Oduu Haaraya

Jaarmaya  Tokummaa Baqattoota  Oromoo A B O Yaman

Jaarmayan tokkummaa baqattoota ABOY guyyaa gootota oromoo Ebla 15/4/2015

Haala hammaataa keessatti walitti dhufuun ayyaaneffatee jira.

Guyyaa kana haalli biyya  yaman ykn lolli biyyattii  mudate kan guyyoota darban caalaa hammaataa ture .ta’us garuu guyyaan kun guyyaa ilmaan oromoo biyya keessa fi alaa  jiraatan biratti kabajamu waan ta’eef nuti dirqama kan oromummaaf akeekaa fi kaayyoo jaallawwan irratti wareegamman galmaan gahuuf jaallawwan hoggannoonni ABO Wareegamni kun isaan mudate osoo dirqama qabsoon itti kennite raawwachaa deeman isaan mudate kan tokkummaa oromummaa dhiigaa fi lafee ijaaran waan ta’eef yeroo kamiyyuu caalaa tokkummaa oromoo murteessaa ta’uu .

JTBOABOY yeroo guyyaa goototaa ayyaaneffatu yeroo hundaa walitti wareegama qabsoo bilisummaa oromoo gafatu bifa kamiinuu  haa tahuu  bahachuu fi baachisuuf gootummaa jaallan  wwan keenyaa akka kufetti akka hin hafne fi akka galman gahu qabnu dhaloonni har’aa abdii qabna.

Qabsoo ABOn gabrummaa jalaa oromoo fi oromiyaa baasuuf gochaa ture fi gochaa  jiru keessatti  keessattuu yeroo ammaa qabsoo hidhannoo irra jiran tokkummaa mooraa qabsoo bilisummaa oromoof I gurmuu qabsa’otaa humna tokko ta,uun abdii qabna.

Jaarmaya baqattoota oromoo ABOY dhaabilee siyaasaa oromoo kan bilisummaa walabummaa ,walqixummaa haqa qabsoo saba oromoo godhaa jiran keesaatti garaa garummaa sagantaa siyaasaa siin gidduu jiru garaa agrummaa oromoo fi oromiyaa akka hin ta’in hubachuun barbaachisaa akka ta’e hubachuun kuni garaagarummaa n jitu tooftaa fi tarsiimoo karaa qabsoo saba keenyaa itti galma geessu ta’uu hubachuu qabna.

Kana yeroo jennu diinni oromoo oromoo osoo hin ta’in sirna nama nyaataa abbaa irree mootummaa woyyaanee tahuu hubachuun sirna kana biyya teenya irraa buqqisuuf saba oromoo gabrummaa jalajiru gabrummaa jalaa baasuu ,qabsoo gara fuula duraatti finninsuu akka qabnu injifannoo irraa maayii sabni keenya barbaadu akka gonfachiifnu dha.

Addunyaa kana irratti mirga biyya ofii kan namaaf waan hin jirreef kana  akkasitti hubachuun yeroo irraa yerotti tuffii diinni saba Kenya irraa qabu fi gocha hammeenyaa dhala oromoo irratti raawwattan keessattuu saaminsa lafaa oromoo, qabeenya oromoo , human dargaggootaa fi shamarran oromoo ajeechuufi hidhaa sirrii kun gara jabinnaan nurattii hojatu dura dhaabbachuun biyya keenya irratti abbaa biyyaa taanee bilisummaa , walabummaa akkasumas walqixummaa haqan akka jiraannuuf qabsoo keenya finiinsuu qabna.

Jaarmiyaan Tokkummaa Baqattoota ABO yaman haala akkaan hammaata kana keessatti ayyaana goototaa oromoo kan bilisummaa fi walabummaa Oromoofi Oromiyaaf wareegaman ayyaaneffachuun ibsa armaan gadii kana baasee jira.

1.Guyyaan kun guyyaan gootonno qabsaa’onni hogganoonni ABO tokkummaa Oromummaa dhiigaafi lafee isaaniin ijaaranii dhaloota haara’aaf dabarsan ta’uu ibsina.

  1. Guyyaa gootota Oromoo kabajachuuf yeroo walitti dhufnu gaddonee addaan galuu osoo hin taane guyyaa akkeekaa fi kaayoo gootonni keenya irratti wareegaman san walhubachiifnee faajjii gootowwan keenyaa irratti aarsaa ta’an deebifnee ol qabuun gumaa gootowwan keenyaa baasuuf qophii ta’uu ibsina.
  2. Qabsoo ABOn bilisummaa , walabummaa ,walqixxummaa fi dimokraasummaa haqaa Oromiyaa irratti argamsiisuuf godhu keessatti qabsoo Oromoo gara fuulduratti tarkaanfachiisuuf injifannoo irraa maayii saba oromoo gonfachiisuuf wareegama qabsoon barbaaddu hundaa kafaluuf qophii ta’uu keenya ibsina.
  3. Biyya keenyaafi mirga bilisummaa walabummaa ofii keenyaa qabsoo keenyaan kabachiifanna malee akka yoomiyyuu diinni keenya nuuf hin kabachiifne ta’uu ibsina.
  4. Qabsoo oromoon oromoo fi oromiyaaf godhu keessatti okkarsi diinaa qabsoo keenya laaffisuu osoo hin taane daranuu akkagara fuulduraattii tarkaan fachiisu ta’uu ibsina.

6.Qabsaa’aan ni kufa qabsoon itti fufa dhiiga ilmaan oromootiin bilisummaan dhufa.

  1. Tokummaa qabsaa’ota oromoo mooraa qabsoo bilisummaa oromoo fi gurmuun qabsaa’ota oromoo diinni isaa tokkichi TPLF ta’uu hubachuun akka qabsoo oromoo gara fuula tokkootti deebi’u abdii guddaa qabaachuu keenya ibsina . kana yeroo jennu kan carraa baqattummaa ilmaan oromoo muudachiisuun biyyoota garaa garaa keessattigochaan gara jabinaa gubachuu fi qalamuu akkasumas rasaasaa fi galaanaan nyaattamuu kan muudachiise sirna abbaa irree mootummaa wayyaanee ta’uu hubachiifna.
  2. Tokkummaan keenya dhukkuba vaayrasii diina keenyaa ta’uun hubachuun bakka jirruu tokkummaa keenya akka jabeeffannu saba keenya hubachiisuu barbaanna.

Jaarmaya Tokkummaa Baqattoota Oromoo ABO Yaman

Gadaan gadaa Tokkummaa fi Bilisummaati !!!!!!!!!

Ebla18/04/2015

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …