu, Diida Waaled keessatti, lola dagutti itti banameen madooytee, harka diinaa (Dargii) seenuu mudatte.

Akka harka isaanii seenteen, diinni, daree kophaa naqatanii halkanii fii guyyaa cafaqutti seenan. sirrii dhaabaa barbaacha, harka duubbeetti hidhanii, mataa gadi rarraasanii, bishaan keessa cuuphuu fii faantarratti feestaala baysuun lubbuu itti guraaran. Asliin, kani, miidhaa jaraa malees, rasaasa qoma keessa jiruun araraafamaa jirtu, abdii kutattee, akka isaan fedhan tahuuf didde. Ilkee ciniinnattee, madaa rasaasaa fincaan isii tiin wal’aannachuuf tattaafatte. Gaafa kaan, maduma tanaaf akka mana yaalaa geeyfamteen, hidhaa waggaa lamaa booda, gargaarsa namaa tiin, diina harkaa baate. Diina jalaa akka milyxeen, warra bira, Daaroo Labuu, dheeyxee, yaroo xiqqoof boolla keessatti hadhaadhiyyamtee, akka khabsatteen, kaayoo isii tan ganamaatti deebite. San booda, Waraana Bilisummaa Oromoo keessatti loltee lolchiisuun, gootummaa qixa hin-qabneen beekkamtee, caasaa hooggana waraanaa keessa ol loohuu jalqabde. Isii akkanatti jirtu, madaan duraanii itti hafrooytee dhiiga tufsisutti seente. Isii wal’aansa kanaa tiif, iddoo manni yaalaa itti arkamu dhufteen, taraa lamadaa tiif, diina (Wayyaanee) harka seenuu mudatte.  

Wayyaaneen, Aslii, mana hidhaa Huursoo, bakka yakki keessatti hojjachaa jirtu, dhaloota lammii Oromiyaa kanneen dhufaa-jiraaniin itti gaafatamuuf jiraattu, geeyfatte. Achitti, miidhaa waraanni Faransaayii Jamiilarraan gayan daraniin araraafte. Wanni bira hanqatee, waggaa tokkoo fii baatii sagal mana fincaanii ajaawaa keessatti hiite. Huursotti, araraasuu malees gunaan sobdee akka barbaaddu irraa dhabnaan, mana hidhaa Zuwaay geeyfatte. Zuwaayittiis badii dhala namarratti hojjatamuun hin malleen hadhaa-lubbuu agarsiifte. Akkasumaa waliin, afaan Asliirraa, “ani miseensa hawwisoo ti malee, tan waraanaa tii miti. ABO fii WBO irraa hiis waaniin beeku hin-qabu,” malee waan biraa dhabde.

Asliin, hidhaa murtii hin qabneen, Zuwaayitti waggaa torba akka araraafamteen, “murtiin barbaada!” jechuun, midhaan nyaachuu didde. Yaroo tana, Wayyaaneen, shororkeessitummaan baannattee, mana murtii isii dhiheeysite. Dhaddachi mana murtii Wayyaanee, hamma dandayu dubbii lafarra harkisaa bahee, maayyiirratti, hidhaa bara 13 booda, ragaa qabatamaan alatti, du’aa itti murteesse. Asliin, yaroo murtii irratti dabre dhageeyse, “Wanni biraa hanqatee, Wayyaaneen, rifeensa kiyya gurraacha adii godhuu hin dandeessu. Lubbuu tiyyarratti abbaan Rabbi qofa!” jechuun Rabbii isii tiif sujuudde. Abokaattonni isii heerumaaf ja’anii, Iyyannaa galchaniif. Garuu, akkuma kan jalaatti, Dhaddachi Ol-aanaan biyyaa tiis, ajaja Wayyaaneen kenniteef hordofuun, “badii hojjatteef yakki itti xiqqaata,” murtii jattuun dubbii isii goolabe.

Yakki Wayyaaneen Asliirratti dabarsite, akka kan Faransaayiin Jamiilatti murteessitetti, tarkaanfattoota adunyaa magaalota gurguddoo keessatti hiriiraaf tarree galchuullee baatu, dhaabota mirga namoomaa hunda afaan tokkoon Wayyaanee balaaleeyfachiisee jira. Gama biraa tiin, murtiin Wayyaanee, ummata Oromiyaa warra Asliin bilisummaa isaanii tiif lubbuu isiirraa kaateef, kanneen biyya keessaa, hadooddii onneerratti tan sammuu dabaleef. Kanneen biyya ambaa keessatti jiruu baqaa tiin daddaaqamaa jiran, akkuma Asliitti Rabbii isaaniitti iyyachuu malee, waan godhan wallaalchise. Maayyiirratti, sujuunni murtii Wayyaanee irra aanee, zaliilaa bara 18-i booda, Asliin, mana hidhaa Wayyaanee keessaa baate.   

****************

Haaluma olii kanaan, ammaas, dirree qabsoo bilisummaa ummata Oromiyaa keessatti, gamnummaa ajaa’ibaa tiin, hujii seena-qabeessa hojjatteen sammuu diinaa wareersitee, mallattoo qabsaawaa bilisummaa dhugaa tahuun, dubartiin jiruun faarfamuu fii siidaan malte, Raggaatuu Roobaa ti. Raggatuun, akka Jamiilaa  Booheerditti, dubartii gashantummaan jaalalti qabsoo bilisummaa onnee fudhatte. Aslii, isii waggaa kudhanii, qabsaawota lammii dammaysuuf baadiyyaa naannoo isiin itti dhalatte keessa olii-gad sossoohaniif, magaalatti ergamtee, waan barbaadan bituu fiin, dirqama lammummaa bahuu jalqabde. Haaluma san keessa, hiriiyotaa wallin,  

           “Ciroo golaa, ciroo golaa

             Naafiis kennaa hiree lolaa?”

jechaa, hellee keessaan qabsaawotatti odoo lallabbattuu, bara 1982 keessa, qabsoo bilisummaa ummata Oromiyaarraa qooda fudhachuuf dirree qabsootti makamte.  Akka dirree qabsoo seenteen, miseensa hawwisoo Adda Bilisummaa Oromoo taatee, faaruu fii wallee warraaysaa wallisuun, dirqama itti kenname raawwachutti seente. San keessa,

               “Niin  deema karaa duulaa

      Niin deema karaa duulaa

           Saba koo gabroomee

           Taa’uun naan hin-mallee”

jechuun, fedhii manaa baateef lallabatte. Lallabbiin, hawwisummaa biratti, barnoota ogummaa fayyaa tiif isii qaadhime. Kana booda, Raggaatuun, hawwisummaan hawaasa dammaysaa, jaalalan booharsaa, ogummaa wal’aansaa tiin qabsaawaa madaawee fii dhukkubsate walaanuu bira kuttee, lola adda-addaa keessa seenuun, diina barbadeessutti seente. Lola seentu keessatti jeeynummaa malees dandeeytiin hoogganummaaf qabdu ifa bahaa dhufee, caasaa waraanaa keessatti ol muudamuu jalqabde. Akka kanaan, qabsoo bilisummarraa qooda fudhachaa odoo jirtuu, bara 1992 keessa, waraanni bilisummaa Oromoo mooraa galuu mudate.

Haalli Mootummaa Ceehumsaa jijjiiramee, qabsaawonni goorannoo mudatan mooraa keessaa akka bahaniin,  deebi’amee jaaramuurrati hojjachuun dirqama Raggaatuu faa tahe. Yaroon tuni, dirree qabsoo bilisummaa Oromiyaa tiif yaroo du’aa-jiruu turte. WBO-n deebi’ee akka hin jaaramne godhuurratti, diinni humna qabu maraan irratti bobbahaa ture. Haala kana keessa, Raggaatuun, qabsaawota faffaca’arraa walitti deebi’uu dandayan irraa humna jajjabii jaaramteen, lola halkanii fii guyyaa tiin waraana diinaa haleeluu jalqabde. Isii tanatti jirtu, Wayyaaneen, “WBO dhabamsiiseen jira!” olola ja’u ooffachuu jalqabde. Raggaatuun kanarraa dallanuun, dhara Wayyaanee saaxileessuu barbaadde. Kanaa fiis, murtii fii ajaja isii tiin, qorannoo gayaa booda, bara 1994 keeysa, humna saylii tiin Faranjicha tokko boojite. Waraana diinaa kan namicha harkaa baasuuf dachii fii samiin hordofaa ture jalaa mimmiliqaa, amna guyyaa torbaa tiin, qarmaammee hoogganootaa geeysite. Karoorri Raggaatuu akkuma yaaddetti fiixa bahe. Gochi isii olola diinaa fashaleessuun alattiis, lammii Oromiyaatti onnee godhe. Jireenya WBO beeysisuu bira dabree, Wayyaanee shororkeesse. Akka oduun boojii adunyaa wal-geeyseen, Faranjichi abuura hin-yaadiniin baadiyyaa Oromiyaa keessa daddeemsifame, seenaa fii qabsoo bilisummaa ummata Oromiyaa tiin wal barsiisfamee, nagayaan magaalatti deebifame. Kuni, dinatti dhukkuba sammuu fide. Bara 1998 keessa, jaallan waliin odoo karaa biyya Soomaalee deemtuu, Raggaatuun, diina jirtuu nyaachuuf isii barbaadu harka seente.

Raggaatuu arkachuun waraana diinaa tiif feesta tahe. Akka waan duula injifatanii goobaan galanitti, bakka jiranii dhukaasa dachii-samii gooseen, gammachuu isaanii beeysisan. Ajajoonni waraanaa, hamma jeneraalotaatti, dhufanii jeeynitti daawwatan. Gama biraa tiin, akka Raggaatuun harka seenteen, mana kophaa geeyfatanii tumiinsaa fii miidhaa adda-addaa tiin waan beeytu qoma keessaa baasuu tattaafatan. Raggaatuun, kani qaruuteen diinaa, kan WBO hulluuqee ture, ragaa itti bahu, iccitii kennuu mitii, maalummaa isii tu raggaasisuuf didde. Mana hidhaa adda-addaa geeysanii miidhaa qaamaa malees, gudeeddiin if jibbisiisan. Araraasni hamilee cabsuuf dinnaan, gunaa sadoo tiin sobanii akka hojjattuuf kadhatanii, isaas, irraa dhaban. Booddee, badii irratti barbaaduuf, hawaasa Baha Oromiyaa irraan daddeemanii kan himatu barbaadanii kana niis hoongooynaan, hidhaa bara sadihii booda, Amajjii 02, 2001, gadhiisan. Garuu, hidhaa keessa haa baasan malee, naaduraa tooyannaa tan halkanii-guyyaa jala naqatan. Qormaata ja’oota jaha-jahaa malees, amma-amma mana itti seenanii, ilmaan duratti rakkuun lubbuu itti hadheeysan. Akki kuni, Oromiyaa bilisumaa isii tiif joollummaan manaa baateef keessaa baqachuu murteeffachiisee, ilma isii qabattee karaa seente. Akka qarqara biyyaa geeyseen, warri baqattuu timjii qaxxaamursu kan isii malees ilmaa fiis horii gaafatan. Horiin qabdu lameeniif gayuu waan hanqateef, tokkicha isii qe’etti deebiftee, kophaa isii biyyaa bahuu dirqamte. Akka biyyaa baqatteen, diinni, ilma isii haala hin-beekkamneen duraa ajjeesanii, jiruu baqaa daranuu itti golgoleessan.

Raggaatuun, hidhaa fii araraafama toyyannaa diinaa tan halkanii-guyyaa jalaa baatullee, illaan mana hidhaa Wayyaanee keessatti mudatte irraa hin baane. Biyya baqatte keessatti, ammalee, dhibamaa jirti. Akkasumaa waliin, “qabsoo bilisummaaf godhamaa jirtu keessatti, dubartoonni akka gaafa keenyatti dhiira maddii dhaabbatanii qabsaawuu bira dabranii durummaan gaggeessuu qaban,” jechuun dhaamsa dabarfatti.

Qabsoon bilisummaa Oromiyaa tan yaroo Raggaatuun itti makamte, irra hedduu sabaatti manaama guyyaa fakkaachaa turte, arra, bahaa-dhiha, kaabaa-kibbaan xiqqaa fii guddaa lammii sossoosaa jirti. Kaa’imman, dhalaa fii dhiiraan, harka qullaa, mootumaa Wayyaanee rooraasaa jiran. Dhamsi Raggaatuun, bara 34 dura, daggala Baha Oromiyaa keessatti,

“Yaa ilmaan Oromoo, maaluma eeydanii

 Bakkuma jirtan maraa, diinatti hin-kaatanii?”

jettee lallabde, guuguu fii aasaabaloon baadhatamee, gaarranii fii laggeen qaxxaamuree, guutuu Oromiyaa wal-gayee, qoma lammii fudhatee, arra, xiqqaa fii guddaan lallabamaa jira. Raggaatuu fii qabsaawota gaafasii keessaa kanneen tana arkuuf hiree arkataniif, gammachuun daangaa hin qabdu. Akkuma Raggaatuun hawwitutti, arra, shamarran Oromoo qabsoo bilisummaa, maddiin odoo hin taane, durummaan finiinsaa jiran. Akka itti jiran kanaan, bilisummaan warri akka Raggaatuu joollumman araraafamaniif fagoo hin jirtu.

Oromiyaan ni bilisoomti!

Yaadaaf: abbaaurjii@gmail.com

Check Also

faannoo

OROMO CIVILIANS CONTINUE TO BE TARGETED BY FANO MILITIA

Amhara Fano continued to attack Oromo civilians. In this latest incident, at least 17 people …