Oduu Haaraya
daawud ibsaa 201311

Girmaa Xurunaa fi Dawud Ibsaa. Dawud Ibsaa fira moo diinaa?

 

Nagaan haa dursu

Dhimmi ijoo keenyaas akkuma ammaan dura namoota oromoo biyya alaa jiran irra deddeebinee hubachiisuu yaalletti,waa’ee nama Girmaa Xurunaa Darsee jedhamu namoota keenya Asmaraa jiraniin Daa’atee Ilmaan oromoo irratti muka muraa jiruuti!!

Qabsoon ilmaan Oromoo bu’aa bayii hedduu keessatti kuftee harra kangeesseef sababa walii galteen hin jirreef ollaa fi firaan qabsoo waliif kennuuf yaada dhokataa hunduu bira gahuu hin dandeenyetti waan fayyadamaniif!! Namni Waayee isaa dubbannu kun seenaan isaa dubbatamee hin dhumu Namnis maaliif akka callise nuuf hin galu,warreen oromoof qabsoofna je’anis maaliif osoo beekanii waan qabsoo keenya laamshessaa jiru akka hojjechaa jiran nuti hubachuu hin dandeenye.

Girmaa Xurunaa Darsee Abbaa isaatiin Habashaa gaafa tahu haadha isaatiin oromoo dha. Bakki Dhaloota isaa Godina Horroo Guduruu Aanaa Jaartee tahee Ganda Somboo kumii jedhamu ykn Abuna jedhamutti dhalatee guddate. Mana Barumsaa sadarkaa 1ffaa Ganduma Smoboo kumii jedhamu kanatti barate, mana barumsaa sadarkaa 2ffaa Shaambuu magaalaatti baratee qabxii olaanaa fidee gara univeristy deeme,yeroo sanatti nsmni kun kan inni qabsoo oromoota Asmaraa jiran waliin hirmaachuu eegalee. sanaan dura homaattis hin qabu ture, Girmaan yeroo hamma 12ffaa baratu qabsoo dhugaa irratti hundaaweef kan soba hin qabne waan hordofu fakkaata ture. Itti aansuun gara Haramayaa University deemee “qabsoos” barumsa isaas itti fufe.

Waggaa 2ffaa utuu Haramayaa University baratuu Gidduutti hidhamee diina wayyaanee haalee bahee Gara mana barumsaa isaatti deebi’ee waggaa 2ffaa xumure,utuu kanaan jiruu,hidhaan itti deddeebitee gaafa rakkistu waggaa 3ffaatti harka kennee diina nama maqaan isaa Jambaruu Damee Tikaa wayyaanee tahe Achuma Haramayaa University fi naannoo isaa kan hojjetu wajjin walii galtee mallatteessee waliin hojii eegale. Gaafa Walii galtee Diina kanaa wajjin mallatteessu Qarshii 50,000 Diina harkaa fudhatee hojii basaasummaa irratti bobbahe. Duramaa kaasee waan hubatamuun irra jiruu Girmaa fi Dawud Ibsaa akka wal qunnamtii qaban tahuu isaa ti. wagguma sana keessa warri Asmaraa jiran (Daud Ibsaa) Computera 5 fi Qarshii 50,000 ijoollee 5 fi gaafa ergan karaa isaa waan dhufeef ijoolleen fudhachuuf gaafa deeman innoo diinaan qabameera jedhee gara ofii isaatti naannesse. computer sun fi maallaqa sun gaafa karaa Dawud Ibsaa faa ergamu karaa Wuccaaleeti kan namni dhufee laateef. Girmaan komputera fi maallaqicha ajaja humna tikaa wayaaneetiin fuudhee gara dabrse. walumaa galatti ijoolelen shanan gaafa meeshaa isaanii fudhachuu dhaqan isaan qabsoo kana garaa isaanii irraa waan itti jiraniif iccitiin kun hunduu isaaniif hin galle ture. Inni sobee ijoollee wajjin wal lolee akka isaanii wajjin qabamuuf haala mijeessee diinaan walii galee innis walumaan qabamanii hidhaman. Ijoolleen 5 sana wajjin 6 tahanii hidhaman, Girmaan guyyaa 2 qofa mana hidhaa bulee gadi lakkifame.

Ijoolleen shanan immoo waggaa 8 itti murtaawe achitti hafan. Girmaan ijoolleen shanan kan hidhamaniif maallaqa ati ergitee turte irratti wal dhabanii wal saaxilan jechuudhaan Dawud tti gabaasa. Dawud Ibsaas kun waanuma qabsoo keessa jiru kan hidhaman haahidhaman ati waan hojjechaa jirtutti jabaadhu jechuun Girmaa jajjabeesse ergaa dhaamaaf. Ammas itti eda’uun Daud Ibsaa Ijoollee 50 gara Dirree waraanaatti ergi jechuun Girmaa tti dhaamee qarshiin isaan ittiin deeman qarshii naannoo 75,000 erga. Girmaan qarshii 25,000 irraa hambifatee ijoollee shantama walitti qabuun qarshiin 50,000 dhufee jiraa qophaawaa ni deemtanii jechuun ijooleen akka qophaawan taasise. Ijoolleen qophaawanii waan ittiin deeman barbaacha bakka Girmaan argamaa jedhetti yeroo argaman ‘securitiin’ wayyaanee bikka sanitti argamanii ijoollee 29 yeroo qabatan ijoolleen kaan baafatan. Ijoolleen 29 lan kun haga haraatti mana hidhaa Qaalittii tti dararamaa jiran. Ammas akkuma duraanii ijoolleen maallaqa ati ergiterratti wal lolanii wal saaxilanii hidhaman jechuun Girmaan Dawud itti gabaasa. Girmaan ijoollee kana hiisisuu qofa osoo hin taane mana murtii deemee isaan ABO dha jedhee raga itti bahee jira. Ijoolleen Dararamaa jiran kun hunduu namoota iccitii gurbaa kanaa beekanii fi namoota dhugaa qaban qofaa dha ijoollee kun irra guddaan isaanii dhalootaan naannoo isaatii kan dhufanii dha.

Walumaa galatti harrallee diinaaf gugguufee ilmaan oromoof waan hojjetufakkaatee dhiiga ijoollee oromoo maqaan isaanii hin beekamneef kan beekamu hedduu dhangalaasisaa jira kanas kan Gochaa jiru Hayyu dure ABO ti kan ifiin jedhu Dawud Ibsaan waliigalanii ti. Kana nu qofaa osoo hin taane seenaan gara fuula duraa dhugaa baasa. Haata,u malee osoo beekuu Dawud Ibsaa maaliif akkas godha kan jedhu ammallee gaaffiin mataa keenya rakkaa jiru tahuu hubadhaa. Maaliif?? Wanni kun hundaa erga tahee booda Dawud Ibsaa maaliif ammallee nama kana waliin hojjechaa jiraan nuuf hin galu. Kanneen armaa olitti hidhaman jennu kun kanneen akka gurmuutti hidhamanii dararamaa jiran yeroo tahu kanneen akka nam tokkeetti Girmaan hiisisee amma mana hidhaa tti dararamaa jiran kumaatamaan jiru. Nuti kanneen biyya keessa jirru dabaa Dawud Ibsaa qabsoo bilisummaa oromoo irratti hojjechaa jiru saaxiluuf humans aanjaas hin qabnu, warreen biyya alaa teessanii dabaa Dawud Ibsaa hojjechaa jiru osoo beektanii maallaqa itti guurtanii uummata keenya ficcisiisaa jirtan seenaan wal nu gaafachiisa.

Warreen ammaan dura waan Girmaa fi Dawud Ibsaa hojjechaa jiran yeroo quba isin qabaachifnu dhugaa sehuu dadhabdanii, nus amanuu dadhabdanii yeroo hangasii fudhattan kunoo waan VOA irrat gaafa http://www.voaafaanoromoo.com/a/afooshaa-siyaasa-abo- himatamtoota/3307047.html dabree ture dhaggeefadhaa. Ammas waan Girmaan ijoollota 33 irratti hojjete nurraa osoo hintaane VOA irraa dhaggeefadhaa. Ammallee Girmaa fi Dawud Ibsaa waliin hojjechaa jiran.

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …

2 comments

  1. Expose Double agents

    For your surprise it is not only Girma Tiruneh Derse that is enemy agent, but also the so called international qeyro group in Washington dc is led by double agent (Teshome) too because he is from same locality with Girma. He was high opdo official in Wallagga university before he was sent for higher education abroad. now he is a top olf member.

    • Yaa rabbi kiya, mal mali saa? oganan qerroo ka USA jirtus qarshi fayida mataa jaraaf olcha jirti. qarshin ol guratan ka audit godhu hin jirtu.qerron Oromiya beese takka hin argattu. maqa qerron network saminsa hojani Oromo saamaa jiran.