Oduu Haaraya

Ijoollee too yaa tiruu

Taammanaa Bitimaa Irraa

Ijoollee too yaa tiruu
Magaallan koo yaa tiruu
Kan akka keessanii addunyaarra hin jiruu
Kan roorroo qabee sonaan ciru
Gabrummaa abootteen inni diru!
Qarreewwan too yaa tiruu
Qeerroowwan koo yaa tiruu
Kan akka keessanii mee
Dachee tanarra hin jiruu!
Waggaalee afur cufaa
Qabsicha itrtum fufaa
Harka qaxxaamurfachaa
Asxaa isa akka faachaa
OROMIYAA sochooftanii
Wayyaanee-woo dhooftanii!
“Down, down Wayyaanee down” jechaa
Uummata keessa abdachaa
OROMIYAA-dhaan dhaadachaa
Wayyaanee injifattanii
Rooroo-saanii dhidhimsitanii!
Yaa joollee Abbaa Gadaa
Yaa joollee Haadha SIIQQEE
Nafxanyaan yoo olmiixxee
Galma Gadaattoo hiiqxee
Sintoo qabee cagadaa!
Hayyee qeerransoota tiyya
Hayyee gichillooota biyyaa
Harr’as uummanni keessan
Ammas biyyi teessan
Kunoo miidhamee
Kuunnoo hidhamee
Isinittoo iyyaa
Isiniifoo iyyaa
Mee walta’aa-kaa
Mee oljedhaa-kaa
Yaa dhalawwan biyyaa!
Firiin qabsoo keessanii
Bu’aan madaa keessanii
Basaastu-dhaan saamamee
Nafxanyaa-dhaan hatamee
Manneen hidhaa jigsitan
Deebiyee ijaaramee
Gabrummaan dhiiga keessaniin finqilchitan
“Dammiroon”* jifaarame!
Nafxanyaan + (“plus”) ta’ee
Isinimmoo – (“minus”) taatanii
Shaabiyaan gooftaa ta’ee
Isinoo ashkara taatani!
Raajii Rabbii
Safuu Waaqaa
Kunoo ijuma teenya duratti
Funyaanum keenya fuulduratti
Miilli garagaleetoo mataa hooqa!
Hayyee, hayyee yaa ijoollee koo
Ilaa, ilaa yaa lubbuu too
Ammas akkum kaleessaa oljedhaatii dhaabaddhaa
OROMIYAA guutuu-rraa walitti iyyaddhaa
Waboo wabii keessanii cimsaddhaa
Marroo marii sabaa gargaaraa
Gabrummaa akka gaangeetti miila afranuu takaalaa!
Alaabaa bilisummaa
Faajjii namummaa
ODAA abbaa biyyummaa
Gaaraa-dakaa dhaabbaddhaa
Dhalawwaan Kuush Kuusaas
Afrikaa guuturraa waammaddhaa
Kan qotattanii facaafattan
Tan gixaantanii haramattan
Naafxoof mitii ofii keessaniif haammaddhaa!
Ani jecha “dammiroo” jedhamu kana sirba obboo Rooberaa Amanuu isa :
“Dammiroo – New Oromo Music 2021”, baafame irraan yeroo duraa dhagaye.
Mee “youtube” banaddhaatii, sirba shaggaa kana dhamdhamaddhaa!
Erga sirboota qabsoo Oromoo dhaggeeffachuu jalqabdanii, mee geerrarsa hedduu bareedaa, isa dachee sochoosu:
wbo New Oromo music (23 December 2021)”, kan jedhamus itti-dabaladdhaa!
Mee walaloon kun yaadannoo Abbaa Gadaa Oromoota Karrayyuu, obboo Kadir
Hawaas Boruu fi miseensota Gadaa Michillee isaan jalqaba ji’a kanaa irratti mootummaa Koloneel
Abiyyi isa nafxanyootaan durfamuun galaafatamaniif yaadannoo haa-tahu!

Check Also

a

Kuusa jechoota Afaan Oromoo Ramaddiin isii maqaa. (noun) A Qubee 1 Jechi kun akkmitti dubbifma? …