Oduu Haaraya

 “ Hin fakkaanne Fakkeesi Jedhe Oromoon”

SBO: Labsa Seenaa Qabeessa Sab-boontota Oromoo Arsii Sikkoo fi Mandoo irraa guutummaa Godina Baalee irraa walitti dhufaniin guutummaa Oromiyaa akka dhaqabsiifamuuf labsam

Jalqaba:  labsi dhiheenya kana matadure armaan olitti tuqame kana jalatti maqaa sabboontota Oromo Arsii –Godina Baalee jedhuun SBO irartti facaafame kun labsa murni Shanee GumiiABO ufiin jedhu bu’aa siyaasaa rkisha argachuudhaaf yookaan gosa Arsi Oromo ( Sikkoo fi Mando) bakka lamatti qooduf tilmaamee dabrse akka ta’e Oromon akka gaaritti akka hubatu yaadachiisun  barbaada.

Lammaffaa: Radiyoon SBO jedhamtu tun akkuma nuti hundi beeknu Oromoota murna Shanee Gumii -ABO jedhamuuf hin ajajamne karaa lamaan miidhaa irra geesuun beekamti. Inni duraa Oromota akkasii diinessuu, shakkisiisuu fi qopheesuu dha. Maqaa namootaa kaasun ebaluu fi ebalu ergamtoota diinati jedhanii sabboontota diinaan quunnamtii takkallee hin qabne maqaa xureesudha.

Inni lamdaa, bakka namootin kun jiraatan ifatti tuqquudhaan namootin akkasii ABO gargaaru, deegarsa akkanaa ABOf godhan, qarshii lakkoofsi isaa hangasii qabsoof gumaachan jechuudhaan akka diinaaf saaxilaman karaa hin beekamneen (indirect) diinaaf gaabaasa galchuu dha. Sabboontota haala kanaan diinaaf saaxilaman lakkoofsi isaanii hedduu dha.

Gara matduree armaan olitti kaayametti yoo deebi’u SBOn maqaa Oromoota godina Baalee tuquudhaan, magaalaa isaan itti wal gahan (Roobe) tuqquudhaan, laakkoofsa nama haga wal gahee tuquudhaan labsa baasuun maalif barbaachise jennee uf gaafachuun barbaachisaadha. Gama kiyyaan akkuma gubbatti kaase kun ka godhameef dhakaa tokkoon lama madeesuuf akka ta’e shakkii takkallee hin qabu. Isaanis;

  1. Sabboontonni godina Baalee murna shaneef deegarsa waan hin qabnneef diinni Oromoota naannoo sanii akka goolesuf odeefannoo dharaa kennuu
  2. Tokkummaa Oromoota Arsi (ilmaan Sikkisaa fi Mandooyyoo) cabsuudha

Akkuma beekkamu diinni yeroo hunda rakkoolee godina Arsii fi Baalee itti dhufu cabsuuf tarkaanfii suukaneessaa fudhataa har’a gahe. Fakkeenyi yeroo dheeraa harka muraa fi harma muraa Annoleeti. Inni kuun tarkaanfii yeroo lola soowraa (godina Baalee) mootummaan habashaa Oromoota nannoo sanii irratti fudhate. Kan as dhihoo ammoo tarkaanfii mootummaan wayyaanee maqaa ficila amantii Muslimaatin Oromoota naannoo Kofalee fi Asaasaa irratti fudhateedha. Akkuma yaadatamu wayyaaneen tarkaanfii suukanneessaa ummaata naannoo Kofalee fi Asaasaa irratti fudhachuudhaan dura odeefannoo shororkeesitoonni Godina Baalee fi Arsii keessatti mul’atan odeefannoo jedhu facaafamaa ture.

Kan biraa nama Sikkoo fi Mando jechuun maal jechuu yookaan Sikkoo fi Mando eenyu dha jechuu  akka gaaritti beekuf xalayaan tun akka qaama kanaan ala qopheefamte hubachuun isa hin dhibu. Akkuma beekamu Sikkoo fi Mando Arsi Baalee fi Diida’a ( ammata. Xalayaan tun tan jettu ammo Sikkoo  fi Mando Godina Baalee jetti. Maalif kun taye? Qaama tokko addaan qoodun maalif barbaachise?

Dhaamsa: Yaa murna shanee (SBO) Oromon shira isin irraa baree isin caalaa baree jira uf hin rakkisinaa. Shira kana Oromodhaan adda qooduf hin dhama’ina itti hin milkooftani.

Kan biraa Oromonni Godina Baalee  yoo Oromodhaaf dhaamsa dabarsu barbaadan midiyaalee bilisa ta’an kan Ogummaa Gazexeesummaa gayaa fi safuu (ethics) gazeesummaa qaban kan akka OMN fi Oromo TV fa’atti faaydamuu beekumssaa fi dandeettii gahaa akka qaban hubachuu qabdu.

Kanaaf, oduu kijibaa oomishuudhaan ummata keenya diinaan ficisiisuuf tattaafachuu irraa dhaabadhaa. Oromoota Arsi akka itti diinaan lolan yookaan akka itti diina iratti finqilan har’a isin hin barsiiftan. Ummanni kun uummata finqila keessatti dhalatee guddateedha. Baale lafa goototaa lafa hayyootaati.

Oromiyaa irraa

Galatoomaa!

 

Check Also

faannoo

OROMO CIVILIANS CONTINUE TO BE TARGETED BY FANO MILITIA

Amhara Fano continued to attack Oromo civilians. In this latest incident, at least 17 people …