Oduu Haaraya

IBSA IJJANNOO KOREE TOKKUMMAA ABO AFRIKAA KIBBAA IRRAA


 
     Qabsoo walakkaa jaarraa tokkoof Addi Bilisummaa Oromoo /ABOn geggessaa ture keessatti bu’aa fi bayiin hedduu kan nu mudate yoo ta’u, gufuulee qabsoo ABO mudatan eddoo sadiitti qoodnee ilaallee jirra.
    Isaanis:-
                   1-  Rakkoo ABO keessatti yeroo adda-addaa dhalatu
                   2-  Rakkoo ykn shira diinni qabsoo gufachiisuuf hara galfiin maleetti hojjatu
                   3-  Rakkoo haala siyaasaa addunyaan walitti hidhatu ykn maqaa shororkeessummaati.
   Rakkoolee sadiin olitti tuqaman keessaa rakkoon adda durummaan qabsoo ABOn geggessaa ture galma gayuu hanqise rakkoo dhaaba keessatti yeroo adda addaa dhalatu akka ta’e itti waliif galleeti jirra.
Haalli yeroo adda addaatti ABO keessatti mul’ataa ture qabsoon saba Oromoo akka galma akeekkate hin geenne fi gabrummaan saba Oromoo irratti akka umrii dheereffatu qooda guddaa gumaachuu isaatiif,
Tokkummaan mooraa qabsoo ABO laafee irree fi human diinaan rukutnu cimsachuun hafee qoqqoodamuun baay’atee qabsoon gosaa,gandaa fi lagaatti karaa deemuu waan calaqqiseef,
Seeaaf Heera dhaabaaf abboomamuun hafee abbaan irrummaa dagaagee,dhimma qabsoo saba Oromoo saba Oromoof dhimmuu irraykn Jaalleewwan qaqqaalii kaleessa qabsoo Oromoof aarsaa boonsaa kafalan gumaa isaanii bilisummaan kafaluuf ciminaa fi tokkummaan hojjachuun hafee dhimma dhuunfaaf dursa kennuu fi dirqama qabsoo sabaaf namatti kenname gara aangootti jijjiiruun waan mul’ateef,
Haalawwan ykn amaloota farra warraaqsaa olitti ibsaman kanniin gara amaloota warraaqsaatti jijjiiruun Tokkummaa sabaa hundee-qabeessaa fi ititaa ijaarree qabsoo dheeratte gabaabsinee galma geessuun gaafii belbeltuu yeroo ta’uu waan hubatneef,
Kana fiixaan baasuufis Seeraa fi Heera dhaabaa bu’uura ykn hundee qasaawotni hundi itti amananii ittiin haqaan wol taligan akka ta’u ciminaan hojjachuun fardii ta’uu waan hubatneef,yoo kuni hojjiitti hiikame Oromoon dukkana gabrummaa keessaa karaa ifaa bilisummaatti bayuun shakkii tokkollee akka hin qabne hubanneeti jirra.
   Kanaaf nuti Hogganootni,qondaalotnii fi miseensotni ABO jijjiiramaa Afrikaa Kibbaa ijaarsa hunde-qabeessa duratti qabnu daran cimsannee gara ‘Tokkummaa dhaabootiin siyaasaa afuran (4)n Uumanii J/Abbaa Nagayaa Jaarraatiin durfamutti August/Hagayya 24 2015 murannoo fi hamilee guutuun dabalamuu keenna ibsina.
    Dhuma irratti Tokkummaa Uumame kana walitti dhufnee rakkoo gabrummaa kan saba Oromoo Jaarraa tokkoo ol iraarsaa jiru furmaata maayii bilisummaan akka gabaabsinu kan waamicha Oromummaa fi Lammummaa isiniif dabarsinu:-
Dhaabbiilee siyaasaa Oromoo kanneen bilisummaa saba keenyaaf dhugaadhaan qabsaayaniif,Seeraa fi Heera ABO kabajanhunda,Beektotaa fi Hayyoota Oromoo kanneen gabrummaa keessa jiraachuun saba keenyaa isin quuquu fi bilisoomuu saba keenyaa hawwitan hunda,Barattoota Oromoo biyya keessaa bifa adda-addaatiin qabsoo bilisummaa finiinsaa jirtan hunda,Baqattoota Oromoo biyyoota adda-addaa adunyaatti facaatanii rakkoo biyyaa itti baqattanitti amantan hundaaf waamicha Oromummaa fi Jaallummaa kabajaadhaan isiniif goona.
 Ilmaan Oromoo kanneen bifa adda-addaatii beekuunis ta’ee osoo hin beekin diinaaf tajaajila ittiin sabni isin keessaa dhalattan ittiin miidhamaa jiru kennaa turtanii fi jirtan yeroon seenaa keessan itti sirreeffattanii gara mooraa qabsoo haqaa saba keessani deebitan amma jechaa waamicha Oromummaa isiniif goona.
         
              Tokkummaan ABO daran haa jabaatu!
 
           KOREE TOKKUMMAA ABO AFRIKAA KIBBAA
                August/Hagayya 24  2015

                         I U Of
Odeeffannoo Dabalataaf:
     Cellphone:- +27840188052 ,  +27731258056 ,  +27613592282 ,  +27843288837 ,  +27844518693
 

 
                                      

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …