Oduu Haaraya

IBSA IJJANNOO GORMUU QABSA’OTA OROMOO IRRAA

 

Dursa WBOn Oromiyaa kaayyoo haqaa irratti cichun qabsoo saba Oromoo asiin gechan ammallee itti cichun diinaa kuffisaa kufaa jirtan jabaadhaa abdiin saba oromoo isnii .
Gormuun qabsa’ota Oromoo waldhabiinssa qabsa’ota bilisummaa Oromoo irraa mufachun kan ka’e sababaa adda addaatin qabsoo dhaaba isaa jala hiriiree dirqama dhaaba isaa jalatti bahatu dhiisun moggaatti of baasee turee.
Moggaatti of baasun isaas qabso sabaa Oromoo irraa dhaabbatee odoo hin taane karaa ABOn geggessu mufii qabun dhaabbate ture .Amma gurmun qabsa’ota Oromoo Yemen kessatti adooddi saba Oromoo qabu kun mufin hafuu waan hin barbaannef dhaaba isaa ABO cinaa dhaabbachuuf deebi’ee waadaa isaa haaromsee jiraa .
. Tokkummaa ABO QC fi SHG ABO Kanatti gammaduun waan bara dheeraf hawwamaa ture kana kaayyoo isaa galmaan gahuuf ciminaan tokkummaa ilmaan Oromoo bara 2013 mirkaneffame kana fiixan baasuf karaa isa barbaachise hunda hojjachuuf waadaa isaa haaromsuu isaa ibsinaa .
. Tokkummaa ilmaan Oromoo bifa kamiinuu cimsuf nihojjannaa .
. WBO birmadummaa Oromiyaaf lubbuu isaa wareegu bira nidhaabbannaa.
. Qabsa’ota bilisummaa Oromiyaaf qabsa’an waliin nihojjannaa .
. Qeerroo Oromiyaa kessatti wallaasoo diinan godhaa jiru bira nidhaabbannaa.
.Walitti Dhufeenyaa tokkummaa Hoggaantootaa Qabsoo bilisummaa Oromoo ABO gidduutti godhamee ni dinqisiifanna, fiixanbahinsaa tokkuummaa kanaaf gumaachaa barbaachiisuu ni goona.
.Sochii Waraannii Bilisummaa Oromoo(WBO)n Godinaalee Oromiyaa garaagaraa keessaatti diinaa irraatti tarkaanfii fudhatamaa jiruutti ni boonnaa, tarkaanfii kana cimsuuf humnaa, qabeenyaa, fi beekumsaa keenyaan gumaachaa barbaachiisuu ni goona, .
.Walumaa galatti ilmaan Oromoo diinan wallaasoo godhaa jiru tokkummaa n falmisiisun akka qabsoon addabilisummaa Oromoo mirkanaahu gochuf tattaffii karaa nurraa eggamu nibahannaa .
Warreen harkadiinatin itti fakkeeffamee harkadiinaan hojjachaa jiran tokko ta’uun dhibus yaadan tokko ta’uu Oromoonni akka walirratti hinduulle dogooggoroota kanaan dura darban irraa akka barnoota fudhatanii ilmaan Ormoo gabrummaa jaarraa tokko olii kana of irraa kuffisnu .
.Warreen akka nuhii mufatanii moggaatti of baastan akka dhaaba kessanitti deebitanii ilmaan oromoo gabrummaa jalaa baasnu gabrummaa jalaa walbaasnu muufii tokkoon maletti ,dogooggora darbe seenadhaf dhisne amma gaafin harkaa nuqabdu gabroffataan moofa kufee gabroonfataa haraha lafaa ka’e waan ta’ef harreen waldhiitti malee ilkaan wal irraa hin daaytu akkuma jedhan halagaa walittidhiisnee ofiif yeroo walfalman ta’uu dhabuu jabessinee ibsinaa .
Dhuma irratti mootummaa wayyaanee ummata Kenya sabummaadhan miidhaa jiru ajjesaa biyyaa ari’aa fi lafa isaa irraa buqqisaa jiru kuffisuuf galii kaanyoo adda bilisummaa Oromoo galmaan gahuuf Oromoonni hundi akka kana irratti hojjatan jenne ibsa Kenya goolabnaa .
Injifannoon kan ummata bal’aati !!!
Oromiyaan ni bilisoomti!!!
Gurmuu qabsa’ota Oromoo Yemen irraa .

 

Check Also

Amanuel Wondimu

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to …