Oduu Haaraya

Gaafiin Ummata Oromoo Assaggadachiin Buusanii Ballaxachiin Muuduu Miti!

Ummanni Oromoo ummata waggoottan 130 oliif bittaa sirna Habashootaa jalatti mankaraaraa ture ta’uun eenyufuu ifaadha. Keessumaa dhiittaan mirgaa, saamichi, ajjeechaa fi hidhaan bara murna koloneeffatuu Wayyaanee ummata Oromorra gahaa  turee fi jiru dorgomaa hin qabu. Bara bittaa Wayyaanee kana keessa Oromoon daangaa malee saamameera, ajjeefameera, hidhameera, qayee fi qabeenya isaarraa buqqifamee hari’atameera, biyya itti dhalaterratti gabroonfatameera.

Qabsoon inni har’a gaggeessaa jirus kanuma ofirraa xumura itti gochuuf ta’uun beekamaadha!

Baatilee 3 oliif ummanni Oromoo bahaa-lixatti, kaabaa-kibbatti walumaa galattii guutuu Oromiyaa keessatti FXG finiinsaa jiraachuu kan quba hin qabne hin jiru.Qabsoonkun qabsoo koloneeffattootarratti gaggafamaa jiru ta’uunis akkasuma ifaadha. Qabsoon koleeneeffattuu Wayyaaneerratti ka’e kun;qabsoo xiqqaa guddaan,dhiiraa dubartiin Oromoo keessaa-alatti irrattii hirmaataa jiruudha. Walumaa galattiiQabsoon kun,qabsoo farra gabrummaa,qabsoo biyya abbaa ofii deeffachuu,qabsoo bilisummaaguutuun ummata Oromoo irratti hirmaachaa jiruudha.

Qabsoo bilisummaaf taasifamaa jiru kana keessattidhiigni dhanagalahaa,lafeen cabaa, reebamaa fi bakka buuteen Oromoota hedduu dhabamaa jira.Waraanni diinaa inni Aga’aazii jedhamu ilmaan Oromoo meeqa akka fixee fi fixaa jiru nama ani Oromoodha jedhuu mitii yeroo ammaa kana addunyaanuu quba qaba. haata’u malee ajjeechaan,hidhaan,reebichii fi bakka buutee dhabamsiisuun ilmaan Oromoorratti raawwatamu hammaataa deemuus falamiin finiinee ittuma fufee jira. Gaafiin ka’e, gaafiin biyya abbaa ofii deeffachuu, gaafiin bilisummaa dachee Oromoo mara keessattuu kan yeroo kamiituu caalaa belbelaa ykn laboobaa  jira. Diinaa fi jala deemtootarratti tarkaanfii fudhachuun,qabeenya diinaa barbadeessuun,diina karaa darbu dhorkuun, dhiphisuun Oromiyaa keessatti hojii guyya-guyyaa ta’eera.Fincilli kun amma Oromiyaan harka diinaatii batuttis kan dhaabbatu akka hin taane firaafis halagaafis ifaadha.

Tibba kana karaa midiyaalee hawaasaa gara garaatin biyya keessaa fi alaa  “Dallaaloonni siyaasaa tokko tokko”qabsoo hadhooftuu ummanni Oromoo taasisaa jiru kana dhiisanii yeroo oduulee gongumaa gaafii Oromoon kaasaa jirun wal hin simanne xibaaran ykn facaasan dhagahamaa jira. Jiddu deemtoonni qumaara siyaasaa baran kunneen qabsoo ummanni Oromoo Wayyaaneerratti finiinsaa jiru kanatti makamanii diinainnikaa kana dura dhaabbatanii falmuurra oduulee mammaaksa “Ra’een gamasii furguggeen gamana” jedhufakkaatu buufaa jiru. Dallaaloonni siyaasaa yeroo tokkotti iddoo lamaa fi giddu deemtuu ta’uu hawwan kunneen sabboonaa yoo argan sabboonaa, diina bira yoo gahan ammoo diina biriifachaa jiraachuufjecha kunoo gaafii ummata Oromoo dhiisanii holola Wayyaaneen facaasaa jirtu butachuun ummata Oromoo biyya abbaasaa weeratootarraa bilisa baasuuf falmaa jiru gidduuttii afan-fajjii uumuuf tattaafataa jiru.

Oduulee “Dallaalota siyaasaa” kanaan karaa miidiyaalee hawaasaa adda addaatiin facaafamaa jiran keessaa tokko “Gaafii bulchiinsa gaarii ummanni Oromoo gaafateef mootummaan IHADG qondaaltota OPDO abaluu fi abalu jedhaman kaasee abaluu fi abalu muuduuf jira, Asteer ka’uuf, Muktaar buu’uuf, Bakar muudamuuf, Dhaabaan hidhamuuf, Zalaalam qoratamuuf, Kumaan hari’atame, Abdulaziiz muudamuuf abaluu fi abaluun ammoo hari’atamuu fi muudamuuf oduulee jedhanii fi kanneen biroo afarsu ykn facaasudha.

Jiddu deemtonnii fi dallaatoonni muraasni Oromoos ta’e qabsoo Oromoo quba hin qabne kunneen oduu tamsaasaa jiran kanaan“Osoo abaluun muudamee gaariidha, soo abaluun hari’amee ammoo bayeessa, aballurra abuluutu Oromoof wayya, abaluun beekaadha/beektuudha/abaluun ammoo doofaadha, abaluun akkasii fi akkana”jechuun waan Oromoodhaa ta’uu fi hin taanees gara filuufittis ennaa deeman muldhachaa jira. Qabsoo Oromoos gaafii OPDO kanarra osoo OPDOn kun nabulchee jedhee gaafachaa jiru fakkeessuuf yaalaa jiru. Gaafiin Oromoo garuu gaafii OPDOn, tokko OPDO biraan naaf haa jijjiramuutii miti. GaafiinOromoo gaafii Asteer Buutee Ballaxuun nahaa bulchituutis miti.Gaafii bulchiinsa gaaritis miti.Miseensoonni OPDOwarri Oromummaa hin qabne ykn Oromummaan itti hin dhaga’amne hunduu tokko kan tokkorra wayyanii miti. Hundi isaaniituu ergamtoota Wayyaaneeti,garaaf bultoota, yakkamtoota, yakkamtootafaanaa hiriiraniidha. Kan isaan dhaabbataniifis dantaaWayyaaneetif malee murna Weeratuu Wayyaanee keessa taa’anii dantaa Oromoo tiksuufii miti.

Gaafiin ummata Oromoo gaafii bulchiinsa gaariitii miti, ummanni Oromoo bulchiinsa gaarii dhabe jedhee dhiiga isaa dhanagalaasaa, lafee isaa cabsaa hin turre, kanaafis cabsaa hin jiru. Ummanni Oromoo Dannaqachi buusaatiiBallaxachiin haangotti naaf baasaa jedhee Wayyaanee gaafachaas hin jiru. Dargaggeessi, jaarsaa- jaartiin,daa’imti Oromoo kan waraana Aga’azii dura dhaabbatanii falmaa jiraniif bulchiinsa Wayyaanee jalatti Kumaan bu’ee akka Kumaalaan muudamuufis miti.

Gabroonfattoonni ergamtoota isaanii yoo jijjiraa oolanii bulandantaa ummataOromootii miti.

Warri Qumaara siyaasaabaran kunneen garuu suuqa jala taa’anii karaa miidiyaalee hawaasaa gara garaatiin gaafii dhiigni ilmaan Oromoo kumaatamaa itti dhanagalahe kanagaafii bulchiinsa gaariidhabuu fi argachuu fakkeessuun dhiheessuu yaalu. Akka waan yoo OPDOn tokko bu’ee OPDO biraa muudame  gaafiin ummata Oromoo galma gahuu danda’uutti hololu. Hololli kun hololuma Wayyaaneen FXG ummata Oromootin sardamnaan odeessuu eegalte gargaaranii afarsuu yoo ta’e malee  dhama biraa of keessaa hin qabu. Gama kamiinuu gaafii amma ummanni Oromoo kaasaa jiruunis wal hin argatu. Wayyaaneen OPDO tokko ariitee OPDO biraa yoo muddees “nama mataa dhukkubuu miila sukkumuu” isa jedhamu sana yoo ta’e malee gaafii ummata Oromoof deebii hin ta’u. Umrii Wayyaanees hin dheereessu. Ummati Oromoos oduu mataaf miila hin qabne kanaan gongumaa fincila biyya abbaa ofii deeffachuuf taasisaa jirurraa hin dhaabbatu.Dhaabbatuus hin qabu.

Gaafiin ummata Oromoo gaafii biyya abbaa ofii dhuunfachuutii, gaafii bilisummaati,gaafii gabroonfattoonni biyyakoorraa haa bahaniiti, gaafiin Oromoo gaafii ofiin of bulchuuti. Gaafiin isaa Wayyaaneen narraa haa kaatudha.FXGn finiinaa jirus kanuma dhugoomsuuf malee akka Jiddu deemtoonnii fi Dallaalonnisiyaasaa tokko tokko xibaaran gaafii bulchiinsa gaariitii miti. Gaafii  OPDOn kun OPDO sanaan bakka naaf haabu’uu ykn kanarra sana naaf wayyaatis miti. Ummanni biyya hin qabne,ummanni mirga ofiin of bulchuu hin qabne, ummanni weertoota jala jiru gaafii bulchiinsa gaarii gaafachaa jira jedhanii hololunis of gowwoomsuu hoo ta’e malee ummata mirgaaf qabsaawu qabsoo isaarraa hin dhaabu.

Umanni Oromoo Wayyaaneerraa bulchiinsa gaarii hin gaafatu, gaafatees hin beeku, kandursu abbaa biyyummaati waan ta’eef Oromoon biyya isaaf falmaa jira. Gaafiileen hafan martuu gaafii mirga abbaa biyyuummaatii gadi waan ta’aniif; kan dursu isa ta’uu hubachuuf  Oromoongorsituu hin barbaadu. Warreen gaaficha gaafii bulchiinsa gaarii fakkeessuuf oduu dharaa facaasanii fi odeessan kunneenis takkaan ergamtoota diinaatii ykn warra gaafii Oromoo hin hubanneedha jechuutu danada’ama.

Oromoon akka malee aareera,gabrummaan nagaha jedhee ka’eera, saamamuun ajjeefamuu fi biyyakoorraa har’amuun  narraa dhaabbachuu qaba jedhee Fincilee jira. Gabroonfattoota bara dhibbaa oliif gateettii isaarra jiraatan haxaayee qayee fi qabeenya isaarraa baasuuf falmii isa dhumaarra jira. Yeroo kana kan ta’uuu qabuu fi kan nama Oromoof quuqamu mararraawuu eegamufalmii bilisummaa, haqaa fi wal qixxummaaftaasifamaa jiru kanatti makamee diina falamuudha, Eragamaas ergaas ofirraa hari’uudha. Hin dandeenye taanaan ammoo oduu dhiisanii qabsoo ummata jalaa goruudha. Oduu diinaa afarsuun gatiidhuma diinaat namaaf kennisiisa waan ta’eef Seeraanis seenaanis kan nama gaafachiisuu ta’a.

Ummanni Oromoo eenyuyyuu, maaliyyuu odeessu gaafiin isaa hanga fiixa bahutti kan qabsoo calqaberraa duubatti hindeebine ta’uu FXGn baatilee 3n darbaniif finiinaa jiru ragaadha. Mirga abbaa biyyummaa isaa gonfachuuf, dhiiga isaa dhangalaasaa jira, lafee isaa cabsaa, qayee fi qabeenya isaa dhabaa jira. Amma gaafiin isaa bakka gahuttisoduu giddu deemtootaa fi fakkeesitootaaf gurra hin qabu. Wayyaaneen biyya  Oromoo gadi dhiiftu malee  furmaanni waan hin jirreefissirna san jalatti Caalaan muudamee, Kabbadaan, Asteer buutee Ballaxuun olbaatee dhimma Oromootii miti. Hunduu ergamtoota Wayyaaneeti. Kan ta’uu qabuu fi ta’aa jirus qabsoo eegalame finiinsanii itti fufuudha. Kan gabrummaa jalaa nama baasu qabsoo malee oduu waan hin taaneef!

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

Waraana calqaba isaa malee xumurrii fi ittibahinsi isaa hin beekamne – Oromoon maal godhuu qaba?

Berhanu Hundee Waraanni amma garee seeraa fi heeraa ala mootummaa Federaalaa ofiin jedhu fi mootummaa …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *