Oduu Haaraya

Ergaa Gulaalaa ejjennaa imaammata ADO Ibsu

Yeroo ammaa kanatti haalli siyaasaa Ethiopia keessatti mul’atu, baayyee wal xaxaa, yaaddeessaa fi xumurri isaa maal ta’uu akka malullee tilmaamuun kan nama rakkisu ta’aa jira.

Addi Dimokiraatawaa Oromoo (ADOn) akka dhaaba siyaasaa rakkoowwan uummata Oromoos ta’eekan biroo waggoota dheeraadhaaf turaniif  furmaata waaraa argamsiisuudhaaf dhaabbate tokkootti waan biyya sana keessatti adeemaa jiru dhiyeenyaan hordofa.

Har’a biyya Ethiopia keessatti kanneen gaaffii mirgaa gaafatan, gaaffii mirgaa gaafachuu isaanii qofaan qamaa fi qalbiin bakka jiran hundaatti dararamaa jiru, itti dabalees  mirgi, bilisaan yaada ofii ibsachuu, amantii barbaadan akka barbaadanitti hordofuu, mirgi dubbisuu fi barreessuu, mirgi qooda fudhannaa dhaabbii siyaasaa uggaramee jira. Itti dabalees maqaa misoomaa fi dhaabota misoomaa babal’isuun ummanni qee isaa irraa  buqqawee jireenya gadadoo fi rakkoo hamaa keessa akka jiraatu taasifamaa jira. Faallaa isaan ammoo qoondaalotni Mootummichaa fi kanneen sirnicha lalisan ammoo aangoo arkaa qabaniin duroomaa fi badhaadhaa jiraatan. Kunis balaa guddaan biyya sanarratti gonboobee akka jiraatu taasise.

Haalli fokkisaan yeroo ammaa kana biyya Itoophiyaa keessatti mul’achaa fi babal’achaa jiru kuni, yeroo maqaa Waltajjiin Marii Oromotiti (WMO) jedhu jalatti socho’aa turre du’a Mmuummicha Ministeera biyyittii duraanii, Obboo Mallas Zeenaawii, ilaalchifnee ibsa baafne keessatti waan jenne turre ammas irra deebinee akka dhaaba siyaasaa Adda Dimookiraatawaa Oromoo (ADO) jedhamee ifatti beekamuutti kaasuu barbaanna. Dhaggeeffattoota Raadiyoo Bilisummaa Oromoo fi hordoftoota Marsaa ADO yaadachiisuudhaaf – Waltajjiin Marii Oormoo ibsa du’a Mallas ilaalchisee baase sana keessatti rakkina Itoophiyaa keessa jiru fi furmata isaa ilaalchisee akkana jedheetu ture.

Rakkinni polotikaa yeroo ammaa Itoophiyaa keessatti mul’achaa jiru rakkina ilaalchaa qofa miti. Rakkina sirna dimokiraasii fi abbaa-hirrummaa keessaa tokko filachuu illee miti. Kan iyyummaa fi misoomaas miti. Rakkinni Itoophiyaa keessaa kana caalaa kan hundee isaa gadi fageeffate dha. Kana keessatti, rakkoon inni guddichi immoo, ummatootni biyyittii keessaa, akka lammoota mirga lammummaa qabaniitti osoo hin taane, kanuma dirqama mootummaan irra kaa’u raawwachuuf taa’an qofa taasifamanii ilaalamuu isaaniiti. Hundeen rakkinichaa haalli mootummaa biyyattii kan akkamii haata’uu fi eenyuutu abbaa itti tahuu qaba kan jedhuu irratti walii-galteen hawaasummaa dhabamuu isaa irratti dha. Humni mootummaa biyyatti seeraan kan mirkanaa’e ta’uu dhabuun isaa hanga fala hin argatnetti, walitti-bu’iinsi yookaan wal-dhabdeen siyaasa, haalli qabsoo hidhatnoo, hacuuccaanii fi mootummaan ummata isaatiif ifa tahuu hafuun dhaabbachuu hin danda’u. Kun immoo hawwii ummattoota ukkaamsa jala turanii guutuuf  carraaquu qofa osoo hin taane, fedhii tokkummaa biyyatti akka jirutti tursuu wajjin kan walitti hidhate dha. Kanaafuu, mareen gartuulee hundumaa hirmaachise, karaa jeequmsa kana keessaa itti-bahamu argamsiisuu danda’a jennee amanna. Aaloon aaloo uuma, yookaan karaa kenna; maraammartoon isaa immoo osoo addaan hin citin itti fufuun ni mala. Maraammartoo jeequmsaa yeroo dheeraaf keessa cuuphamnee jirru kana cabsinee keessaa bahuuf, araara maree irratti hundaa’ee fi rakkoolee waliin-qabnuuf furmaataa karaa nagaa argamsiisuu kan dandeesiisu sochii haarawaa jalqabuu nu feesisa. Humna  waraanaatiinis ta’ee kan ummataatiin, mootummaanis ta’ee humnoota mormitootaatiin, rakkina yookaan wal-dhabdee siyaasaa biyyattitiif furmaatni gam-tokko yookaan gartuu tokko qofa irraa dhufee fala ta’uu danda’u hin jiraatu.

Sababni waltajjiin kun, paartii isa aangoo irra jiru dabalatee, maree gartuulee siyaasaa hundumaa hirmaachisu akka jalqabamuu fi itti-galli isaas walgahii maree guutuu biyyaa qopheessuu akka ta’u kan fedhuuf kanaaf dha. Kunis, dhaabbattoota dhugumaan dimokiraatawaa ta’anii fi kabajaa ummattoota Itoophiyaa keessaa mirkaneessanii ummaticha irraas kabaja kan horatanu akka dhalatanu gochuu fi ittichiisuu kan dandeessissu haala bu’uuraa tokko lafa kaahuufi dha. Dhaabbilee mootummaa jaarmayaalee siyaasaa waliin walittti-hidhatnaa hin qabne, paartiilee gara garaa keessatti amantaa kan maddisiisanu fi dandeettii, akkasumas fudhatama qabaatanu ijaaruu qofatu filmaata haqaa irratti hundaa’ee fi walaba ta’e geggeessuudhaan tokkummaa jabaa kan qabaatu, mootummaa federaalaa dimokiraatawaa ummattootaan dhuunfatamee ummattootaan tikfamu uumuu dandeessisa.”




Ibsi suni maqaa WMOtiin edda bahee waggaa tokko ta’uudhaaf deema. Rakkoon biyya Itoophiyaa garuu du’a Mallasiin boodas furmaata argachuu otoo hinta’iin ittuu hammaatee kan kaleessaa sana caalayyuu cimee itti fufee jira. Yeroo ammaa kanammoo, rakkoon biyyittii ijaaf gurra dhabee biyyittiinumtuu garamitti adeemaa akka jirtu wallaalchisaa jira.

Akkuma irra deddeebinee ibsuu yaalle, rakkoowwan Itoophiyaa  wal xaxaa fi baa’yee yaaddessaa ta’aa waan deemaniif qaama humnaan taayitaa mootummaa qabate, gara fuunduraattis taanaan qaama humnaan taayitaa qabatu tokkoon kan hiika argachuu danda’an miti. Kanaafuu, dhaabonni, gareewwan fi namoonni dhuunfaa dhimmi Itoophiyaa nu ilaala, rakkoo biyya sanaa otoo badii caalu hinfidiin hiikuu qabna jennee amannu hundi, mootummaa amma taayitaa qabatee jirus dabalatee,  walitti dhufnee furmaata hundee qabuu fi dhaloota boruutiif ta’u argamsiisuudhaaf mari’achuun yoomuu caala har’a barbaachisaa ta’ee mul’ateera.  ADOn marii  kana argamsiisuu fi fuula duratti tarkaanfachiisuuf gama isaan jabinaan hojjeta.

Kun ejjennaa ADOti
Caamsaa 29 bara 2013

 

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

Waraana calqaba isaa malee xumurrii fi ittibahinsi isaa hin beekamne – Oromoon maal godhuu qaba?

Berhanu Hundee Waraanni amma garee seeraa fi heeraa ala mootummaa Federaalaa ofiin jedhu fi mootummaa …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *