Oduu Haaraya

Dhaamsa Hubannoo Ilman Oromoo Qofaaf!!

Bakkalcha Barii Barraaqaa

Marsaalee Social Media kanneen akka Facebook Warri Fayyadamtan Sochii Warraaqsaa FXG fi Balbala Bilisummaa Afaan irra geenyee waan jirruuf qabxiilee armaan gadii irratti bilchina fi hubannoo qabachuun dirqama .

1.Namootni/Jarmiyaan haaraa fi murnoota xixiqqoo taatan Yeroo kanatti Ajenda haaraa waan Afaan Faajjii uumuu Post/Share/Like gochuu irraa of akka qusattan!!

2.Ilmaan Oromoo Oromoo Bilisoomsina jettanii hanga dandeettii keessanii fi isiniif galee reefuu jaarmiyaa haaraawaa hundeessuun murna xiqqoo taatanii as bahaa jirtan baay’ee hin dhama’ina abbaan Qabsoo Uummatni Oromoo qabsoo irra jira, jaarmiyaa nuuf hundeessaa jedhee isinitti hin dhaammanne nurraa dhaabbadha!!

3. Qabsoo Bilisummaa Oromoo dargaggeessii, Barattootni fi Uummatni Oromoo waliigalatti wareegama qaalii takka hin jirre kanfaluun bilisummaa isaa gonfachuutti jiruu warri ija salphaa fi xiqqeessitani ilaaltan of dhaaba. Uummanni iddoo isin jirtan kana hin jiruu, waan isin jettaan dhagaa’uu hin fedhuu Summii siyaasaa facaasuu irraa of dhaabuun yoo dandeessan uummata cina dhaabachuu yoo hin dandeenye dubbii ‘’arrabni dubbii baree bishaa ho’aa alanfata” kan jedhamuuf yoo ta’ee malee waan post/share/like/comment gootan adda baasaa beeka!! Uummata Lubbuu kennee qabsoo finiinsaa jiruuf harka rukuttan malee baay’een keessan uummata keessa dhaabbattanii uummata waliin dararaa jiru dhandhamaa waan hin jirreef qabsoo fi Injifannoo dhiigaaf lubbuun argamaa jirutti hin qoosiina!!

4.Ilaalcha jaarmiyaa Fedhe proposal dhiyeessee hundeessuun mirga kan jedhamuuf yoo kan adeemtan taatee yeroo kanatti mirga akkasii Oromoon isiniif hin kenninee, kan qabsa’amuuf yoo uummata Oromoo ta’uu fi dachee Oromiyaaf ta’uu kan hubattan taate uummatni fi dargaggootni Oromoo siyaasaan hangama isin gatanii akka sokkan ilaala. Kanaafuu yeroo kanatti danqaraa ta’uu irra uummata Ofii waliin hiriiruun sochii keessatti fakkeenyummaa fi cimina ofii diinatti argisiisuun uummataaf immoo caalmatti human ta’uu keessan muldhisa, yoo kana kan hin raawwatne taataan Wayyaanee Waliin haxaa’amanii baduunis waan jiruuf , Elaafi Elaameen wal hubannoon akka jiraatuu fi dubbii amma social media irratti argaa jirruu hatattamaan akka haqxan ni hubachiifna. Yoo haquu baattan tokko-tokkoo keessaan maqaa ittin beekamtaniin isin waamnee kan isin haqsiifnu ta’uus eeggadha. Yeroon kun yeroo Oromoof Jaarmiyaa hundeessan miti, yeroo diina biiyarra arii’ani mootummaa mataa ofii hundeeffatanidha!!

5. Akeekaa fi Tarsiimoo waldiddaa uumuu diinni qindeessuun illee rakkoon akkasii uumamuu mala, kanaafuu hubannoon keenyaa fi bilchinni keenya guyyaa guyyaan dabaluu qaba. Haalli keessa jirru iyyuu waan hedduu nu barsiisa. Ilmaan Oromoo qaroo qabnuu fi Jarmiyaalee Oromoo jiran dura dhaabbachuuf guyyuu xiyya diinni darbatu fuunee diinatti deebisuudha malee walitti darbachuun itti gaafatama seenaa fi Seeraa jala nama galcha!!

6. Qabxiin Biroo Immoo ilmaan Habashaa kanneen Sirna tokkicha, biyya tokkicha, Alaabaa tokkicha, Amantaa Tokkicha jedhan illee Sochii Oromoo dawoo godhachuun aangoof yeroo boloolaa jiran argina. Oromoon Ofii keenyan qabsoofnee mirga keenya deeffachuuf utuu jirruu, dhimmi mana gumaa nu geesse gumaata nu kadhachiisuu fi Hariiroo biraa nu tolfachiisu ammatti hin jiru. warrii warra Gumaa waliin guumgumtan illee of ilaala. hariiroo bu’aa qabeessii yoo barbaachisee Warruma dhihaa kanafaa waliin jabeeessa. kan saboota biyya keessaa itti hin dhiphatiina Oromoon iyyuu sochii Warraaqsaa FXG baatii afuriif gaggeessa jiru keessatti eenyu irraa iyyuu jibba akka hin qabne, bilisummaa isaa qofaaf akka qabsa’aa jiru mirkaneesse jira.

7.Jaalalli fi tokkummaan Uummatni Oromoo Oromiyaa keessatti argisiisaa jiru bakka hundatti haala fakkaatuun adeemaa jira. Adeemsii milkaa’aan uummata Oromoo kun uummata Oromoo Addunyaa cufaa keessa jirtan model sochii warraaqsaa fi jaalaalaa fi tokkummaa biyya keessa jiru kana fudhachuun hojii waloo irratti jabaachuun murteessa ta’uu hubadha!!
Xummureera

Check Also

faannoo

OROMO CIVILIANS CONTINUE TO BE TARGETED BY FANO MILITIA

Amhara Fano continued to attack Oromo civilians. In this latest incident, at least 17 people …