Oduu Haaraya

Jalleewwan keenya Miseensa OPDO hundaaf

kondom wayyanee

Keessumattuu dhigaan Oromoo taatanii dirqama jireenyaaf jecha utuu sinitti hadhaa’uu sirna dahdabaa sana keessa teessanii warren qabsoo Oromootiif garaan sin ciinca’u hundaa Oromoon isin beeka. Isiniifis kabajaa qaba. Keessumattuu Waajjiroota diinaa keessa teessanii:
1. Odeeffannoo barbaachisaafi tooftaa diinaa saaxilaa turtan,
2. Wal ijaartanii isinis waa’ee sabakeessaniif socho’aa turtan,
3. Ijoollee baay’eerra harka qabdanii du’aafi badii nuuf oolchitaniittu
4. Namoota wayyaneen barbaaddu dhoksitanii miliqsitanii du’aaf ajjeechaa kan habmiftan qabdu… isiniin galmeen seenaa gootota barattootaafi qotee bulaa keenyaa dhiigaan barreeffamaa jiru kun isin yaadata. Oromoon sin beeka isinis Oromoo beektu…galatoomaa!
5. Poolisoota Oromiyaa sabboontota hanga ammaatti sabasaaniitti dhukaasuu rraa of eegaa jiran nigalateeffanna…saree haadha garaammoo silumaa qeerroon tarkaanfii walgitu kennaa jira…itti fufas!

Gama Biraan:
Miseensonni OPDO aanga’oo itti gaafatama gurguddaarra jirtan ammo garaakeessaniif sioba guyyaa saafaatti kan gurguramtan:
1. Oromoo dhiiga keessanitti baatanii soba dubbachuudhaan Oromoo miliyoona 50 ta’u duratti salphattan…uummata bicuu Tigiree gammachiiftanii uummata cunqurfamaa miliyoona 50 ol ta’u tuffattan …barabaraan tuffatamaa…..
2. Dhalootaa dhalootatti seenaan keessan toora Goobanaa Daacceefii gocha minilik faana barreeffamee darbaa jira…kunis kitaabaan maxxxanee biyya addunyaa mararra seenaaf faca’a…
3. Isin sammuu jaarraa 18ffaan yaadaa jirtu uummanni isin gowwaadha jettanii irratti hagaafi fincaa’aa jirtan sammuu jaarraa 21ffaan yaadee isin bira darbee jira…salphattan…salpghadhaa..
4. Guutummaa biyya lafaarratti iddoo boqonnaa hinqabdan; saamtanii biyyaa baatanis Oromoon addunyaa mara keessa waan jiruuf barbarian kadhattuu ta’aa haftu..ija namaattis hinbaatan…
5. Dhugaa isin bara dheeraaf owwaaltan abidda ta’ee boba’e jireenya keessan waan fixuuf abidda dhugaa jala hindhaabbattan; du’a saree duutu, hawaasatu afaansaa keessaa sintufeera..
6. Uummata sossobdan; waadaa sobaa seentaniif, uummani garaa siniif bal’anaan dhaga’uu diddan; Dhugaan uummata kana kakaase kun hirriba isin haadhorkatu ..dhaabiitti raata’aa…dhaloota hayyoota ol adeemoo baay’ee maraachitaniiti maraadhaa…
7. Bubbululle Oromiyaan abbaa biyyaa nita’a;…wayyaaneenis biyyasheetti nigalti…isin eessa dhaqxuu?

Furmaata

1. Maqaa dhaaba garaagaraa (ABO, Gnbot 7, sanaa kanaa) dha’uu ykn shororkessuu dhiisaati dhugaa jirtu dubbadhaa…uummanni oduu akkasii nuffeera…dokimenteriin sobaa kana dura ittiin saba joonjessamaa ture hunduu soba ta’uu uummanni hundi walbarsiise…
2. Keessumattuu dhaabbilee mormitootaas ta’ee finciltootaa kan maqaa uummata Oromoon ijaaraman hinbalaaleffatiinaa; uummanni iddoo dhugaan jirtu wan beekuuf gowwoomsuuu hinyaaliinaa…
3. Saba keessan faana walta’aa qabsaa’aati wayyaanee ofirra geggeessaa..Oromiyaan bal’oodha hunduma keenyaaf nigeessi…
4. Yoo qabsaa’uu baattanuu oduu sobaa dubbattanii uummata of hintuffachiisiinaa..uummannuu niqabsaa’ataati…
5. Waan isin dhoksaatti dalagdan karaa isin hinbeenneen waan ifa ba’uuf of eeggannoo godhaa…
6. Namoota baroota keessatti salphatan suuraasaanis, seenaasaanis madden miidiyaa ammayyaarra raabsuun hojii dhaloota kanaati…
***Waaqayyo saba Oromoo miliyoonotaan barataa jiruufi jiraachaa jiru duratti sinsalphisuusaatiif nan gadde…wayyooo…..

SABNI DHUGAAF QABSAA’UU BILISUMMAASAA NIGONFATA!!!

Maqaa jara kanaa itti naaf mogaasaa Oromoo…kaanis suutuman fida…

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …