Oduu Haaraya

Gara Cehumsa Naga qabeessaatti

Aariin Oromo bara hedduuf ukaamamaa ture Sadaa2015 kaasee xaxa’uun sagalee guddaan anga’e. Erga jaarraa 16faa takkaa seenaa Oromoo keessatt lakkoobsi hammana gahu hiree ofiif akkas waliin ka’ee hin beeku. Dhahii nolaa akka isa kanaa harka duwwaa tokkummaan ka’ee diina meeshaa ammayyaa hanga ilkaaniitt hidhate fi loltuu jajjabee angawoo addunyaan leenjifame didhchisiisee hin beeku. Takkaa akka si’anaa sabich gad of horde yeroo dheeraa akkasiif utuu hin mitiqin fuula du’aa, hidhaa fi guraarama dura dhaabbatee hin beeku. Sirna dooyyaa garegox fi tokoshanii kan mana Oromo hundatt time cabsan. Waggoota dhibbaa oliif boona dhabe deebisanii gonfachiisuu saaniif Oromoon, warraaqxota jannoota kanaaf galataa fi kabaja guddaa qabu. Annisaa warraaqsa akkasiin hanga Wayyaaneen xaxattee kan saamte hunda duubatt dhiiftee Tigrayitt galtutt boodatt deebiin hin jiraatu. Wayyaaneen ilkaan socha’ee, buqqa’u malee falli hin jiru. Lafti Oromiyaa fi wanti irra jiru kanuma Oromiyaati, fudhattee deemuu hin dandeessuu. Baankiin alaa qabeenya TPLF/EPRDF fi kanneen hidhata bu’aa waliin qaban saamanii kuufatan yeroo ummatoonni Empayera Itophiyaa bonaa fi jeejeen dorsifaman kan dabarsee kennuuf hin jiraatu. Kanneen milla suphee Wayyaanee ilaaluu didanii waliin meshebelluu eegalaniif, harkatt burkutooftee ba’aan rakkachuuf deemuun hin oolu haa beekkatanii! Erga ofii badanii hogganooti Afrikaa horii saamicha akkasiitiin ala baafatan, fooqiin dhossaan ijaarratan isaan haa tahanii warri saanii argatanii hin beekanii. Nagaa naannaaf jedhame Wayyanee karaa fedheen haa tahu gara hiree akka sanaatt reebamuu qabdi.

Abiddi warraaqsa Oromo takka dibamaa takka qabsiifamaa boba’uu itt fufa. Ejjennaa ofii jabeeffataa, hamaa gahu hunda dandaha, jabinaan diina butuchuu gaafata. Wayyaaneen iyyaa (deeroo) dha malee qeerransa akkeessuu fedhu miti. Hanga of butuchee raawwatutt karaa dheeraaf kan uumame waan hin taaneef aara galfatee akka bayyaannatu yeroo kennuufii miti. Ammallee humni saa dhifamee jira. Ofumaan yeroon ciccitu fagoo hin tahu. Kutannaan Oromoon dandeetii wallaansoo dhaawataa gaggeessuu fi carraa irra haanuu qaba. Wallaansoon akkasii laalaa guddaa namatt fiduu fi abdii kutannaa nama irraan gahu dandaha garuu gumaa dargaggoo ofii fi goototaa hin basin hafuun, hawaasa boonaaf laalaa sana caalaattuu hammeesaa. Kanaaf loltuun Wayyaanee Oromo ajjeeftee ofii fayyaa galuun dhaabbachuu qaba. Shimala, mancaa fi gajarri bakka harka duwwaa bu’uun barbaachisaa tahuun gahaa jira.

Harka duwwwaa fi qabsoo nagaa kan jedhamu fulduratt waan hojjetu hin fakkaatuu. Sodaan du’aa fi guraaramaa jaarraa oliif itt hudumame akka raawwate kaka’i Oromoo barana raga dha. Soda fi doorsis lamuu akka itt hin deebine Oromiyaan bilisa bahuu qabdi. Lolli diinaa meeshan qofa utuu hin tahin holola sammuquwii fi lammiwwan walitt diruus ni dabalata. Oromoon, diinaa kalchuun lammi irratt kan basaasaniif garaa laafina agarsiisuu hin qabani. Garuu keettoo diina tajaajiluuf uumamtee fi kan diinni lammiin walitt naquuf maqaa ballessu gargar baafachuu qabu. Bu’aan ciicannoo jabaa ofiif kennamuutu eegama. Murtii kennuun jette jettee fi holola diinaan irratt kan hundaawe akka hin taane eeggachuu Oromoott hin himanii.

Lammiiwwan keenya kan seera heera Itophia jalatt barbaachisu hunda guutan, Oromoo tahuun komatamanii waggaaan dhalootaa haa tahu sadarkan jiru utuu hin hedamin, dhanamaa, hidhaa gergoo, injiraanii fi tafkiin guute, gurarammii, dorsisii fi arabsoon tuffii barsifata guyyuu tahett shororkeeffamaa jiru. Guraarammi, dorsisii, ajjeechaa fi arrabsoon tuffii achii, iyyaatii baasisuuf utuu hin tahin miidhama guddaa kan jibba sabichaaf qaban ibsu irraan gahuufii. Keessaayyuu yeroo si’anaa hogganoota OFK, gooltuu jedhamanii kan irratt aggaamame waan taheef adabi hammaa bahaan eeggataanii jira. Yoo murna saanii wirtuu dimshaashumatt hin ballsine malalchiisaa taha. Oromoo hooggansa dhabsiisuun karoora haaraa utuu hin tahin kan bara qabamanii kaasee jiru. Wayyaaneenis erga aangoo qabattee karaa malbulchaa fi diinagdee namoota qaroo meeqa balleessite. Hardhamoo ijoollee abdii borii tahan akka irraa oolanii ummmata saanii hin tajaajillett mata mata rasaasan dhoftee ajjeesaa akka jirtu gabaasa guyyuu irraa waan mullatu. Nageessumma labsatanuu hamma Oromoo qaroo tahanitt murna Oromoo kamiifuu hoggansa akka kennan hin dhiifamanii. Golooti mormituu kittillayyoo dha malee nakkarummaa TPLFn achi hin jirani. Oromoon eessayyuu jiran garaagarummaa ilaalcha malbulchaa qabaatanuu yeroo qorumsa Oromummaa kana, yomallee tooftaa qabsoo saanii hin ooffalchan tahe, bira dhaabbachuun dirqama lammummaatii.

Wanti cimaan biraa, kan qabsicha mudataa jiru waca naannaa waa’ee gamtaa fi tumsaa Wayyaanee irratt tahu malu jedhamee dhagahamaa jiru. Wayyaaneen akkuma mootota isee dura turanii Oromoo irratt fixaqacee gaggeessaa jirtii. Oromoon sana dhibamsiisuuf qabsoo bilisummaa erga eegale tureera. Halagaan akeeka empayera kolonummaa jabeessaa turan amma abbaltii fi yaada jijjiirrachuu saaniif iggitiin hin jiru. Akkaaataan Oromoon ofii fi biyya saanii Oromiyaa itt ilaalan fi akkaataa Itophiyeessoon itt ilaalaniin adda. Haala amma jiru jijjiiruuf nama ilaalcha ofii jijjiirrate qofaan wal qayyabachuun dandahama. Jeequmsa lafa sochoose ofumaa kaafneen akka hin dagamne dammaqanii of eeggachuun barbaachisaa dha. Oromoon mirga heera Wayyaanee irratt dhahamee ol malee isaa gad waan irratt dhoofsisu hin qabu. Akka qabata raafama ofumaa kaaseen hin dagamne eegganoo fi of gumeesaa turuun barbaachisaa dha.

Jara Oromoo waliin altokko kufan, Sabootaa fi Sabaawota Kibbaa jedhamanii fi Naylootaafis dhugaan jiru sanumaa. Hunduu ummatoota ofiin boonoo birmadoota ollaa walii jiraatan, malbulchaan of irratt, diingadeen akkuma addunyaa hunda walirratt hirkatoo turan. Waliin kufaniiru, firummaa caalaa cimaa gadi qabaan kolonummaa keessa hin jirreen, waliin ka’uu. Kanaaf, Oromoon walii tumsi jara sanaa haala duree hin fedhuu; ba’aa wal fakkaataa ofirraa buusan, ba’aa kolonummaa qabu. Sana duuba qofa kan isaan hariiroo ummatoota biraa waliin qaban fedha ofii bilisaan kan heduu dandahan. Gabaabaatt mirga sabummaa ofii ofiin murteeffachuu erga deebifatanii booda jechuu dha. Yoo ummatoota biraa waliin tokkummaa ummachuu barbaadu tahes ulfina saba ofii walii kabajuu irratt kan hundaawe malee kan sabi yk murni biraa itt fe’u hin tahu. Sana irra haanuuf dhaba keessaa wal nyaatuu fi biinxa’amee, dadhabina keessaa dhoffachuuf gargaarsa alaa soqu utuu hin tahin adda cimaa ofirratt amantee qabu hundaan amanamu dandahu ummachuu qabu. Lammi ofii caalaa halagaan namatt haanu hin jiru.

Ammallee Itophiyaan empayeruma sana kan jaarraa 20faa keessa gargaarsaa saboota Awuropaan, bara ta’iisa “Walharkkatt qaba Afrikaa” jedhamee beekamu ijaraamte. Hariirooon yeros “Qinyi Gizat” jedhamee ijaarame, akka nammi tokko tokko nu amansiisuu fedhanitt, ergasii hin jijjiiramne. Ammas Habashaan haala jireenya malbulchaa, diinagdee fi hawaasoma ummatoota kolonomanii olhaantummaan gaggeessaa jira. Ammas akka Oromoon gad qabamaa turuuf akkuma durii gargaarsi faranjii lola’aafii jira. Oromoon takkaa walqixxummaan Itophiyaa waa’ila tahuu gaafatamanii hin beekanii; bara Cehumsaa waggaa tokkoof jala kaattuu TPLF tahun akka waan guddaatt ilaalama yoo hin taane. Geeddaramii sammuu beekotaa keessa jiruu, dhugaan hin calaqifamnee, ababbara tahuun ni malaa. Sabooti Afriikaa Awropaan koloneeffaman hundi walaba tahaniiruu garuu Oromoo fi jarri SNNN akka fedha saaniitt of bilisomsuuf carraaqaa jiru.

Kirstinnummaan biyya Habashaatt barsiifamuu saa waliin, hoodi tokko tokko akka mootiin saanii Waaqatt haanee jiruu Koptotaan uumamaniifii turan. Hoodi mootittii Sheebaa sanneen keessaa tokko. Qabama duuba hoodoti sun galmee keessaa harkifamanii bahuun lafti hanga qixxeessoott jiru keenya kan jedhu gorsa farajootaan itt dabalame. Asosama sana kan ergasii ijoolleen Habashaa ittiin guutamaa jiraatan. Gadoodi mooraa gurguddoo Habashaa keessaa dhagahamaa jiru, itt baha surrii dhiqa sanaa kan sammuu saanii keessatt Itophiyaa yaadaan umamte (utopia) mudaa hin qabne gad dhaabuuf tolchanii. Bulchooti saanii ilaalcha addunyaa dur durii bulcha nama jabaa tokko keessatt qabamanii jiru. Nammi jabaan aangootti ol bahe, angoo qofaan irraa bu’aa. Oromoon, kennataan yaabbatee, gadaan bu’a.

Si’ana adeemsa sana kan jijjiran fakkeessuuf gargaarsa qorataa Dhihaa tokkoon golli cimaan tokko akka ijaaramu tahe. Sana dhugomsuuf bulchaa jabaa humnaan taahitaa qabateen kennati sobaa yayyabamee jira. Sadarkaa ammaatti yayyabaan cimaan sun sirna gola tokkoo of duubatt dhiisee du’eera. Golli jabaan sun amma fuuloo cehumsaa Wala’ittaa Tigrawayi kee’ateen gaggeeffamaa jira. Habashaaf, falfala hoodichaa keessaa bahee karaa ammayyaa demokraatawaa tahett baruun rakkisaa dha. Akka sun barbaachisaa tahe beeku, garuu rimsama halagaa demokraasii jedhanii, dudhaa baraa hedduu lagachuuf qophee hin fakkaatanii.

Erga kolonoomaatii Oromoon, surrii dhiqaa cimaa fi hololaa daangaa hin qabnetu irratt gaggeeffame. Hunduu akka muka abbaa ofii tuffatanii jedhameetu. Halluun magariisa, keelloo fi diimaan saanii kan yeroo Oromoo qalan balaliisaa turan akka kan Oromo adii diimaa gurracha bakka buhu taasifame. Amanteen saanii dudhaa kan “seexanaa” fi qarooma dhabaa dha jechuun sumudaanii akka jijjirratan dirqisiisan. Bulee Oromoon hooda Habashaa hunda keessa cubuluqan. Haa tahu malee hoodota sana keessaa furgaafachuuf hedduu qabsaawan, garuu maqa hundatt hogganoota ofiin ganaman. Amma ummati ballaan qabsicha dhuunfatee jira. Hogganooti baqa irra jiran deebi’anii sochii haaraa kanaaf hoggansa malbulchaa hin keenaniif taanaan Oromoon dhaaba saa, ABO fudhatee of keessaa hogganota haaraa baafachuu qaba. Yoomu hogganoota, dhiibbaa falfala halagaa, kan keessaan ofangessummaa fi ayyaanlaallatummaan ijaaraman irraa of eeggachuu dha.

Unkaa sammuu hooda Habashaan uumame keessaa utuu of hin baasin qabattee bilisummaa kam irrattuu waliigaltee argamsiisuun fagoo taha. Akka ilmoo namaatt ummati Gaanfa Afrikaa garri caalan nagaa, bilisummaa fi tasgabiif fedha qabu jedhamee yaadama. Unka sammuu sana keessa sololi’anii fedha waloo irratt xiyyeeffachuun kanneen godinaa keessa jiran hundaaf anjaa qaba. Sochiin Oromoo kanaan dura argamee hin beekne Sadaasa 2015 keessa eegalee dubbiin gonka akka duriitt deemuu akka hin dandeenye hunda dammaqsuun boqonnaa haaraa bane jira. Kanaaf arrabsoon maaliifii, maqaa balleessuu fi keenya jechuun sobaa yoo jijjiirammi kan hin oolle tahuun ifaa tahe, maliif barbaachisanii? Warraaqsa Oromoo sutessuu yoo ni yaalu tahe ofumaa malee dhaabuu hin dandahanii.

Oromoon filmaata lama qabuu, tokko waan jiru hundatt dhimma bahanii qabsoo itt fufuu yk kanneen biraan waliin qindeeffatanii Wayyaanee dhabamsiisuun itt baha saa carraatt dhiisuu; lameessoon kan dhimmi ilaaltu hunda kora waliin taahuuf dursanii waliigaluun, marii empayerittii damboobinaan diiguu gaggeeffatanii sadarkaa itt haanutt darbuu. Wanti tahu hundi garooma kanneen keessaa dhimma qabanii hundaa, nagaa fi basha’ina saaniifii. Kaka’inni tasaa ummata itt roorrifamee amma tahahaa jiru, dadhabina Wayyaanee saaxilee jira. Sirnni ofangessoo fi fashistaawaan ijaarsa fakkeessaa demokraasii jalaan ol bahe. Sirni akkasii altokko raafamnaan madaala saanii gonka deebisani argatanii henbeekanii, isumaan badanii. Guboo rakkinaa Gaanfa keessa ture furuu fi gamtoomuun silaa yeerroo akkasiitii.

Warraaqsi Oromoo qawween kamuu fedha ummataa bara baraan gadi qabuu akka hin dandeenye agarsiiseera. Waaq hin jedhin malee, yoo amma rukutame yeroo itt haanutt ilaalcha addaa fi hooggansa sabaa ijaarameen durfamee deebi’aa. Yeroo sun tahu nammuu garagarummaa fiduu malu se’achuu dandaha. Utuu dhiigi Afrikaanota obbolaa tahanii caalaa hin dhagala’in dura, laafaa yk angawaa, dadhabaa haa tahu jabaa utuu hin jedhin hundi naannaa diriiraatt dhufee dhibdee tokko tokkoon saanii himatan ilaalanii waldhabdee hanga yoonaa jiran dhuma burjaajessaa irra utuu hin gahin xumuruu qabu. Jalqaba loltuun mooraa naannaa waldhabdee ala tahett geeffamuu qabdii. Sanaan walfaana sonni Cehumsaa dhugaa tahe, empayera diigee itt baha haaraa kan jalqabuu eegalamuun barbaachisuu dandaha.

Sona akka sanaa keessaa sabi, saboommi fi gosti marii keessaa hafu jiraachuu hin qabu. Hiree ofii ofiin murteeffachuun ummatootaa kan dhoofsisamu miti. Kun kora ummati Gaanfa Afrikaa akka waliqixxeett, utuu sabi tokko yaada ofii kan biraa irratt hin fe’in qooda irratt fudhatu isa jalqabaa tahuu qaba. Tokko tokkoon ummataa moo’aa dha. Moo’ummaan kan gad dhiifamu fedha ummata moo’aa taheeni. Walgahiin akkasii carraa haala “mo’aa moo’aa, taheen yk kan honga’un keessa hin jirreen, kan obbolummaa Afrikaawaan itt dhagahamun bahamu taha.

Gurguddoo Habashaa hedduun, sagaleen deggersaa ummata kolonii saanii roorroon motummaa Itophiyaan irra gahe, jaarraa tokko keessatt yeroo jalqabaaf dhageessisaa jiru. Sun dhugaa taanaan karaa qajeelaa dhaa. Hariiroo qabaachuuf dhiheessan irratt, ummata hundaaf keessaanlaalummaa yoo qabate bu’aa qabeessaa. Akeeki, fedhi, abjuu, hawwi fi amanteen tokko tokkoon ummataa maannii? Sana kan waliin qayyabatamuu qabu. Hundi, yaa’a kolonii diiguu jara kaan irratt arganiiru; inni kun adda ta’ina waan qabuuf bifa addaa fudhachuu dandahinna malee karaa biraa hin qabu, hinuma taha. Lola Wayyaanee waliinii waan ilaalutt Oromoo fi kanneen bira manii adda addaa qabu. Maniin Oromoo Angoo 39 heera Itophiyaa hojiirra akka ooluu. Hedduuf kufaatiin Wayyaanee qabsicha salphisuus dhiisuus ni dandaha, kanaaf ta’innaan akka iggitii qabutt fudhatamuu hin qabuu. Kanneen biraaf kufaatiin Wayyaanee dhimma keessaa Itophiyaatii. Garri tokko aangoo kufaatii Dargiin irraa saamame deeffachuu barbaadu; mirga angoo sanaan beekames akka gargarbaasaa fi gosaawaatt heduu.

Lafti Oromiyaa kan ummata Oromiyaa malee kan mootummaa miti. Gurguddoon Habashaa karoora lafti kan mootummaati jedhuu, akka burqaa qabeenya abbatokkeett ittiin basha’aa dhufanii. Biyya haadhaatt lafti kan ummataa ture; gurguranii of duroomsuu hin dandeenye. Sun karoora guddaa tokko, kan xaxaa olhaantummaa keessatt uumee, hanga hardhaatt ilaalcha saanii rakkisaa jiru. Beekamuun waan akkasii isaaniif bu’uura malbulcha gosaatii. Oromoo hundaaf kan akka jecha sanaa jibbisiisu hin jiru. Oromoon gosa mitii. Saba gosa hedduu of keessaa qabu. Oromoo kittillayyoo Itophiyaa tahaniif illee sana fudhachuun mamsiisaa dha. Kanaaf rimsama Itophiyaa akka addaanjiraato ulfooti fudhachuu keessa debi’anii ilaalan malee akka mirga sabootaa guutummaatt hin fudhanne rakkisuunii dandaha. Sana salphisuuf kolonota ofitt dabalanii ilaaluu dhaabuu dha. Oromoon qooqa Itophiyaa jedhu waliin rakkina hin qabu, qooqa durdurii kan gurraachi hundi dhahachuu dandahu. Rakkoon kan dhufu olhantummaa Habashaa seerawaa gochuuf yeroo seenaan Oromoo roga dhabsiifamee dhihaatu.

Empayerri Itophiyaa bososaa jira. Habashaan Empayera saanii burkutaawaa jiru hafe mana ofiiyyuu sansakkaan qabuu rakkataa jiru. Dubbii Qimant irraa akka ummati tokko guutummaatt liqifameera jedhanii fudhachuun akka hin dandahamne hedduu barachuu dandahu turani.Taasisii walitt isaan qabaa ture Oromiyaan deemnaan, godinoota Amaaraa waliin jiraachisuunuu rakkisaa taha. Kolonoota saamuu irratt xiyyeeffachuun, handhuura biyya saanii jabeessuu gonka hin yaadne. Hanga amma tokkummaan saanii jiraachuun Oromiyaa fi SNNN gad qabuun madda jireenyaa waloo godhachuu dandahuu irratt bu’uurfame. Amma Oromiyaa gad qabama diduun kolonummaa keessaa bahuu carraaqaa jira. Hoodi Oromoon ummata naanaa kanaa miti jedhu qaata burkutaawe. Wayyaaneenis saamicha isa dhumaa isaaniin gahu ni didee. Sana jechuun Itophiyaa kolonummaa boodaa, kan empayera hin qabneef karoorfachuu jalqabuu isaan gaafata jechuu dha. Sun yoo fudhatame Oromoo fi Amaarri waan irratt dhimma walii baasan qabu lataa? Qabsaawota Oromoo tokko tokko ofitt harkisuuf kolomsiisa darbataniif qabuu. Kolomsiiftuu hedduu waan hin qabneef Oromo hunda xuruuruu hin dandahanii. Micciiramaa fi burquqaan dhihaachuu irra karaa nagaa biraa, kan ittiin gocha hamaa darban hundaa keessaa faloo itt bahan soquu qabu. Yoos wal amantee horachuun jalqabamaa.

Gondor gaaffii roorroo mirga ilmaan namaa irratt tahaa jiruu fi gaaffii biyyaa Wayyaanee irraa qaba. Dubbiin saanii itt dabalama taa’isaa sabummaa Qimaantiin caalaa walxaxee jira. Yoo dibbiin sun Amaaraa fi Qimaant gidduutt nagaan fala argate Gondoreen qabattee Wayyaanee waliinii salphaatt furachuu dandaha. Dubbbii Qimant hammam akka isaan demokratummaan furan fedha Oromoo ni laala taha. Waa’ee akkasii irratt ummatootii waldhabdee jiru nagaan waligidduutt fixachuu ni dandahu. Kanneen waldhabdeen akka nagaan hin furamne barbaadan jara gadadoo ummatoota cunqurfamoo irraa bu’aa argatanii.

Habashaan murna wiirtuu raayyaa koloneeffataa akka tahuu saanii, akka namoota bashaan jiraatanii, akka lafaa fi qabeenya Oromiyaatt saaqaa salphaa qabachuu, akka ayyaan adamsituuttii fi akka tokkicha afaan bulchootaa beekaniitt, roorroo fi samicha turett garsuu turanii. Hambaan saanii amma Oromiyaa fi SNNN keessa faca’anii jiraatu. Waa’ee saa dhaghuu irraa kan hafe biyya akaakilee saanii arganii kan hin beeknett caaluu. Iyyaatii dhabuuf malee hedduun saanii Habashaa utuu hin tahin akaakilee ashkaroota Habashamitii turani. loltuun Habashaa hedduun Oromoo irra bulfamanii. Barreessaan kun namoota dhoott beeku akaakileen saanii Oromoo tahuu hojiirraa erga dacha’anii baran beekaa. Hedduun saanii manatt Amaara (Kiristinnaa) tahuu saanii, ummataa fi amantoota halagaa gidduu waan jiraniif akka irraa of eegan itt himamaa; ofirrummaa, soda fi tuffii koloneeffamoof akka qabaatanitt guddifamanii. Liillana itt hidhanii akka nama liillana hin qabne waliin hin nyaane ni akeekkachifamu turanii. Kanneen makaman jedhaman keessaallee sodaan hin badne. Kun dhaalmaa wallaalummaa, hawaasa ammayyaa keessa jiraachuu fedhu taanaan ofirraa harcaasuu qabani.

Jarri kun Oromiyaa dureettii keessa mirga jiraachuu, hojjechuu fi basha’uu qabu. Achi keessatt mirga qooda ofiif qabsaawuu kan qaban yoo tahu mirgi dirqama waliin akka dhufus beekuu qabu. Kan arjoomameef diriinfatanii nyaachuu dhiisanii folooso laga gamaa maaf itt waamu? Oromoo yoo tahuu baatan Oromiyoo dha. Kun hundi tahuu utuu dandahuu, maliif akka saba fagoo jiru kan Oromiyaa humnaan qabatee jara abboolii biyyaa hiyyoomsee, cunqursee, fi namummaa baasee isaanis gate, akka leellisan qayyabachuun rakkisaa dha. Sammuquwiin, jara abbaa biyyaa irra firooma angoo olhaana waliin qabaachuu qofaan wayyinnu malee kan biraa want itt wayyan hin mullatu. Oromoon ummata walqixxummaa ilmaan namaa fi seeraan bulmaatatt yeroo hin yaadatamnee kaasee kan beekamanii. Kun argaadhageettii Habashaanuu mirkaneeffameeraa. Malbulcheessitooti namoota abbaawummaan itt hin dhagahamne akka saanii kakaasuun warra abbaa biyyaan akka walitt bu’an hanga dillisee wayitt hin galle “Gaallaa Gadaay” jedhamtu uumuura gahaniiru. Yeroo jara akkasii ofirraa facisan qulqulleessa lammii jedhanii wacuu. Mirkanii seenaa tokko utuu hin qabaatin, halagummaan haleelamuu firoota saanii irra deddeebi’anii gad tumu. Yeroo rakkoo kan dhaqabaniif isaan utuu hin tahin ummatuma isaan hammeessan kana.

Bilisummaan Oromiyaa kan oolu miti. Waldhabdee nagaan furachuun hunda caalaa. Angoon koloneeffataa araaraa nagaa rakkisaa hanga godhutt jeeqamaa jira. Murna ofittoo gantuutu Masaraa Minilik qabatee Oromoo fi Amaarri altokkicha ittiin mormuuf akka ka’an dirqisiisaa jira. Haalli mirkaniin si’ana jiru hamma isaan dhimma saanii walgidduutt fixatanitt jedhee Oromoon harka maratee taahuu hin dandahu. Addi Itophiyaa kan Amaaraa fi Tigrawayi Oromiyaa cabse arfacha jaarraa dura gargar cabe. Kakuun dudhaa kan waan saman waliin gahan ni haalame. Bakka buusaa malee Tigrawayi kolonii saanii jalaa fudhate. Biyya ofii bilisoomsuuf, jibba mirga sabootaa fi sabaawoo qaban dhiisanii ummatoota kolonii Itophiyaan harka wal qabatanii Wayyaanee dura dhaabbachuu ni dandahuu? Kan Oromoo fi Itophiyoti Wayyaanee buusuuf walii tumsuu dandahan yoos qofaa. Sana malee akka Ammaarii jedhu “Bareedduu daljeessaa keessaa kamiin filuu?” tahuu saatii. Oromoon kamuu kan haala duree malee tumsa saaniif birmatu kaasaa Oromoo kaayyoo sabichaa gurguruu kan abbalu qofa. Waldhaansoon Oromoo TPLF/EPRDF waliin godhamu kan dhuunfaa miti, wallaansoo hacuuccaa fi kolonummaa naannaa dhabsiisu jechuuf dha. Oromiyaan bilisoomuun godinaa fi empayera bilisoomuti hedama.

Ummatooti qabama jala jiran hundi carraa hiree saanii irratt murteeffachuu argachuu qabu. Kaka’i kanaan dura argamee hin beekne barattootaa fi qoteebulaan tahe, akka tuqaa geeddaramaa seenaa kan hooda imperialiin dhandhoname irraa sammuu jijjiirrachuu gaafatutt fudhatamuu qaba. Kan Amaarri hubachuu qabu biyya Habashaa seenaan beekame illee walitt qabuu kan hindandeenye empayera oolchuuf wakkiilummaa addaa akka hin qabnee. Amaarri Oromiyaa akka “Qiny gixat” tursuu dharra’uurraa biyya ofii bu’uuraa saa jabeessee olloota waliin hariiroo akka itt tolfatu yaaduu qaba. Oromiyaan harkaa sokeeraa, harma jigef boo’uun gatii hin qabu. Gootoliin Oromoo dullachooti waan imperial tokko tokko yaadaniif jedhanii maqaa ofii gurgurachuuf qophii tahu dandahu. Galmee waan isaan tahan, isaan tolche fudhatanii deemuu waan hin dandeenyeef maqaan saanii gamanaa haqamuu dandaha.

Sochooti barattootaa fi ummata Oromoo harra ukkamamuu ni dandaha taha; Bor garuu kurupha’anii akka lamuu hin ukkaamfanne gochuu dandahu. Gumaan dhiiga hiriyootaa fi gootota utuu hin bahin garaan saanii rafee hin bulu. Dhigi caalaatt gad dhammuun aarii caalaa finiisuu taha. Wayyaanee kan hate hunda ni deebisaa, kan balleesse hundattis ni gaafatamaa. Haaloo of qofaa utuu hin tahin ummata saa kan yeroo ilmaan Oromoo qalaman callisee ilaaluufis tuulaa jira. Ammas gaabbee, waan saame hunda ummata Oromoo fi ummatoota empayera Itophiyaa deebisee gaddhiisee bahuu ni dandaha. Murni Itophiyaa kamuu Oromoon walii tumsuu kan barbaaduu haala duree tokko malee ifatt mirga sabootaa hiree ofii ofiin murteeffachu akka fudhatu godhamuu qaba. Sana booda abbaa hirrootaa dhabamsiisuun mala qofa gaaftaa.

Murni Oromoo kamuu kan ejjennoo qabsoo sabaa irratt yaada jijiijjiratu eenyuufuu dumbulshoo tokko hin baasu. Namooti kan nama hedan miira abbaatiinii. Murni yk nammi akkasii yaada jijjiirrachuun keessaa baqatanuu xurii itt dhiqatan irraa hin qulqullaawanii; hamaa baqa saaniin gahuufis itt gaafatama fudhachuu qabu. Sochiin rincicaa saba Oromoo hacuucama jalaa ni baasa, waan taheefis manii saa utuu hin gahin hin dhaabbatu. Oromoo keettoo diinaa ta’ee sabboonota ajjeechaa fi hamaa garagaraatt saaxileef garalaafinni jiraachuu hin qabu. Finfinneen handhuura Oromiyaati, bilisummaan tokko kan isa biraattis ni geessa. Sochiin barattoota Oromoo barabaraan haajiraatu! Addi bilisummaa Oromoo walabi haa jiraatu! Firoota kan jaallatan jalaa du’aniin jabaadha jennaa, duuti hin ooltu biyya abbaa saaniif, biyya abbaa saanii irratt waan du’aniif Oromo hundi maqaa saanii ittiin boona; gootota ummataa tahanii bara baraan jiraatu.

Ulfinaa fi surraan gootota kufaniif; walabummaa, walqixxummaa fi bilisummaan kan hafaniif; nagaa fi araarri Ayyaana abboolii fi ayyoliif haa tahu!

Ibsaa Guutama

Amajjii 2016

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

AMALOOTA KUFAATII SIRNA ABBAA IRREE MIRKANEESSAN BEEKTAA?

Saphaloo Kadiir irraa. Sirnoonni Abbaa Irree kamuu amaloota wal fakkaatoo gaafa kufuuf qilee irra gahan …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *