Oduu Haaraya

MANDAROOTA FI MAGAALAAWWAN OROMIYAA – OROMIAN TOWNS AND CITIES: Kutaa Shanaffaa

                                                                                      Taammanaa Bitimaa irraa
DURADUBBII
Dubbiftoota barreeffa kanaa jaalatamoo fi kabajamoo, baga nagaa fi nageenyaan naaf turtanii kutaa shanaffaa kana duukaa-buu’uuf dhuftani! Akkuma isin amma gara mandhee tanaa dhuftan mee nagaa fi nageenyi, bilisummaa fi walabummaan Oromiyaa taanyaaf haa dhufu!
Erga mandara Tokkee Kutaayyee kana bultanii hamma tokko haara-baafattanii, mee amma wanneen karaaf nu barbaachisan mara fudhannee gara magaalaa Geedoo-tti haa qajeellu! Otoo mandarattii bicuu takka tan mandara tahuuf curruuqaa (daa’imaa) jirtuu, tan Baabbicha (20) jedhamtuu fi tan lagattii Baabbicha jedhamtu irratti hundeeffamtee geenya. Lagattii tanatu naannoo biyya Torban Kuttaayee jedhamuu fi naannoo Calliyaa addaan-baasa. Maqaan Calliya jedhamu kunis akkuma maqaa Kuttaayeejedhamuu maqaa damee-gosa Oromoo tahuu isaa hubachuun, seenaa uummataa fi saba Oromoo keessatti mee galmeeffaddhaa! Kuunnoo, argitu magaalaa Geedoo seenuuf jirraa!
QAAMADUBBII
Geedoon (21) mandaroota fi magaalaawwan Oromiyaa kanneen gooroo, tulluu fi lafa-oljedhaa irratti hundeeffaman kanneen akka: Haroo Hara Liiban (Haroo Wancii), Gimbii, Gorii, Dambi Doolloo, Goree, Ejeree, Koloboo, Sululta, Caancoo, Shano, Dasee, Asallaa, Gobba, Diinsho, Diillaa, Calanqoo, Qullubbii, Ejersa Gooroo faa keessatti argama. Silaa jechi “geedoo” jedhamu kun maal jechuu akka tahe beektuu? Namaafis tahee, lafaaf maqaa baasuu irratti eenyutu Oromoo keenyaan morkuu dandaya? Akkuma lafa mukni mi’eessaa jedhamu itti-heddummatuun “Mi’eesso“, lafa adaamiin itti-heddummaatuun “Adaamaa“, lafa dasaan (handaqii, baaxiyyaa) itti-heddummaatuun “Dasee“, lafa bishaan itti-heddummaatuun “Bishooftuu“, lafa diilalli (qorri) itti-hammaatuun “Diilallaa (Diilallaa’aa) jedhee baase sana, lafa geedni itti-baay’atuun immoo “Geedoo” jedhee moggaase. “Geeda” jechuun Afaan Oromoo isa bara durii duriitiin “muka dhaabatu, jechuun kan hin muramin isa warri Ingilizii tree” jedhaniin sana. Kunoo, amma mukti Oromoo bardhibbee hedduu qaxxaamuree, bara nafxanyootaa dhaqqabe sun ciramee, akkuma argaa jirtan baargamoo tokko tokko callaatu jira.
Egaa, mee amma konkolee keessaa gadi-bayaatii Geedoo fi naannoo isaa dawwaddhaa! Karaan inni gara kaaba-lixaatiin jiru kun, isa magaalaa Ficaawaa (Fincaa’aa) keessa bawuun gara Shaambuu nama geessu. Lagni Fincaawaa kun jalliyaan (itti-yaatuu) laga Abbayyaa ti. Mootummaan Habashaa laga kana irraa korneettiin inni hoomishatu: Goojjamii fi Gondoriif erga ibsaa kennee booda naannoo Tigraay dhaqqaaba. Geedoo irraa kaatanii Shaambuu gawuuf, naannoo gosoolii Oromoo afurii keessa baatu:Calliya, Jimma Raaree, Guduru-u fi Horro. Kuunnoo, tulluun karaa fuula kaabatiin isinitti muldhatu sun Tulluu Maraa (M 3146) jedhama. Warri nafxanyaa isuma kanallee nuuf dhiisuu diduun “Tulluu Amaaraa” jedhuuni. Waan huurriin tulluu kanatti marsee maramee muldhatuuf Oromoon maqaa bareedaa kana baseefi. Geedoon biyya baddaa waan taheef, akkuma naannoo Meettaa Hoolotaa faa farsoon isaa shaggaa dhaa, shaggoomsatii dhugaa! Daadhiin Geedoos hedduu bayeessaa feenan eeyyee isas! Biyyi Oromoo inni Calliyaa kun waan ittiin geerrarsa Oromootiin faarfamu qabaa, mee kanaa gadittan isiif dhiyeessa. Geerrarsi kun naannoo Daannoo irraa jalqabuun naannolee Macca Bahaa fi Tuulamaa tokko tokkoon wanneen isaan qabaniin faarsaa naannoo Oromoo Jiddaa dhaqqaba.
                    “Daannoo biyya barbaree
                    Kan dooyyoo nyaatu-jiaa
                    Noonnoo biyya arbaa
                    Kan waancaa supphee jiraa
Dhaadallee biyya jirbii
                    Kan moofaa uffatu-jiraa
                    Ammayya biyya mukaa
                    Kan dallaan qabne jiraa
                    Xuqur biyya saawwanii
                    Warqa biyya aannanii
                    Kan dhamaan qabne jiraa
                    Calliya biyya dhadhaa
                    Kan mataan daaraa jiraa
                    Caboo biyya warqee
                    Kan naddoon murre jiraa
                    Wanci biyya dammaa
                    Kan gagaan beekne jiraa
                    Qaqaldhii Walisoo biyya dullaa
                    Kan uleen murre jiraa
                    Bacho biyya xaafii
                    Kan warqee nyaatu jiraa
                    Meettaa biyya hoolotaa
                    Kan kaldheen qabne jiraa
                    Shaggar biyya fooqotaa
                    Kan ala bullu jiraa
                    Jidda biyya fardaa
                    Kan lafoo deemu jiraa!
                    Jirakaa jira jiraa
                    Kunoo akkana jiraa
                    Walqixxeen eessa jiraa
                    Walqixxeen Waaqa biraa!
Dooyyoo“-n ittee (itti-nyaata) soogidda hin qabne akka tahe ni yaadattu. “Kan mataan daaraa jiraa” inni jedhamu kun immoo Oromoon dhadhaa dibachuu-dhaan akka beekamu nutti hima. Dur oggaa mana barumsaa oliyyaa (“secondary school“) jirruuyyu, Oromoota naannoo baadiyyaa irraa dhufanii fi kanneen magaalaa-dhuma keessa jiraatan, isaan dhadhaa Oromoo qabbana sanaan nafa isaan qabbaneessan sanatti kofallaayyu. Inni kun mee isa warri Ingilizii: “beekumsi xiqqaan nama galaafata – little knowlege is dangiours” jedhan sanaa! Nuti beekumsa bicuu san ishii qeesota Habashaa irraa funaannane sanaan uummata keenya tufannaayyu jechaa dha. Ammoo, Oromoon keenya karaa kanaan qaata warra Oroppaayyuu dursuun quyyifanni (dibanni) qaamaaf akka tolu beeka. Namni Biyya Ostiriyaa kan barchiisaa (pirofeesara) Unibasitii Biyaanaa ture, Ph. Paulschke, otoo Minilik Oromiyaa keessaa naannolee Harargee fi Arsii faa hin qabatin, kan Oromiyaa Bahaa keessatti qorannoo adeemsisaa ture: “Oromoon waan dhadhaa dibatuuf qaamni isaa cimaa dha; fayyaalessa. Dhukkuba gogaa irraa dhufu waa tokkollee hin qabu“, jechuun raajeffataayyu. Garuu, nuti beekumsa xiqqayyoo saniin dhadhaa caala dibata ammayyaa, isa kemikaala faabrikaa keessaa bayuun faalame  sana qabu dinqeeffanna.
Erga waa bayyanannee amma gara Baakootti qajeella. Geedoo irraa kaanee, magaalaa Ijaajjii (22)Shoboka (23) fi Tibbee (24) keessa baanee, magaalaa Bakkoo (25) dhaqqabna. Kunoo, erga magaalaa Ijaajjii geenye mee geeda Odaa isa magaalaa walakkaatti argamuu kana sirriitti doowwaddhaa! Asii irraa gara fuula Jimma Abbaa Jifaar-itti yoo deemtan Odaa Bisil seena-qabeessicha sana argitu. Erga Tuulamnii fi Macci wiirtuu yaa’ii isaanii Odaa Nabee irraa addaan bahanii, Macci as dhufuun yaa’ii ofii hundeeffate. Booda immoo erga gosolii Maccaa keessaa kaan gada-gattee tahuun bulchiinsa mootiitti amanu bu’ureeffatee, kaan immoo yaa’ii gosa-gosaatti garagale. Sirna Gadaa irraa gara sirna mootiitti cewuun kun akka barreessitoonni Habashaa fi Oromoonni tokko tokko jedhanitti qaroomina gara fuulduraatti tarkaanfatu otoo hin taane, gara gadaantummaa isa ilmoon namaa ilmoo namtiin bitamootti cewuu-dha ture.
Biyyi Ijaajjii fi Shoboka faa irraa gara harka-bitaatti agaratan kun naannolee Oromoo Daannoo fi Iluu Galaani. Isaan kun lamaanuu maqaalee damee-gosoolii Oromoo tahanii ti.
Kunoo, otuma haasawaa deemnu magaalaa Baakkoo geenyee jirra. Baakkoon laga Gibee irratti bu’ureeffame. Akkuma argitan kana Gibe guddichi sun asitti laga xiqqaa wayii fakkaata. Booda laggeen hedduu ofitti dabaluun laga guddaa laga caalu tahuun argama. Inni kunoo asirraa gara kaabaa, jechuun naannoo Coomman, Horroo Guduruu keessaayyi madda. Magaalaan Bakkoo kun duraan laga Gibee gara fuula bahaatti jechuun godina Shawaa keessatti hundeeffamee booda kunoo akkuma amma agartan gara Wallaggaattis ceyee jira. Magaalaan kun daangaa Wallaggaa fi Oromiyaa Waltajjii irratti hundeeffame jechaa dha. Gosa kudiraa fi fudiraa kan lakkaawufillee nama dhibutu naannoo Baakkoo kana irraa hoomishama. Mee isa kana anumatu isiniif baasaa, hamma feetan nyaaddhaa, hamma feetan immoo fudhaddhaatii gara Finfinnee Shaggaritti deebiyaa! Erga Shaggaritti deebiyuun takka bubbullee booda gara Salaale deemna. Gaafa Waaqi jedhe immoo dursinee gara magaalaa Naqamtee dhaquun godinoota Wallaggaa, Iluubbaa Booraa faa daawwachuun biyya abbaa keenya hunda waliin geenaya!
                                                                                       Itti-fufa!
==============   Hubachiisota Miiljalee   =============

* Ph. Paulschke – “Ethnographie Ordost-Afrikas“, Berlin 1896.

>> Barreeffata kana kutaalee dabran ilaaluuf mee as tuqaa:

1) Kutaa Duraa
2) Kutaa Lammaffaa
3) Kutaa Sadaffaa
4) Kutaa Afraffaa

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

OMN:Sirna Eebbaa fi Saaqiinsaa FIB (Amajji 26, 2020)

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *