Oduu Haaraya

Dubbii OMN fi Tokkummaa Ilaalchaa Mooraa QBO

Malkaa Caffee 

TV-n OMN (Oromia Media Network) erga hundeeffamee tamsaasa isaa jalqabee waggaa 1 guutuuf guyyoota muraasatu isa hafa. Hundeeffamni TV kanaa Media Walaba kan dhiibbaa alagaas tahe qaama/jaarmaya siyaasaa Oromoo kamuu irraa bilisa tahee Dantaa Saba Oromoo kan waliigalaaf tajaajiluu danda‟u Oromoon akka qabaatuuf yaadamee akka tahetti hubatama. Umrii isaa tan hanga yoonaa keessatti jaalalaa fi deggersi, akkasumas, dhageeytiin guddaan inni Oromoo irraa argates amantii fi hubannoo kana irratti kan hudaawee dha.

Akkuma hawwamee fi gammachuu guddaadhaan simatametti, yeroo gabaabduu tana keessatti bu‟aan inni buuses akkaan guddaa dha. Kun sab-boontota ilmaan Oromoo Media kana hundeessuu fi asiin gahuu keessatti bifa gara garaatiin gahee ofii bahachaa turanii fi jiran hunda kan galateeffachiisuu fi quudhisiisuuf tahuutti dabalee akkuma waliigalaattuu Oromoo waa‟ee eenyummaa ifii sirriitti hubatu mara kan boonsee dha jechuutu danda‟ama. Kun hubannoo sab-boontota Oromoo hedduu natti fakkaata.

Osoo akkasii, OMN maaliif umrii isaa reefuu waggaa tokko guutaa jirtu tana keessatti dubbiin/yaa‟iin deddeebitee irra mammarti gaaffiin jettus gaaffii namoota hedduu tahaa dhuftee jirti. Hundeeffamuu OMN irraa kaasee yeroo fi bakka adda addaatti yaadota bifa komii, qeeqaa, shakkii fi gungummiitiin daddarbataman (kan barreeffamanii fi dubbataman) dabree dabree argaa fi dhagahaa turus hundi isaanii guddoo qalbii tiyya harkisuu hin dandeenye. Sababni isaa, OMN akkuma sab-boontota Oromoo hedduudhaan abdatamee fi hubatame sanatti Dantaa Oromummaa (Oromo National Interest) tajaajiluuf dhaabbate yaada jedhu akkan shakku waan na taasisu arguus dhagahuus waanin hin feeneefi. Dubbuma shakkii fi gungummii akkasiitiin wal qabsiisuudhaan ibsi dhiheenyuma kana miseensota Boordii OMN irraa kennames abdii fi hawwii kiyyaa fi kan Oromoota hedduu kan tahe OMN Dantaa Oromummaa (Oromo National Interest) tajajaajiluuf dhaabbate.” yaada jedhu kan gadi cimsu ture.

Haa tahu malee, osoo hin turin ammaas, jalqaba baatii kanaa irra bobbaa ergamtoota Wayyaanee (Abbaa Duulaa Gammadaafaa) kan Minesootaatiin wal qabatee suuraan tokko kan gaazexeessitoota OMN fi Abbaa Duulaafaan gabatee tokko irratti akka waan waliin soorachaa jiraniititti agarsiisu internet irratti maxxanfamuun amantii fi abdii OMN irratti sab-boontotni Oromoo qabaachaa turan kan hundeedhaan raasu tahee as bahe.

Namootni duraanuu adeemsa OMN irraa shakkii qabaachaa turan dubbii suuraa sanaa booda ammoo inumaa OMN akka waan OPDO waliin qaama tokko taheetti hadheeffatanii dubbachuutti waan cehan fakkaata. Kanneen duraan OMN irratti amantii guutuu qabaachaa turanis ammaan tana shakkii namoota hagoo biraa mumul‟achaa turte sana gara qooddachuutti tarkaanfachuutu mul‟ate. Kana irraa ka‟uudhaan “Maaltu maal tahe?” Waan jedhu irratti akkuma dhihoo oggaa rakkoon dhimma bulchiinsaatiin wal qabatti jedhamte OMN keessatti mudatte godhan sanatti hoogganootni dhimmi ilaalu ammas ibsa ni kennu taha abdiin jettu waan hedduun namaa gurra qeensee eegaa jiru fakkaatti.

Barreeffamni gabaabduun dhimma kanaan wal qabatee Jawaar Mohaammad (nama OMN hundeessuu keessatti qooda ol‟aanaa qaba jedhamu) irraa Amaarinyaadhaan dhihaatte tan Gadaa.com fi website dhuunfaa isaa irratti mata-duree “ግልገል ነፍጠኞችን ምንድነው የሚያንጫጫቸው?” jedhuun maxxansamtes ammoo waanuma dubbii tanaaf ibsa ykn. deebisaa akka taatuuf yaadamtee dhihaatte fakkaatti. Haa tahu malee barreeffamni sun haala mudate sanaaf deebisaa quubsaa tahuu dandeesse/dandeessi hin fakkaattu.

Inumaa iyyuu waan OMN keessatti mudate sana irratti barreeffamni Jawaar kun oggaa dabalamtu gaaffii natti bulche (kaniin calleessaan bira kutuu dadhabe)tu akkaan barreeffama gabaabduu tana barreessu na dirqisiise. Gaaffiin tuni ammoo dhimma tokkummaa ilaalchaa mooraa QBO keessatti barbaachistuu jedhee ani amanuu wajji tan wal qabattu malee dhimma nama dhuunfaa ykn. OMN qofaan tan wal qabattu akka hin taane jabeessee dubbistoota hubachiisuun fedha.

Innis:

  1. Abbaa Duulaa Gammadaa fi fakkaattotni isaa ergamtoota TPLF tahuudhaan akka „robot‟ ykn. akka bineensota mana galan gariitti waan itti ajajaman (tolchuus tahe balleessuu) raaw‟achuu irraa kan hafe akka Oromootti of danda‟anii kan dhaabbatan akka hin tahinii fi aangoo ittiin dantaa Oromummaa tarkaanfachiisan akka hin qabne hundaan beekamaa dha. Kana waan taheef sab-boontota Oromoo biratti jarreen kun Wayyaanee irraa addaan baafamanii hin ilaalaman. Dhiheenyuma kana mirga abbaa biyyummaa Saba Oromoo falmuu irratti (hiriira mormii dhimma Master-Plan Finfinneetiin wal qabateen) lubbuun ilmaan Oromoo danuun (daa‟ima ganna 8 irraa hanga jaarsa ganna 80tti) Wayyaaneedhaan galaafatame. Abbaa Duulaa Gammadaa nama wal-tajjii irratti bahee wareegamtoota sanaan “Warri ajjeefaman sun kashilabboota.” jedhee arrabsee dha.

Akka barreeffamni Jawaar sun himtutti gaazexeessitootni OMN nama Abbaa Duulaa Gammadaa jedhamu kana wajji gaaffii fi deebii gaggeessuuf gaafachaa turaniiti osoo sanatti milkaawuuf tattaafatanii suuraan sun quba qabeenya isaaniitiin maleetti kaafamte. Egaan, namticha yakkamaa harki isaa dhiiga ilmaan Oromootiin faalame akkanaa kanatu OMN irratti dhihaatee akka dubbatuuf kabajaadhaan afeerame jechuu dha. Barreeffama Jawaar keessatti “…የኦሮሞ ጋዜጠኖች ከአንድ የኦሮሞ ባለስልጣን ጋር ፎቶ ላይ ታዩ ብለው…” dubbiin jettus sab-boontota Oromoo biratti ergaa addaa tan dabarsituu fi shakkii babal‟istuu dha. Sababni isaa, OMN akka dhaabbata (institution) tokkootti, namootni achi keessa jiranis akka dhuunfaatti qaama QBO akka tahanitti ykn. mooraa QBO keessa akka jiranitti hubatamu. Mooraa QBO yeroo jennu Jaarmayoota/Dhaabotaa fi murnoota irraa hanga nam-tokkeetti kanneen kabajamuu mirga bilisummaa fi abbaa-biyyummaa Oromoof dhugaadhaan dhaabbatan/qabsaawan hundi kan keessatti hammataman marsaa ykn. circle sab-boontotaa fi qabsaawota Oromoo jechuu keenya. Kanneen mooraa kana keessa jiran yoo xiqqaatee xiqqaate, dhiiga lammii isaanii dabaan dhangalaafamuu fi lubbuu lammii isaanii akka bineensaatti adamsamee ajjeefamu waan ilaalu irratti ejjennoo wal fakkaataa qabaachuun barbaachisaa dha. Kun Safuu ykn. „ethics‟ Sabummaa ti. Mooraa QBO keessatti hanqina tokkummaa isa ilaalcha siyaasaa, ilaalcha amantii fi ilaalcha gosummaa ykn. gandummaatiin mudatu caalaa Hanqina Tokkummaa Ilaalchaa isa dhiiga lammii keenyaa gar-maleetti dabaan dhangalaafamu irratti ejjennoo wal fakkaataa dhabuudhaan mudatu akkanaatu caalaatti irratti hojjetamee irra aanamuu qaba.

  1. Osoo Abbaan Duulaa afeerraa gaaffii fi deebii/„interview‟ OMN dhiheesseef sana sirnaan simatee, gaazexeessitootni OMN bifa barbaadaniin TV OMN irratti nuuf dhiheessanii waan itti qophaawan mara gaafatanii hoo maaltu taha? OMN Abbaa Duulaa irratti qorannoo yakkaa/„criminal investigation‟ gaggeessuuf akka hin yaaminii fi sana gochuus akka hin dandeenye beekamaa hanga tahetti Abbaan Duulaa OMN irratti kabajaadhaan afeeramee dubbbachuuf carraa argate sanatti dhimma bahee waan barbaade dubbatee nagaadhaan galuuf mirga qaba ykn. gochuu danda‟a ture. Akka kanaan osoo silaa dhihaatee waanuma wal-tajjiilee biroo irratti jechaa bahe sana irra deebi‟ee (“Kashilabbummaa ilmaan Oromoo isaaniin ajjeefamanii” OMN irrattis yoo nutti hime) bu‟aan siyaasaa kana irraa argamu Dantaa Oromummaa (Oromo National Interest) isa akeeka bu‟uraa OMN tahe sanaaf moo OPDO-dhaaf caalaatti gargaara ture? Walabummaan OMN gantootaa fi yakkamtoota harka dhiigaa kanneen akkasiitiifis waltajjii isaa banaa hanga taasisuutti deemuufaa hunda hammataa?

OPDOn (Jaarmayni gantootaa kan Abbaan Duulaa itti miseensa tahe) akka jaarmayaatti diina Ummata Oromoo mitii? Gufuu/farra QBO tahuudhaan faallaa „Oromo National Interest‟ warra dhaabbatan mitii? Abbaan Duulaas tahe miseensi OPDO kamuu hanga Jaarmaya Wayyaanee sana lagatee keessaa hin bahinitti OMN irrattis tahe waltajjii kamuu irratti gochaa gantummaa fi diinummaa Ummata Oromoo irratti hojjechaa jiran sana akka waan gaarii hojjechaa jiranitti (akkuma TV Adaamaa fi Finfinnee irratti ololachaa jiran sanitti) ololachuuf carraa argatanitti dhimma bahu malee dhugaan isaan OMN irratti nuuf himuu danda‟an jirtii? OMN irratti dhihaachuun isaaniif yoo fayyade malee „Oromo National Interest‟ isa OMN tajaajiluuf dhaabbate jedhamee abdatamuuf waan fayyadu ni qabaataa?

Xumura:

Oromoon akka Sabaatti waanjoo gabrummaa (sirna bittaa alagaa) jala jirra. Waanjoo gabrummaa kana of irraa buusuuf/darbuufis akka Sabaatti qabsoo gochaa jirra. Gufuulee QBO keessaa guddaan tokko gantummaa dha. Meeshaa guddaan humnootni gabroomfattuu ittiin cabsanii nu gabroomfatanii fi hanga ammaa gabrummaa jalatti ittiin nu turfachaa jiran tokko gantootaa fi gantummaa dha. Sanaaf ragaan guddaan Goobanaa Daaccii fi fakkaattota isaa kanneen bara Minilikii fi OPDO (akka qaamaatti) kanneen bara ammaa (bara Wayyaanee) ti. Kanaaf jecha, Oromummaan dhiiga tahus Ilmaan Oromoo kanneen hiriira gantummaatti hiriiranii gabroomfattoota wajjin dhiiga lammii isaanii dhangalaasisan mooraa Oromummaa keessatti ramaduunii fi akka Oromootti isaan ilaaluun rakkisaa dha. Isaan faallaa Dantaa Oromummaa warra dhaabbatan waan tahaniif dantaan Oromummaa fi kan isaanii (akka jaarmayaatti) waliin tajaajilamuu ykn. wal tumsuu hin danda‟u.

Media-n kamuu (kanneen media walaba jedhamanis tahe kaan hundi) akeeka dhaabbataniif fi abbaa akeeka sanaaf jecha isaan tolfte qabu. Akeeka sana irratti hundaawuudhaan milkaawinsa akeekichaa irratti abbaa akeeka sanaa tajaajilu. Kana jechuun, yaadaa fi dhimma faallaa akeeka sanaa tahe hin tajaajilan jechuu akka tahe beekamaa dha. Gabaabaatti bal‟inni isaa haa wal caalu malee hundumtuu akeeka dhaabbataniif irratti hundaawuudhaan sarara keessatti daangeffaman ni qabaatu. “Lakkii akkanaa mitii, Media Walaba jechuun akka ifa Biiftuu ykn. akka ‘oxygen’ nama hundaaf wal qixa dhimma baasuu warra danda’an jechuu dha.” Yaadni jedhu yoo jiraate (media akkasii addunyaa tana irra jiru yoo jiraate akka fakkeenyaatti maqaa waliif dhawanii) wal barsiisuu fi wal irraa barachuun garuu ni danda‟ama.

Kanaaf OMN akka itti hubatamaa fi abdatamaa yoona gahetti Kaayyoon isaa guddaan Dantaa Saba Oromoo (Oromo National Interest) tajaajiluu yoo tahe wanneen faallaa kanaa tahan irraa akkaataa itti of eegee bilchinaan socho‟u falachuu qaba. Oromoonis osoo waan xixiqqoodhaan gammaduudhaanis tahe mufachuudhaan hin dogoggorre yeroo waan hamtuu ykn. dogoggora argu qeeqa ijaaraadhaan itti duulaa, yeroo waan gaarii fi jajjabina argus daran jabeessuuf waan danda‟uun birmachaafii (akkuma hanga ammaa gochaa jiru kanatti) OMN Media dhugumaan Dantaa Oromummaa tajaajilu tahee akka daran jabaatee itti fufu taasisiuuf qooda lammummaa ifii namuu bahachuu qaba. Na Hoofkalchaa !

Malkaa Caffee
Gurraandhala 14, 2015

Check Also

faannoo

OROMO CIVILIANS CONTINUE TO BE TARGETED BY FANO MILITIA

Amhara Fano continued to attack Oromo civilians. In this latest incident, at least 17 people …