Oduu Haaraya

Hanga Ummata Oromoo Waliin Hin araaramnetti Keessa OPDOtti Sabatiinsi Hin yaadamu; Hireen Maayyii Hogganoota Isaas Salphinuma

Bitootessa 12, 2013 (Oromo Liberation Front) – Ummata Oromoo keessaa dhalatee guddifachaa diinaa tahuudhaan saba isaa gabrummaa jalatti kan iggitaa jiru OPDOn yeroo irraa gara yerootti rakkoo keessa isaatti babal’achaa deemaa jiru furachuu hin dandeenye. Rakkoon keessa OPDOtti dhalataa turee fi dhalatees jiru gabaabaatti ‘Oromoof haa dhaabannuu’ fi ‘Oromoof hin dhaabannuu’ dha.Warri farrummaa Oromootiin guutamee Oromoof hin dhaabannu jedhu yeroo hundumaa tumsa warra TPLF qabu waan taheef, warra haqaan araaramuu hawwu ukkaamsuu fi dhabamsiisuu irratti hanga ammaatti milkaawaa dhufuunis beekamaa dha. Haa tahu malee hanga maayyiitti milkaawuuf akka hin jirre jala murree dabruu qabna.

OPDOn du’a Mallas Zeenaawiitti aanee rakkoo keessa isaa dhoowee dhagahame furachuuf akkuma gahummaa dhabee fi rakkinaan liqimfametti jira. Ilaalcha wal faallaa lama kan dhaabicha keessatti dagaage furuuf jecha isa tokko isa kaan moosisanii yaada miseensotaa fi hogganoota dhaabichaa gar tokkotti luuccessuun akka balaa qabu waan hubatameef akkuma qadaadametti yoona gahe. Ammas akkuma qadaadametti kora haadhoo isaa EPRDF (bixxila TPLF) kan ALHtti Bitootessa 14-17tti geggeeffamu irratti hirmaachuuf qophiitti jirama. Kora kanatti aanee qajeelfama TPLFiin OPDO keessatti tarkaanfiin fudhatamuu mala shakkiin jedhus ni jira. Kunis kan agarsiisu akka dhaabichi miilla lamaan dhaabbatee of danda’ee rakkoo keessa isaa furachuu hin dandeenye, akka dhaaba dhala Oromoo tokkotti ija Oromummaa walaba taheen qorannoo geggeessee of xaliiluun akka hin eehamamneefii fi harka Wayyaanee qofaan hireen isaa kan murtaawuuf tahuu isaa ti. Kun akkaataa uumama OPDO irraa kaée kan murtaawe tahuyyuu, ilmaan Oromoo dhaabicha keessatti of tahanii sammuu Orumummaatiin yaaduu hawwan biratti gaaffii belbeltuu ‘hanga yoomiitti?’ jedhu dhalchaa deemaa jira.

Rakkooleen OPDO olitti eeraman marti kan maddan, dhaabichi Oromoo keessaa dhalatee sagalee dhahannaa onnee Oromoo dhaggeeffachuu manna, humna Oromoo dhiitee bitaa jiruuf ergamtuu tahee hojjechuu isaa irraa ti. Saba keessaa dhalateef gaachana tahee qara eeboo diinaa irraa qolachuu mannaa, eeboo fi gaachana diinaa tahee deebisee saba isaa waraanuu isaa irraa ti. OPDOn abbaa fi haadha irraa dhalate, Oromoo saba guddicha osoo qabuu, dhala guddifachaa TPLF tahee hojjechuuf akka dhaabaatti gaafuma labsamu hireen isaa jal’atte. Hogganoonni dhaabicha keessaa kan of dagatanii alagaaf amanamtummaan dalaguu murteeffatan hanga aangoo irra jiranitti garaa guuttatanii buluu malu. Guddifataan isaanii gaafa gaafatama irraa kaasee isaan darbe garuu lafa itti kufan hin qabani. Ummata Oromoo keessattis tahee sirna itti qunca’anii tajaajilaa bahan biratti jibbamoo fi tufamoo tahu. Dhala isaaniis maqaa gaarii dhaalchisan hin qabani.

Dhaabni saba tokko keessaa dhalatu saba keessaa bahe sanaaf afaan, ijaa fi gurra tahee hanga hin tajaajilletti keessaanis alaanis nagaa hin argatu. OPDOnis Oromoo keessaa dhalatee murannoodhaan Oromoof hanga hin dhaabbannetti, kabaja dhaabummaas tahee milkii sochii horachuun waan hin yaadamne. Dhaaba akkasitti saba keessaa dhalate gansiifamee guddifattummaa diinaatiin dagaagfame keessatti yeroo hundumaa ilaalchi gos tokkichi jiraachuu hin danda’u. Misoonsota dhaabichaa keessaa kanneen garaa guutuu diinaaf ergamanii buluu murteeffatan akkuma jiran hunda, kanneen gochaan kun keessa isaaniitti irriba isaan dhowwatus jiraachuun waan hin hafne. Dhaabni ilaalchi lamaan kun keessatti dagaage rakkoo sabatiinsa dhaabummaa fi miseensota isaa gidduu qabaachuun beekamaa taha.

Rakkoo kana furuun kan danda’amu karaa lama. Tokko, warra fedhii alagaa guutuuf hojjetan irra aananii dhaabicha dhaaba saba keessaa dhalate sanii taasisuu dha. Karaan lammataa ammoo, kanneen alagaaf hojjatan warra Oromoof hadoodu dhabamsiisanii dhaabicha guutummaatti ulee alagaa taasisuu dha. Furmaanni inni duraa furmaata firaa/lammii ti. Haa tahu malee furmaanni kun hanga olaalntummaan waraanaa fi bureaucracy diinaa mataa dhaabichaa gubbaa jirutti milkaawuuf qabsoo hadhooftuu fi murannoo barbaada. Kana milkeessuun qophii haalduree kan barruu tana keessatti eeruun hin barbaachifne gaafata. Yoo kun milkaawe diinni salphatee Oromiyaa irraa harka fudhachuutu dhugooma waan taheef wareegamni tarkaanfiin kun gaafatu salphaa hin tahu. Qabsoo akkaan qindaawaadhaan itti deemuun garuu dubbii yeroo ti malee waan hin oolle.

Furmaatni inni lammaffaa, kan warra Oromoof hadoodu dhabamsiisanii dhaabicha guutummaatti ulee alagaa taasisuu jedhu furmaata diinaa ti. Eega OPDOn dhalatee qabees osoo wal irraa hin cinne hojii irra oolchuuf kan dhama’amaa turee dha. OPDO keessaa warra sammuu Oromummaatiin yaadu yeroo yerootti dhabamsiisuuf hojjetamaatuma ture tahu illee, guutmmaatti hin milkoofne.Har’as OPDOn akka TPLF hawwutti guutummaan guutuutti dirqama ergamtummaa bahachaafii hin jiru. Sammuuwwan Oromummaan yaadan OPDO keessaa haxaawanii dhabamsiisuunis gonkumaa waan hin dhugoomne. Kana dhugoomsuun miseensota OPDO guutummaa guutuutti alagoota irraa qofa kaadhimachuu gaafata. Kana gochuufis yaaliin taasifamaa dhufe jiraatuyyuu, bifa kanaan Oromoo bal’aa gowwoomsuun waan hin fakkaanne tahe. Yaaliin OPDO alagoota qofa irraa ijaaranii Oromoo irratti fe’uuf jalqabamee ture daranuu ummata Oromoo irraa dhaabicha fageesse. OPDO keessaa dhiiga Oromoo dhabamsiisuun kan itti fufu yoo tahe, inumaa, balaa irra-hamaa dhalchee akka lubbuu mootummaa Wayyaanee gaaga’u waan hubatame fakkaata.

Kanaafuu toftaan kun har’as hanga ta’eefuu shaakalamaa jiraatullee, irra-guddaatti garuu ‘qalbii ummata Oromoo ABO irraa fageessina’ yaada jedhuun, fedhiinis tahee dirqiidhaan ilmaan Oromoo bal’inaan OPDO keessatti kaadhimachuutu babal’ate. Keessumattuu dargaggoo Oromoo deeggartummaa ABO irraa gara ofiitti deebisuuf jedhamee duula bal’aa tu geggeeffamaa jira. Yuniversiitiilee fi kooleejota keessaa joollee Oromoo dirqiidhaan unkaa miseensummaa OPDO guuchisuun faashina bara kanaa tahuun beekamaa dha. Ilmaan Oromoo fedhiinis tahee dirqiin OPDOtti miseensomaa jiran kun hundi ammoo, jaalatamus jibbamus dhiigni isaanii Oromoo dha waan taheef, guutummaatti Oromummaa irraa fagaatanii jiraachuu hin danda’ani. Hangamuu dalagaa argachuuf jecha dirqamaniis tahee fedhiin gowwoomfamanii yoo miseensoman iyyuu, oolee bulee dhiigni Oromummaa isaanii dheekkamee daandii jal’oo san irraa isaan deebisuun waan hin hafne. Waan alagoonni Afaan Oromoo dubbatanii fi gooftoliin TPLF gubbaa irraa gad isaan waga’an yeroo hundumaa cal jedhanii hin liqimsan. Kanaafuu dhaaba tokkicha kan dantaa Oromoof dhaabbatuu fi dantaa Oromoo alagaaf gurguru, akkasumas, humni ‘of haa taanu’ jedhuu fi ‘of hin taanu’ jedhu wal gaarreffatu keessatti sabatiinsi dhaabummaa jiraachuu hin danda’u. Isa kanatu keessa OPDO goolaa jira.

Hanga olaantummaan TPLF biyyattii bituu itti fufutti gooliin keessa OPDO kun kan qabbana argatu hin fakkaatu. Wayyaanonni akkuma aadeffatan OPDO keessatti bakkoota furtuu tahan namoota isaaniif amanamoo tahan qabsiisuuf lafa jala qophii geggeeffachaa jiraachuun beekamaa dha. Tarkaanfiin kun ammoo ilmaan Oromoo baay’ee kan fayyaalummaadhaan dhaabicha keessatti hiriiran akka rukutuuf jiru hin haalamu. Akkaataa moyxannoo tarkaanfii Wayyaanee amma duraa irraa kan beekamu, imaammata ‘waraabessa quufe waraabessa beela’adhaan bakka buusuu’ jedhutu hordofama. Matootii OPDO warra hangamuu sirnichaaf amanamee bara dheeraaf dalagaa ture kaasanii dabballee qacalee jalaa ol dhufu, kan nyaatee garaacha guuttachuuf hamuummatu fuudhanii mataa gubbaa kaa’uu dha. Dabballeen qacaleen sunis hanga danda’u nyaatee eega quufee ulfaatee booda, qacalee isa jalaa ol bahu fuudhanii irroomsuudhaan isa quufee gooftolii tuffachuu kajeelu karaa irraa maqsuu dha. Toftaan akkasii kun faayidaa lama qaba. Faayidaan inni jalqabaa fi guddichi, dhaabichi bara baraan toyannoo gooftolii ol’aanoo jalaa akka hin baanetti tiksa. Dhaabicha keessatti warraaqsi akka hin dhalannetti qaawwa hiree jiraachuu malu hunda cufa jedhamee amanama. Faayidaan lammaffaa, ummata ittiin gowwoomsuuf kan gargaaru taha. ‘Warra aangootti fayyadamee quufee isin miidhaa ture karaa irraa maqsine’ jedhamee ittiin ummatatti ololama.

Kanaafuu joolleen Oromoo haala jireenyaatiin dirqamaniis tahee dantaa yeroof gowwoomfanii OPDO keessatti miseensoman adeemsa Wayyaanee kana irraa maal barachuu qabu? Deebiin gaaffii kanaa ifaa dha. Akkuma warra dabreetti akka shonkooraa alalfatamanii darbamuu, kanaanis maqaa fi seenaa ofii dhabanii salphachuu mannaa, xiqqaattus guddattus gaafatama harka isaanii jirutti dhimma bahanii seenaa hojjechuu filachuu qabani. Qabeenyaa Oromiyaa alagaan akaafaadhaan saamee fal’aanaan isaan dura qabu laalanii of gurguruun salphina. Qabeenyaa ofii guutummaatti harka alagaa keessaa micciiranii deeffachuudhaan of irratti abbaa tahanii du’uun ofiifis sabaafis kabajaa gudda dha. Kana gochuuf ammoo OPDO akka dhaaba Oromootti dhuunfachuuf qabsoo keessaa jabeessuun fardii taha.

Wanni hubatamuu qabu, mootummaa Wayyaanee keessatti dabballeen kabajaa ofii gurguree diinaaf ergamus tahee kan aangoo sobaatiin machaawuu lagatee hanguma taheefuu saba ofii irra harka qabu bara baraan aagnoo irra hin jiraatu. Garaagarummaan jara kana lamaan gidduu jiru garuu, inni diinaaf gugguufuu xiqqeessee saba ofii irra harka qabu boru gaafa aangoo irraa darbamu lafa itti kufuu fi maqaa wayyaa dhala ofiif dabarsu kan qabaatu yoo tahu, kan dugdaa citee diinaaf ergamaa bahee guyyaan geenyaan yoo achi irraa darbamu hiree kana kan hin arganne tahuu isaa ti. Seenaa qondaalota OPDO hanga har’aa yoo laalle, dhugaan kun caalaatti ifee mul’ata. Qondaalonni OPDO bar tokkotti ‘pirezdaantii Oromiyaa’ jedhamanii maqaan isaanii tuulamee mul’achaa bahe har’a eessa jiru? ‘Pirezidaantii Oromiyaa (OPDO) jalqabaa’ kan tahe Hasan Alii eessa jira? Namni sadarkaa sanatti ‘biyya bulchaa’ bahe jedhamu maaliif galgalli isaa jireenya baqattummaa tahe? Mootummaa waliin hojjechaa ture qofa osoo hin taane saba keessaa dhalate (Oromoo keessaa fi alaa) irraas adda bahee osoo lubbuun jiruu jireenya kophxummaa wanni isa mude maali?

Junaydii Saaddoo hoo, eessa jira? Namni kaleessa gaafa Waldaa Maccaa fi Tuulamaa cufsiisu ‘waldaan kun waa’ee Oromoo dubbachuuf mooraalii maalii qaba?’ jedhee geeraraa ture har’a maaliif hiree waldaa cufamee san mudate? Namni kaleessa barattootni Oromoo 300 ol yuniversiitii tokkicha irraa wayta ari’aman, ‘ari’amuun isaanii sirrii dha; gara fuulduraattis ni ari’amu’ jedhee diina gammachiise, har’a maaliif ofiifuu ari’amee barattoota ariisise san wajjin hiriira UNHCR galee dhaabbata? ‘Pirezdaantii’n kaleessa hoggaa barattoonni Oromoo Agaaziidhaan mataa mataa isaanii keessa dhawamanii ajjeefaman ‘baga dhawamani, borus mataa mataa isaanii keessa dhoofnee ajjeefna’ jedhee amanamtummaa isaa diinaaf mirkaneesse har’a yoo xiqqaate maaliif haadha manaa isaa hidhaa irraa hiiksifachuu dadhabe?

Qondaalonni OPDO dhiigaan Oromoomanii gochaadhaan Oromoomuu hanqatanii diina gabbaraa bahan kun har’a gaafa gooftota isaaniitiin bakkaa buqqifaman lafa itti kufan dhabanii argamu. Akka saba isaaniitti hin deebine sabni isaan lagateera. Akka diina waliin itti hin fufne diinni alakfatee isaan tufeera. Hiree qurxummii galaana keessaa baatee mudatan. Of qusannoo tokkoon maleetti galanni Wayyaaneef oolaa bahan salphina kana irraa isaan hin baraarre. Yeroo baay’ee namoonni yoo qondaalota OPDO gorsan, ‘Gaafa Wayyaaneen aangoo irraa kufte waliin Maqaleetti hin galtaniitii, yeroodhaan jalaa deebi’aa’ kan jedhu ture. Har’a garuu warri gorsa sabaa dide osoma sirni isaanii aangoo irra jiruu gatii harka isaanii argachaa jiru. Kunis haqni sabaa ofii humna hangamii akka qabu qabatamaatti agarsiisa.

Namni qalbii qabu kana irraa waan baay’ee barata. Oromoo tahanii Oromoo gananii Wayyaaneef ergamuun, booddeen isaa salphina tahuu fakkeenya eerame irraa barachuun hin ulfaatu. Kana keessatti Oromoo ganuu fi Oromoon araaramuu jechuun maali? Oromoo ganuu jechuun, dhaaba Oromoon abdatu jabeeffachuu dhiisanii dhaaba diinni Oromoo ittiin bituuf bixxile akka dantaa diinaaf tolutti jabeessuuf dhama’uu dha. Oromoodhaan araaramuu jechuun ammoo, dhaaba Wayyaaneen Oromoo ittiin bituuf bixxilatte harkaa micciiranii baasanii saba ofiif dhaabbachuu; kanaanis dhaaba Oromoo qabsoo haqaatti jiruuf tumsa hin daddaaqamne tahuu dha. OPDOn sabatiinsa waaraa kan argatus gaafas qofa!

Infoo Deeskii ABO

Afaan Oromo
Amharic

Source: Oromo Liberation Front

Check Also

toophiyaa31

Ethiopian Empire: Socialism and Federalism as Schemes to Avert its Breakup

November 10, 2023 Fatansaa Sulee Shogodoo    The interest of this article is not to do …

One comment

  1. OPDO dhiisaatii waan baataniif godha. At least, OPDOon biyya isaa keessa jira. Isinimmoo, biyya ollaa tessaanii Meloti dhugaa oduu afuuftan. Wanni isin wallaaltan, ar’a osoo OPDOon jiraachuu baate bikka OPDO Amara buusan…maalif? Isin Eritrea jirtan.