Oduu Haaraya

HEGEREE QEERROO KEENYAAF HAA YAADAMU!

Boruu Barraaqaatiin
Qeerroon keenya abbaa galataati. Jaratu wareegama baasee Team Lammaa dhalche. Jaratu adda isaanii rasaasaaf kennanii Wayyaanee olaantummaa siyaasaa irraa finqilche. Jaratu lubbuu ofii bakka buutee hin qabne wareegee dhiiga ofii dhangalaasee warraaqsa addunyaan dinqisiifattu kanaan qilleensa abdachiisaa kana fide. Jaratu adda durummaan qabsaahee akka dhaabonni siyaasaa biyya ambaa turan biyyatti galan karaa saaqeef. Kanaafuu dhimma qabsoo kanaa yeroo kaafnu galanni guddaan kan malu Qeerroofi.

Haa tahu malee Qeerroon jijjiirama dhufe kana irraa akka buufatu hanga ammaatti haalli aanja’eef hin jiru. Dhugaa dha, qabsichi hin xumuramne. Ammas Qeerroo irraa dirqamni eegamu hedduu dha. Akkasuu tahee garuu hegeree Qeerroo keenyaa ifaa gochuuf karaa adda addaan haalli aanja’uufii qaba. Kana keessaa tokko akka dinagdeedhaan of dada’an gochuu dha. Mootummaan carraa hojii dinagdee gurguddaa Oromiyaa keessatti banuudhaan akka Qeerroon wal gurmeessee aksiyoonaan dinagdee keessa galu haala mijeessuufii qaba. Warra maallaqa ka’umsaa (capital) hin qabneefis haalli liqii itti argatan mijaahuufii qaba. Kun gargaarsa gama mootummaatiin godhamuufii qabu taha.

Qeerroo irraa hoo, maaltu eegama?
Qeerroon siyaasaa keessa oolee siyaasaa keessa buluu hin qabu. Jireenya isaafis yaaduu qaba. Gama siyaasaatiin wareegama baasee jijjiirama kana fideera, kana booda ammoo akkam godhee akka jireenya mataa isaa utubu yaaduu qaba. Kan barate ogummaa barateen gargaarsa mootummaan godhuuf waliin hojii uumee hojjechuuf of haa qopheessu. Kan daldala hawwu daldalatti haa seenu. Kan qonnaadhaan duroomuu barbaadu qonnaa mechanized tahe keessa galee misooma qonnaa biyyattiif gumaachaa jireenya mataa isaas haa utubu. Qeerroon dinagdeedhaan of danda’e salphaatti qaama siyaasaa kamiifuu hin gowwoomfamu. Dhaabonni siyaasaa maallaqaan Qeerroo bitanii murna siyaasaa biraa irratti kakaasuuf carraa hin qabaatani. Karaan sun tokkummaa Qeerroo isa akka gaachana keenyaatti laallu sana sharafuutti geessa. Kana ofirraa ittifnaan tokkummaan Qeerroo balaa iraa of oolcha.

Qeerroon baratee hojii argachuuf dirqama dhaaba siyaasaa wayii keessatti miseensa tahuun irraa hin eegamu. Yookiis dhaaba siyaasaa tokko jalatti maxxanee durgoo fi mindaa dhaabni sun dantaa isaa oofsifachuuf kafaluufiin buluu jireenya godhachuu hin qabu. Fedhii isaa yoo tahe garuu dhaaba fedhetti miseensummaan seenuu danda’a. Maallaqaaf jedhee dhaaba siyaasaa kamiifuu bitamuun garuu ulfina Qeerroo hin madaalu. Gabaabumatti, dhaabota siyaasaatu ofiif jecha Qeerroo irratti hirkachuu qaban malee Qeerroon dhaabota irraa dantaa kajeelee itti hirkachuun hin taatu. Qeerroon danta jireenyaaf jecha dhaabota irratti hirkata taanaan tokkummaan Qeerroo diigamte jechuu dha. Sababni isaas dhaaba tokkicha osoo hin taane dhaaba sagaltama qabna waan taheef. Akkuma ofii sagaltama tahan Qeerroos bakka sagaltamatti ciruun waan hin oolleef.

Yoo Qeerroon dinagdeedhaan of utube biyyis saffisaan guddatti. Sektera hojii qonnaa (qotiisaa, horsiisa loonii (beeyladaa), horsiisa qurxummii, horsiisa kanniisaa) daldalaa, barnootaa, ogummaa fayyaa, ogummaa teekniikaa, industirii, siiviil serviisii fi kan biroo irrattis Qeerroon bal’inaan bobbaanaan beelatu dhabama. Hiyyummaatu bada. Hannaa fi saamichatu irra aanama. Sirna dhablummaatu dhabamsiifama. Walumaa galatti hawaasa dammaqaa, badhaadhaa, fayyaa, of gahaa fi qaroomaa tahetu jaarama. Kana hundaaf ammoo Qeerrootu bu’uura.
Dhaamsa kana yoo jaalattan share waliif godhaa.

Check Also

faannoo

OROMO CIVILIANS CONTINUE TO BE TARGETED BY FANO MILITIA

Amhara Fano continued to attack Oromo civilians. In this latest incident, at least 17 people …