Oduu Haaraya

Kanaan dura finfinneen lammi ishi dhiifte alagaa sooraa turte….

GIDDU GALA GALMA AADAA OROMOO

Kanaan dura finfinneen lammi ishi dhiifte alagaa sooraa turte
kana males bosona ishee barbadaayun, bineensonnii fi simbirroowwan daggala ishees mancaafamuun beekkamaa dha. Bakkeewwan Ulfoon safuu, duudhaa fi aadaa OROMOOf mallattoo bu’uraa turan hora Finfinnee, dhakaa araaraa, gaaddisni Oddaawwaniif bakkeewwan kabajamoo ta’an biroo carraa duula balleessii kanaan kabajaan irraa mulqamee warra soqolattee kanaan soqolamanii salphinaaf saaxilaman.

Nyaaphni Minilikiin durfame Goobanatti hidhatee gooticha gullallee ciminaan dura dhaabbate Tufaa Munaa galaafate. Gootonni OROMOO Tufaan durfaman falmiin kabajaa sabaa fi biyya abbaa ittisuuf godhan meeshaa ammayyaa diinni hidhachiifameen caalamee kufaaatin ta’ee booda Finfinnee fi naannoon ishee hundi hin barbadaaye. Dhiignis hin dhangala’e. Finfinneen OROMOOn keessaa buqqaafame nyaaphaan dhuunfatamte. Akkasiin sabni keenya hadhaa gabrummaa har’aa kana jalatti jilbeeffachuuf dirqame.

Duula kanaan seenaan, duudhaan, safuu fi aadaan abbaa biyyaa awwaalamee kan alagaa irratti dagaagfamae. Badiin bara Minilkii fi sana dura calqabe ammalleen bara wayyaanee – Hayilamaariyaam babal’atee itti fufee jira. Akka boru itti hin fufneefis wabiin mul’atu hin jiru.

Finfinnee fe’ii saba keenyaatin ala magaalaa guddittii Empire Ethiopia fi Aafrikaa taatee moggaafamte keessa kan diriirfatee jiruu qananii jiraachaa jiru ilmaan nafxanyaati. Masaraan mootummaa kanaa fi waajjirri tokkummaa Aafrikaa kan gidiraa fi gabrummaa uummata keenyaa cimsuuf tajaajilu malee OROMOOf bu’aa tokkolleen qabaachaa hin jiru. Magaalattiin Ulfaan keenya keessaa mancaafame siidaawwan bulgoota lubbuu miliyoonota ilmaan OROMOOtin xabataa turanii kan Minilik kaleessaa fi Mallas har’aa baattee ilkaan baaftee nutti kolfaa jirti. Araddaa kana magaalaa teessuma issaanii gochuuf jecha lafee dhalootaatu safuu fi ooddata tokko malee bakka itti awwaalamee baafamee haraa xurii magaalattii wajjin gatamaa, facaafamaa ture. Har’as kanumatu harkaa qabama.

Heerri mootummaa biyyatiin ittiin bulaa jirtu OROMOO fi OROMIYAAn magaalaa Finfinnee keessaa bu’aa addaa qabaata jedhulleen kan raawwatamaa jiru faallaa issaati. Summii warshaalee abbaa qabeenyaa keessaa gad-dhiifamuun bishaani fi biyyoon naannoo summaa’uu, uummannis kana waraabee dhugee, qotee irraa nyaatee, magarsee irraa dheechisee sa’aa namaan akka summaa’ee dhumu godhamuutu bu’aa issaa ta’e. Babal’ina magaalattiif jecha qe’ee hortee akkaakilee-abaabilee issaarraa buqaafamee rakkinaaf gadadoo fe’amuun bu’aa issaa akka ta’u murna gabroomfataa kanaan itti murtaa’uutu akka bu’aatti lakkaa’ameef.

Afaan, aadaa fi amantaa issaa waaqeffannaatti akka dhimma hin baane, akka amantaa ganamaa kan abbootii issaatti bakka du’aa ofiilleen itti awwaallachuu danda’u dhoowwamuutu akka bu’aa badhaadhinaa fi babal’ina misooma guddaatti lakkaa’ameef. Mirga uumamaan dhalli namaa qabaachuu male qabaachaalleen jiru garuu gartuun mootummaa gabroomfataa addatti OROMOO lage mormuu issaatin qofa uummanni OROMOO maqaan adda addaa itti maxxanfamee haidhamuu, dararamuu, akka bineensa daggalaa adamfamee ajjeefamuu fi biyyaarraa boqqifamee otoo baqatuu irbaata Qurxummii ta’uutu akka waan jijjiiramni jireenyaa adda ta’e dhufeefitti alkanii fi guyyaa itti wacamaa jira. Daba kana irratti dammaquun dammaqanii wareegama akka sabaatti badii dugguuggaa sanyii baroota dheeraaf nutti jiru hundeen geeddaruu danda’uuf qophaa’uun dirqama yaroon dhaloota kana gaafachaa jiru ta’uu hubachuun waan har’a ta’uu qabu malee kan boruuf bulu ta’uu hin qabu.

Xiyyeeffannaan barruu kanaa seenaa Finfinnee fi miidhaa jiru gabaasuu dhaa miti. Galma jiddu galeessa magaalattii keessatti ijaaramee jiru irraa waa xuquuf malee.

Akkam ta’eet galmi guddaan amana ga’u maqaa OROMOOtin sirna mootummaa balaafamaa kanaa jalatti jaaramuu danda’e gaaffiin jedhu ka’uu mala. Deebin issaa kan barruu kana keessatti argamuu danda’u miti. Namuu gama gama issaan itti yaadee waan deebiidha jedhee itti mul’atu tilmaamuutu mala ta’a. Ykn itti gaafatamtoota projaktichaa / qaama / dhimmichi laalu qunnamanii irraa hubachuu feesisa.

Maqaan Galma kanaa akkuma mataduree irraa mul’atu Jiddu gala Galma Aadaa OROMOO magaalaa Finfinnee jedhama. Steediyoomii guddicha magaalattiin qabdu fuuldura karaa Lagahaar irraan gara Magganaanyaa dhaqu irratti argama. Bakkichi dur yawattaaddarooch migib maaddaraajjaa / qindoomina / nyaata hoomaa waaraanaa jedhamees beekkama.

Bal’inni lafaa Galmi kun irra qubate ykn total site area Heektaara Afur { 4} ta’eetu gamoowwan / bilookii / sagal qaba.

· Gamoon 1ffaan Muuziyeemii dha.

Qabiyyeen issaa = B+G+4

· Gamoon 2ffaan Akkaadaamii Afaaniiti

Qabiyyeen issaa = G+3

· Gamoon 3ffaan Library ta’eetu gamoo 2ti hirama

1, National Library fi

2, Public Library

· Gamoon 5ffaan Galma Tiyaatiraati

Qabiyyeen issaa = B+G+1

· Gamoon 6ffaan Appraisal hall ykn bakka leenjifamtoota adda addaa otoo hagarsiisa Uummataaf hin dhiyaatin dandeetti issaani itti xiinxalamu

· Gamoon 7ffaan Art center / jiddu gala Aartiiti /

Qabiyyeen issaa = G+1 = galma wal-gahii 2 qaba.

· Gamoon 8ffaan Music center / galma leenjjii sirbootaa /

· Gamoon 9ffaan Restaurant / galma nyaataa ykn soorataa /

Qabiyyeen issaa = G+1

Jiddu galli galma kanaa karra seensaa fi bahiinsaa 3 qaba. Kan lafoo 1 fi kan konkolaataa 2. Karri seensaa fi baha konkolaataa deebi’ee bakka lamatti hirama.

VIP fi regular guest

Calaqqeen jiddu gala galma kanaa waan Aadaa OROMOOti. Siidaalee gurgurdoo dhaabbataan ojjatamanii fi jiddugaleeyyii wangoo galmichaa karaa hunda irratti naaanna’anii siidawwantu muldhata.

Kanneen keessaa siidaawwan :-

1, Abbaa Gadaa fi Haadha Gadaa

2, Siidaa maatii warra Irreessa Irreeffatanii.

3, Abbaa Duulaawwan 9 tokko-lama tokko-lamaan Abbaa Gadaa fi Haadha

Gadaa duuba Gaachana, eeboo fi hidhata mudhii shootala waliin.

4, Siidaalee haala godinoota OROMIYAA calaqqisan / cultural zone /

5, Mixed Media

· Guluffi Fardaa

· Uffannaa fi qabannaa

· Nyaataa fi dhugaatii

· Qonnaa fi meshaalee qonnaa

· Sirna raawwii duudhaa fi aadaa OROMOO adda addaatu mixed Media jalatti kaa’amee jira

Lakkoofsiwwan qubsuma galma kanaa keessaa alasaatti argaman hundi Shanii fi Saddet- Shanii fi saddeet ta’anii muldhatu. Kunis Saddeettan bara Aangoo Abbaa Gadaa fi Shanan marsaa sirna Gadaa calaqqisuuf itti yaadamee kan ta’ee dha.

Dirree magariisaa / Green area / hedduutu bakka bakkatti qoodamee jira. Kunis OROMIYAAN laliftuu, magariisa ta’uu ishee hibsa.

Elevators / liiftii / 2tu jira. Inni guddaan nama 16 xiqqaanimmoo nama 8 si’a tokkotti baachuu danda’an. Akkasuma Raampii liiftii laffarratti warri qaamaa hir’uuwwan seensaa amma keessa galmichaatti ittiin gargaaramantu seensa hundaan ojjatamee jira. Guard chain seensaa fi baha ittiin to’atan bakkawwan barbaachisoo ta’an hundatti qopaa’aniiru.

Siidaawwan hawatoo jiddugala kana keessatti hargaman hedduu keessaa kanneen sadarkaa yaa’a Gadaa Umurii dhaan mul’isan caalaatti qalbii nama hatu.

0 – 8 Dabballee

8 – 16 Gaammee

16 – 24 Foollee

24 – 32 Qondaala

32 – 40 Raabaa Doorii asirratti fuutii fi heermni raawwate.

40 – 48 Gadaa Ennaa as gahu siidaan Abbaa gadaa fi Haadha Gadaa

Wal-biratti Seensa karra warra lafootti siqee laffarratti dhaabbatee

Hargama. Siidaawwan Abbaa duulaawwan 9 siidaa Abbaa Gadaa fi

Haadha gadaa tarree gara duubaatti hidhata issaanii waliin jira. Akka kanaan umurii dabballee 0-8tii irraa kaasee amma umurii gadamoojjii 80-88titti siidaa abbaa gadaa fuulduree seensa karra lafoo fageenya gara bitaa mirgaa wangoo gamoo fuul-duraa irratti siidamee mul’ata.

Akkaataan teessuma umurii sirna Gadaa hordofee wangoo gamoo fuulduraa irratti ittiin siidame, siidaa Abbaa Gadaa fageenya gara bitaa umurii dabballee irraa amma Qondaalaatti deema. Umurii Raabaa Doorii irra yoo ga’u fuuti fi heermni raawwatee siidaa Abbaa warraa fi haadha warraa walbira kaa’a. Umurii Gadaatti Aangoo / Baallii / muudee siidaa Abbaa Gadaa fi Haadha Gadaa guddaa duubbeen issaanii Abbaa duulaawwan 9liin eeggamu hagarsiisa. Sadarkaawwan umurii 48 – 88 / Lubaa irraa amma Gadamoojjii / Siidaa Abbaa Gadaa fi haadha Gadaa fageenya harka mirgaa abbaa warraa fi haadha warraa siidee garsiisa.

Hawatummaa miidhagina issaa qofa otoo hintaane ammayyummaan jaarama sirna Gadaa bilchinaa fi qaroomina dhaloota sirna kana jaaree ragaa bahuuf nama dirqa.

Bakki dhaabbata konkolaataa /parking/ jiddu gala kanaa si’a tokkotti konkolaataa 400 keessummeessuu danda’a. Galmi tiyaatira issaa si’a tokkotti nama 900 keessummeessa. Hojiin projaktichaa dibaa halluutu bakka maddee wayiitti hafe malee xumurameera jechuutu danda’ama. Jiddu-galli galma aadaa OROMOO Finfinnee keessaa kun yoo ijaan argan amma barruun hibsuun danda’amu caalaa hawataa fi miidhagaa dha. Ennaa hubatanii yaadan jabinaa fi bilchina dur-durii dhaloota saba kanaa yaachisee imimmaan nama huusisa. Hanqina har’a harkaa nuqabu irrattilleen nama xiiqessa.

Hojiin issaa bara Abbaan Duulaa OROMIYAA bulchaa ture calqabame. Akka hojiin galma kanaa hariifatuuf yooxiqqaate torbanitti sa’a tokko deddeebi’ee adeemsa issaa to’achaa hanqina mul’ate irratti furmaataa fi qajeelfama barbaachisu kennuu dhaan Abbaa Duulaa Gammadaa qooda guuddaa xabachuu issaa warri keessa beekan hin dubbatu. Injinaroonni, oggantoonni projaktichaa, hayyoonnii fi maanguddoonni OROMOO akka hujiin galama kanaa waan OROMOO calaqqisu ta’ee raawwatuuf gummaacha guddaa godhaniiru jedhama. Warri dhimma kanarratti gahee guddaa haa ta’uu maddee / xiqqaa / waan humnii fi sadarkaan itti jiran irraa gaafatte gumaachan hundi galata qabu.

Akkanumaa ta’ee sodaan uummata keessatti guumgummii huumaa jiru tokkos waan yaaddessaa dha. Galmi kun abbaa fe’een akka fe’eti aajaaramuu yoo waan yaadameef oole amma xiqqaa wayii guddina aadaa OROMOOf waan gumaachu hin dhabu. Shakkiin jiru immoo mootummaan OROMIYAA ammaa kun kan muktar kadir durfamu jechuu dha, fe’iis ta’ee humna kana ojiirra ittiin oolchuu danda’u hin qabu kan jedhu.

Kanaaf jecha akka jiddu-galli kun waan yaadameefirra oolee guddina aadaa OROMOOf waa xiqqoo gumaachuu danda’u Median OROMOO fi warri Media irra ojjatan, waliigalli Uummata keenyaa dhiibbaa fi hordoffii barbaachisu gochuu irraa akka of hin qusanne waamicha godhu warri dhimmi kun issaan yaaddesse.

Dhumarratti Abbaan biyyaa OROMOOn mirga uumamaan Finfinnee keessatti qabaachuu malu wajjin galmi baaname kun maal jechaa dhaayyi irraa dubbatama gaaffiin jedhu bakkayyuu namoota barruu kana dubbisaniif gaaffii ta’uu danda’a. Dhugumayyuu omaa jechuu dhaa miti. Garuu omaa irra hin wayya. << Some thing is better than nothing >>. OROMOOnis akkas jedhe, << hamaarraa qincii fuudhu >>

Marabbaan kan Waaqaati !!!

Nagaatti horaa bulaa.

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

Vicious cycle of political conflict hindered realization of democracy via development of antagonistic ideologies in Ethiopia (1870 – 2020)

*By Malkamuu Jaatee, June 2020 Introduction  The vicious cycle of political conflict sustained in Ethiopia …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *