Oduu Haaraya

Fira jennee walitti hin dhiyaannu, diina jennee walirraa hin fagaannu, waayeen keenya kun maali?

Abdii Boruutiin

Oromoon yoo mammaaku: Ibidda fira jedhanii itti hin siqan ykn harkaan hin qaban, waan nama gubuufi; diina jedhanii irraa hin fagaatan, waan isa barbaadaniifi” jedha. Waan yeroo ammaa mooraa Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) keessatti godhamaa ykn ta’aa jiru yoon dhaga’u, waayeen keenya akka ibiddaa waan ta’e natti fakkaata. Tokkummaan qabsaa’otaa milkaawuufi jennee yeroo abdii dhaan eegaa jirrutti maqaa wal xureessanii wal yakkuutu mul’achaa jira. Kun maal jedhama? Garamitti (karamitti) nu oofa? Egereen keenya hoo maal ta’ina laata? Waayee kana akkan kaasu kan na taasise, waan guyyoota dabran keessatti marsaa bilisummaa.com irratti argamaa jiru dha. Pal talk barreeffamatti waan jijjiirame fakkaata. Yeroo tokkummaa dhaan, irree tokkoon diinarratti duulamuu qabutti, diina walitti ta’anii wal yakkuu fi walirratti duuluun akka qabsoo bilisummaa kana fi uummata Oromoos gaaga’u ykn miidhu otuu hin hubatin hafne moo otuma beeknuu akkana goona?

 

Yeroo ammaa, yeroo hidhaa fi ajjeechaan uummata keenyarra gahaa jiru yoomiyyuu caalaa hammaachaa dhufetti; barattootni keenya mana hidhaatti guuramaa jiranitti; kuun ammoo bakka-buuteen isaanii hin beekamnetti; yeroo Wayyaaneen kufuu dhaaf fiixee hallayyaarra geessee jirtutti; haalli ardii Aafrikaallee jijjiiramaa jirutti; uummatootni Suudaan kibbaa guyyaa walabummaa isaanii labsachuuf jiranitti; nuyis tokkummaa keenya ijaarree fi cimsinee; humna keenya jabeessinee; bilisummaa keenyaaf qabsoo kana cimsuu qabnutti; sirba’uma dur barame sanatti deebinee sirbuu dhaan; maqaa wal xureessuun, wal yakkuun, olola walirratti oofuun; diina dhiisanii walirratti duuluun; diinaaf (Wayyaanee dhaaf) yoo ta’e malee, uummata Oromootiif bu’aan tokkollee hin argamu. Ammas akkuma dur diinaaf qaawwa uumna; balbala banna ykn karaa baafna malee, haala kanaan qabsoon bilisummaa keenyaas cimuu hin danda’u.

 

Wayyaaneen, ilmaan Oromoo amantii, naannoo fi kutaa dhaan akka wal qoqqoodan; kana meeshaa godhatanii akka walirratti duulan godhuuf, tooftaalee adda addaatti fayyadamtee addaan nu hirtee; humna keenyas dadhabsiiftee; qabsoon tunis akka laaftu fi qancartu godhaa turte. Kan nama gaddisiisu garuu gochaa diinaa kanarraa barachuu dadhabuu keenya fi har’as akkuma dur ija diinaa fi alagaa fuunduratti wal nyaachuu keenya dha. Yeroo kuun qabsoo kana keessatti dhiiga ofii dhangalaasanitti; mana hidhaa keessatti dararamaa jiranitti; biyya abbaa ofiirraa baqatanii, biyya alagaa keessatti nagaa dhabanii jireenya hamaa keessa jiraatanitti; kuun ammoo biyyoota nagaa keessa taa’anii Pal talk fi marsaalee intarneetaarratti wal arrabsuun, wal abaaruun, wal jibbuu fi wal yakkuun abalu qabsaa’aa dha nama hin jechisiisu.

 

Qabsaa’aan dhugaa qawwee qabatee; gara dirree qabsoo deemee diinarratti rasaasa dhukaasee injifatnoo fiduu yoo dadhabellee (silaa qabsaa’aan dhugaa kana ture!!!), xinnaatullee karaa danda’amu hundaan; qabeenya, humna, barumsa, beekumsa fi dandeettii qabuun qabsoo kana keessatti gahee ofii taphata ykn qooda ofii gumaacha malee, yakka namootaa irratti yeroo fi humna ofii waan fixu natti hin fakkaatu. Kana hundaa godhuunillee yoo hafe, waan Oromummaa fi Oromoo diigurraa of qusata. Waayee diigaa akkanaatiif bakka hin kennu jechuu kooti. Yoo dhugaa fi garaa qulqulluu dhaan yaadan; yoo uummata Oromootiif – uummata irraa dhalatan kanaaf quuqaman; yoo Oromummaatti amanan, wanti qabsoo kana keessatti dalaguu danda’an baay’eetu jiru. Kan biraa hafee, diinaaf qaawwa uumuu, balbala banuu fi karaa baasuu dhiisanii; kana hundaa itti cufuu yaaduu fi yaaluunuu gahee guddaa taphachuu dha.

 

Kan bakkee tokko tokkotti mul’achaa ykn argamaa jiru garuu faallaa kana hundaa ti. Gochaa Oromummaa diigu dha. Maaliif kan dabrerraa barachuun rakkisaa ta’a? Ilma namaa ta’ee kan balleessa hin dalagne hin jiru. Balleessa dabrerraa barachuu danda’uunis akkasuma waan ilmaan namootaarraa eegamuu dha. Akka ilmaan namootaatti, nuyis Oromootni maaliif waan dabrerraa barachuu dadhabna? Hamma yoomiitti diina dhiifnee wal nyaachaa yeroo fi umurii keenyas fixna? Hamma yoomiitti qabsoon kunis akka qancaru goonee diina keenyas ofirratti cimsina? Wayyaaneen bar-kurnee lama kan nutti taphachaa jirtu humni ishii caalaa cimaa ta’ee otuu hin taane, tokkummaa fi humni keenya waan laafeefi. Kun dhugaa ifa ta’ee mul’atu malee, dhara miti. Laafinni mooraa keenyaa jabina fi cimina mooraa diinaa akka ta’u abbaa fedhe jalaayuu waan dhokatu natti hin fakkaatu.

 

Addi Bilisummaa Oromoo (ABOn) dhiiga fi lafee ilmaan Oromootiin ijaarame; qabsoo bilisummaa hadhaawaatu isa dhalche. Ilmaan Oromoo kumaatamaan lakkaawamantu itti wareegaman. Ilmaan Oromoo meeqatu har’allee maqaa kanaan hidhamaa, dararamaa fi ajjeesamaa akka jiran Oromoo dhiisii addunyaa kana jalaa illee hin dhokanne. ABOn jaarmayaa seenaa qabu; kan seera fi heera qabu; jaarmayaa kaayyoo isaatiif lubbuun meeqa itti wareegamte; kan laphee fi sammuu Oromoo keessatti guddate fi dagaage; jaarmayaa abdii bilisummaa Oromoo fi walabummaa Oromiyaa ta’e dha malee, jaarmayaa abbaan fedhe lafaa ka’eetuma akka mallattoo daldalaatti (trade mark) itti fayyadamu fi maqaa fi aangoo ittiin argachuu barbaaduu miti. Kaayyoo isaa bakkaan (galii dhaan) ga’uuf qabsaa’uu dhiisanii maqaa kanarrattii wal nyaachuun seenaa fi maqaa jaarmayicha jaalatamaa kanaas xureessuu ta’a.

 

Dhugaa dha, mooraa jaarmayichaa kana keessatti, waa baay’een dalagamee jira; balleessi guddaanis hojjetamee jira. Kuni ammoo waan dhokachuu danda’uu miti. Kana dhoksuun yoo yaalamellee, seenaanuu hin dagatu. Itti gaafatama seenaa jalaa abbaan fedhee bahuu hin danda’u jechuu dha. Namootni jaarmayaa kana keessatti balleessa dalagani fi dalagaas jiran ykn dalaguuf deemanis hunduu gaaf tokko itti gaafatama seenaa kana jalaa hin bahani; bahuus hin danda’an. Kun dhugaa waliigalaa ti. Rakkoo jiru gadi baasuun; shira xaxamaa jirus saaxiluun barbaachisaa dha. Waan kaleessa godhame fi ta’e dhalootni har’aa; kan har’a godhamaa fi ta’aa jiru ammoo dhalootni dhufu beekuu qabu jechuu dha. Iccitiin jirullee gaaf tokko ifa ta’uun waan hin oolleef, kanas uummata keenyatti himuunis akkasuma barbaachisaa dha.

 

Haa ta’u malee, shira jiru saaxiluun, iccitii jirus gadi baasuun bakkee fi yeroo qaba jedheen yaada. Bakkee’uma fedhanitti, yeroo’uma fedhan, waan fedhan dubbachuun ykn barreessuun sirrii natti hin fakkaatu. Oromoon safuu fi aadaa qaba. Aadaa Oromoo bareedaa keessaa inni tokko wal kabajuu, xinnaan guddaa kabajuu fi manguddootaaf bakkee guddaa kennuu dha. Aadaan kun ammoo kan itti dhalannee wajjin guddanne waan ta’eef, har’a biyya faranjii keessa waan jiraannuuf aadaa fi safuu kana hirraanfachuu ykn dagachuu hin qabnu. Asirratti wantin jechuu barbaade, namoota maqaa isaanii yaamanii (asitti abalu, abalu jechuu hin barbaadu) kabaja dhabanii gamaa gamanaa wal yakkuun, wal abaaruun aadaa keenyas xureessuu dha malee, dhumarratti qabsoo kanaafis ta’ee uummata Oromootiif bu’aa hin qabu. Dhugaan kun hunda birattuu hubatamuu qaba.

 

Waayeen akkanaa kun akka salphaa ykn laayyootti ilaalamuu hin qabu. Bu’aa maal argachuuf ykn argamsiisuuf jennee diina dhiifnee wal nyaanna? Maaliif diinnis haala nu uumnutti fayyadamee, umurii bittaa nurratti dheereffata? Akka mammaaksi Oromoo “Foon lafa jiruuf allaattiin mukarratti wal nyaatti”jedhu maaliif taana? Kan har’a waliigaluu hin dandeenye; yoo amantii, gosa, naannoo fi kutaa dhaan kan wal qoqqoodnu ta’e, bilisummaa barbaadnu kanaa kan argannu yoo ta’e (mee dura bilisummaanuu haa argamu naan jechuu dandeessu!), boru akkamitti biyya takka ijaarrannee nagaan wajjin jiraachuu dandeenya?Waayeen keenyas akkuma biyya Somaaliyaa ta’uu hin maluu? Waan har’a goonu qofaa otuu hin taane, kan boru taanu ykn boru nurra gahuu danda’us har’a itti yaaduun barbaachisaa dha jedheen amana.

 

Dhumarratti, barruu kiyya otuu hin xumurin dura, akkuma yeroo biraa carraa kanaan dhaamsa Oromummaa dabarsuun barbaada. Jaalannus jibbinus; amannus amanuu baatnus; fudhannus fudhachuu baatnus; ilmaan Oromoo ijoollee abbaa fi haadha tokkoo waan taaneef, amantii, gosa, naannoo, kutaa fi gandaan wal qoqqoodnee wal jibbuu haa dhaabnu. Jibba dhuunfaa qabannee yookaanis dallansuu dhaan wal yakkuu fi walirratti duuluus haa dhaabnu. Kun diinaaf malee, Oromoo dhaaf bu’aa hin qabu. Balleessa godhameef ykn shira xaxameef wal qeequun barbaachisaa ta’ullee, akka ilma namaatti, akka obboleessaa fi obboleettiitti wal haa kabajinu. Hunda caalaa ammoo, balleessa namootni dalaganiin kan ka’e, jaarmayaa jaalatamaa kana (ABO) maqaa fi seenaa akkasumas kaayyoo inni ijaarameef xureessuu haa dhaabnu. Kan biraa, daqiiqaa takkallee yoo ta’e, uummata Oromoo biyya keessatti hidamaa, dararamaa fi ajjeefamaa jiru, keessumaayuu dargaggoota fi barattoota keenyaa haa yaadannu.

 

Galatoomaa!

 

Abdii Boruuaboruu@gmail.com

Check Also

faannoo

OROMO CIVILIANS CONTINUE TO BE TARGETED BY FANO MILITIA

Amhara Fano continued to attack Oromo civilians. In this latest incident, at least 17 people …

One comment

  1. Gababumati gaafii qabsoon teenya maaliif galma gahuu dhabde jedhuuf akka yaada kooti “tokkummaa “dhabuu kenaafi.