Oduu Haaraya
mayyuu2013

Duula Duguugmaya Qaccee Dhalootaa (genocide)

 

Duulli duguugiisa shanyii kan qaccee dhaloota Oromoo fuulleeyfate ammaas bifa haarayaan geggeeyfamaati jira. Weerarri Wayyaaneen karoorsite kuni akeekni saa Oromoo buqqaasanii onafii qubsuma malee hambisuu, idda saa hortee soomalii qubachiisanii lafa Oromoo Soomaaleeysuu dha. Kana dhugoomsuufis humna addaa kan “Liyyuu Pooliis” je’amuufi hidhattoota naannoo Soomaliitu Ona Qumbii fi Mayyuu qubsuma Oromoo Anniyyaa keessatti bobbaafame. Duulli erga eegalame torbaan Sadii bira dabre kuni gaaga’ama guddaa qabeeyaafi lubbuu namaatirraan gayaati jira.

Duula guy lamaaf Qumbii naannoo Minotti guyyaa lama guutuu 6/23/13 fi 6/24/13 godhameen Oromoo sadi (3) ajjeesanii lama madeeysan.

7/9/2013 Ona Mayyuu Gaara Walloo bakka ja’amtutti Ganda nagayaan qubatee taa’u, bariisaa osoo ifirraa qubanqabne isaa ciisutti jiru weeraruudhaan nama 5 (shan) ajjeeesani lama madeeysan.
7/14/13-7/21/13 tti osoo adda hin dhaabin lafoota maqaan akka armaa gadi i kanatti himamurratti tarkaanfii suukanneeysaa raawwatanii jiru.

Bakkoota Calloo, Qilee, Waldaya Mojoo, culul, Muluqqee,Carfii fi Dagattu ja’amaniitti duulli waraanaa July 9/2013 Jalqabame guyyaa tokko osoo jidduu hin oolin hanga ar’a August 4, 2013 tti deemaa jira Weerara kana keeysatti nama 26 ajjeesanii nama lakkooysaan hedduu madeeysan. Namoota ajjeefaman keeysaa namoonni shan (5) ajjeechaa haalaan nama suukanneeysuun ajjeefaman.

Aliyyii jugoo jaarsa umriin 85 qabanii hidhanii hanga ruuhiin keessaa baatutti uleen osoo tuman ajjeesan.2, Siraaj Rashiid Calloo fii darg agoota 2 (lama) akka beeyladatti ciibsanii billawaan gorra’an. 3, jaarsa umriin bara 80 dabalatee, mana keeysatti alaan itti cufanii ibiddaan guban.

Maraataa tokko ka ala galuu qabanii kuusa boqqolloo keeysatti darbanii ibiddaan gubanii ajjeesan.

Mucaa xiqqaa ganna lamaafii baatii Afurii yeroo isaan ganda weeraran kan haadhaan adda bahe qabanii ibidaa bobeeysanii keeysatti darban; garuu osoo inni hin du’in namni biraa dhaqqabee keeysaa fuudhee amma hospitaala magaalaa Harar jira.

Nammoonni rasaasaan ajjeefaman bakka fii guyyaan akka asitti aanu kana:

Guyyaa Maqaa Bakka

7/9/2013 Muhammad Yuusuf Guuled Gaara Walloo
7/9/2013 Ibraahim Heenoo Gaara Walloo
7/9/2013 Ahmad Jiillee sheek Muusaa Gaara Walloo
7/13/13 Rashiid Iimaan Yuuddo
7/24/ 13 5,Abdulwaajib Idiris Waldaya Mojoo fii Culul
7/24/ 13 6, Abdii Yuusuf Baatii Araddaa QILEE
7/24/ 13 7,Abdii Jibraa’il Alii Araddaa QILEE
7/24/ 8, Ahmad Yaasin Jibraa’il Alii Araddaa Qilee
Wanni nama Gaddisiisu guddaan jarri lamaan kun Obboleeyyan.

7/28/13 9, Ibraahim Ahmad Muhammad Waldaya Mojoo fii Culul
7/28/13 10, Hassan Bayaan Kaliif Waldaya Mojoo fii Culul
7/28/13 11, Mahmuud Habiib Alii Waldaya Mojoo fii Culul
7/28/13 12,Ahmad Aadam Tuquraa Wadaya Mojoo fii Culul
7/28/13 13, Muhammad Abdullaa Ibraahim Waldayaa Mojoo fii Culul
7/13 14, Aliyyii Jugoo Miidhagaa Lolaa
7/13 15,Siraaj Rshiid Calloo Miidhagaa Lolaa
08/01/13 16, Abdalla Muhsin Dura taa’aa Araddaa Gabiibdaa Gabiibdaa
08/01/13 17, Mahmuud Xayyib Gabiibdaa
08/01/13 18, Aiyyii Xayyib jarri lamaan kuniis obboleeyyani Gabiibdaa
08/01/ 13 19, Usmaa’il Misbaah Gabiibdaa
20, Haawaa Abdii Bareento Dullattii mana keeysatti guban Waldya Mojoo fii Cul

Warra ajjeefaman keessaa Namni 6 maqaan isaanii hin beekkamne.

Kana malees, midhaan ummanni keenya oomishatee uudatti galfate ni guban. Kuniis ummanni sun lim’ata dhabee beelaaf akka saaxilamu gochuu dha.
Beeyladaa ummanni qabu gaallan, saawwan, Re’eeleefi Harreelee ni a’an; ni (saaman)
Ummanni ona Mayyuu gochi hamaan irratti raaw’atame kuni July 19/ 2013 hiriira bahuudhaan diddaa wayyaanee fi Soomalii gocha kana raaw’achaa jiranirratti qabaniifi waan itti dhagayame ibsatanii jiru

Kan Soomalii (warra killil 5ii) qopheeysee qindeeysee isaanirratti bobbaase wayyaanee tahuuBulchiinsi naannoo Oromiyaa ni dide; dura dhaabbatee falmatuuf mirga kan hin qabne waan taheef ummanni gaafiilee armaa gadii tana dhiheeysanii jiru:
Soomaloonni magaalaa tana taa’anii isaanii basaasaniifii logistic waraana kanaaf erguuf haala mijjjeeysaniif akka nurraa bahan.
Daangaa keenya nuuf haa kabajamu
Qawween xixiqqaa fi gurguddaan, Rasaasnii fii Logistic iin akka soomaliif kennamuu nuufis haa kennamu.
Soomaliin daangaa keenya caphsitee lafa teenyarraa nu buqqisaa jirtu hatattamaan akka biyya teenya keeysaa baatu.
Nutiis daddaffiitti qubsuma teenyatti deebinee eeggumsi barbaachisu akka nuuf godhamu bulchinsa Oromiyaatiifii mootummaa fidraalaa gaafanna.
konkolaataan tokkolleen isaan keeysa deemee Liyuu police fii waraana killilii 5 ( shanii)tiif waa geeysuu akka hin dandeenye.

Balaa Wayyaaneen ummata Oromoorratti geggeessaa jirtu dhaabuu fi Oromoos gaaga’amarraa eewaluuf maal gochuu dandeenya? Oromoonni baqaafi godaansaan biyya alaa keessatti faffacaanii jiraatan waan armaan gaditti tarreeffame gochuu qaban.

Ilmaan Oromoo biyya qubatanii jiraatanirraa Xalayaa balaaleeffannoo barreessanii gara waajjiroota kanatti aananii erguu: Waajjira Mirga Namoomaa kan Mootummoota Waltahanii (UN Human Rights Office) Amnesty International, Human Rights watch.US President , EU.
Ilmaan Oromoo bakka jiranitti maqaa hawaasa isaaiitiin walyaamanii walgahanii marihatanii hiriira sagalee saanii ittiin dhageeysisan qopheessuu
Mediyaan Oromoo hundinuu sagantaa hubannoo ummataa cimsan qabaachuu; haga rakkoon tuni furmaata argattuus itti fufuu. Kuni Manneen Paltalk Oromootis ni dabalata.
Hayyoonni, Beektoonni Oromoo barruulee dhimma kana fuulleeffatanii duguugmaya qaccee dhalootaa garanaan geggeeffamaa jiru saaxilan afaannan gurguddaa addunyaatii barreessuu; dokumentarii qopheessanii tamsaasuu, conference marii qopheessuu
Artistoonni Oromoo aartii dhimma kana ibsu qopheessuu ( wallee baasuu, walaloo, diraamaa, qopheessuu; postaroota maxxansiisuu
Jaarmayoonni Amantii (Masgidoota fi Mataskaanoota) hundatti Waaq kadhachuu
Ummata lafa isarraa buqqa’e, Maatii qabeenyi isaanii saamame,gubameefii namoonni irraa wareegaman hatattamaatin dhaqabuu.

Tarkaanfiilee kana fudhannee balaa hawaasa Oromoorratti bargaafate kana faccisuufi hanqisuuf haa tattaafannu.

 

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …