Oduu Haaraya

Korri Gamtaa Kutaalee ABO Awurooppaa Milkiin Xumurame!

Korri gamtaa 3ffaa kutaalee ABO Awurooppaa fi mariin hawaasaa kan Miseensonni koree hoji rawwachiistuu, Miseensonni Gumii Saba ABO irraatti hirmaatani adoolessa 24 fi 25 bara 2015 biyya Sweden, magaalaa Stockholmi keessatti gaggeeffame milkiin xumurame.
Korri miseensotaa fi mariin hawaasaas kan eegale, eebba Manguddoo Oromoottin ergaa tahee booda, faaruu Alaabaa Oromoo farfachuun akkasumas, Jaallan QBO irratti wareegamaniif yaadannoo godhameen sirnaan baname.
Itti fufuudhaan gaafatamaan Dame Waraan ABO J/Abdii Raggasa haala yeroo ammaaa QBO ABOn gaggeeffamtuu fi rakkinoota keessa darbe bali’inaan ibsaniiru. Yeroo amma ABO mooraa leenjii waraan isaa gabbifachuun  leenjii bifa hundaa barbaachisoo ta’an  WBOf akka kennaa jiruu  fi akkasumas WBOn golee Oromiyaa hunda keessatti halellaa diina irratti fudhachaa  jiru ilaalchisee  miseensoota kora irraati argamanii fi marii hawaasaa irrattis ibsaa bal’aa  kennaniiru. Ibsa kenname irrattis gaaffii fi deebiin akkasumas yaada ijaaroo tahan bal’inaan kennamaniruu.
 
Kora miseensotaa Adoolessa 24 gaggeeffame irratti  barnoonni dhimma jaarmiyaa irratti xiyyeeffatan  mata dureelee adda addaan J/Dr.Baroo Deeressaa fi J/Jireenyaa Guddataan kennamee jira. Bornootaa dhiyaatan irraatti gaaffi fi deebiin taasifamee jira. Itti fufuun haala yeroo, adeemsa qabsoo fi gaheen miseensotaa maal akka ta’uu qabu irratti marii bala’aan erga taasifamanii booda fuula dura waan hojjetamuu qaban eeruun kori miseensota wal hubannoo gaarii fi  milkiin xumuramee jira.
 
Marii hawaasaa Adoolessa 25 gaggeffamee irrattis  barnoonni adeemsa QBO fi haala yeroo   irraati xiyeeffatan; Obbo Bakar Yesuf, Prof. Mekuria Bulcha, Dr.Shigux Geleta fi Adde Addisee Dheeressaan hirmattota marii kanaaf kennamee jira. Akkasumas Dargaggattota Oromoo Magaalaa Stockholmitiin diraamaan barnooata guddaa dabarsuu fi agarsiisn huccuu aadaa tasifameen qophii kanaaf miidhagina guddaa kennee jira. Itti fufuun Qophii galgalaa aadaa irraati artistootiin Oromoo kan akka J/Ilfineeshe Qannoo, Dangaa Hayiluu fi J/Tottoba Taddasaa hawaasa bohaarsaa bulaniiru.

Ibsa ejjennoo

Nuti miseensonni ABO Kutaalee Awuroppaa kora kana irratti hirmaanne haala siyaasaa QBO irratti erga bal’inaan mariyanneen booda, ummatni Oromoo fi Oromiyaa sirna gabromfataa wayaaneen (TPLFn) hogganamaa jiru jalatti gidirfamaa jiru bilisomsuu fi walabummaa Oromoiyaaf qabsoo hadhooftuu hogganummaa ABO geggessaa jirugutummaan dirqama nu irraa eegamu ofqusannoon tokko malee ba’uuf waadaa keenya irra deebinee haaromsuu kenya mirkaneessaa ibsa ejjennoo armaan gadi dabarfannee jirra.
1.      Tarkaanfii WBOn yeroo amma diina irratti fudhachaa jiru kan uumata Oromoo boonse yeroo ta’uu caalaatti WBOn injifannoo argachaa jiruu akka milkoomuf waan dandeenyu hundaan ni utubna.
2.      Qabsoo hidhannoo, siyaasaa fi dipilomasii dhaabni keenya ABO’n  geggessaa jiru diinagideen ni utubna!
3.      Qabsoo fincila diddaa gabrummaa karaa qeerroon, barattotaa, fi ummata Oromoon gaggeffamaa jiru waan nu irraa barbaachisu maraan ni tumsina!
4.      Mooraa QBO gabbisuuf  kanneen akeeka ABO waliin walfakkeenya qabna waliin hooganni keenyi gochaa jiru deeggaraa fiixaan ba’inasa isaafis qooda nurraa eegamu ni baana.
5.      Mootummaa Abbaa irree Wayyaanee kuffisuuf jarmiyoota adda addaa waliin tumsa dhaabni keenyi taasisu ni deeggaarra.
6.      Yakka dhittaa mirga-namomaa ummata Oromoo irratti motummaa wayaaneen raawatamaa jiru ni balaaleffanna, Saaxiluufis waan nurraa eegamu nu goona.
7.      Maqaa festivalii Diyaaspooraa Oromoo jechuun, saamichaa lafaa fi qabeenyaa Oromoo fi Oromiyaa akkasumas shororkaa ummata Oromoo irratti dinootni fi farreen QBO ta’an waliin gaggeessuuf  qopha’an jabeessinee balaaleffanna!
8.      Hogganummaa motummaa wayaaneen yakkoota dhiittaa mirga namaa ummata Oromoo irratti raawatamaa jiru hambisuuf akka hawaasoti Addunyaa dhibbaa godhan ni gaafanna!
9.      Ilmaan Oromoo kanneen meeshaa motummaa TPLF ta`uun yakkoota hiriyaa hinqabne ummata Oromoo irratti raawachaa fi raawachisiisaa jirtan gochaa keessani irraa deebitanii gara qabsoo ummata keessanitti dabalamtani dhaammanna. Akkasumas  umurii sirna motummaa habashootaa gabaabsuuf akka gara moraa QBO makamuun mirga abbaa biyyummaa ummata Oromoo kabachisuuf qabsooftan waamicha isiniif dabarsina.
 
Hirmaattota kora gamataa kutaaleee ABO Awurooppa  
Stocholm, Adoolessa 24-2015

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …