Oduu Haaraya
gho

Ibsa Ejjannoo Yaa’ii GHO 4ffaa.

Nuti, hirmaattotni Yaa‘ii Gurmuu Hayyoota Oromoo (GHO) mata duree „Burjaajii Siyaasa ammee fi Carraa Hegeree Oromiyaajedhu jalatti Ebla 10, bara 2021 geeggeeffame irratti haala siyaasa Itoophiyaa kan dabre, isa keessa jirruu fi kan fuula duraa xiinxaluun erga hubannee wal hubachiisne booda ibsa ejjannoo armaan gadii sagalee tokkoon dabarsina.

  1. Itiyoophiyaan, Moototni Habashaa ummatoota naannoo Gaanfa Afrikaa ollaa Abisiiniyaa jiraatan weeraranii gabroomsuun kan uumamte, impaayera koloneeffataa ti. Ummatootni cunqurfaman, kan akka Oromoo, bilisummaa fi walabummaa sarbaman deebisaanii gonfachuuf waldhaansoo godhaniin, mootummoota imaayeraa kana yeroo 3 kuffisanus, sirnicha hundeerraa buqqisuu hanqachuu irraan kan ka‘e, giti-bittuu impayera kanaa bifa biroon wal ijaaree deebisee angoo dhuunfatuun, isa duraa irra caalaatti gita shororkeessaa fi saaminsaa tahee ummata gidirsaa hardha gaheera.
  2. Impaayerri kun sirna Habashootaa irratti kan ijaarame; afaan, aadaa fi eenyummaa saboota biroo dhabamsiisee kanneen Habashaa dagaagsuuf; akkasumas olaantummaa saba tokkoo ijaaruuf kan carraaqaa ture yoo tahu, humni hardha aangoo mootummaa dhuunfatee jirus kaayoodhuma kana mirkaneessuuf hojjechaa jira. Seenaa galtootaa fi gantootaa kan sirna kana ijaaruu keessatti akka ergamtuutti qooda fudhatan irra dibuun, „impayera kana kan ijaaree Oromoo dha“ jechuun seenaa sobaa barreessaa fi barsiisaa jiraachuun, ifaajjii impaayericha akka duriitti deebisanii suphuuf godhamu keessaa isa tokko tahuu ummanni hubatee, seenaa sobaa akkasii harkatti akka diduu hubbachiisna. 
  3. Gartuun hardha aangoo mootummaa of harkaa qabu, durumaanuu kan TPLF qubaan walitti funaanee akka meeshaatti itti fayyadamaa ture; erga giti-bittuu TPLF qabsoo Qeerroo fi Qarreetiin aangoo irraa arihamee as ammoo, harcaatota Dargii, EPRP if finxaaleyyii Amaaraa waliin wal tahuun seeraan ala aangoo dhuunfachuu irra taree, humna seer-dhablee tahee as bahee jiru dha. Giti kun, heeraa fi seera biyyattii, akkasumas uunkaa seera namoomaa fi safuu ilma namaa addunyaan ittiin bultu irra ejjetuun, ummata Oromoo, Tigraay, Benishangul-Gumuz fi kan Naannoo biroo irratti weerara, hidhaa, ajjeechaa, ummata biyya irraa jumlaan buqqisuu fi yakka lola fi yakka namummaa baldhinaan raawwataa jira.
  4.  Humni hardha angoo mootummaa of harkaa qabu kun dhuma bara 2018 jalqabee uummata Oromoo irratti duula lafjalaa fi ifaa tahe labsuun godinaalee Oromiyaa gara garaa keessatti dhumaatii fi shororkaa daangaa hin qabne geggeessaa tureera; ittis jira. Akkuma beekamu, Sadaasa 4, bara 2020 jalqabee lola TPLF dhabamsiisuuf bane irratti RIB, Huma Addaa Amaaraa fi Humna Ittisa Biyya Ertiraa bobbaasuun, uummata Tigray irratti ajjeechaa fi shororkaa ummata addunyaa rifachiise raawwataa jira. Duula uummata Tigray irratti bahe babaldhifachuun hardha humnoota shororkaa kana Oromiyaa fi Benishangul-Gumuzitti ifatti bobbaasee achittis ummata ifatti fixaa jira. Gocha gooleessaa giti Abiy Ahmediin durfamu kun geggeesa jiru mara sagalee tokkoon cimsinee balaleffanna, dura-dhaabanna.
  5. Bitooteessa 19, bara 2021 jalqabee Humni poolisii addaa naannoo Amaaraa, ummata Oromoo Walloo irratti ifatti duuluun, namoota dhibbootaan lakkaawaman ajjeesee; gandoota hedduu gubuun barbadeessee; qabeenya daangaa hin qabne mancaasee; ummata kuma 80 ol tahee baqaaf saaxilee jira. Duula kana keessatti gaafa 21.03.2021, madoo yaalii fayyaatiif makiinaa Ambulaansii ifatti muldhatuun gara hospitaala Shawa-Robit deeman, Liyyu Hayili Amaaraa, balbala hospitaalaa sana irratti dhaabuun madoo fi namoota waliin turan hunda ambuulaansii keessaa gad-harkisuun haala suukanneessaa ilma namaatiin ni raawwatama jedhamee hin eegamneen, ulee fi dhakaadhaan tumuu fi albeedhaan qaqqaluun namoota 10 ajjeesaniiru. Gochii suukaneessaan akkasii kun firi holola mootummaan Abiyi fi mediyaaleen finxaaleyyii Amaraa ummata Oromoo fi kan Amaraa hin ta‘iin biroo irratti baldhinaan gaggeessan waan taheef, duulli hololaa kun atattamaan akka dhaabatu gaafanna.
  6. Paarlaamaan duran Oromoota ficcisiisee Amaaratu ajjeefamee jedhee imimmaan buusee boohaa ture, yomuu Oromoota Walloo irratti duulamee ijaa isaanii duratti sabni dhumu, waa tokko dubbachuu hin barbaadne. Inumaayyuu, dhumaatiin kun uummata nagaa irraa akka dhaabatu, miseensoti parlaamaa lama gad-jabeessanii yoo kadhatanu, mumichi ministeraa Abiy, akka hoogganaa biyya tokkootti silaa dhumaatiin kun tahu dura dabrsee nagaa hundaa walqixatti eegsisuun irra ture ( irraa eegamu), garagalchiidhaan, „humna polisii adda naannoo Amaaraa kana sobdanii maqaa hin xureessinaa, tokkummaa biyyaa eeegaa jira; yoo barbaachisee, iddoo barbaachisetti ani isa bobbaasuu nan dandaha“ jedhe. Kanaan waa gurguddoo lama ifaa ifatti mul‘ise: 

a) tuffii lubbuu ilma namaaf, tuffii gartuu maqaa parlaamatiin walitti qabamte sanaaf fi heera fi seera biyyichaaf qabu ibsee, abbaa irrummaa isaa ifatti labseera; 

b) akkuma namichi Milosevic jedhamu ol-aantummaa Serbootaa ummatoota biroo biyya Yugoslaviyaa irratti fe’uuf jecha lola fi dhumaatii daangaa hin qabne dhalchuun biiyyatti diige, Abiy Ahmadis, qooda kana Itiyoophiyaa keessatti taphataa jira. Hoogganaa gartuu finxaaleyyii Amaraa fi diinota federalummaa sab-daneessaa tahuun, sirna federaalummaa diigee, sirna mootota Amaaraa durii deebisuun, gita-bittuu Amaaraa fi galtuu isaa, siyaasaa, dinagdee fi hawwaasummaa biyyatti keessatti ol-aantummaa gonfachiisuuf fi tiksuuf kutatee kan ka’e tahuu ifatti beeksiseera. 

  1. Kana waan taheefis, maqaa RIB’n, humna Amaaraa fi loltoota bitamoo (mercenary) Eritriya dabalatee biyyootaa biroo irraa argateen duulli inni qara hedduun ummata Oromoo fi kanneen biroo irratti geggeessaa jiru, duula gita-bittuun Amaaraa sirna Minilik deebisuuf gootu tahuu hubannee, tokkummaan dura dhaabanna. Humnooti Nagaa fi Mirga Namoomaaf dhaabbatan hundis akka balaaleffatan, mootummaan Abiy duula badisaa kana hatattamaan akka dhaabu Hawaasni addunyaa dhiibbaa akka godhu cimsinee gaafanna. 
  2.  Warranni Bilsummaa Oromoo (WBOn), mirga hiree murteeffannaa uummata Oromoo mirkaneessuuf karaan nagaa ijibbaatamnaan dirqamee, uummata Oromoo gabrummaa koloneeffataa gita-bittuu Habashaa jalaa baasee, bilisummaa fi abbaa-biyyuummaa ummata Oromoo dhugoomsuuf wareegama barbaachisu kaffaluuf qabsoo hidhanootti kan cichee jiru yoo tahu, kaayyoo fi naamusa akka sibiilaa kan qabu waan taheef uummata nagaa miidhuuf akeeka akka hin qabne guutuutti  amanna. Giti bittuun Habashaa Koloneel Abiyyiin hogganamu kun, holola sobaa fi maqaaABO Shanee“ jedhu WBO’tti maxxansuun, duula fi weerara Oromiyaa fi uummata Oromoo irratti gaggeessaa jira. Haala ulfaataa yeroo ammaa jiru, yeroo ABO fi KFO hogganaa hanga deggeraatti mana hidhatti guuramaa jirani fi uummati Oromoo nagaan jirachuu dadhabee jiru kana keessatti, gadadoo fi gabrummaa uummata irraa qolachuuf waregama hadhooftuu kaffalaa kan jiru humna tokkicha waan ta’eef, karaa dandahamu mara WBO cina dhaabbachuun dirqama Oromoo hundaa ti jennee amanna; akka bira dhaabannus waamicha Oromummaa dabarsina.
  3. Walumaagalatti, Giti bittuu Abiy Ahmadiin durfamu, heeraa fi seera biyyattii kan diige, humna finxaaleyyii Amaaraa fi diinota federaalummaa sab-daneessaa kan hoogganu fi qaama kanneen qofaaf dhaabbatee, kaan irratti duulaa waan jiruuf, Impaayerri Itoophiyaa akka diigamtetti fudhatamuu qaba. Haallii amma deemaa jiru, uummata Oromoo fi uummatoota ol-aantummaa Amaaraatiin morman qaamaan dhabamsiisuuf duula geggeeffamaa jiru tahuun hubatamee, ilmaan Oromoo marti tokkummaan akka ofirraa faccisan dhaamsa dabrsina. Akkasumas, ilmaan Oromoo ilaalcha siyaasaa kamuu qabdan, uummata keenya akka uummataatti badi fi mancaatti itti aggaamame kana irraa baraaruuf, bakka jirruu wal waamnee, humna, beekumsaa, dandeettii fi horoo qabnuun uummata keenya bira akka dhaabbannu waamicha lammummaa fi Oromummaa dhiheessina.

Injifannoo Uummata Oromoof!

Ebla 10, bara 2021

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …

One comment