Oduu Haaraya

WARAABESSA LEENCOME – ASOOSAMA GABAABAA WARAABESSA LEENCOME!

Beekan Gulummaa Irranaa-Oromiyaarraa | Onkololeessa 22, 2013

Ija guyyaa dhabee halkan keessa soorasaa kan funaannataa bulu waraabessi bineensa ijatti hintolle ta’uusaa bineensonni biroon yeroo mara irratti waliigalu. Kan inni okkolaa ademu ammoo bara hundumaa warreen qaama hir’ataa ta’an keessatti isa ramachiisa. Gara jabeessa bineensota biroof garaa hinlaafne ta’uunsaammoo dhiigni qulqulluun bineensota biroo hanga har’aatti fuula Waaqaatti ol iyyataa jiru kun ragaadha.

Mootii bineensota hundumaa kan ta’e Leenci Oromiyaafi Oromiyaan ala bineensa jiraatudha. Utuu sammuufi maqaa guddaa qabuu waraabessi ilaalcha bineensota biroottillee fokkuu taate kun leencoomuuf halkaniif guyyaa sagantaa siyaasa jallinaa baafachaa ooltu kun guddaa isa yaachiseera. Gamnummaan waraabessaa kun jaarraa tokkoo oliif kan isa aarse Leenci sagantaa ittiin waggoota kumaatamaaf bineensota biroo bulchuu danda’u irratti yaaduun heeraafi seera waqixxummaa baasuunsaa bubbuleera.

Leenci gooota bineensotaa walqixxummaaf qabsaa’udha. Ofiisaaf mootii bineensaa humna jabaa qabu ta’uyyuu, bineensota humnaafii giidoo hinqabne kan falmachuufi mirga isaaniif qabsaa’uu hindandeenyeef gaaf tokko boqonnaa amasnsiisaa fiduuf qabsootti jira. Rakkoo bineensota kanarra tureef furmaata mala dha’uuf himalus lafarra duraa harkifameera.Yeroo waa’ee furmaata dhabuu rakkoo isaa kana yaadu immoo daran dhiphata. Akka nama jibbamee bineensota biroo irraa adda of baasee bosona keessa akka Jawwee hoo’a aduu qaqqamatuutti gadi of gad dhisee lafa irra achi dheeratee, miillasaa lamaan dugduubatti gadi dheereffatee, harkasaaa isa qeensa hamma haaduu guddichaa ga’u sana keessaa yaafatee, mtaasaa isa ilaalamee hinquufamneefi amfaarroonsaa akka rifeensa durbaa maashina jalaa amma ba’ee ofirra gadi dhangalaasee mataasaa miila lamaan fuulduraa jidduu seensisee ciisa.

Taa’ee yaadaan kan yeelalu leenci binensa seena qabeessa onneen isa xirqanudha. Foolii gootummaatu irraa gilindisa malee haxxummaafii tooftaa gurguddaa uumanii bineensota biroo isa boolla buusan inni raawwatee hinbeeku. Kanaaf fakkaata waa’een leencaa yeroo mammaakamu ‘adamoo leencaa, harki tokko eeboo, harki tokko irreessa baata’ kan jedhamuuf.

Gama gootummaasaatiifis yeroo mammaakamu, ‘Afaan leencaa huubni hinkajeelu’ jedhama. Goota akkasii kanarraa aangoosaa kan sarbe waraabessi hamma kana xiqqaatee utuu jiruu Leenca miliyoonotaan lakkaa’amu lafarraa dhabamsiisuu barbaade. Leenca kun gocha dararfamuu bineensota biraatu mudhiisaa akka mudhii durba reefuu kaadhimummaarra gahaa jirtuu isa qalliseera. ‘Kan ayyaana waraabssaa dhalate saamee bula’ akkuma jedhan waraabessa saamee bulu kanatu bineensota garraamota ta’an qarxamsee fixe.

Ukkaamsaa yaadaan kan muddame leenci yeroo mara bineensa qabsoo jireenyaa keessa jiraatudha. Gochi kun yeroo yaadaan badu qofa utuu hintaane, yeroo dubbatee dhageettii dhabus baay’inaan irratti mul’ata. “Maal ana qofatti baatuu maaltu bahee?” jedha Leenci, hangafni bineensotaa. Al tokko tokko immoo bosona isaatti deebi’ee bineensota akka isaa yaadaan qabamaniifi dararaman mariisisuu barbaada. Garuu kanas raawwatee hinbeeku. Bineensota akka isaa isa waliin dararaman kanneen akka Qeerransaa, Arbaa, Gafarsaafi Qamalee yaadaan maqaa dhaha. “Utumaan walga’ii guddaa tokko qopheessee isaan waamee waliin mari’annee” jedhee yaada. Garuu amala bineensota kanaatu isaaf hinmijatan! Hundumti isaaniitu leenca kana maqaasaaf itti gargaaramaanii lafa kaayyoo isaanii ga’uu barbaadu.

Nyaatee kan hinquufneefi bineensota biroof haa hafuu kan hinbeekne albaadhessi bineensaa kan waraabessa faana waliigalu bineensi tokko jira; innis Booyyeedha. Booyyeen kun boriif haabuluu hinbeeku. Keessumattuu mammaaksa ofif mammaakkate qaba Booyyeen. Mammaaksi kunis, ‘Ormi nawaraane; ani ofittan jabeesse’ jette booyyeen jedhu. Waraansa kallattii hundaanii kana dandeessee kan waa hunda utuu hinfilatiin saamtu booyyeen waraabessa faana kaayyoo saamicha bineensotaa qixuma qabu. Kanaafis waraabessillee mammaaksuma kana fakkaatu qaba. Kunis, Waraabessatti gogaa hinfedhan; waraabessi hanga qoonqoo ofiif fiigdu, lubbuu ofiif hinfiigdu’ kan jedhaniif.

Kaayyootiin Leenca faana xiqqoo kan waliigalan Qeerransis, qofaasaa taa’ee rakkina isaan irra gahaa jiruufi dhageettii dhabuu isaanii kana yaadaa oolee bula. Hundi isaanii qofa qofaatti waa’ee rakkina isaanii kana yaadu malee tokkummaan ka’anii wal kakaasanii hinbeekan. Furmaata isaas tokkummaan barbaaduuf mala dhahanii hinbeekan. Keessattuu waa’ee dararama Booyyeefi Waraabessi isaan irraan gahaa jiran kana Leenci yeroo yaadu mataatu isa dhukkuba. Dubbatu dhageettii hinqabu. Kunimmoo caalatti isa aarsa. Dhageettii dhabuu isaanii kana yeroo yaadu immoo bosona isaatti deebi’ee ciisuu filata Qeerransi. Arbis rakkina isa, qeerransa, Gafarsa, leencaafi Qamalee irra gahaa jiru kana yeroo yaadu, “Hanga yoomittan obsee dararamaa? Maalifan hoomaakoo gurmeessee ofiifi fakkaattotakoo bilisa baasuuf kumbiikoo mirmirsee Booyyeefi Waraabessa raawwadhee hindhabamsiisuu?” jedha.

Haala kanaan hundi isaanii rakkoo isaanii furuuf yaada mataa mataa isaanii yaadu. Garuu kan yaadu malee kan hojiitti hiiku hinjiru. Qamaleen gamasheetiin, “Maalii barri akkanaa!; utuu mootiin bineensotaa, Leenci jiruu kan nyaattuufi hattuun nu darartu. Waraabessi dukkana dawoo godhatee Harree hatuu jalaa ba’ee har’a nu dararuun maal jedhamaa? Utuu har’a Leenci ka’ee isaan barbaadeessee nuun bilisa baasee, biiftuu bilisummaa nu agarsiisa jennee utuu yaannuu kunoo barri qabsoo keenyaa lfarra nujalaa dheeratteka jedha ture. ‘Harree gowwaan waraabessa geggeessiti’ jedhu mitiiree?. Waraabessi hiriyaa harree kun hamma yoomitti nugarboomfataa jiraataree? jette qamaleen kan dubbiin isheef dhufuuf yeroo hinfudhanne.

Hundi isaanii yaadaan fagoo yaadu. Arga yaadaan lalisa birraa argu; daraaraa birraa suufu; booqaa birraa simatu. Abjuun gammadanii akka jabbii harma haadhaa quuftee silga sa’aa xuuxxee itti toleetti asiif achi burraaqu. Yoom guyyaan inni arga yaadaan agarru kun gara dhugaatti jijjiiramee, inni dararu darara dhiisee, inni dararamu uf jedhee ciisee, nyaanni nyaate nafatti, bishaan dhugan dhiigatti bu’aa laata? jedhanii yaadu. Egereef abdii gaariin akka fuula isaanii dura jiru abdatu. Harka keessa galfachuun garuu gaala qa’aa lilmoo keessa dabartu taatee jirti.

Abdiin keenya kun abdiitti hafamoo ni milkaa’a laata? Gaaffii yeroon deebisuudha jedhu ofumaa wal gaafatanii ofumaa yoo walii deebisan. Abdiin isaanii kun yoomiif eenyuun akka dhugoomu hinbeekan. Garuu, gaaf tokko…jedhu. Baay’een isaanii garuu, Leencaafi Qeerransa abdatu. Leenciifi Qeerransi abdii bineensota akka Arbaa, Gafarsaafi Qamalee erga ta’anii bubbulaniiru. Isaan garuu, tokkummaan ka’anii walkakaasanii, tokkummaan gurmaa’anii waliinis ka’anii hinbeekan. Bineensota gootummaa malee abshaalummaan isaanitti hir’atudha.

Bineensonni isaan dararan kanneen akka Booyyee, Waraabessaa, Roobii, Sardiidaa  (Yeeyyii/ Jeedalaa/ Wangoo) fi Hardiidaa lafa isaanii irratti horanii jiraatu. Isaanumarra taa’anii isaanuma irratti mari’atu. “ Bulchitoonni nuun waan taaneef isaan maal fiduu?” jedhanii aangoo isaanitiin isaan irratti dhaadatu. Aangoonis akka waan Waaqarra isaaniif laatamteetti baannatu. “Murtii ta’u kan kennu nu’i; haqaanis ta’ee dharaan kan barbaanne raawwannee kan jibbine dhiisuu dandeenya” jedhanii waliin dudubbatu. Umurii tursiifannaaf jechas yeroo isaanitti Qeerransaafi Roobiifaa ofitti qabanii waan yeroof taatu qofa afaan kaa’uuf akka sangaa soogidda/amooleen qabanii haaduun ga’aniitti yeroo isaan goggowwomsantu mul’ata.

Tuuta faallaa Leencaa bineensota ta’an keessaa, Booyyeefi Waraabessi isaan akka sardiidaa, Hardiidaafi Roobii keessaa isaan aangoo guddaa qabaanidha. Yeroo isaan dhufan lafti kaatee jilbeenffatti; walitti naannooftee sirbiti. Bosonni asiif achi raafamee isaan simata. Samiin fuulasaa ibsee gadi isaan daawwata. Simbirri waccee isaan bohaarsiti. Weenniin korriftee isaaniif jeekkarti. Qamaleen kolfa obsitee isaan baqatti; Leenci aadee lafa sochoosaa bosonatti galee taa’a. Qeerransi harqee fiixee mukaarra bahee gadi isaan ilaala. Gafarsi gaafa isaa ol qabee adeemaa ture dhokachuuf jecha mataan gadi jedhee bosona keessa asiif achi lulluka. Kan baqatu malee kan jala dhaabbatu hinjiru. Kan onnee qabaatee dura dhaabatu hinjiru. Hunduu holola jechaa isaan dura oofamuun onneen isaanii gaggabdeetti.

Booyyeen muummicha ministeera bineensotaa, Waraabessi itti aanaa muummichaa, Roobiin afa-yaa’ii, Sardiidni pirezadaantii walii gala bineensotaa, Hardiidni itti aanaa pirezadaantii, Bosonuun barreessaa yoo ta’an, gurmuuwwaniifi hoomaawwan isaanii gubbaa hanga jalaatti aangoon muudamaniiru. Leenci, Qeerransi, Gafarsi, Arbiifi Qamaleen aangoo kana keessaa waan tokkollee hinqooddanne. Kunis sababiinsaa garaagarummaa kaayyoo isaan hordofaniitu adda isaan taasisa. Bakkeen malee keessi walif faallaadha. Leenci garraamummaa qabaatus abbaa biyyaati; hangafa bineensota hundaa dura turedha. Waa’eesaatiif oduun durii seeneffamellee jira.

‘Gaaf tokko leencatu waa dhibamee biyyaa ba’ee jedhan; kanaan booda waraabessi dhufeetu haadha manaasaatti galee humnumaan sindhaalaa jedheen. Isa booda haati manaa leencaa sun maal taatee, ‘ani abbaa manaa qabaam’jetteen. Inni garuu didee humnumaan mana seenee haadha manaa leencaa sana bulchuu eegale. Oolee bulee gaafa abbaan warraa inni ganamaa sun deebi’ee manatti galu waraabessicha akka abbaa qe’eetti utuu inni manasaa ciisee jiruu argate. Kana booddee Leencichi maal abbaakee hojjetta manakoo keessaa jedheetu caccabsee biyyaa baasee ofisaati qe’eesaatti deebi’ee’ jedhama.

Warreen aangoo irra jiran maqaa Dhaaba isaanii Dhaaba walqixxummaa Bineensotaa jedhanii waamu. Warri kanneen akka leencaa, Qeerransaa, Arbaa, Gafarsaafi Qamalee dhaaba jedhamu hinqaban. Haa ta’u malee yeroo rorroon itti cime walga’anii maqaa gumiitiin dhimma tokko tokko ni mari’atu. Waa’ee dararama isaanii kana ilaalchisee al baay’ee walga’ii taa’anii jiru. Haa ta’u malee rakkoo isaanii kanaaf furmaanni isaan lafa kaa’an hinjiru. Leenci yeroo baay’ee walgayicha irratti argamus rakkina isaanii kanaaf yaada furmaataa bineensota isa waliin dararamaa jiran kana irraa dhabuu isaatti baay’ee aara. Kanaaf yeroo hunda aada.

Hundinuu, “Leenci ni aada jedhu malee, maaliif aadaa?” Kan jedhee gaafatu hanga har’aatti hinargamne. Kanaaf bitaafi mirga ilaalee tajjabuu guddisa. Qeerransiis, tokko kaasee, tokko immoo teessisee, tokko buusee, tokkommoo baasee furmaata haqaa dhabnaan harqa. Kanaaf, Qeerransi ni harqa jedhu malee, haqa dhabeet haqa dubbachuuf akka harqu kan xiinxalee hubate hinjiru.

Qamaleen garuu, gara dubbiin cimetti gorti. Kana godhuusheetiniis akka qaruuxee (gamnaatti) of ilaalti. Yeroo kana gootee raawwatte kolfitee qasaati. Kanaaf, “Bineensonni hundinuu qamaleen ni kofalti jedhu malee maal gootee kofalti? Eenyutti kofalti?” Jedhanii hinbeekan. Isheen asiif achi naannooftee hunda fakkaachuu malee, ejjennoo tokko hinqabdu. Warra Dhaaba walqixxummaa bineensotaa waliinis walitti dhufeenya cimaa qabdi. Gartuuwwaanshee kanneen akka Leencaa kana hinbeekan. Kansheen kana raawwattus dhoksaan waan ta’eef.

Warri Dhaaba Walqixxummaa Bineensotaas qorannoo tokko tokko yeroo taasisan odeeffannoo kan argatan Qamalee irraatidha. Qamaleen aangoof duuti. Kan “Aangoo xinnooshee siif kennina” jedheen wanta silaa iccitiidha jedhanii Leenca fa’a waliin mari’atan hunda irraa funaana. Hawwiinshee aangoo argachuu waan ta’eef. Hiriyootashee dabarsitee kennuun aangoo argachuuf duubatti hindeebitu. Odeeffanuma Qamalee irraa argameen warri Dhaaba Walqixxummaa Bineensotaa, Qeerransa qabanii mana hidhaatti gatan. Leenci, Arbii fi Gafarsi kana yeroo dhaga’an baay’ee nahan. Bilisa nu baasa jedhanii kan isaan abdatan mana hidhaatti darbatamuu isaatti aaruu irra darbanii akka waan abdii kutachuu ta’an. Garuu, Leenci isaan keessa jiraachuu isaatti jajjabaatan. Leenca hurufaa baroodu asii lafti rom’iti jedhu mitiiree? maal kana qofaree Loon lafee Leencaa dheessiti jedhuwooti. Walii galteen harrootaa waraabessa hinmiidhu yoo ta’eyyuu leenci garuu qofumasaa waan jaallate raawwachuuf aangoo qaba. Leenci abdii bineensota warreen miidhamaniiti.

Egaa waa’een waraabessaafi leencaa maal waan akka qoosaatti dhumatu ta’eree? Waa’ee isaaniitiif oduu durii qindeeffamee jiru kan gafarsi arbarraa dhaga’ee dhufee seenessetu kan kanaa gadiiti. ”Maatii waraabessaafi maatii leencaa tokkotu ture. Ollaa tokko keessa waliin jiraatu. Yeroo dheeraaf haala gaariin waliin jiraatan. Maatiin lachuuyyuu ijoollee hedduu waan qabaniif walumaan taphataa guddatan. Yeroo ture keessa ilmi leencaafi ilmi waraabessaa warri angafti dargaggooman. Ajaja warraa dhiisanii fedhii isaanitiin bobba’uus eegalan.

Gaafa tokko ganamaan ka’anii lafa fagootti duulan. Duula kanaan ilmi leencaa sangaa booji’e. Ilmi waraabessaa ammoo sa’a rimaa booji’e. Lamaanuus waan booji’an qabatanii qe’eetti galan. Yeroo gabaabaan booda sa’i ilma waraabessaa raada dhalte. Ilmi leencaa ammoo waan kana argee inaafe. Achiin duuba raada fudhatee sangaa ofii jala kaawwate. Ilmi waraabessaas:

“Maaliif raadakoo fudhatta?” jennaan
“Sangaa kiyyatu dhale.” jedheen.
Ilmi waraabessaa akka malee aarus ilma leencaatti dubbachuu ni sodaate. Kanaaf galee abbaa ofiitti himate. Waraabessi (abbaan ) aaree dheekkamaa manaa gadi bahuun:
“Amma ilmi leencaa eessa jira?” jedheen.
“Kuunnoo gama sani.”
“Tulluu guddaa saniin garami?”
“Tulluuma santu isa.”
“Ibidda boba’u saniin hoo garami?”
“Ibidduma santu ija isaati?” jedhe ilmi.

Yoona kana abbaan waraabessaas sodaatee callise. Dubbiinis akka inni yaade hin taane. Kanaaf dubbii karaa nagaan fixuuf murteesse.

Guyyaa itti aanu abbaan waraabessaa subiin ka’ee abbaa leencaa bira deeme. Akka ijoolleen waldhabdeefi sababiin wal dhabdee ammoo saamicha ilmi leencaa ilma waraabessaarratti godhe ta’uu itti hime. Abbaan leencaa ammoo ilmisaa akka yakka hin godhinii fi raadattii kan dhale, sangaa ilmasaa ta’uu dubbate. Kanumaan dubbii jaarsummaan gahachuuf walii galan. Qamalee, waldiigessa jaldeessa, booyyee, karkarroo, qeerransa, sardiida, adurreefi yeyyii jaarsummaa lakkaawwatan. Dilbata itti aanuttiss odaa qummuudduu jalatti jaarsummaa dubbachuuf beellamatanii addaan galan.

Guyyaa jaarsummaa abbaan waraabessaa ka’ee qilxuu qummuudduu jala dhaqe. Isatti aanee ammoo warri jaarsaa saddeet ta’anii dhufan. Takka turee abbaan leencaa dhufe. Qamaleen garuu ni barfatte. Gobaan akka isii hin waraannef kophee hodhataa ooltee galgala dhaqxe. Gaafa isheen achi geessu leenci itti dheekkame.

“Guyyaa guutuu suma eegaa oolle. Hanga ammaa maal hojjechaa turte?” jedheen.
“Lafa takkatu tarsa’ee ishee hodhuutti ture” jetteen
“lafti yoom tarsa’ee hodhamee beeka?” jedheen ija babaasaa.
“Sangaanimmoo yoom raada dhalee beeka?” jettee utaaltee damee qilxuu qabatte. Leencis utaalee fiixee eegee ishee qabate.
“Gooftaa moofaa gadhiisii haarawa qabi jettee udaan itti gadhiifte. Gaafa leenci eegee gadhiisee udaan qabuu dhaqu ishiin qilxuu fiixetti baate.

Jaarsummaan guyyaa guutuu ukkaamamee ooles wayita san xumura argate. Jaarroleen sodaadhaan rakkataa oolan carraa kanaan waraabessaaf dhugaa muran. Jaarsummaanis kanumaan addaan gale. Leenci akka malee qamaleetti aare. Kanaaf haaloo hadhaawaa itti qabatee, bahaa gala ishii hordofuutti ka’e. Akka carraa naannoo sana burqaa bishaanii tokko qofatu ture. Kanaaf leenci bishaanicha gubbaa taa’ee qamalee eeggachuu jalqabe. Qamaleen karaa bishaan dhugdu dhabde. Kanaaf mala adda addaa baafatte. Jirbii hodhitee uffachuudhaan bifa jijjiirrattee dhuguutti kaate. Yeroo leenci,

“Ati eenyu?” jedhuun
“Warra Jijooti.” jettiin.

Haala kanaan yeroo dheeraaf erga fayyadamaa turteen booda gaaf tokko garuu tooftaan ishii irratti beekame. Osoo bishaan dhuguutti jirtuu bubbeen jirbii isheen ofitti martee jirtu sana irraa kaase. Leencis utaalee ishii qabachuun, cancalaan hidhee mukatti ishii fanniisuudhaan halangaa ittiin ishee reebu fidachuuf gara bosanaatti imale.

Qamaleen abdii kutachuun waan gootu wallaaltee utuu bo’aa jirtuu jaldeessi deemaa dhufee, “Maal taatee boossaa aaddee Qamuu?” jedheen.

“Gooftaan coomaafi aannan fiduu deeme. Waan guddaa fidee dhufee yoo nyaattee fixuu baatte sin reeba naan jedhe. Garaan tiyya ammoo baayyee xinnoodha. Cooma fi aannan gooftaan fidu nyaadhee dhugee fixuu hin danda’u kanatu na boosisa” jetteen. “Ati hin rakkatiin. Garaan kiyya baayyee guddaadha. Kanaaf qoodakee anaan hidhii deemi; ani hidhamuu wayyaa” jedheen. Kanumaan walii galanii qamaleen isa fanniftee biraa deemte. Takka turee leenci halangaa hedduu guurratee dhufuun, gaafa fannoo irratti ishee fannisee deemerra ishee ilaaluu jaldeessa rarra’u argee,

“Obbo jaldu maal asii hojjettaa?” jedheen.
“Gaaffii akkanaa dhiisii waan qamuun nyaattufi dhugdu fidi!” jedheen jalduun. Leencis halangaa roobii sa matumaa cituu hindandeenye sana tottolfatee,
“Qamuun kana nyaattii, kana nyaadhu!”
“Qamuun kana dhugdii, kana dhugi!” jedhee gara halangaa saddeetii irratti fixe.
Qamaleen birbirsarra teessee waan jaldeessi ta’u daawwatti.
Jaldeessa gogaan isaa uratee erga foon isaa cicciteen booda leenci hidhaarraa hiikee gadhiise. Jaldeessis iyyaa fiige
“Maaloo yaa qamu guggubadhee, maaloo….maaloo ….. yaa qamuu maaloo…..” gaafa inni jedhu, Qamuun ammoo;
“Caffee gurraattii keessa gangaladhu!” jetteen.
Gaafa jalduun caffee keessa gangalatu goondaa/jaamaan itti duudde. Cinqiin daran itti hammaatte.
“maaloo anuu irra caalaattuu du’ekaa maaloo du’ekaa” jedheen.
“Gara saroota warra gubbaa sanaatti fiigi! Gaafa xiqqoon dhufte dheessi! Yeroo guddaan dhufu eegi!” jetteen. Jalduunis akka qamaleen jette godhe. Sarootni gaafa isa argatanis isa kukkutatan. “In nyaannaan nama nyaatti.” jedhama mitiiree.

Waraabessi warra lubbuun jiran qofa utuu hintaane, warra du’aa boolla keessa jiran illee baasee bineensa nyaatudha. Bineensa ajaafi urgaa waa tokkoo adda baafatee hinbeeknedha. Amala harrummaa qaba; isa Harreen ‘ ani duunaan margi hinmargiin’ jedhu sanaan walfakkaata. Akka jaldeessaas waa hedduu walitti haree fiiga. Akkuma waraabessi huuruu qallattuyyuu garaanshee dooccoo ta’ee jraatu, akkasuma jaldeessis garaasaaf jiraata. Kanaaf fakkaata Waraabessi ‘kan garaa malee kan maqaa yoom nadhibe’ jedhee kan inni ofrratti mammaakuuf. Garaatti warreen goran bineensa garraamota ta’an hedduu lafarraa fixaniiru. Mammaaksa ‘utuu garaan miilla taate bollaa nama buufti’ jedhan sana duubatti gataniiru.

Leenci mootiin bineensotaa ammas ta’e bor hangafummaasaa bineensota isa gadi ta’anif dabarsee hinkennu. Dandeettii ganamaa kan uumaan isa badhaase guddicha sana cinatti tooftaaleefi tarsiimoolee haaraa kalaqachuun shira bineensonni karaa kamiinuu hammasaa hingeenye kun xaxaa ooltu maddashee cufee olaantummaasaa bineensota addunyaa maratti labsachuunsaa waan baay’ee fagaatu miti. ‘Afaan keenyi dhadhaa, garaan keenyi madaa’ jette niitiin ollaa jedhu mitiiree?…barri itti waraabessi Leencomu hafeetu, kan Leenci itti Leencomutu dhufa!

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

OMN:Sirna Eebbaa fi Saaqiinsaa FIB (Amajji 26, 2020)

One comment

  1. ammallee nutii ijoolonnii kessan wa’ee ummataa kenyaaf hin ciisnuu, qabsoo abooti kenyaas dubatti osoo hin tanee fulduratti nii ofnaa.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *