Oduu Haaraya

Kaayyoon dhaaba jijjiiramaa ABO YKN hooggana bergaader….

Qabsoo Ofirratti Amantaa fi Kan kaleessaa irraa Barannee, kan Boruuf Maal Gochuu Qabna jennee of gaafachuu!
Dhaabni siyaasaa tokko tarsimoo fi galii gara garaa qabaachuun waanuma jiru. Dhaabbileen siyaasaa yeroo tokkotti eddumatanii ijaaramuu ni malu. Karaa biraatiin ammoo dhaabni siyaasaa tokko yeroo tokkotti akka malee beekamaa fi fudhatamaa ta’uu danda’a. dhaabni siyaasaa kun dhimmoota irratti of ijaare irraa ka’ee deeggarsa sabaa, addunyaa fi miseensa eddu qabaachuu mala. Dhaabilee siyaasaa jiran keessaa eddu muldhataa fi tarkaanfataa ta’a. Gaaffii fi galiin isaaniis akkuma baayyina isaanii garaa garummaa ni qabaata. Siyaasa keessatti dhaabbileen baayyatanii waanta ijaaramniif jecha hundi isaanii galii lafa kaayyatan hojiirra oolchu jechuu miti. Karaa biraatiin hundi isaanii aangoo siyaasaa yeroo tokkotti qabatanii biyya ykn saba bulchuun hin danda’amu. Sababbiin eddu ka’uu ni mala.
Isaan keessaa:
• Haalli qabatamaa fi waltajjiin dhaabbileen siyaasaa keessatti ijaaraman jijjiramuu
• Dhaabileen siyaasaa ilaalcha gara garaa qabaachaa turan adeemsa keessa walitti dhihaachuudhaan kaayyoo tokko jalatti walitti baquu
• Haala jijjirama naannoo fi addunyaa wajjin kan wal simu tarsimoo fi toftaa siyaasaa,maddisiisuu dadhabuu irraa waltajjii qabsoo keessaa moggaafamaa ykn dhabamaa deemuu
• Dheerina qabsoo keessa dhaloota duraa irraa gara dhaloota haarawatti sirnaan hoggana dabarsuu dadhabuu
• Dhaabni siyaasaa, keessa isaatti sirna demokraatawaan masakamuu dhabuu fi shakkiidhaan wareeraa jiraachuu
• Galii fi fayidaa dhaaba ofii dagachuun tajaajiltuu alagaa biraa ta’uu
• Kaayyoo dhaabaa (galii) irratti diinni akka baayyatu gochuu
• Adeemsa siyaasaa addunyaa fi biyyaa keessaa of qophxeessaa fi of irratti amantaa hogganummaa dhabaa deemuu
• Toftaa diinni ta’e jedhee qoqoduuf dhimma itti bahu hubachuu dhabuun, diina dhiisanii saba akka sabaatti diineffachuu fi qabsoo saba biraa dagatu (diineffatu) ooffachuu fi kkf…. Kaasuun ni danda’ama.
Haalonni kun yeroo kamuu kan jiraatanii dha. danqaaleen qabsoo keessatti nama mudatan edduu dha. danqaaleen haalli yeroo namatti uumuu fi diinni ofii namatti tolchu sirnaan gargara baasanii hubachuun eddu gaarii dha. falli kan argamu danqaalee qabsoon qabdu bilchinaan yoo hubachuu danda’an duwwaa dha.
Qabsoo keessatti danqaaleen kumaatamni yeroo tokkotti nama mudatuu malu. Danqaa qabsoon qabdu hundaaf yeroo tokkotti falli argamuu ykn kennamu hin jiru. Danqaaleen qabsoo jiran hundi isaanii, walqixa gahee hin qaban. Hunda keessaa danqaan ijoon jiraachuun dirqama. Hoogganni siyaasaa tokko kana sirnaan hubachuuf bilchina hoogganaa gaafata. Hoogganni danqaan qabsoon qabdu bilchiinaan xiinxalee hin hubanne gara fala hundaaf kennuutti deema. Kun ammoo yeroo fi qabeenya qisaasuun ala bu’aa hin qabu.
Akka seenasaatti eegan ammana jedhee gara qabsoo saba keenyaatti deebi’a. qabsoon sabni oromoo gochaa jiru haqaa fi dhugaa qabu argachuuf. Haqaa fi dhugaa qabaachuun garuu yoo sirnaan hin hoogganamne bu’aa hin fidu. Qabsoon keenya inni duraa haqa kan qabu ta’uu isaa sabni akka sabaatti hubachuu qaba. Haqa ofii hubachiisuun mataa isaatiin qabsoo hadhawaa gaafata.
Haqaa fi dhugaa oromoon qabu daandii sirrii qabsiisuun ammoo, bilchina hooganoota siyaasaa gaafata. Haqaa fi dhugaa oromoon qabu, dhaabbileen siyaasa oromoo bifa gara garaan hubatu. Galii fi tarsiimoon siyaasa dhaabbilee oromoo garaagarummaa qaba. hundi isaanii haqaa fi dhugaa oromoon qabu irraa ka’anii, galii siyaasaa mataa isaanii maddisiisanii jiru. Galiin siyaasaa dhaabbilee oromoo kun galma gahuu kan danda’u garuu, tarsimoo fi toftaa galii isaanii galmaan gahuuf wixinatanii fi ijaarsa ummtaa isaan filatan irratti murta’a. dhuma irratti garuu murtee oromoo kan gaafatu ta’a. murtee oromoo jechuun olola dhaabbileen siyaasaa oofaniin otoo hin taane, haqa qabeessummaa fi daandii dhugaa ta’uu isaa ummati xiinxalee kan deeggarsa kennu jechuu dha. Haala kana keessatti dhaabbileen siyaasaa oromoos yaada walfakkataa qaban adeemsa keessa walitti siqaa fi wal tumsaa deemuun dirqama ta’a.
dhaabbileen siyaasaa wal tumsuu fi walitti baquun roga lama irraa dhufa. Tokkoffaan humnaa fi qabeenya qaban walitti fiduudhaan dhugaa fi haqa oromoon qabu galmaan gahuuf, akkasuma tarsiimoo fi muldhata harawaan, qabsoo gara fuunduraatti tarkaanfachiisuuf kan akeekkatee edha. Inni lamataa ammoo, dhimma egeree oromoo fi qabsoo sabaa xiinxaluudhaan otoo hin taane, dhimma garee ofii tifkachuuf jecha ykn kan dura dhimma qabsoof otoo hin taane dhimma fayidaa gareef garaa garummaa qabaachaa turan, ammas isuma tifkachuuf jecha wal tumsuu ykn walitti baquutti deemu.
Adeemsi akkasii kun kan maddu ykn dhufu dhiibbaa fi jijjirama siyasaa mooraa qabsoo oromoo keessatti guddachaa fi gabbachaa dhufu irraa madda. Haalli akkasii kun qabsoo oromoo gara fuunduraatti tarkaanfachiisuuf gahee guddaa qaba. Dhaabbileen siyaasaa kana dura mooraa qabsoo oromoo keessatti baayyachaa fi ilaalcha gara garaa qabaachaa turan gara waltajjii tokkootti deemuun mataa isaatiin fayidaa guddaa qaba. mooraan qabsoo oromoo calalamaa fi qulqula’aa deema. Kanaaf wal tumsuun kun roga fedhe irraayyuu haadhufuu fayidaa qaba.
Amma mooraan qabsoo oromoo galii siyasaa ifa ta’e lama qaba. innis haqaa fi dhugaan oromoo kan mirkana’u walabummaa oromiyaa milkaneessuu duwwaan dhugooma kan jedhuu dha. inni lamataa ammoo, haqaa fi dhugaan oromoo kan mirkana’u, Biyya ummaanni Oromoo itti fufinsaan badhaadhaa, qaroomaa fi bilisummaa wayyabummaan isaa keessaatti mirkanawe, mirgi dhaala nama, murnaa, sabaa fi sab-lammoota wal qixa itti dhugoomaa deemu Itiyoophiyaa jiraaruu kan jedhuu dha. galiin lamaan kun tarsimoo fi toftaa mataa isaanii kan gaafatanii dha. lachuu yoo ilaalame dhugaa fi haqi oromoon qabu dhugoomuu qaba kan jedhuu dha. haata’uutii garuu, garaa garummaan jiru akkamitti dhugoomuu qaba kan jedhu irratti addaddummaa baldhaatu Jira. kun jiraachuun isaa fafa tokko iyyuu hin qabu. dhuma irratti murtee kan kennu ummata oromoo ti. Galiin kun lameenuu sababaan isaan lafa ka’amiif ni jira. xiinxalaa fi hubannoo dhaabbilee siyaasaa abbaa yaada galii kanaa ta’an sababa gahaa qabu. sababa qaban barsiifachuu fi akkamitti akka hojiitti hiikuuf deeman qabatamaan muldhussun dirqama dhaabbilee siyaasaa ti.
As irratti hubatamuu kan qabu garuu galii lamaan kana duuba oromoo miliyoonatu jira. galiin lamaan kun wal dura dhaabbachuu irra bakka waliif tumsan, malaa fi fala barbaaduun bilchina gaafata. Akka amma muldhachaa jiru kanatti olola dharaa fi injirree uumanii walirratti ololuun eessanuu nama hin gahu. Mo’achuun diina oromoo irratti xiyyeefachuu qaba malee wal mo’achuuf dhama’uun wal takaaluun ala, bu’aa hin qabu.
Akka amma ilaalaa jirrutti olola rakashaaf jecha maqa balleessii fi injirree uumanii ololaan of muldhisuu yaaluun bilchina dhabuu keenya muldhisa. Karaa biraatiin alagaa gargaarsifatanii harkaa fi luka namoota kanaa naaf hidhaa jedhanii olola irraa tolfachuu yaaluun bubbulee abbaadhuma olole sana miidha. Sababbiin isaa jabina irraa kan maddu otoo hin taane, of irratti amantaa dhabuu irraa kan dhufe waan ta’eef. Tarii namoota dhuunfaa yeroof rakkisuun ni danda’ama ta’a. garuu bifa kamiinuu yaadaa fi muldhata namootiin qaban sana, fuunduratti tarkaanfachiisuuf dhoorkuun hin danda’amu. Seenaan ammoo akkuma kana duraa ni bubbula malee dhugaa baha. Ammas irraa baratamuu kan qabu nama dhuunfaa balleesuudhaan ykn miidhuudhaan yaada namootaa ukkamsuu, akka hin dandeenye beekuun gaarii dha. fagoo too hin deemne adeemsuma waggaa 20n mooraa qabsoo oromoo keessatti namoota dhuunfaa irratti raawatame ammam akka gaga’ama fide irraa baruun bilchina gaafata. Falli bilchina qabu fala siyaasaa malee, nama dhuunfaa miidhuun ykn olola dharaa irratti oofuun fayidaa hin qabu.
Kanaaf mooraa qabsoo oromoo diina irratti akka xiyyeefatu gochuuf falli jiru maree fi garaa garummaa walii beekanii waliif kabajuu dha. rakkina gadaantummaa fi of irratti amantaa dhabuu irraa kaanee, murtee dogongoraa irra gahuun deebi’ee abbaa murtee sanaa miidha. Seenaa irraa barachuun beekumsa.
Ani akka ilaalcha kiyyaatti mooraan qabsoo oromoo galii siyaasaa lama qabaachuun isaa rakkoodha jedhee hin fudhadhu. Sirumaa hojachuu fi bilchinaan qabsoo oromoo keessatti hirmaachuuf kan nama kakaasuu dha. haalli akkanaa kun ammoo dhimma siyaasa oromoo keessa duwwaatti kan uumame miti. Addunyaa mara keessa kan jiruu dha. siyaasi oromoos mooraa addunyaan ala miti. Gareen ykn namni dhuunfaan addunyaa keessaa of qophxeesse yoo jiraate itti makamuun kan isaa ta’uu qaba malee, galiin siyasaa oromoo tokkoo fi tokko duwwaa ta’uu qaba jedhanii maraatuu ta’uu hin qaban.
Ilaalchi kiyya warra walabummaa oroniyaa malee falli hin jiru jedhan, bifa kamiinuu ija diinaan ilaaluu ykn olola dharaatiin isaan yakkuuf qophii hin qabu. garuu garaa garummaan isaan wajjin qabu bifa amansiisaa ta’een hubachiisuuf yeroo hunda nan hojadha. Ilaalcha kiyyaan adda ta’anii, muldhata galii biraa qabu qabachuun anaaf guddina siyaasaa ti. Malaa fi tarsiimoo ittiin muldhata isaanii galmaan gahuu danda’an ummata oromoo amansiisuu dandeenyaan qabsoo oromoof fayidaa guddaa dha. haata’uuti garuu kanamalee yaada ykn galiin biraa akka mooraa qabsoo oromoo keessa jiru of amansiisuu qabu. akkamitti galiin lamaan kun wal tumsuu akka qaban maree fi ilaameedhaan gabbifachaa deemuun ni danda’ama.
Fedhii fi hawwiin kiyya ummati oromoo haqaa fi dhugaa qabu goonfachuu qaba kan jedhuu dha. kallattiin kun itti dhugoomu danda’u ammoo, karaa Biyya uummatti Oromoo itti fufinsaan badhaadhaa, qaroomaa fi bilisummaa wayyabummaan isaa keessaatti mirkanawe, mirgi dhaala nama, murnaa, sabaa fi sab-lammoota wal qixa itti dhugoomaa Itiyoophioyaa haarawaa ijaaruun ni danda’ama jedhuu dha. muldhata kana irratti abbaa fedhe wajjin bilchinaan mari’achuun ni danda’am jedheen yaada. Oromoota muldhati isaanii walaummaa oromiyaa malee karaan hin jiru jedhan wajjin wal tumsuun ni danda’ama kan jedhun yaada qaba. innis diina waloo qabaachuu keenya, fi haqaa fi dhugaan oromoon qabu mirakana’uu qaba kan jedhu irratti waanta baldhaa wajjin hojachuun ni danda’ama. Kana hojachuu kan dandeenyu garuu ilaalcha siyaasaa jibbiinsaa keessaa baanee waanta waloon wal tumsuu dandeenyu irratti ija banannee yoo hojachuu dandeenye duwwaa dha.
Karaa biraatiin,kan kaleessaa irraa barannee, kan boruuf maal gochuu qabna jennee of gaabafchuu qabna. Kan kaleessaa irraa waanta lama baranna.
Tokkoffaan kufaatii fi dogongora kaleessaa irraa barumsa guddaa argachuu dandeenya. Inni lamataa cimina kaleessaa irraas guddina baranna. Ciminnii fi dadhabbinni kaleessaa seenaadhuma kaleessaa wajjin wal qabata. Kan amma jirruuf garuu akka hanqinoota turan irra hin deebinee fi ciminoota argaman akka gabbifannu nu affeera. Seenaa kaleessaa faarsuu ykn himuu dawwaan dhalooti amma jirru kun jiraachuu hin dandeenyu. Dhalooti amma jirru kun seenaa mataa keenyaa hojachuudhaan seenaa kaleessaa gabbisuu qabna. Seenaa kaleessaa himuu fi faarsuun qofti rakkoo keenyaf fala hin ta’u. Dhalooti amma jiru kun seenaa kaleessaa faarsaa jiraachuun hojii isaa ta’uu hin qabu. Seenaa mataa keenyaa hojachuutu nurraa eegama. Dhaloota “otoo” jechaa jiraatu ta’uu hin qabnu.
Hanqinootaa fi ciminoota kaleessa turan irraa barannee seenaa dalaguu qabna. Seenaa kaleessaa waanti kaafnuuf irraa barachuu duwwaaf ta’uu qaba. Waltajiin ykn haalli kaleessa seenaan keessatti hojjatame yeroo ammaa jijjiiramee jira. Waltajjii fi haala jijjiirame keessatti ammo seenaa kaleessaa faarsaa ykn hawwaa jiraachuun hin danda’amu. Haalaa fi waltajjii jijjiirame wajjin qabsoo keenya guddisaa fi gabbisaa gara injifannootti tarkaanfachuu qabna. Tooftaa fi tarsiimoon qabsoo keenyaa haala addunyaa fi naannoo keenyaa wajjin kan wal simate ta’uu qaba. Kaayyoo kaleessaa otoo hin dagatiin akkamitti bira gahuu dandeenya kan jedhu bilchinaan ilaaluu qabna.
Keessumaa hoogganootiin qabsoo bilummaa gaggeessaa jiran kana irratti dadhabbina guddaatu muldhata. Ummataa fi qabsoo kan sirreessuu qabu hooggana. Hoogganni yeroo hunda kan fuulduratti ta’uuf deemu dursee beekuu barbaachisa. Hoogganni QBO kan kaleessa irraa baraa egeree Oromoof abdii ta’uu qaba. Hooggana jechuun kan ummati biraa arguu hin dandeenye dursanii beekanii iraatti hojachuu fi hojachiisuu dha. Hoogganni yeroo hunda haala addunyaa jijjiramaa jiru hordofee haala qabsoo bilisummaa ummata isaatiif ta’u mijjeessu qaba. Yaada haara halaa addunyaa waliin tarkaanfatu maddisiisuu fi hojii irra oolchuu qaba. Hoogganni adeemsa moofaa durii haaromsuudhaan hojiitti jijjiira. Hoogganni dhugaan, kan kaleessaa irraa barateetu, waltajjii ykn haala yeroo wajjin kan deemu wajjin jiraata. Ija isaa tokkoo waltajjii haala yeroo keessa jiraachaa ija isaa kan biraan ammo isa boruu ilaala. Hoogganni ija isaa isa ardhaa fi isa booruu irraa fuudhee isuma kaleessaatiin jiraatu hooggana miti.
Haalli QBO keessa yeroo amma ajirus kanuma. Hooggana haala kaleessaan jiraachuu barbaaduu fi hooggana kan hardhaa fi boruutiin hoogganuu barbaadu jidduu wal dhibdee guddaatu jira. Hoogganni kan darbe qofa ilaalaa jiraatu waltajjii ammaaf barbaadamaa miti. Haala kaleessaa kan yaadannuuf irraa barachuuf duwwaa ta’uu qaba malee ittiin haala amma keessa jirru masakuuf ta’uu hin qabu.
Hanqinoota ykn dogongora kaleessa turan maaliidha jennee ija banannee ilaaluu qabna. Hunda dura hanqinoota mooraa QBO keessa turan adda baafnee irratti waliif galuun barbaachisaa dha. Hanqinoota kaleessa mooraa qabsoo bilisummaa Oromoo keessa turaniif sababa barbaachuu irratti yeroo fi humna keenya fixuu hin qabnu. Jaalannus jibbinus hanqinootiin eddu mooraa qabsoo keenyaa keessa turanii jiru. Amma gochuu kan qabnu mooraa qabsoo keenyaa keessa hanqinoonni turan moo hin tuure bifa jedhuun mataa wal dhukkubsuus hin qabnu. Ija banannee yoo ilaalle hanqinoota gurguddaatu ture. Hunda dura isaan kana ofitti fudhannee akkamitti sirreeffachuu fi irraa barachuu akka qabnu of amansiisuu qabna. Dhaabni ykn namni hanqinoota isaa irraa barachaa deemu yeroo hunda fuulduratti tarkaanfata. Muldhata guddaa qaba. Dhaabni ykn namni hanqinoota isaa irraa hin baranne yeroo hunda bakkuma ture taa’a ykn duubatti sigigaata. Kanaaf hanqinootiin keenya kaleessaa kan irraa baratamanii fuunduratti tarkaanfatamu ta’uu qaba. Kana gochuuf murtee gootummaa gaafata.
Hanqinoota keenyaa kaleessaa irraa waanti baratamuu qabuuf, fuunduratti tarkaafachuuf ta’uu qaba. Kan fuunduratti nu tarkaanfachiisaan keessaa dhaabbileen siyaasaa Oromoos ta’ee ummata Oromoo walumaa gala dhimma kaleessa turee fi egeree keenya boruu irratti ilaalcha luucca’e qabaachuun barbaachisaa dha. Sagantaa siyaasaa, tarsiimoo fi tooftaa qabsoo keenyaa haala yeroo wajjin akka tarkaanfachuu danda’utti sirreessuu qabna. Kan kaleessa jedhamaa ture waltajjii kaleessaa keessatti. Yeroo sanatti kan galma gahan milkii argatanii jiru. Kan galma isaanii hin geenye ammoo waltajjii amma keessa jirru wajjin wal simanii karaa galma gahan mala dhahuun barbaachisaa dha. Bilchinas ni gaafata. Kanaaf kallattii fi galii qabsoo keenyaa wal simsiifnee sirreeffachaa deemuun diina keenya mo’achuu dha.
Diinni keenya yeroo hunda hanqinoota kaleessa keessaa baanee akka yaadaa fi ilaalcha harawaatiin qabsoo keenya finiinsinu hin barbaadu. Yeroo tokko tokko diinni keenya kan kaleessa jechaa tuurre akka gadi hin dhiifneef yeroo nuuf falmu argaa jirra. TPLF tarsiimoon kaleessa itti fayyadamaa turre yeroo ammaa akka qabsoo keenya hin gargaarre otoo beekuu akka isa irratti cichinu nu kakaasa. Kana mala gara garaatiin gargaarama. Dhaabbilee dhimmoota kaleessaa duwwaa farsaa jiraatan akka mooraa qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti gadi of dhaaban gargaara. Karaa biraatti qabsoon keenya eenyu wajjin tokkummaa ykn tumsa uummachuu akka qabdu yeroo nuuf murteessuf yaali godhu argaa jirra. Diinni keenya kana hunda waanti inni godhaa jiruuf yaadaa haaraan mooraa QBO keessatti akka hin biqilleef shira uumee dha. TPLFn ummati Oromoos akka ilaalcha haarawaa fi qabsoo isaa waltajjii yeroo wajjin akka hin haaromsine danqaa itti uumaa jira. Gochaa diinaa kanatti dammaquu qabna. Qabsoon keenyas haala yeroo wajjin of jijjiiruu of haaromsaa deemuu qaba. Kana gochuu keessatti gahee nurraa eegamu bahuun barbaachisaa dha. Yaada haarawaa fudhachuuf of qopheessuu duwwaa otoo hin taane yaadota harawaa maddisisuu fi gabbisuu keessatti dirqama keenya bahutu nurraa eegama.
Egeree keenya kan murteeffatu Oromoo ta’uu qabna. Diina keenya irraa murteen Oromoof malu yeroo kamuu madduu hin danda’u. Kallattii fi karaa nubaasu nutu beeka. Kallattii nubaasu otoo argaa jirruu, of irratti amanummaa dhabuudhan ykn kaleessa akkas jennee harra yoo jijjirre namni maal nuun jedhaa jechudhaan karaa irraa maquu hin qabnu. Kaleessa kan dubbachaa turree fi wareegama itti kaffalle waltajjii ammaa kanaan nu gahee jira. Qabsoon keenya kaleessaa injifannoo cululuqaa Oromoo goonfachiisee jira. Injifannoo argaman tifkachaa fi gabbifachaa egeree keenya boruuf ammoo xurree haarawaa saaquu qabna. Kanaaf egeree keenya diina keenya irraa tasa eeggachuu hin qabnu. Galii keenya isa yeroo dheeraa ilaallee akkamitti isa bira gahuu akka qabnu mala kallattii eddu qabu baafachuu qabna. Malli keenya hundi kan Oromoo humneessuu fi aangessu ta’uutu irraa eegama. Kana guutuu keessatti gumaachi dhaabbilee siyaasa Oromoo fi ummata Oromoo maraa murteessaa dha. Kana gochuu dandeenyaan diina keenya yeroo gabaabaa keessatti irra aanuu dandeenya.

 

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

The Psychological Pathognomonic Syndrome of Settler-Colonial Abyssinia

Part II Odaa Hora “If the fish knows water, It has never urinated back to …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *