Oduu Haaraya

KORBOO SHEEKKOTAA

                                   Taammanaa Bitimaa irraa

DURADUBBII

Mee kunoo harra irraa jalqabeen mataduree “KORBOO SHEEKKOTAA”, jedhamu kana jalatti sheekkota gaggabaaboo (“short stories“) tan addaddaa isinii dhiyeessuuf yaala. Egaa kunis akkuma yeroon naaf hayyametti. Isin warri kana duukaa buutanii dubbiftan akka itti gammaddan abdiin qaba. Dabaleesoo, kanaan dura sheekkonni afur akka yeroo garagaraa mandhee ONA keessatti bayan isin yaadachiisuun fedha. Kunoo, amma isaanuma afran sanaa-nan jalqaba.
1) HARKA TOLAA BALLEESSUU DIDE

Birraatuu Birraa ilma qotee bulaa ti. Abbaan isaa Birraa Shoree naannoo Jahan Bachoo, ganda Qarsaa keessa jiraata. Waan ofii lafa hin qabneef, lafa Laxxibaluu Canniq qotatee bula. Akaakayyuu Laxxibaluu, abbaa Canniq-tu bara Minilik loltuu tayee gara Bachoo dhufe. Inni miseensota waraana Minilik warra cabsee Biyya Oromoo seene keessaa isa tokko ture. Kanaafuu, lafa wantaa lama argate. Isa keessaa tokko naannoo Torban Kuttaayee, Abeebetti yoo argamu, inni tokko immoo isa amma warri Birraatuu Birraa irra jiraatan, isa Bacho keessaa ti. Weerara Minilik dura lafti kun kan abaabayyuu Birraatuu Birraa, kan Saattoo Waarii ture.

Yeroo sana abaabayyuun isaa sun: facaasee, haamee, dhayee ofumaaf galfataayyu. Namaaf handhuuraa ofii hiruun bara sana Bacho keessa hin turre. Biyyis biyya Gadaa, seerris seera Gadaa turewoo! Egaa bara sana, bara Minilik irraa kaasee hamma bara kanaa, bara Hayila-Sillaaseetti warri Birraatuu Birraa sagalee baras loltuu Habashaa wajjin dhufeen, “ciisanyaa” warra Laxxibaluu Canniq jedhamaniitoo beekamu. Warri Laxxibaluu barumbaraan: lafa, callaa, hoomishaa fi dafqa warra Birraatuu Birraa hirachaa as gayani.

Birraatuu Birraa obbolaa torba, dhiira afurii fi dubra sadii qaba. Inni ijoollee obbolaa isaa keessaa isa shanaffaa yoo tahu, umuriin isaa waggaa kudhatorba. Bifaan magaala-ifaa, dheeraa-qaldhaa, faati-qabeessa. Amalaan aannanee, sammuun dammaqaa fi abshaala, ilma akkawoon xiiqii garaa keessee sirnaa fi safuun guddifte.   

Ilmi abbaa lafaa isaanii, ilmi Laxxibaluu Canniq, kan Gizaachaw jedhamu nama baratee magaalaa Shaggar keessa jiraatu. Inni mana barumsaa kutaa lammaffaa keessatti barsiisaa seenaa, barmodachee fi afaan Amaaraa ti.

Gizaachaw Laxxibaluu gaafa tokko warra isaa ilaaluuf, Shaggar irraa gara Bachoo dhaqe. Duraanuu nama amanamaa isaaf karreegduu tayee hojjatu, barbaadaa waan tureef, Birraatuu Birraa fudhatee Shaggaritti deebi’ee gale. Birraatuu Birraa ganna qacoo xaafii, birraa haramaa, bona haamaa fi dhayiisa keessaa bayee Shaggaritti galuun baay’ee isa gammachiise. 

Waan Birraatuu Birraas, warri isaas, gandi isaas, lammiin isaas afaan Amaaraa kan biraa hafee, “ee” fi “lakkii“-llee hin beekneef, inni isa fudhatee gale kun, Gizaachaw Laxxibaluu, Afaan Amaaraa ofumaaf galgala galgala manatti waa isa barsiisuu jalqabe. Yeroof gara guyyaalee sadiyii walumatti daqiiqaa jaatama isa barsiise. Inni jecha tokko Afaan Oromootiin jedheeti hiikkoo isaa immoo afaan Amaaratiin itti-hima. Kunis: bishaan = —, midhaan = —; tarreessuu = —, balleessuu = — fi kanneen akkanaa ti.

Kanneen keessaa jecha Afaan Amaaratiin hiikkoon isaa “balleessuu” jedhamu tokko tokkoon baldhisee ibseefi: balleessuuballeessiballeessaa faa. Booda gaaf tokko galgala waarii jala Gizaachaw rafuu fedhee, Birraatuu Birraa waamee akka inni ibsaa korreentii dhaamsee rafu, afaanuma Amaaratiin ajaje. Jennaan Birraatuu Birraa erga hojii isaa raawwatee booda, rafuuf jedhee isa ilmi abbaa lafaa isaa isaan jedhe sana yaadatee dubbiin sun isa raaje. “Ibsaa balleessitii rafi! Naan jedhee motii? Maal godheen ibsaa kana balleessa? Maafan wanna tolee namaa ifu kana balleessa?“, jedheeti deddeebisee of-gaafate.

Achumaan gadi taa’etoo yaaduu eegale. Yaanni Shaggar irraa ka’ee, farda Jiddaatiin gulufee Bacho isa geesse. Wanni ennaa ijoollummaa isaa akkawoon isaa, Haati Looyyaa deddeebiftee dubbattuuyyu battaluma sammuu isaatti dhufe. “Warri Sidaamaa kan Manjee irraa nutti dhufan balleessuufi malee, tolchuuf moti. Harki warra nafxanyaa: balleessuu malee tolchuu, diiguu malee ijaaruu, nyaachuu malee hojjachuu, marga ciruu malee magarsuu, muka muruu malee dhaabuu hin beeku. Biyya keenya ciranii, gubanii akka xaafii irbaata ofii taasisaniitoo jiru —.”  Kan ishiin jetteenii turte xuruuree mataa isaatti dhufee, bilbiluu jalqabe. Inni akkawoon isaa sun nafxanyaa Biyya Oromoo irra qubatee, uummata Oromoo qochisiifachaa bulu: awaannisa, shilmii, tukaanii fi daanawoo faa wajjin walbira-qabdee dubbattuuyyu, yaadaan isa fuuldura ijaajjee isa gaafachuutti ka’e. Inni yaadaan dudubbachaa “akkoon too isaan balleessuu malee tochuu hin beekan naan jetteewoo turtee, ani amma maafan ibsaa kana balleessee hin rafneree?“, ofiin jedhe. Ammas deebisee itti yaaduun: “harka ayyaana Shabbuu Bordee ibsaa kun boba’aa bula malee, wanna tolaa akkanaa harki kiyya hin balleessu! Abboo warrumti abbaa balleessaa haa balleessu malee, ani kan hin godhu“, jedheetoo dhiisee rafe.

Birraatuu Birraa ibsaa eletrikaa sana dhaamsuu, akka Gizaachaw Laxxibaluu jedheenitti immoo “balleessuu” waan dhiiseef, rafee abjuu gaarii abjootaa bule. Borumtaa isaa Gizaachaw waan giroo wayii qabuuf, ganamaan ka’e. Booda ibsaa hin “balleeffamne“, kan ifaa jiru argee, “maaf gurbaan jaanja’aan kun, isan ani jedheen didee ibsaa na jalaa fixaa bule?“, jechaa guungumuutti ka’e. Achumaan dhaqee Birraatuu dammaqsee itti dheekkamaa gaafate. “Gulana ibsaa dhaamsitii rafi siin jedheen ture motii? Maal abbaa-kee diddee horii-koo na jalaa fixxa? Duruu haara kaboota Bachoo san si obbaafachiisee: dhoqqee, raree, baccee fi corroqa — keessaa baasee asiin kan si gaye ana. Amma ajaja kiyya diddeetoo natti baaccaa? Ati durattuu, isin durattuu —“, jechuun arrabsoo tuffiin walmakaa itti-roobse.

Birraatuu Birraa “yaa obboo-koo, wanna shaggaa kana balleessuun na mararraanan dhiise mee!“, jedhee ibseefi. Yoona Gizaachaw Laxxibaluutii dubbiin galee, “maal siin jedheen tureeyyu?“, jedheeni. “Ibsaa balleessitii rafi naan jettankaa!” “Afaan Amaaraa keessaa jechoota meeqa fi himtiiwwan meeqan hamma yoonaatti si barsiise?” “Obbiyyoo walumatti jechoota afurtamii lamaa fi himtiiwwan sagal duwwaa dha. Ani isaan kana sirriitti mataatti qabaddheen jira.” “Mataa maalii qabdaayyi mataatti qabatta? Yoo mataan-kee dhugaa in hojjata taye, mee maalfaa!” “Tolekaa! Yaa obboo ilaa kunoo:

          bishaan    =  —                   ibsaa    =  —                  waatii         =   —
midhaan   =  —                   cimsaa =  —                  maatii         =    —

          lafa          =  —                   baala    =  —                  rafuu           =   —
nafa                                     gaala    =  —                 hafuu           =   —

          guddoo     =  —                   farda    =   —                diiguu           =   —
furdoo      =  —                   randa   =   —                 dhiiguu         =  —

          surree      =  —                   mutaa   =   —                tarreessuu     =  —
burree      =  —                   kutaa    =   —                balleessuu     = —
 fa’i!

Kanumaa? Dhaamsuu, raabsuu faa si hin barsiifnee?” “Lakki wanna akkanaa isin homaa natti hin himnee!” “Kunoo amma baraddhu; akkanumaanan dhama’a malee, yoom barumsaaf uumamte! Afaan Amaaratiin dhaamsuu fi balleessuun tokkuma. Afaan kanaan ibsaa balleessitii rafi siin jechuun kiyya, ibsaa dhaamsitii rafi siin jechuu kooti.” “Obbiyyoo akkamitti dhaamsuu fi balleessuun tokko ta’a?” “Badasii afaan Amaaraa keenyan dhaamsuu fi balleessuun tokkumaa, na wajjin atakaroo akkanaa dhiisi! Dinnaanimmoo “kaboota biyya keetiitti deebitee haara isaa ulachaa jiraatta!

Amma Birraatuu Birraa haare. Arraba isaatu dide malee, garaan isaa: “atiwoo hallayyaa Manjeetti deebitee, kabootayyuu hin qabduu haara korkorii hoolotaa bobeeffatta. Kan loon qabutu kaboota bobeeffata!“, jedhe. Akkawoon isaa “jarri kun kaboota qeyeetti mashalanii yookan hurufa keessaa guurratanii bobeeffachurra: cakkaa ciranii, birbirsaa fi gaattiraa muranii, ejersaa fi odaa jigsanii bobeeffachuu jaalatu —” kan jettuuyyu sammuu isaatti dhufe.  “Dhaamsuu fiballeessuun tokkuma jedheetoo na arrabsaa! Karaa cabe haa yaasu malee, inni kana caala afaaniin natti duullan shimala kiyya itti-mareen Bachoo kootti sokka!” Inni akkawoon isaa: “sanyiin Shabbuu Bordee, sanyiin Gurree Birqii, sanyiin Biiftuu Amoosaa, sanyiin Dachaasaa Baqsaa, sanyiin Waamii Garoo faa diinaaf mataa gadi hin qabatu“, jechaanii isa guddifte akka inni mataa gadi qabatee, arrabsoo fi tuffii Gizaachaw Laxxibaluu obsee taa’u isa hin goone. Nama garaan ka’e, yoom miilli gadi teessisa-ree?

Kanaa achi Gizaachaw Laxxibaluu Birraatuu Birraa arrabsaa, ija jibbaa fi tuffiitiin mimildhachaa dhimma ganamaan ka’eef sanaaf, ariifatee manaa baye. Birraatuun maxxana gola-miyaatii shimala isaa kan oggaas Bachoo qabatee dhufe, kan somaa Gindabarat jedhamuu fi isa dhadhaadhaan cuubamee cime sana, luqqifatee Bachootti deebiwuuf, ganamaan karaa qabate.

Gaafasuma magaalaawwan: Daalattii, Sabbata, Diimaa, Tafkii fi Awaash Baldhoo keessa dabree Laga Awaash isa ganna sana baddaa Sooddoo, baddaa Walisoo, baddaa Kuttaayee fi baddaa Meettaa irraa galaana fiduun guutee utaalu bira gaye. Awaash jaalatamaa fi farfamaa lagaa, wiirtuu Oromiyaa, handhuura Tuulamaa fi Maccaa isa jagnootaa fi gamnoota, arjootaa fi raagdota hedduu obaasee guddisee kana, otoo harka hin fuudhin bira dabruun duudhaa biyyaa miti. Kanaaf, riqicha irraa gadi hiiqee coqorsa ciree qabachuun irreeffachaa ayyaana haadhaa fi abbaa isaa, Waaqa gurraacha garaa gurraachaa, leemmoo garaa taliilaa isa nagaan arrabsoo fi tuffii sana jalaa baasee Bachoon isa gaye, cimsee galateeffate. Inni hoqubaa Waaqaa, galatoo lafaa fi safuu namaa sirriitti beekawoo!

Silaa amma lafti golollisaa jiraa, karaa isaa itti fufuun kiilomeetira shan booda magaalaa Tajii dhaqqabee, achuma mana warra tokkootti goree bule. Bariitu-saa ganamaan ka’ee, magaalaa Asgorii-Bachoo keessa taree, otoo gara Tullu Boollootti hin qajeelin, karaa mirgaa qabachuun Rimeecha faa keessa kutee miiluma isaa, qaqallayyoo saniin gala-jabbilee keessa Qarsaa Warra Shabbuu Bordee gaye.

Egaa ergasii, namni ibsaa korreentii isa tolaa san: “maaf hin balleessine” jedheetoo isa arrabsuu fi rakkisu hin turre.

Tullu Boolloo, Fulbaana 2000

********************    //    *******************

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

Afaan Oromoo afaan hojii federaalaa hin taane: Xiinxala seeraa

( Ogeessa irraa kan naaf ergame) A. Manni maree ministeerotaa har’a imaammata afaanii irratti marii’atee …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *