Abdii Boruutiin
Mata duree kanaan yoon barruu kana dhiyeessu, dhimma qabsoo kanaarratti maaliif ibsi ykn/fi labsi baha? Maaliif walga’iin godhama? Maaliif ejjannoon ibsama? Kuni hunduu barbaachisaa miti; kana godhuunis haa hafu jechuu kiyyaa miti. Hawaasa fi adeemsa siyaasaa keessatti isaan kun hunduu barbaachisaa ta’uu danda’u. Haa ta’u malee, wanti jedhame ykn dubbatame; wanti karoorfatame tokko hojiirra oolee yoo hin argamne; yoo uummata keenyaaf jijjiirama tokko hin fidne, baruma baraan hojii walfakkaataa dalaguun bu’aa waan qabu natti hin fakkaatu. Kaayyoon barruu kiyyaas warra kana godhan qeequu miti. Yoon waayee kana qeequu barbaade, dura mataa kiyyarraan jalqaba. Anis taanan barruu dhibba dhiyeesseef uummata Oromoo dararama keessaa baasuu hin danda’u jechuu kooti. Walumaagalatti, haaluma keenyatu akkan yaada koo dhiyeessu na taasise jechuun barbaade.
Dubbii oo’isuuf otuu hin taane, dhugaa dubbachuuf qabsoon bilisummaa keenyaa gara intarneetaa, Pal Talk fi meediyaaleetti waan deebi’e fakkaata. Yoon akkan jedhu ammoo waayeen kun walumaagalatti hawaasota Oromoo biyya alaatti xiyyeeffata. Keessumaayuu jaarmayoota fi dhaabilee biyya ambaa keessa jiran ilaala. Kan dhugaa kanaan mormu yoo jiraate, gadi bahee uummataaf ibsa kennuu ni danda’a. Walga’ii wal yaamanii; ejjannoo baasanii addaan deemuun; gaafii fi deebii kudhan godhuun; tooftaa fi tarsiimoo siyaasaa ti jedhanii, asii fi achi jechuun; kan kaleessa dubbatan har’a faallessuun; nu wayya jedhanii kan biraa komachuu fi qeequun; hojii jijjiirama fidu dalaguu dhiisanii aangoo dhaaf wal dorgomuun; alaala taa’anii jechoota fi dhaadannoo dhaan diinatti aggaamuun; … uummata keenyaaf jijjiirama fi bu’aa tokkollee hin mul’ifne.
Mee daqiiqaa takkallee haa ta’u, waan uummata Oromoorra gahaa jiru haa yaadannu! Gadi fageenyaanis itti haa yaadnu! Waayee hundaa ibsuun yoo danda’amuu baate, fakkeenya tokko tokko kaasuun nama hin rakkisu. Biyya keenya Oromiyaa keessatti, uummatni keenya hidhamaa, dararamaa fi ajjeefamaa akka jiru waan haaraa miti. Haa ta’u malee, haalli yeroo ammaa jiru hammaachaa akka dhufe waan nama mamsiisuu miti. Dargaggootni keenya keessumaayuu barattootni Oromoo kuun hidhamaa fi ajjeefamaa yoo jiran, kuun ammoo bakka-buuteen isaanii hin beekamu. Hunda caalaa kan baay’ee nama yaaddessu garuu barattootni keenya nyaata summaa’een fayyaa isaanii dhabuu fi jireenyi isaaniillee gaaga’ama guddaa keessa akka jiru dha. Kana biratti ammoo, akkuma beekamu, lafti keenya gurguramaa dhumaa akka jirtu fi badiin kunis akka itte fufee jiru dha.
Karaa biraatiin ammoo, uummatni keenya, kan gabrummaa Habashaa jalaa baqatee biyyoota gara garaa keessa jiru, biyyota kana keessattis nagaa dhaan jiraachuu dadhabee; rakkoo kana jalaa dheessuu dhaafis meeqatu lubbuu isaanii dhaban? Meeqatu bishaaniin nyaataman? Eenyutu mirmateef? Eenyutu isaan bira gahe? Eenyutu iyyateef? Wal qabaachuun, waliif na’uun, waliif jirra jechuun, waliif iyyachuun yoomi? Walga’iin nu goonu; ejjannoon nu ibsinu; labsi ykn/fi ibsi nu baafnu; barruun nu barreessinu; intarneeta irratti yaadaan kan wal nyaannu;… kun hunduu uummata keenya, kan rakkoolee hamaa keessa jiran, gargaaraa?? Mala ykn furmaata ta’aa? Bilisummaan kadhaa dhaan akka hin argamne otuu beekamuu; otuu uummatni keenya madaa’aa, dhiigaa fi du’aa jiruu qabsoo nagaa “non violent struggle”gaggeessina jedhanii labsuun furmaata waan fidu fakkaataa?
Silaa haala uummatni keenya keessa jiru kanatu akka walii gallu fi tokkoomnee; qabsoo kanas cimsinee; irree tokkoon diinarratti akka duullu nu taasisuu danda’a ture!! Wanti mul’achaa jiru garuu faallaa kanaa ti. Qabsoo cimsuu dhiifnee, diinni akka nurratti cimu godhaa jirra. Yeroo tokko tokko yoon iitt yaadu, waanuma barbaadnuu waan beeknu natti hin fakkaatu. Dhuguma uummata Oromoo gabrummaa jalaa baasuufi moo maqaa qabsoo saba kanaatiin fedhii fi dhimma dhuunfaa dursuu barbaadna? Aangoof wal dorgomna moo waan caalu hojjennee argamuu barbaadna? Tokkummaa dhabnee, gara gara akka facaanu kan nu godhe maali? Akka walitti hin deebine kan nu taasisu hoo maali? Tokkummaan yoo dadhabame, gara gara jiraatanii wajjin hojjechuu fi tumsa waliif ta’uun, yoo kaayyoo tokkotti amanan, ulfaataa waan ta’u natti hin fakkaatu. Kaayyoo dhaabbataniif tokkotu akka tokkooman nama godha jechu dha.
Mooraa qabsoo bilisummaa Oromoo (QBO) keessatti, dhoksaa (iccitii) dhaanis ta’e ifatti; tooftaaf jedhamees ta’ee dhugaatti; kaayyoon adda addaa mul’achaa akka jiru ifa bahaa jira. Kana akkuma jirutti dhiisuu dhaan, mee gaafii tokkon kaasuu barbaada. Rakkoon waliigaltee fi tokkummaa yoo kaayyoo ta’e, warri kaayyoo tokko ykn walfakkaataa qaban maaliif hin tokkoomne? Yoo tokkoomuu (tokko ta’uu) hin dandeenye ammoo, maaliif waliin (wajjin) hin hojjenne? Waan tokko jechuun barbaada. Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) kan dhalche qabsoo bilisummaa hadhaawaa dha. Jaarmayichi kun lafee fi dhiiga ilmaan Oromootiin ijaarame. Abdii bilisummaa uummata keenyaatiis; kanaaf jaalatama. Waan inni jaalatamuuf, hunduu maqaa kanatti fayyadamuu barbaadu. Warri maqaa kanaan aangoo argachuuf kaatanis hin dhabamne. Maqaan kun akkanatti xuraa’uun isaa garuu baay’ee nama gaddisissa.
Asirratti, wantin dubbistoota barruu kiyyaa hubachiisuu barbaadu, akkuman kanaan duras irra deddeebi’ee ibsuu yaale, ani miseensa jaarmayaa siyaasaa kamiituu miti; ta’ees hin beeku. Kanaaf, jaarmayaas ta’ee garee tokkotti hirkadhee; isa kana deeggaruu dhaan; kan biraa hin balaaleffadhu. Jaarmayaa kamiifuu hin dubbadhu. Kamiiyyuu hin xiqqeessu; kamiyyuu hin guddisu. Jaarmayaa dhugaa dhaan bilisummaa Oromoo fi Oromiyaatiif qabsaa’u ykn hojjetu; kaayyoo kana galii dhaan ga’uuf kan garaa qulqulluu dhaan hojjetu fi jijjiirama tokko agarsiisu; kan bu’aa tokko mul’isu; kan waan dubbate hojiirra oolchu ykn hojii dhaan agarsiisu; kan Oromummaaf dursa kennu fi isa kanas guddisu; kan tokkummaa ilmaan Oromoo ijaaru nan deeggara.
Yoon akkana jedhu ammoo, uummata keenya faashistummaa Wayyaanee kana keessaa baasuuf; jaarmayaan dhugaa dhaan uummata Oromootiif dhaabbadhe jedhu akkana ta’uu ykn akkanatti dalaguu qaba jechuuf malee, ulaagaalee jaarmayaan Oromoo tokko guutuu qabu lafa kaa’uu kiyyaa miti. Erga addaanfottoqinni ABO uumamee kaasee hamma har’aatti gareen tokko tokkorratti duuluu; tokko tokkorratti olola oofuu; tokko kan wayyu fakkaatee of dhiyeessuu; tokko kaayyoo ganamaarratti ciche jedhee, kan biraa waan kana gane godhanii ykn jedhanii wal komachuu; sababa kanaan mooraa QBO laaffisuu fi dadhabsiisuu irraa kan hafe, jijjiiramni mul’ate hin jiru yoon jedhe dhara hin ta’u. Diinaaf jabeenya ta’e malee, uummata Oromootiif bu’aan argames hin jiru.
Har’a dargaggoota keenya, kan biyya keessatti dina faashistii kanaan hidhamaa, dararamaa fi ajjeefamaa jiran, bira dhaabbannee isaan gargaaruun yoo hin danda’amnellee, warri biyya alaa jiran tokko ta’anii; sagalee tokko dubbachuu dhaan; hamilee uummata keenyaa keessumaayuu kan dargaggoo jabeessuun barbaachisaa qofaa otuu hin taane murteessaa dhas. Kanaaf sagalee tokkon mootummoota fi hawaasota addunyaatti iyyachuu dha malee, ibsa ykn labsa baasuun; walga’ii wal yaamanii ejjannoo baasanii addaan deemuun; yaamicha tokkummaaf owwachuu didanii, gara gara deemuun; humna mooraa ofii otuu hin cimsin tumsa humnoota alagaa barbaaduun; ammas qabsoo tana gara hin taanetti oofa malee, uummata keenyaaf bu’aa waan fidu natti hin fakkaatu. Tooftaa fi tarsiimoo siyaasaa ti jedhanii; waan dursuu qabu dagachuun ykn dhiisuun qabsoo kanas akka gaaga’u mamiin hin jiru.
Yeroon ammaa, yeroo tokkummaa dhaan sagalee tokko dubbatan; dubbachuu qofaa otuu hin taane dhugaa dhaan tokko ta’anii argaman; waan dubbatan hojiirra oolchan; humna ofii cimsan; mooraa ofii qulqulleessani fi jabeessan; kan diinaa laaffisan; kan tumsa waliif ta’an, ta’uu qaba malee, akkuma dur barame sana; otuu uummatni keenya rakkoolee hamaa keessa jiruu; walirratti duulanii diinaaf qaawwa uumuun, balbala banuun, mallattoo dadhabbii ti. Mala fi furmaata dhabuu fakkaata. Akkuma dur, diina dhiisanii walitti garagalanii wal nyaachuu ta’a. “Kan dandeessu dhaani jennaan, dhirsi galee niitii dhaane” jedha Oromoon yoo mammaaku. Otuu Wayyaaneen uummata keenyatti taphachaa jirtuu, sana dhiifnee wal nyaachuun akka mammaaksa kanaa akka hin taane itti yaaduu qabna.