Oduu Haaraya

Uummata Oromoo hidhuu fi ajjeesuun qabsoo bilisummaa uummatichaa dhaabuu hin danda’u

 

Abdii Boruutiin

Erga uummatni Oromoo gabrummaa Habashaa jalatti kufee kaasee hamma har’aatti, hidhaa fi ajjeechaan uummta keenyarra ga’an dhaabbatanii hin beekan. Kuni ammoo Oromoo dhaaf waan haaraa miti; qabsoo bilisummaa isaarraa duubatti isa deebisees hin beeku. Qabsoo kanallee dhaabuus hin dandeenye; dhaabuus hin danda’u. Uummata hidhuu, dararuu, ajjeesuu fi biyyarraa baqachiisuun mallattoo gabroonfataa ti. Haa ta’u malee, hidhaa fi adamsi yeroo ammaa uummta keenyarra gahaa jiru, kan dur caalaa bifa biraa agarsiisaa jira. Bifti haaraan kun ammoo, uummta keenya akka Oromootti (waan Oromoo ta’aniif qofa) diinni isaanitti xiyyeeffachuu dha. Wanti iccitii hin qabne, Oromoo ta’uutu yakka ta’e jechuu dha. Wayyaaneen sababa adda addaa uumtee, kanaan uummta keenya man hidhaatti haa guurtu malee, wanti ifa ta’ee mul’achaa jiru duula Oromummaarratti godhamu dha.

 

Wayyaaneen maaliif uummata keenya akka adamsitu, sababni inni guddaan warraaqsi ykn fincilli diddaa gabrummaa ka’uun isaa akka hin oolle waan beektu fi kanas sodaattuufi. Kanaaf, miseensotni ykn hoggantootni dhaab ishiin ijaartee, akka meeshaatti itti fayyadamaa jirtuu OPDOn illee adamsa fi hidhaa yeroo ammaa kana jalaa ba’uu dadhaban. Gaafiileen asirratti ka’an garuu: 1) Warri miseensota dhaaba kanaa ta’ani fi hamma ammaatti rakkoon akkanaa isaanirra hin ga’in, nuyis boru carraan keenya kanuma ta’uu danda’a jedhanii yaaduu laata? fi 2) Oromootni hafan hoo, wanti adeemsa yeroo ammaa fi gochaa Wayyaanee kanarraa hubatan jiraa? kan jedhanii dha. Warri OPDO keessa jirani fi diina tajaajilaa jiran, miidhaa isaan uummta Oromoo irraan ga’an hubatanis hubachuu baatnis; kan dabrerraa baratanis barachuu baatanis, kana booda carraan isaanii maal akka ta’u filannoo lamatu jiru.

 

  • Filannoon tokko, hojii balleessaa fi seenaa xureessaa kana itti fufanii; duula balleessanii baduu dalaganii; yoo Wayyaaneen kufte isaanis gooftolee isaanii wajjin kufuu dha. Kuni ammoo, kufanii hafuu qofaa otuu hin taane, seenaa badaa barreessanii dabruu dha.

 

  • Filannoon biraa, nu gaye jedhanii; kan dabrerraa baratanii; uummata dhaabbanneef jedhan kana bira dhaabbachuu fi bilisummaa dhugaatiif wajjin qabsaa’uu dha. Wayyaaneetti garagalanii kufaatii ishii daddafsiisuu jechuu dha. Yoo akkana godhan, uummatni Oromoollee waan dabreef dhiifama isaaniif godhuu danda’u.

 

Gaafii isa lammataatiif deebii kennuu dhaaf, Oromootni hunduu keessumaayuu qabsaa’otni wanti adeemsa yeroo ammaa fi gochaa Wayyaanee kanarraa hubachuu danda’an jedhee yaadu, waan tokko dha. Innis, Wayyaaneen kan duulaa jirtu Oromootti ykn Oromummaatti malee akka amantii Oromoon qabuutti yookaanis akka naannoolee fi kutaalee Oromiyaatti waan hin taaneef, yoomiyyuu caalaa tokkummaa Oromoo jabeessuun barbaachisaa fi murteessaa akka ta’ee dha. Gabaabumatti, wal qoqqooduu, waliin mormuu fi wal dura dhaabbachuu dhiisanii irree tokkoon diina hamaa kanarratti duuluun yoomiyyuu caalaa amma ta’uu qaba jechuu dha. Yoo dhimmi kun hin hubatamne fi ammas akkuma dur wal qoqqooduun itti fufe; yoo diinaaf qaawwi kan uumamu fi balballi kan banamu ta’e, kufaatiin Wayyaanees turuu akka danda’u waan nama mamsiisuu miti.

 

Karaa biraatiin ammoo, yoo gochaan Wayyaanee kun akkanumatti kan itti fufu ta’e (itti fufuun isaas waan ooluu miti), impaayara kana keessatti warraaqsi ykn fincilli tokko uumamuun waan hafuu miti. Warraaqsa tasa uumamu kana keessatti ammas carraan biraa akka nu hin dabarre sirriitti itti qophaa’uun barbaachisaa dha. Itti qophaa’uu jechuun ammoo, tokkummaa ofii jabeessanii humna ofii cimsuu; mooraa ofii keessatti nagaa uumuu; waliin haasa’uu, waliin mari’achuu; dhimma uummata keenyaarratti sagalee tokko dubbachuu; tokkummaa hundaa hammatu ijaaruun yoo dadhabame, tumsa waliif ta’uu; karaa kamiiyyuu haa ta’u, kan dafee Wayyaanee kuffisuu danda’urratti wajjin hojjechuu; wal jajjabeessuu fi wal gargaaruu; uummata keenya tokkoomsuurratti ciminaan hojjechuu fi kkf.

 

Dhugaa dubbachuu dhaaf, har’a qabsoo kana keessatti, wanti nama sodaachisu baay’ee dha; kan nama yaaddessullee akkasuma. Haa ta’u malee, akkuma mammaaksi Oromoo “Abjuu sodaatanii, hirriiba hin dhiisan” jedhu, waa hundaafuu of qopheessuu dha malee, kufaatii Wayyaanee booda kan ishii caalu hamaan dhufinaa laata, jennee yaaduun sirrii dhaa? Dhimma uummata bal’aa tokkoo fi biyyaa dhiisii jireenya dhuunfaa keessattillee wanti nama sodaachisu fi yaachisu hin dhabamu, jiras. Akka yaada fi ilaalcha kiyyaatitti, wanta hawwinu fi barbaadnu isa guddaa tokko argachuu dadhabna ta’a malee, bu’aalee hamma har’aatti arganne kana deebifnee waan dhabnu natti hin fakkaatu. Haalli bu’aalee kana nu dhabsiisu uumamuu danda’ullee, kana booda uummatni Oromoo bal’aanuu bu’aalee qabsoo hadhaawaa dhaan harkatti galfate kana deebisee waan dhabu hin fakkaatu jechuu kooti.

 

Nutti hin mul’atu ta’a malee, uummatni Oromoo keessumaayuu dhalootni haaraan (dhalootni qubee) hammam akka dammaqani fi bilchaatan, kan agarsiisan ragaalee baay’ee dhiyeessuun ni danda’ama. Warri waggoota diigdamman (bar-kurnee lama) dura biyyarraa (Oromiyaarraa) ba’anii har’a biyya alaa jiraatan, haaluma yeroo sana arganii ba’an yaadachuu dhaan; sadarkaa dammaqinsaa, kan uummatni keenya har’a irra gahe dagachuun tilmaama hin taane keessa nama galachuu danda’a. Dargaggootni keenya, Oromummaa fi sabboonummaan isaanii hammam akka guddatan artistoota, weellistoota fi barattoota keenya akka fakkeenyaatitti ilaaluu ni dandeenya. Bakkee Wayyaanee faashistii dhiiga-xuuxaan jirutti, soda takka malee sirboota tokkummaa cimsan; jagnoota faarsan; Oromummaa guddisani fi qabsoof kakaasan weellisaa jiru. Barattootni Oromoos hamma qabsoo hadhaawaa godhaa, hidhamaa fi ajjeefamaa akka jiran kanuma arginu fi dhageenyu dha.

 

Isaan kun fakkeenyota baay’ee kessaa tokko tokkoo dha. Walumaagalatti, uummatni keenya, otuu qawwee Wayyaaneetiin ukkaamamee jiruu, hammam akka of baraa fi dammaqaa deeman hubachuun nama hin rakkisu jechuu dha. Uummatni keenya garaan isaa gubatee; gabrummaa Wayyaaneetiin waaddamee waan jiruuf, sochiin tokko yoo ka’e, warraaqsi isaa akka ibiddaa Wayyaanee gubee akka deemu waan nama shakkisiisuu miti. Humna fedhee yoo ta’e, sarana Oromoon kan bitamuuf hin jiru. Cancala gabrummaa kukkutee; hamma bilisummaa fi abbaabiyyummaa isaa deebisee argatutti qabsoon isaas hin dhaabbatu. Uummatni, bar-dhibbee tokkoo ol gabrummaa jala jiru; kan hidhaan, darara fi ajjeechaan akkasumas saamichi qabeenya isaa dabaree dabaree dhaan irra gahaa jiru, kana booda wanta sodaatu hin qabu. Kana keessaa ba’uuf garuu yoomiyyuu caalaa qabsoo hadhaawaa kanas itti fufa jechuu dha.

 

Akkuman kanaan duras yeroo baay’ee irra deddeebi’ee ibsuu yaale, mooraa qabsoo bilisummaa Oromoo (QBO) keessatti, tokkummaa qabsaa’otaa ijaaranii; humna ofii cimsanii waa hundaaf of qopheessuun dursa (priority) argachuu qaba jedheen amana. Yoo mooraan keenya jabaate fi humna abdachiisaan (humni sagalee tokko dhageessisu) uumame booda, tumsa alaa barbaaduu fi humnoota biroo wajjin hojjechuun nama hin sodaachisu jechuu kooti. Kanarratti yaadni, ilaalchi fi ijjannoon kiyya hin jijjiiramne. Haa ta’u malee, tokkummaa qabsaa’ota Oromoo, kan hundaa hammatu (ABO+ULFO) ijaaruun rakkisaa yoo ta’e, kan tokkoomuu danda’an tokko ta’anii; kan hafan ammoo tumsa waliif ta’anii; hunduu wajjin hojjechuu dhaan; humna Oromoo cimsanii; kufaatii Wayyaanee daddafsiisuu qabu. Wayyaanee kuffisuu dhaaf karaa danda’amu hundarrattuu hojjechuun dirqamallee ta’uu qaba jedheen yaada.

 

Wanti dagatamuu hin qabne fi hunduu hubachuu qaban, yoo Wayyaaneen daftee kufuu baatte, kan biraa hafee; biyyi ijaarrachuuf hawwinu tun, Oromiyaan akka gurguramtee dhumaa deemtu fi booda biyya keessatti dhalannee guddanne tanaa akka hin dhabne dha. Kuni ammoo balaa nutti dhufuuf deemaa jiru alaalatti arguu dha malee, dubbii raajessuu ykn oo’isuu miti. Waayee kana Oromootni hunduu hubachuu qabu. Biyya teenya dhabuu yoon jedhuu, gurguramtee dhumuu ishii qofaa otuu hin taane, kan gurguramuurraa haftellee summii dhaan baddee; biyya bareedduu fi dureettiin tun bifa biraatiin akka hin argamne jechuu kooti. Kanaaf, kufaatiin Wayyaanee, uummata keenya gabrummaa hamaa kana keessaa baasuu qofaa otuu hin taane, biyya teenya Oromiyaas badiirraa hanbisa jechuu dha.

 

Dhumarratti, otuu barruu kiyya hin xumurin dura, carraa kanaan, dhaamsa kanaa gadii kana dabarsuun barbaada:

 

Ø  Oromoorraa dhalattee, kan ani Oromoo dha ofiin jettu, garuu dhimma dhuunfaatiif jettee kan diina tajaajiltu ykn diina wajjin hojjettu; diina gargaartu; uummata irraa dhaladhe jettu kana miidhaa jirtu; biyya keessatti dhalatte kana balleessaa jirtu; amma gaye jettee; uummat Oromoo bira dhaabbattee; Wayyaaneetti garagaltee; kufaatii ishii kan daddafsiistu yoo ta’e, uummatni Oromoos kan dabreef dhiifama siif godhuu danda’a. Seenaa xureessitee barreessaa jirtu kanallee sirreessuuf carraa argatta. Kanaaf, uummata Oromoo wajjin dhaabbadhu! Diina kufuun isaa hin oolle wajjin hin kufin!

 

Ø  Uummatni Oromoo, kan hidhaan dararamni fi ajjeechaan jiruu fi jireenya kee ta’e, faashistummaan akkanaa bar-dhibbee tokkoo ol sirra gahaa waan jiruuf, kun siif haaraa miti; qabsoo hadhaawaa gootee as geessee jirta; hamma fedhe gabrummaa fi faashistummaan yoo sitti hammaate, diinaaf jilbiiffachuun sirra hin jiru. Aduun ykn biiftuun bilisummaa keetiis ba’uun ishii hin oolu. Hammasitti qabsoo kee itti fufuu qabda. Injifatnoon xumuraa kan keeti. Guyyaan ati bilisummaa fi abbaabiyyummaa kee deebftee itti argattu fagoo hin ta’u.

 

Ø  Dhaabileen ykn jaarmayootni mirga Oromootiif yookaanis bilisummaa Oromootiif dhaabbattan ykn qabsooftan, keessumaayuu qabsaa’otni Oromoo, QBO ulfaataa fi walxaxaa kan keessatti dhiisii, siyaasaa’uma fedhee keessattuu garaagarummaan ilaalchaa waanuma jiruu dha. Haa ta’u malee, garaagarummaa isin jidduu jiru, yoo danda’ame furmaata waliin barbaaduu dhaan; yoo ammaaf hin danda’amne, akkuma jirutti dhiisuu dhaan; hunda dura garuu kufaatii Wayyaaneerratti wal gargaaruu fi tumsa waliif ta’uun dirqama hundaatuu ta’uu qaba. Yeroon dirqama kana hubatani fi hojiirra oolchanis amma. Tokkummaan ilmaan Oromoo, keessumaayuu tokkummaan ykn/fi tumsi qabsaa’ota Oromoo kan barbaachisu yoomiyyuu caalaa amma ta’uu qabas. Yeroon dhimma uummata ofiitiif sagalee tokko dubbatanis amma’uma akka ta’e hunduu hubachuu qabu. Kufaatiin Wayyaanee dursa (priority) argachuu qaba; kanarratti haal-dureen waan jiru natti hin fakkaatu.

 

Yoo hunduu kanarratti waliigalani fi irree tokkoon Wayyaaneetti duulan, injifatnoon xumuraa kan uummata Oromoo akka ta’u mamiin ykn shakkiin hin jiru.

 

Galatoomaa!

 

Abdii Boruu: aboruu@gmail.com

 

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

Waraana calqaba isaa malee xumurrii fi ittibahinsi isaa hin beekamne – Oromoon maal godhuu qaba?

Berhanu Hundee Waraanni amma garee seeraa fi heeraa ala mootummaa Federaalaa ofiin jedhu fi mootummaa …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *