Oduu Haaraya

Garee Google Crowdsource – Ethiopia: Keessatti wantoota beekuu qabdan

GAMMACHIISAAS Qabna!

  • Hawaasni keenya biyya keessaa alaa Dhamaatii ijoollee keenyaatiin #Milkoofne jechuudhaan Miirri Gammachuu torbaan lamaaf walitti fufeera.
    Kun Bu’aa keessan
    BAGA GAMMADDAN!
  • Kanumarraa ka’uudhaan Hayyoota Afaanii dabalatee Ogummaa Adda addaa keessa kan jiran Garee kanatti dabalamaa(Joining) jiru. Namoota Gurguddaa hedduun keessan ammatti hin tilmaamintu ammayyuu As jira. Kanaafuu hojii bu’aa guddaa ilmaan Oromoo xiqqaa guddaa, beekaa hayyuun hundi keessatti qooda fudhachuuf Gammachuun itti dabalamaa jiru keessa jiraachuu keessan quba qabaadhaa, akkasumas Ofeeggannoo fi Kabaja barbaachisu eeggachuu barbaachisa, kaayyoo as jirruuf irratti xiyyeeffachuun feesisa…
  • Garee Feesbuukii kana dabalatee Gareewwan biroo Marsaalee hawaasaa biroo irratti ijaaruun kan itti fufuu fi kunis akkuma kallattii Dhaabbata hojii waliin hojjachuu deemnu Gugilii irraa nuuf kennametti akka tahe Hubachuudhaan cinaatti, Dhaabbaticha irraa Gareen Damee Afrikaa bakka bu’u Gareewwan nuti ijaarru kanarri ni dabalamu, qindoominnaa fi hojii gara fuulduraa dhaabbaticha waliin hojjannu milkeessuuf qophaa’ina keenya hordofaa kan adeeman taha. Hardha Odeeffanno garee kanaa dhaabbatichaaf ergameera, Isaanis Miira Gammachuu agarsiisaniiru.
  • Fuulduratti waan hojjatamuu deemu irratti Marii waliinii kallattiidhaan kan mari’annuu fi Dhaabbaticharraa hooggantuun damee Afrikaa akka argamtutu eegama. Sagantaan gaafa qabae kan isin beeksifnu taha.
  • Milkaa’inna hojii kanaatiif akkuma kanaan duraa Ilmaan Oromoo hundi dirqama irraa eegamu bahuuf akka ofqopheessu dhaamaa, dabalataan ammoo Ogummaa murtaaye keessaa, Teessuma Lafa Oromiyaa kallattii hunda irraa, Keeniyaa, fi Biyyoota Alaa hawaasni keenya hedduuminaan argamu akka Minisootaa keessaa fa’a addatti filannoon (Creteria based selection) godhamu jiraachuu mala, kunis hojii hundi keenya waliin taanee hojjannu kana mirkaneessuufi hanqinnoota, dogoggoroota, funaansa qabiyyeeffanii fikkf milkeessuuf….
  • Ilmi Oromoo hojii bor-jiraataa(Seenatti darbu) kana irratti hirmaachuun carra-qabeessummaa akka tahe hubachuu akka qabdan jala-sararree isin yaadachiisaa, Hojii Seena qabeessa kana keessatti ammoo Dogoggora hin barbaachifne akka hin uumne of-eeggannoon olaanaan akka barbaachisu hubachuun dirqama. Ogummaa fi Dandeettii keenyaan qofa gomaacha nurraa eegamu gochuu irraa kan hafe waan hin beeknee fi hin hubatin itti-bu’uu irraa ofqusachuun barbaachisaa akka tahe yoo isin yaadachiisu miira-abbummaatiin akka hojjattan waamicha obbolummaa isiniif godha.
  • BARABAACHISUMMAAN Garee kanaa: Dhaabbatni Tekinoolojii Guddichi Gugiliin Hawaasa Oromoo Mil.70 ol kan qabu Afaan Oromoo Afaan Hojii godhachuu yoo ibsu Gammachuu olaanaa waliin yommuu tahu, Hawaasni Afrikaa fi Biyyoota Addunyaa heddu keessa jiraatu sabni Guddaan kun Qabiyyeewwansaa Aadaa, Seenaa fi Duudhaa Ibsan Afaan Ofiitiin gara Kuusaa Dhaabbactichaatti galchuu bira darbee Addunyatti of agarsiisuun barbaachisaa waan taheef Gareen kun hundaayee dhimma kana qindeessuuf akka tahe hubatamuu qaba
  • Gareen kun Too’attoota heddu qabaata, Dhimma Afaan Oromoo fi Dhimma Google Walqabatu malee Garee kana keessatti waan biraa maxxansuun Seera garee kanaa cabsuu waan taheef #Uggura isin irra kaahamuuf ittigaafatamaan isinuma akka tahe hubattanii Akka irraa ofqusattan yaadachiifna. Koreen Garee kana qajeelchus ni jiraata.
  • Odeeffannoo Adda addaa yeroo yeroon wal yaadachiisaa adeemna.

#AfaanOromo #AfaanOromoGoogleTranslate #abdisabanchaDhaamsa kan qopheesse: Abdisa Bancha JaraOgeessa ICT fi Miseensa QindeessitootaaMarsariitii: www.afaan-oromoo.com T.E(Email): afaanoromo.online@gmail.com

Check Also

a

Kuusa jechoota Afaan Oromoo Ramaddiin isii maqaa. (noun) A Qubee 1 Jechi kun akkmitti dubbifma? …