Oduu Haaraya

Gadaan Gadaa Bilisummaati!

Nuti miseensotni ABO kutaa Kanaadaa fi Amerikaa walitti dhufnee kora gamtaa bakka tokkotti geggeeffanne kora kana irratti ibsa hoggana ABO irraa haala yeroo dhimmoota QBO, haala jaarmiyaa fi siyaasaa ,haala sochii WBO, haala sochii Qeerroo biyya keessaa fi haala yeroo ammaa QBO keessa jiru akkasumas dhimmoota hawaasa keenya biyya keessatti diinaan iraarfamaa jiru irratti ibsi bala`aa fi ifaa ta`e hogganoota keenyarraa nuuf kenname irratti hundoofnee gaaffii fi deebii erga geggeeffanneen duuba haalaa fi akkaataa gara fuula duraatti Qabsoo hidhannoo jabeessinee itti fufuu qabnuu fi WBO jabeessuuf I cimsuu, Dhaaba keenya ABO fi jaarmiyaa keenya biyya keessaa fi alaan jabeessuu fi ijaaruu irratti marii bal`aa geggeeffachuun Korri gamtaa ibsa ejjennoo armaan gadii baafachuun milkii fi injifannoon xumuranne:

  1. Sirna bittaa mootummaa Itoophiyaa/wayyaanee ofirraa kaasuuf filmaanni tokkichaan jiru Qabsoo hidhannoo cimsinee itti fufuu ta`uu korri kun sagalee tokkoon murteeffanne.
  2. WBO bifaa fi sadarkaan ijaarree cimiisuun murteessaa fi fardii ta`uu isaa korri kun erga mariyateen booda waan barbaachisu hundaan bira dhaabbachuun hanga QBO ABO durfamtu bilisummaan fiixa baatutti waan dandeenyu maraan bira ni dhaabbanna.
  3. Jaarmiyaa keenya jabeessuu fi cimsuuf sadarkaa QBO amma irra jiru irraa gara fuula duraatti tarkaanfachiisuuf murannoo fi kutannoon hojjechuun qabsoo fiixaan baasuuf murteeffanneerra.
  4. Sochii qeerroon Oromoo biyya keessatti geggeessaa jiru dinqisiifataa barattootni, Barsiisotni, Qotee bulaan, Daldalaan, hojjetaan Oromoo , Hayyootnii fi beektotni, Shammaranii fi Dargaggoon Oromoo Sirna gabroofataa Mootumma wayyaanee ofirraa fonqolchitee Biyya keerratti abbaa biyyummaa keetii mirkaneeffachuuf gamtaa fi gurmuun kaatee QBO tti akka dirmattuu fi Sochii Qeeroo waliin akka hiriirtu waamchi lammummaa isiniif dhaamna.
  5. Ilmaan Oromoo kanneen Mootummaa Gabroofataa waliin hojjetaa jjrtan, Humna Poolisaa, Humna waraanaa fi hojii addaa addaa keessa hojjetaa jirtan, Haalli yeroo ammaa mootummaan Itiyoophiyaa/Wayyaanee unmmata Oromoorratti hidhaa fi ajjeechaa daangaa hin qabne geggeessaa jiru kan saba keenya Hundeen dhabamsiisuuf saganteeffatee hoijjetaa jiru ta`uu hubattanii QBOtti makamuun ga`ee keessan akka baatan dhaamsa lammummaa fi Oromummaa isiniif dabarisna.
  6. Shira Mootummaan wayyaanee ummata Oromoo fi saboota qubsumaan ollaa Oromiyaa jiran walitti buusuun tasgabbiin akka hin uumamne godhaa jirtu itti dammaqxani wal dhabbii fedhe kamiyyuu akkuma aadaatti sirna ilaa fi ilaameen akka hiikamuu fi ollummaa gaarii fi nagaan akka waliin jiraattan jabeessinee isiniif dhaamna.
  7. Dhumaatii Ilmaan Oromoo Godina baha Oromiyaa naannoolee adda addaa qubatani jiran irratti duula shanyii duguuggii humna addaa mootummaan Wayyaanee bobbaaseen raawwatamaa jiru jabeesinee balaaleffanna. Llubbuu ummata keenya galaafatamee fi qabeenyaa saamame maraaf kan itti gaafatamuu fi yakkamu mootummaa Itoophiyaa/wayyaanee ta`uu isaa jabeesinee hubachiisna.
  8. Tattaafin mooraa Qbsoo Bilisummaa Oromoo jabeesu fi tokkoomsuf jaarmootaa fi murnoota adda addaa waliin jalqabame akka itti fufu jachaa, tilmaamni tokkoomsu moraa Qabsaawotaa Oromoo akkuma duraan lafa kaayameti akka bakka gayu dhaammanna.
  9. 9. Maqaa Investment fi gurgurtaa lafaa/dachiitiin Qotee bulaa Oromoo qa’ee isaarraa buqqisuun akka hatattamaan dhaabbatu Jabeessinee gaafanna.
  10. Ilmaan Oromoo kanneen gidiraa mootummaa Wayyaanee dheessuun biyyoota adda addaatti baqatanii jiran irratti roorroo raawwatamaa jiru ni balaaleffanna. Mootummoon itti baqataniis akka mirga baqattummaa isaanii kabajan gaafanna.
  11. Gochaa diinummaa Mootummaan Itiiyoophiyaa/wayyaanee ummata Oromoo irratti gaggeessaa jirtu sadarkaa duguuggii shanyiitti kan tilmaamamu jannee waan amannuuf Mootummootaa fi hawaasni addunyaa falmaa ummatni keenya mirga isaatiif geggeessaa jiran bira akka dhaabbattan sagalee tokkoon waamicha goona.
  12. Biyyootni fi sabootni ollaa Oromiyaa martinu Sabni Oromoo saba nagaa barbaadu fi mirga namuu kan hin tuxyne tahuu hubatanii, akka qabsoo/sochii mootummaa nama nyaataa kana irratti gochaa jiru bira dhaabbatan waamicha goona.

Gadaan Gadaa Bilisummaati!
Injifannoo Ummata Oromoof!
Kora Gamtaa Miseensota ABO Kutaa Kanaadaa fi Amerikaa.
Adoolessa 2013.

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …