Oduu Haaraya

Humna Waraanaa Oromoo cimsuun gaafii yeroo waan ta’eef deebii hatattamaa argachuu qaba

 

Abdii Boruutiin

Barruu kana sagalee Falmataa Roorrootiin…

Barreeffama kiyya kan isa kana duraa keessatti waayee barbaachisummaa cimina qabsoo hidhannoo kaasee waanan tureef, har’as dhimmuma kana ilaalchisee yoon barreeffama kana dhiyeessu, Abdii Boruu waan barreessu dhabeeti waayeedhuma waraanaa faarsaa jedhanii namootni tokko tokko na qeequu malu yookaanis ammoo dhimmi kun nuffisiisaa isaanitti ta’uu danda’a jedheen yaada. Haa ta’u malee, waayee qabsoo hidhannoo fi jabeessuu waraana Oromoo yoo har’a hin kaasne yoomiyyuu kaasuu akka hin dandeenyen hubadha. Yeroon ammaa, yeroo waraanni Oromoo (Waraanni Bilisummaa Biyyoolessaa Oromoo), kan har’a diina injifatee, bilisummaa fi abbaabiyyummaa keenya deebisuuf wabii ta’u fi boru ammoo biyya keenya eeguu danda’u, itti ijaaramuu fi cimu ta’uu qaba jedheen amana. Akkuma mata dureen ibsu, gaafiin kunis dhugumatti gaafii yeroo ammaa jabaa waan ta’eef, otuu yeroon hin kennaminiif kan uummata Oromootiin deebii hatattamaa argatu ta’uu qaba.

 

Maaliif humna waraanaa cimsuu akka nu barbaachisu sababaalee baay’ee kaasuun ni danda’ama. Haa ta’u malee sababaalee gurguddoo tokko tokko kaasuun yaala.

 

Tokkoffaa, Wayyaanotni kan uummata Oromoorratti roorroo hamma kana hin jedhamne dalagaa jiran, akka yeroo tokko tokko dubbatamutti sodaa uummata keenyarraa qabaatanii otuu hin taane, sababni inni guddaa fi hangafti waan nu tuffataniifi. Kun tuffii dha! Waraan cimaa fi abdachiisaa yoo qabaanne garuu gochaa diinaa kana dura dhaabbachuun waan danda’amuuf tuffiin kun akkanatti cimuu hin danda’u. Gaaf sana nu sodaachuu danda’u jechuu dha.

 

Mee fakkeenyaaf haa jennuu, nama tokko kan ittiroorrisani fi akka barbaadan isa godhan, waan nama kana sodaataniif otuu hin taane, waan humna isaa tuffatanii fi silaa maal nu godhuu danda’a jedhanii yaadaniif ykn beekaniifi. Wayyaanotnis uummata keenya akkanumatti ilaalu jechuu dha. Dhugaa dha, uummatni kun otuu carraa argate, akka galaanaa waan isaanirra garagaluuf, Habashootni kana hubachuudhaan sodaa qabaachuu akka danda’an waan nama shakkisiisuu miti. Haa ta’u malee, uummatni keenya har’a carraa sana akka hin qabne fi humni isaan sodaachisus akka hin jirre waan beekaniif, tuffiirraa kan madde, Wayyaanotni akka barbaadanitti uummata keenyatti taphachaa jiru.

 

Lammaffaa, har’a Wayyaanotni nama-nyaataan kun uummata keenya kaan ajjeesaa, kaan mana hidhaa keessatti dararaa, kaan biyyarraa baqachiisaa, kaan lafa isaarraa buqqisanii kadhataa godhaa, ofii isaaniitiif garuu biyya teenya fi dachee teenyarratti abbaa biyyaa fi abbaa qabeenyaa nurratti ta’anii; nu nyaachaa otuu jiranuu, isaan otuu hin quufin, Obboleewwan isaanii dabaree eeggatanii Oromummaa fi Oromiyaa balleessuuf waan qophii guddaa godhaa jiraniif; badiin kana caalu akka nurra hin geenye, har’a waraana jabaa qabaachuun dirqama ta’a.

 

Sadaffaa, yoo waraanni jabaan jiraate, xinnaatee yoo xinnaate lolee lafa qabchuu kan hin dandeenyellee yoo ta’e, yeroo uummatni keenya tokkummaadhaan ka’anii harka duwwaa diinaan falman kana, warra lammiilee keenya ajjeesan adabee gumaa namoota keenya battalumatti baasuu kan danda’u yoo ta’e, diina sodaachisee; uummata keenyatti ammoo hamilee gudda uumuu waan danda’uuf, sochiin uummata keenyaas caalaatti akka cimu taasisa.  Namni abdii tokko duubaa qabu, sodaa qabaachuu hin danda’u. Humni naaf mirmatu na bira ykn na duuba jira jedhee waan abdatuuf, waan ka’eef sana hamma bakkaan ga’utti duubatti hin deebi’u jechuu dha.

 

Afraffaa, yoo waraanni Oromoo jabaan jiraate, kan biraa hafee lammiileen Oromoo kan waraana Wayyaanee keessa jiranillee dafanii humna keenyatti makamuuf hamilee horatu. OPDOnillee walba taatee gara qabsoo uummata Oromootti deebi’uuf kun carraa uumuufii danda’a.

 

Asirratti wanti hubatamuu danda’u tokko, kan OPDO jiraachisu fi tajaajiltuu Wayyaanee taatee akka ittifuftu taasisu gargar hiramuu fi laafina ABO ti. Otuu ABOn cimaa ta’ee yookaanis otuu waraannii Oromoo jabaa fi abdachiisaan jiraatee, OPDOn qaata ofii isaaniitiifuu ofjijjiiranii jijjiirama tokko agarsiisuu danda’u turan jedheen yaada. Laaffachuun mooraa ABO fi waraan Oromoo jabaa fi abdachiisaa dhabuun keenya waa hundaaf, karaa hundaan nu saaxile. Asirratti waan dhiyoo kana OMN irratti lammiileen Oromoo, kan mana hidhaa Wayyaanee keessatti dararamaa turan, dubbatan tokkon yaadadha. Bara 2008, yeroo ABOn bakkee lamatti addaan hiramu fi kan duraanii wajjin gareen sadi uumamu sana, Oromootni mana hidhaa turan bakkee lamatti akka qoodamanii fi erga ABOn nuti abdannu sun akkana ta’ee hafee; nutis kan maqaa ABOtiin yakkamnee hidhamne, waan dhugaa hin taanes amannee fudhannee, Wayyaanee dhiifama gaafachuudhaan as keessaa bayuu qabna jedhanii, abdii kutachuudhaan akka waliin mormaa turan, lammiileen kun gaafii fi deebii OMN irratti dubbatanii turan.

 

Shanaffaa, yoo waraanni Oromoo jabaan jiraate, haa turu haa daddafu malee, qabsoo bilisummaa kana galii hawwamu tokkotti geessuun waan nama abdachiisuuf, jaarmayootni keenya, kan kaayyoo adda addaa qaban, akka ilaalcha siyaasaa fi ayidoolojii isaaniitti gara gara hiramanii mooraan keenya akka laafu hin godhan turan jedheen amana. Humni mooraa keenyaa, keessumaayuu humni hidhataan jabaa ta’e dhabamuun, qabsoon tun akka laaffattu taasise. Qabsoon laaffachuun isaa ammoo karaa tokkoon akka diinni nu tuffatu yoo taasisu, karaa biraatiin ammoo ayyaanlaallatummaa fi gantummaaf carraa uuma. Walumaagalatti, waraana jabaa qabaachuun jaarmayoonni keenya akka gara gara hin hiramne fi abdii kutannoon hin uumamne taasisa jechuu dha. “Namni galeen nyaadha jedhu, hin beelayu” jedha Oromoon yoo makmaaku.

 

Egaa, maaliif humna waraanaa Oromoo cimsuun barbaachisaa akka ta’e sababaalee tokko tokko tuttuquu yaalee jira. Kanatti aansee akkamitti waraana jabaa ijaaruu akka dandeenyu gabaabumatti qabxiilee tokko tokko ibsuun yaala. Waraana qabsoo bilisummaa Oromoo, asitti Waraana Bilisummaa Biyyoolessaa Oromoo (Oromo National Liberation Army) kanan jedhu, filannoo (Options) lamaan ijaaruun ni danda’ama jedheen yaada.

 

Filannoo tokkoffaa: Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) amma jiru jabeessuu, cimsuu fi bifa biraatiin ykn bifa haaraatiin ijaaruu dha.

 

Rakkoon asirratti mul’achuu malu garuu, WBOn ammaaf ABO dhaan ijaaramee ABO dhaan ajajamaa waan jiruuf, WBO jabeessuuf tarii namootni keenya jabina fi ofhaaromsuu ABO haalduree godhuu malu. Kun akka ilaalcha kiyyaatitti dhugaa dhas. Gara biraatiin ammoo, WBO amma jiru jabeessuu jechuun akka waan ABO garee tokkoo deeggaruu ta’uutti waan ilaalamuuf, namootni jaarmayaa (garee) kanarraa abdii hin qabne ykn sababa fedheenuu haa ta’uu isaanirra mufaatii qaban, WBO jabeessuuf waan ofqusatan ta’uu malu jedheen yaada. Furmaatni rakkoo kanaa inni tokko fi guddaan garuu ABOn of haaromsee bifa biraatiin tooftaa, tarsiimoo fi caasaa haaraa ta’een (keessumaayuu caasaa hogganummaa) cimsee argamuu fi hojiidhaan agarsiisuu qaba. Deebisee uummata Oromootti abdii horachiisuu qaba jechuu dha.

 

Filannoo lammaffaa: Waraana Biyyoolessaa Oromoo walaba ta’e, akkuma meediyaa walabaa, OMN kan caasaa addaatiin ijaaramu fi socha’u haaraa ijaaruu dha.

 

Kun akka yaadaatti salphaa haa fakkaatu malee, hojiidhaan agarsiisuun ulfaataa akka ta’u nan hubadha. Haa ta’u malee, WBO amma jirus yoo ta’e, maallaquma uummata Oromoorraa argamuun xinnaatus baay’atus sochaa’aa jira ykn socha’uu danda’a malee gargaarsi qaama biraarraa argamu waan jiru natti hin fakkaatu. Kanaaf, uummatni keenya, keessumaayuu uummatni biyyoota ambaa jiraatan, tokkummaa fi kutannoodhaan yoo ka’an, maallaqa buusuudhaan Waraanni Biyyoolessaa Oromoo haaraan akka ijaaramu godhuun waan hin danda’amneef sababni ni jira jedhee hin yaaadu. Egaa kun projaktii guddaa wareegama guddaa gaafatu waan ta’eef, kutannoo lammiilee Oromoo hundaa gaafata. Waayee kana yeroo biraa bal’inaan itti deebi’uun yaala.

 

Egaa, gara xumura barruu kiyyaatti deemuuf, waraanni Oromoo (Waraanni Bilisummaa Biyyoolessaa Oromoo  – Oromo National Liberation Army) jabaa fi cimaan tokko yoo ijaarame, lolee lafa qabatee diina injifachuu yoo dadhabellee, sadarkaa duraarratti, uummata keessatti argamee kan roorroo diinaa lammiilee keenya irraa ittisu, kan battalumatti gochaa diinaa hordofee gumaa lammiilee keenyaa baasuu danda’u; kan gutumaa guututti Oromiyaa keessatti bakkee hundatti socha’u ta’uu qaba jedheen yaada. Humna ittisaa (self-defence force) jechuu dha.Yoo Oromoon kutatee ka’e; yoo akkuma yeroo ammaa mul’achaa jiru tokkummaan keenya akka uummataatti cimaa deeme; yoo karaa danda’amu hundaan Oromoon hunduu dirqama Oromummaa ba’an, har’a taankii fi xayyaara waraanaa argachuu ykn qabaachuu baannus, meeshaa waraanaa gargaarsa Oromootiin bitamu fi kan diinarraa booji’amuunuu diina hamma funyaaniitti hidhate kana jilbiiffachiisuun waan hin danda’amneef hin jiru. Kutannoo qofaa nu barbaachisa. Uummata kutatetu gabrummaa keessaa of baasuu danda’a. Oromoon wal malee firas ta’ee gargaarsa biraa akka hin qabne hubachuu qabna. Kanaaf, qabeenyuma fi gargaarsa keenyaan waraana Oromoo jabaa haa ijaarrannu. Kana godhuuf ammoo yeroon isaas amma.

 

Galatoomaa!

Abdii Boruu: aboruu@gmail.com

 

 

 

 

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

Jijjiiramni Oromoon kumaatamaan itti warageeme kana fakkaata

Ajandaa Mana Marii Nageenya Biyyolessaa (National Security Council/ NSC) Roobii Darbee:Roobii darbe jechuun gaafa Qaammee …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *