Oduu Haaraya

Kufaatin (Failure) maalii?

KUFAATII (FAILURE)

 

Kufaatin (Failure) maalii?
Failure is the condition or fact of not achieving the desired end or ends.
(The American Heritage dictionary)Hiikan isaa,
Kufaatiin haala ykn dhugaa galii ykn galiiwwan hawwamee/hawwaman/ gahuu dhabuuti.

Kufaatiin akaakuu sadii qaba, isaaniis:

1-Good failures :- when we expect to fail and learn something.
Hiikan isaa
Kufaatii dansaa (gaarii):-kufaatin akka jiru hubannee wayi yoo irraa baranne.

2-Bad failures:-when we are sabotaged by errors in judgment.
Hiikan isaa
Kufaatii gadhee (badaa):-murtii ilaalcha dogoggoraarraa kaanee murteessinuun yoo danqamnu.

3-Unavoidable failures:-when complex systems breakdown.
Hiikaa saa
Kufaatii hambisuu hindandeenye:-yeroo sirni walxaxaan addaan caccabuu.”
(Harvard Business Review, Apr.2011, p. 47)

Waayee kufaatii kana lafumaa ka’ee miti kanan hiikaa saaf akaakuu saa dubbistoota yaadaciisuu yaaleef. Kufaatii ummanni Oromoo keessa tureefii har’as keessa jiru fii kufaatii hooggantoota jaarmiyoota ummata kana hooggannee QB adeemsifnee walabummaa biyyaafii bilisummaa ummatichaa argamsiifna jedhan keessa jiran gabaabsee laaluufani.

KUFAATII UMMATICHAA

Ummaanni Oromoo erga dhuma bar dhebbee 19ffaa keessa humna qawweetin cabee halagaa gurraachaa, doofaa, hiyyeessa isaa gadiitin coloneeffatamee kaasee kufaatii kana hinjedhamne keessa jiraata. Kufaatii kana keessaa bahuuf carraaqqiin hedduun bifa adda addaatin taasifamurree hanga har’aatti gabrummaatuu itti cimaa dhufe malee wanti irraa siiqee hinargamne/hinmul’anne. Seenaa qabsoowwan erga Oromoon gabrummaa jalatti kufee kaasee taasifaman tarreessuun kaayyoo barruu kanaa waan hintaaneef barreessitoota seenatii dhiiseen irra darba.

Gabaabatti qabsoowwan ummanni Oromoo roorro halagaa ofirraa qolachuuf wagootaa 60mman darban kana keessa taasisaa ture cimaa dhufee haala faffaca’anis ta’ee haala qindaaween adeemsifamaa turu saa barreessitoonni seenaa seenessanni jiru. Kanneen keessaa kan  anga’ani mul’atan yaadannoodhaf akka kanaa gadittan tuquu yaala.

1-Fincila Oromoo Raayyaa (Waajjiraat, Mahonnee, carcar fii kkf) mootummaa H/ Sillaaseerratti adeemsifamee humnii mootummichaa dhaamsuu dadhabee tumsa humna qilleensaa mootummaa Ingilizi kadhachuun xayyaaran reebanii ummata fii qabeenyaa isaa kan akka beeladoota, manneenn fii midhaan gubuun akka dhaamsan seenan ni mul’isa.

2-Fincila Oromoo Daawwee mootumumma H/Sillaasee rratti ka’e humni mootummichaa dhaamsuu dadhabee ajejoota waraanaa afaan Oromoo dubbatan itti erguun maanguddoota sossobanii finciltoota erga harka kennisiisanii booda namoota dhibba hedduu akka fannisuun adaban seenan galmeessee jira.

3-Sochiin ummata Baaleefi Booranaatin mootummuma H/ Sillaasee kanarratti adeemsifamee injiffannoo cululuqaa galmeessisaa tures gantoota Oromoo keessaa dhalataniin sossobaadhan akka harka keennatan taasifamanii akka dhaame nibeekkama.

4-Sochii WMT walda’a misoomaf walgargaarsaa ta’e jalqaqbamuun Ummata walitti dhufuu dhoorkamee ture walitti fidee tokkoomsuun milkawee gara sochii siyaasaatti jijjiramuun isaa waan barameef mootummicha irriba dhoorkee akka irratti duulu waan taasisifee gaaga’ama hoogganoota waldichaarra gaheen sochiin yeroof dhaabbachuu akka dirqame seeneffamee jiraa.

5-Bara kufaatii mootummaa H/Sillaasee keessa illitoonni (qareeyyin) Oromoo garee adda addaa ijaaranii ummata dammaqsuuf gurmeessuun qabsoo eegaluuf adda durummaan ka’anii akka sochoo’aa turans hubannoo gahaan nijira jedheen amana.

6-Baruma mootummaan H/Sillaasee kufee Dargiin aangotti dhufu sochilee olitti tuqaman keessatti kan WMT fii Qareeyyi Oromootin adeemaa ture keessaa ABOn akka dhalates seenan addeessee ibsa. Kanneen as keessatti hintuqaminirree hedduutu jira.

Haata’uuti sochiiwwan kuni hundumtuu bu’aa mataa saanii argamsiisun  waan mirkanaawee ta’urree hanga har’aatti  galii hawwamu san hingeenye. Maaliif galii sana gahuu hanqatan?  Gabaabatti qabsoowwan/finciloonni/ummataan jalqabaman martinu ni kufan. Hundumtuu kufaatii kanaaf sababii mataa saanii qabaatanis wanti shakkii malee tuqamuu danda’u qindoomina gahaa horachuufii ummata ijaaraani sochoosuu dadhabuun saanii akka gahee olaanaa gumaachee irratti walii galama jedheen amana. Kana caalaa bal’inaan ibsuuf  Xiinxala ballaa waan hunda hammatu taasisuu barbaachisa. Ka’insi koo sanaaf oto hinta’in gabaabumatti haala tibba kanaa waan ilaallatuuf xiyyeeffannaan koos kanumarratti ta’a.

KUFAATII HOOGGANOOTA QABSOOTIN HUUMMAME

Finciloota ka’aniif dhaaman olitti tuqamanirraa barmoota fudhachuun Oromoonni sabboontoonniifi muratoon akka Elemoo Qilxuufaa qabsoo hidahnnoo haala qindaawen jalqabanii wareegamanis Jarraa A/Gadaa faa faajjii saani kaasanii itti fufuun mootummaa habashaa cinqaa turuun saanii nibeekkama. Baruma kana Oromoonni  barmoota ammayya argatanis qabsootti makamanii gaafii oromoo qulqulleessanii lafa kaahuun imaammata QBO diriirsun akka gadi bahans ifaadha. Haata’uuti hoogganoota imaammata kana baasan jedhaman keessaa gariin imaammatichirratti cichanii hojachuurra dantaa siyaasaa dhuunfaa ittin argachuuf meeshaa taasifachuurratti waan xiyyeeffataniif qabsichi fuulduratti deemuurra yeroo hedduu hoogganoota bakka bu’aa hinqabneefi qabsaa’ota gaaga’uufii duubatti harkifachuutu isa mudate.

Fakkeenyaaf gaaga’ama Jeneraal Taaddasa Birruufaa yoo fudhannee qareeyyin Oromoo maqaan saanii adda durummaan tuqumu kuni bahiinsa saanii keessaa qooda qabaachuun saanii beekkamurree erga jarri bahanii booda deggarsa barbaadamu akka hingumaachiniifi nibeekama. Qareeyyin kuni yeroo sana gorsitoota Dargii ol-aanoo waan turanif Oromummaa saanitin  gaagama sana hambisuuf hanga tokko carraa qabaataniyyuu sana gochuf carraaqin taasisan jiraacun saas wanti himame hinjiru. Wanti hunda caalaa nama gaddisiisu ammao Abbaa Biyyaa Abbaa Joobir J/ Taaddasaa fuudhee km 200 magaalaa Haashitti geessee Ali Mira tti akka kennu dirqama itti kenneme bahu dhabuu satin gaaga’amni suni akka hoogganaa bakka bu’aa hinqabne kana mudate ummanni Oromoo dhagahee gurraa qaba. Nama dirqama xinnoo tana fudhachuu didee hoogganaa jiruuf jireenyaa saa Ummta Oromootii kenne kana lubbu baraaruu oto danda’u dabrsee du’atti kennetu hooggantoota qabsoo kana keessaa tokko ta’ee hojjachaa turuun saa hoogganni qabsoo kanaa hangam ayyaan laallttootan akka guutameef gaaga’ama sana duubas shirri garee sanaan hojjatame akka jiru mul’isa.

Gaaga’ama Jila Obbo Magarsaa Bariin durfamun bobba’anirratti raawwatamerre jarri hafan kuni aakka harka keessaa hinqabne ragaa qabatamaa maal qabna? Somaallonni ajjeesuu saanii eenyutu nu mirkaneessa? Wareegamanii Muhee Abdoofaafii kkf hedduus jarumti kuni quba itti qabuun Dargiitti kennani akka ajjeechisiisan ifatti odeeffama ture. Kana malees jimlaan hidhamuun miseensota ICHT/MISN/ABO (namni ICHT/MISN taee hidhames yoo bahu ABO ta’ee waan baheefi) kan caasaa jaarmichaa magaaloota keessa jirani hundeen buqqisee dhabamsiisees gaaga’ama kana keessatti ramadama.

Kuni kan madde warri hooggana jedhamanii tarsiimoof tooftaa baasaa turan heddumminaan mootummaa Dargii tajaajilaa miseensota jaarmichaa caasaa mootumma keessa naqaa mootummicha akka tajaajilaan waan taasisaa turaniif gaafa namni tokko saaxilamuu caasaa sana qabatanii miseensota hafan guuruun mootummichaa waan salphaa tureef gaaga’amni suni dhalachuu danda’ae. Jarri kuni ofii saanii qofaa hinkufne ummaticha fudhatanii jigani. Yeroo dheeraaf wanti QBO jedhu magaaloota Oromiyaa keessatti dhagahuun nidhaabbate. Hamileen Oromoo ka’ee tures waliin baqee dhume.

Kanarraa maal barannee? Amma hoo irraa of eegaa jirra moo karuma sanarra jirra? Kan jedhu kaasanii ilaaluun barbaachisaadha. “Failure is inevitable and often out of our control. But we can choose to understand it, to learn from it, and to recover from it.” (H.B.R. p.47)

Hiikan isaa

“Kufaatiin Yeroo hedduu toohannoo keenyaa ala waan ta’eef waan hafuu miti. Garuu akka itti hubachuu, irraa baruufii irraa dandamachuu qabnu filachuu dandeenya.”jechuu ta’a.

Waggoota afurtama darbaniif ABOn ijaarramee qabsoo hooggana qindaawween hooggannamu taasisuuf dirqama wareegama guddaa nama baasisu fudhatee akka sochoo’aa ture waan haalamuu miti. Haata’uuti qabsoon kuni galii hawwamu sana hingeenye. Maalif hanqate jennee of gaafachuun walis gaafachun fardiidha. “Diinatu nutti cimee, biyyota ollaarraa lafa itti maandheffannee kaanu dhabnee, addunyaatu gargaarsa nudhoorkatee”, fi kkf yoo akka qabataatti dhiyaatan dhageenya. Kuni hundumtu kan dhalate waggoota digdamaa asi malee sana dura hinturre. Jaarmiyaan wagoota 24 dura k.m 700 ol deeme dhufun Oromiyaa koloneeffate kuni ABO booda ijaarramee biyyoota ollaatiin walii galuun haala mijeeffatee waan barbaachisu qindeeffachuun Dargii loltuu miliyoona wadhakkaa qabu injifate as gahe. Hooggantoonni Adda Bilisummaa ummata Eritiraas haaluma saniin haala naannoo saani mijeeffatanii biyya saanii bilisoomsani. Hooggannoonni keenyarree mgaaluma biyya olla keessa akka waliin turan yeroo hedduu irra deddeebi’amee dubbatamee jira. Isaaniif haalli akkamitti aanja’u didee? Gaafii kana isaantu deebisuu qaba. Ani kanan beekun isinitti hima.

Namoonni lubbuun saanii darbes ta’ee kan har’a lubbuun jiran keessaa namoonni muraasni jaarmiyaa kana bu’uressinee jedhanii saamicha seenaa deeman gaafuma jaarmicha ijaaranuu lapheen saanii Oromiyaa Bilisoomsuu itti hinhimne. Karaa qaxxaamuran aangoo qabatan itti mul’saa turte. Kanaafuu halkanii guyyaa mootummaa Dargii tajaajilaa fi isa miilli saa akka lafa qabatu taasisaa turani. Dargiin namoota loltuu keessaa dhufaniifi waayee siyaasafii biyya bulchu waa tokko hinbeekne waan turaniif yeroo sana gara itti deeman wallaalanii isaanii rakkachaa turee jarri kuni itti makamani. Impaayaratti fincila (revolution) ummattootatiin raafamtee diigamuu katee lubbuu itti horanii akka walitti suphamtee jiraattu gumaacha olaanaa kennan. Hubadhaa Dargiin maqaa Oromoo jedhu dhahuunuu itti hadhaawaa ture. Jarri kuni warraaqsa ummataa kanatti dhimma bahanii qabsoo bilisummaa itti cimsuun impaayaratti diigani Oromiyaa bilisoomsuutti fuulleffachuuf kutannoo/murannoo/ dhabanii sirumaa jaarmiyaa Dargii wajjin hojjatu ijaarrachuun Dargii adeemsa siyaasaa barsiisuun cimsuu, sabboontota Dargii jalatti hojjachuu didan akkuma har’a OPDOn gochaa jirtu kana fixuufii ficcisiisurratti bobba’ani. Yoo kana raawwatan herreega tokko sammuu qabuu turani. Dargii sossobuufii itti dhiyaachuun dhukaasa qawwee malee dargiirraa angoo fudhachuun masaraa Minilik dhaaluufi impaayaratti bulchuu karoorratani hojjachaa turani. Kennata Leencoon bakkaan gahuuf wagga afurtama darban itti dhama’aa ture har’arree itti jiru kana jechuudha.

Kanarree ummata fudhachiisuuf akkas jechaa turani “Dargiin roga lama qaba, tokko roga tarkaanfataa (revolutionary) yoo ta’u kan biraa ammo roga duubatti harkisaa(reactionary) dha. Kanaafuu roga duubatti harkisaa kana keessaa nyaachaa (dhabamsiisaa) roga tarkaanfataan cimee akka bahu taasisuuf itti siiqnee hojjachuu qabna” jedhani ololaa turani. Kuni yaada MISN fi ICHT akka ture barruulee saanii duubatti deebi’anii laaluu danada’ama. Ajjeechaan J/ Tafarii Bantii fa’aafii Axnaafu Abata kanarraa kan madde fakkata.

Adeemsi suni itti hinfufnee mootummichi gonkumaa farra ummataa (fascist) ta’ee as bahe. Qabatamaattis mootummaan tokko qaama walfaallessu lama qabaate jiraachuu hindanda’u. Namoonni mootummaa tokko keessaa aangoo qaban akka namaatti imaammata mootummichaa haala walfakkaatafi walqixxee ta’en hubachuu baataniyyuu, gariinisi qabxii adda addaa fudhachuurratti rakkina qabaataniyyuu, namni tokko akka dhuunfatti nama gaarii (gara laafessa) ta’ee  inni kuun ammo nama jallataaf gara jabeessa ta’u danda’aniyyuu, ijjannoo sirnichi tarkaanfachiisuurratti walii galanii waan hojjataniif qaama mootummaa tokkoo bitaaf mirga (revolutionary and reactionary) jedhanii adda qooduun akka sirrii hinturre barreeffamni sana dura Adunyaarraatti bahan adda addaa ni ibsuu turan.

Sana keessaa fakkeenya tokkon isinii tuqa. Hailee Fidaa mana kitaaboonni kooministotaa itti gurguramu “Taraamaaj Matsahaaft Madabir” jedhamu saaqee tur. Kitaaboota achi keessatti gurguraman keessaa kitaabni xiqqoon (book let) mata dureen ishii “Peopls of Indonesia unite and fight the Sukarno Fascist Regime” jettu takka dubbisuun nigaha ture. Yeroon dheeratee akka barreeffametti yaadachuun nadhibus yaadni kitaabni xiqqoon suni dabarsitu koominiistonni Indonesia mootummaan Suukaarnoo roga lama waan qabuuf itti makamnee hojjachuun roga saa booddessaa(reactionary) dhabamsiifnee isa tarkaanfataa (revolutionary) cimsaa deemna jedhanii sochii lafa jalaa adeemsisaa turan dhiisanii ifa bahuun mootummichaa wajjin hojjachuu jalqabani. Yeroo muraasa booda mootummichi itti garagalee kooministoota 500,000 akka gaaga’e himti. Kanarraa ka’uun mootummaa tokko keessa rogni lama akka hinjirre fii qabsaa’onni isaan booda dhufan dogoggorra akkasii akka hin raawwanneefi isaaniirra akka baratan akeekkachiifti. Haileen kitaabitti nigurgure malee hindubbifne. Jarreen har’a wuyyaanee waliin Impaayera Itoophiyaa demokraatessina jedhanis kana waan hindubbisiniif barasisi akkuma har’a hojjachaa jiran kana mootummaa Faashistii tajaajilaa turanii dhumarratti gaaga’ama sana hunda dhaqabsiisani.

Jarri kuni jaarmiyaa /miseensota jaarmiyaa ofi ijaaranii/irra gaagama geessisuun ala lubbuu ijoollee oromoo hedduu akka saanii dargii tajaajiluu didan ficcisiisanii/fixanii jiru. Ijoolleen Oromoo bilissummaa saba saaniti qabsaa’uf garee adda addaa ijaarani qabsaa’a turan nidiigani/nidiigsisani. Fakkeenyaf garee Bilisummaaf Oromiyaa tuquun nidanda’ama. Barasii kaasee dhiigni ilmaan Orommo akka harka saanirraa iyyu oromoo marti beekuu qaba. Dhaloonni haaroofti har’a sarara fuulduraarra dhaabbatee mirga saba saatii lubbuu saa kiccuu arsaa baasaa jiru kunis amala jara kanaa beekee irraa of egaa waan hojjatu hundumaa ofii karroorratee akka socho’un dhaamsa koo dabarsaafi. Gadi fageenyan qoratees dhugaasaa baruu qaba jedheen amana.

Jarri hooggana, bu’uressitoota fi kkf ofin jedhan kuni haalli ayyaan-laallattummaa keessa turanii dhumee gaafa mootummichi tajaajilaa turan itti garagalee rukutu jalqabu miseensota saanii hunda hiisisanii isaan baqatanii daannoo WBO tti nam’ani. Asirraatti waayee Obbo Baaroof Leencoo tuquun nidanda’ama. Gaafa Jaarraan dhufee nama barate akka barbaadu itti hime akka itti makamanii qabsa’an gaafatu qabsoon hidhannoo akka hinbarbaachifneefi isaan mootummaa keessa taa’anii karaa naga akka hojjachaa jiran itti himanii abdii kutachiisani yoo deebisan namni murteeffatee wajjin bahe Badhoo Dachaasaa qofaa ture. Badhoon dhaqee qabsaa’ota barsiisuuf dammaqsuun hojii seena qabeessa erga hojjatee booda Obbo Baaroon gaaf Dargiin itti gargalu lubbuu saa baraaruuf baqate itti makame. Erga gaafa dhaqee kaasees Badhoo wajjin yaadarratti akka wal mormaa turan namoonni waliin turan ifa taasisani jiru. Yaadni irratti wal mormaa turan garuu ifa hintaane. Sana booda ammo Leencoof obboleessi dhaqanii akka itti makaman dubbatama. Gaafuma isaan daanno sana seenan walgahiin taasifamee xumuramee namoonni adda bahanii booda gaaga’ama lubbuu Obbo Baaroofi Badhoo Dachaasaa akka dhaqqabee waggoota kurna afuriif hukkaammamee akka ture nibeekkama. Iccitii gaaga’ama hoggantootaa sanaa kan beekan har’a lubbuun jiran Yohaannis Lataafi Obboleessa saa Abraham Lataa akka ta’anis namoonni gaafas bira turan midiyaarratti bahanii nutti himanii jiru. Garuu jarri kuni lamaanuu wayee sanaa hanga har’aatti wanti afuura baafatan hinjiru. Waggoota afurtamatti dhiyaatuu maaf dhoksanii waliin awwaallamuu barbaadan? Deebi kanaa tilmaamuun salphaa natti fakkata. Gaheen isaan mudata sana keessaa qaban akkaan qaanessituuf waan nama saalfachiiftu waan taatef hukkaamsanii waliin awwaallamuuf deemu jennee afaan guuttannee yoo dubbanne dogoggora namni jedhu as bahee iccitii sana ummata Oromoof ifa taasisu qaban jedha. Asirratti wanti Ummanni Oromoo beekuu qabu Baaroof Leencoon garaagarummaan ijjanno akka jidduu saanii hnturreedha. Wanti har’a leencoon raawwachaa jirus leegaasii Baaroo fii wixinee waliin dirirfatan akka ta’e baramuu qaba. Jarri kuni gaafa Jaarran gaafatu akka qabsoo hidhanno hinbarbaachifne dubbachaa turanii booda kan dhaqan lubbuu saanii baasuufi yoo danda’an WBO harka kennachiisanii mootummicha dhiifama gaafatanii masaraatti deebi’u akka yaadaa turan tilmaamuun nama hindhibu. Badhoon ajjeechaa sana kan dhaqe shirra xaxame sana hambisuf akka ture tilmaamuun salphaa ta’urree har’a maqaan saa seenaa qabsoo Oromoo keessaa haqamee arguun hedduu nama gaddisiisa. Kuni gara fuulduraarree qoratamee sirraa’u qaba jedheen yaada. Namni Badhoo ajjeeses ummata Oromootti of saaxilee murtee saa argachuu qaba jedheen amana.

Mudata sana booda namni amma “Itoophiyaan demokraatessa” nuun jechaa jiru kuni baqatee Jabuutitti bahuun Obbo Baaroo Jaarratu ajjeese jedhee waraqaa facaasuun qabata saniin walqoodinsa WBO keessatti huummameen lubbuun qabsaa’ota kumoota kurnaan lakkaawwamu akka lafarraa waldhabamsiise warri balaa sanarraa hafan nidubbatu. Obboleeyyaniif jaallan kayyoo tokkoo waliin qabsa’aa walirratti/waliis du’aa fii ajjeesaa turan walitti garagalanii wal haadhuun dhiiga waldhangalaasani lubbuu walii dabarsani. Kanaaf namni itti gaafatama duraa fudhachuu qabu Yohaannis Lataati jedheen amana.

Gaaga’amni sunii seenaa QBO keessatti gaaga’ama hooggantoota jidduutti raawwatame qofaa oto hinta’in kan jaarmicha iddoo lamatti baqaqsee walirratti duulchisuun wareegama qabsaa’ota BOtii manaa bahan walitti garagalchee walitti dhukaasuun lubbuu kuma kurnootaa nyaate waan ta’eef ummata Oromootti oto hinhimamin har’a gahuun saa yakka guddaadha. Baaroo Badhoon akka ajjeesee wagoota soddomii shanii ol dhokatee turee gaafa Jaarraa Abbaa Gadaa du’u Baaroo akka inni hinajjeesiin qulqulleessanii gaggeessuuf namoota Jaarratti dhiyaataniin himamuun isaa nama hubatee laaleef raajii gudaadha, qaanessaadharreedha. Leencoon yoo dhokse isaan maaliif hukkaamsanii isaa wajjin dhoksuu dhaqani?  Waggaa kana hunda maaf iccitii ta’e? Warri waan sana nutti himan sababii wal ajjeechaa sanii ammas iccitiidhuma taasisani irra darbani. Ammayyuu ummatichi kanarratti odeeffanno guutuu hinqabu jechaadha. Kuni hundumtuu kan mul’isu gaaga’ama sana keessatti badii kandalagan lubbuun jiran ta’e lubbu dhaban waloon wanti raawwatan waan tureef akka maqaan saanii tuqamuufi gurri saanii cabu akka hinbarbaaddamneeedha. Oto Badhoon badii qabaatee akkuma maqaa saa seenaa qabsoo oromoo keessaa haqan badii saas tokko, lama jedhanii ummata Oromooti ibsuu turan. Akka inni hinballeessin namoonni beekan waan jiraniif inni balleesse jedhanii dubbachuun falmii ofitti kaasurra  waan kanarratti homtuu akka hindubbatamne hukkaamsuu filatani.

Jaarran gaafa lubbuun jiru waayee mudata sanii namootan gaafatamee “ani Baaroo akka hinajjeesiin Leencoon warqaa raga naa kennee jiraa, waan biraa hinbeekuu” jedhee akka waakkate dubbatu. Leencon waraqaa raga/qulqulleessu/ kana yoo kennu mana murtiiti moo angoo maal qaba? Jaarranis kana himuun saa QBO keessatti qaanessaa hinta’u? Namoota ummata duuba taa’ee shirra akkanaa xaxaa dhugaa jiru ummatatti gadi baasuu sodaatutu qabsoo kana hoogganaa ture jechuudha. Kuni nama hindhukkubsu?

Leencoon WBO erga walrukuchiisee booda qabsichi haa dadhabu malee akka inni yaadeetti waan dhaamuu dideef ammas shirra isaatti dhimma bahuun kittillaayyota saa hooggana waraanaa keessa naqee waraanni kuni akka baayyinaafii qabeenyaa ummaticaa gituun akka hinguddannefi akka qancaru irratti hojjachaa ture. Karaa inniifi Obboleessi issaa hoogganan karaa dhiya Oromiyaa oto lafa taakku takka hinbilisoomsin waraanni TPLF Wllagga keessa buraaqee yoo biyya dhuunfatu Leencoon faan harka maratanii akka nama taa’ee tiyaatira daawwatutti taa’ani daawwachaa turani. Asirratti waan Mallasaan jedhe tokko tuquun fedha. TPL bara OPDO ijaartu gaafin dhiyaatefi. “Jaarmiyaan Oromoo ABOn oto jiruu isaa wajjin waltaatanii qabsaa’u oto dandeessanuu maaliif jaarmiyaa Oromoo biraa ijaaruu isin barbaachise?” jedhamee gaafatame. Akkas jedhee deebise “ONG daatanyaa dirijit newu, qorxo lamataagal zigijju ayidalam” jedhe. Kana jechuun “ABOn jaarmiyaa harkifaataadha, murannoon qabsaahuuf qophii miti” jechuudha. Deebin inni kenne baras nu aarsurree har’arra dhaabbannee yoo laalu akka sirrii ta’e amanuun nidanda’ama.

Jarreen kuni durumaanuu jaarmiyaa kana keessa miila kaawwachuun saanii qabsoo kanatti amananii waan hinturreef ummata ijaaranii qabsootti bobbaasuuf oto hinta’in maqaa jaarmiyaa kanaa akka bargaining chip (doorsisoodhaf) dhimma itti bahuun karaa qaxxaamuraa aangoo impaayaratti qabachuuf akka ture hojii kanarraa hubatuun nidana’ama. Kana galmaan gahachuuf rakkinootaafii kufaatii gurguddoo inni jaarmiyaafi ummata kanatti fide akka kanaa gadiitti tarreessuun ni danda’ama.

Leencoon qunnamtii dhuunfaa hooggantoota EPLF waliin qabuurraa ka’uun EPLF loltoota Dargiirraa booji’e dhalootan Oromoo ta’an fudhatee humna isaa cimsuun Oromiyaa keessatti mootummaa Dargiirratti akka lola banu gaafatamus “waraanni dargii naamusa waan hinqabneef yoo ofitti fuune nudiiga” jedhee akka dides ragaalee hedduutu jira. Waraana Leencoon fudhacuu dide/soodate sana TPLF fudhattee OPDO ittin ijaaruun of fuuldura ooftee akka Oromiyaa dhuunfachuu dandeesse har’a namni hinbeekne nijira natti hinfakkaatu. Kuni dogoggora tarsiimoo guddaa ta’uu bira darbee gara jabina hiriyaa hinqabne akka ta’erree ifaadha.

1-Loltoonni kuni ilmaan Oromoo Dargiin dirqiin manaa baasee waraana isaan hin ilaallanne keessatti bobbaafamuun akka boojia’amanfii nyaata gahaa oto hinargatin halagaa booji’een hojii dirqii (forced labour) akka hojjatan taasifamaa turan halagaa harkaa baasuuf carraa argame kana didee halagaa harkatti dhiisuun gara jabina hiriyaa hinqabnee dhala Oromoorratti hojjatameedha.

2- Oromoonni suni hundi naamusa dhableefi diigdota jedhamanii taappeellaa hinjirre itti maxxansuurra ofitti qabanii barsiisuun qabsoo Oromootti madaqsuun salphaa akka ture waan TPLF hojjaterra arginee jirra.

3- Humni suni mooraa halagaatti makamuun mooraa sana akka hinggabbifne yoo ofittirree fuudhu sodaatan fuudhanii gara deemuu barbaadanitti dabarsuun mooraan halagaa akka dhimma itti hinbaane honggessuun nidanda’ama ture. Kuni hundumtuu bira darbamee humnii Leencoon tuffate ykn sodaatee daba itti hojjate suni TPLF fi riqicha ta’ee Oromiyaatti ceesisuun hanga har’aatti lafee qoonqoo QBO tti rakkate ta’ee argama.

Leencoon faan waajjira ABO biyya Suudaan tureefii tajaajila biyyi suni kennaafii turtetti akka jaarmiyoota kaaniitti dhimma itti bahuu dhabuurraa kan ka’e meeshaa ummanni ittin falmatu galchuu oto hinta’in Baayibila (kitaaba qulqulluu) amantii Protestaanti Jarmanirraa doonin fe’ani oto karaa Port Suudaan “biyya Baayibila dheebotte” Oromiyaaf galchuu yaalanu waan basaasonni mootummaa Suudaan irra gaheef waajjira saanii cufanii akka ari’aman taasifamuu saanii warri keessa beekan nidubbatu.

Bara TPLF biyyatti duunfates marii Landanirratti taasifamerratti ABOn qooda fudhata jedhamee oto eegamuu wanti isaan irratti mari’atan oto hinhimamin haal-duree TPLF fi EPLF aanga’ota Ameerikaa waliin akkatti aangoo qooddatan mari’atan sana fudhachuun TPLF waaleessanni akka adeemsa mootummaa cehumsaa keessa seenan fudhatani seeraf heera jaarmiyaa cabsuun oto KS waamanii mari’achiisuun murtee hin argatin murtee dhuunfatiin miseensa mootummaa cehumsaa ta’uun halagaan Oromiyaa keessatti akka aangoo qabatu waliigalanii isaan shoora qubachiisuufi ummata tasggabbeessuu taphachaafii turani.

Daangaa Oromiyaa murteessurrattis namoonni akka qabsoo Leencotin waanni kuni raawwatameefi injifannoo gudaa taasisanii dhiyeessu. Garuu dadhabbina Leencootin lafa oromoo Kibba Walloo lafa amma “Godina addaa Oromiyaa Naanno Amaaraa” jedhamee beekkamu Oromiyaarraa cite akka Amara jalatti bulu fi lafa Oromoo Wambaraa akka Beenii Shaangul jalatti bulu waliigaluun qaama Oromiyaa hirrisuun dogoggora seenaa dhiifama hinqabne hojjatanii jiru.

Handhurri Oromiyaa Finfinneen Oromiyaa keessaa cittee akka naannoo tokkootti (naannoo 14) taatee kan moggaafamtee bara Caartaraati. TPLF Finfinnee Oromiyaarraa kutu kan itti milkaayee gaafasi. Kanaaf karaa kan mijeesse ammo Leencoodha. “Harree ganama badde galgala kurkuriin hinargu” jedhuu miti. Finfinnee har’a ilmaan Oromoo kichuun irratti dhuman tana Leencoon gaafas mormii tokko malee wuyyaaneef dabarsee kenne. Har’a waan sana deebisuun lubbifii qabeenyaa hedduu nugaafachaa jira. Badii kana ummanni Oromoo haalan hubachuu qaba.

Leencoon kana mlees waayee diinagdee ofiirratti dhimma bahurratti waa tokko wanta dantaa Oromoo eegsisu hinhojjanne. Daangaa qaamni hedduun irraa ciccirame duwwaan sanuu kan waan ittin kabajamu hinqabne sararamee taa’un saa injifannoo guddaa natti hinfakkaatu. Qabeenyaa daangaa sana keessatti argamu itti fayyadamuun maqumaafirree kabajamee hinjiru. Qabeenyaa akka albuudaa, bishaanii, eletiriikaa, warshaalee fii kkf kan itti ajaju mootummaa TPLF. Oromiyaan Xuriifi baalfuu magaalootaafii warshaalee aanga’oota TPLF n faalamuu malee waan keessaa argattu wanti tokkichii Leencoon faan gaafas fidan hinmul’anne.

Asirratti waayeen qubee fii afaani ka’uu nimala. Namoonni tokko tokko wayee qubeen barachu barreessuu, afaan Oromoo Oromiyaa keessatti afaan hojii ta’uu bu’aa Leencoo taasisanii kan dhiyeessu yaalan jiru. Kuni

1-Waan qabsoo Leencootiin dhfe oto hinta’in dhiibbaa sadarkaa qabsoon Oromoofi sochii Ummatichi yeroo gabaaba keessatti agarsiiserraa ka’uun hooggantoonni TPLF fudhachuuf waan diqamaniifi:

2- TPLF mataashii Tiraayi keessatti afaan Tigreen hojjachuu waan jalqabdeefi sana duubatti deebifte afaan Amaaraan hojjachuu waan hindandeenyef Tigraayi keessatti qofaa mirgi afaanii kabajamee naannoo biraatti dhoorkuun balaa akka qabu waan hubatteef;

3-TPLF jibba ummata Amaararraa qabdurraa ka’uun hamilee oftuultota Amaaraa cabsuufi afaan saanii daangaa saanitti murtaa’ee akka hafu taasisuun illitonni Amaaraa kanarratti oto wacanuu ishiin toohannoo biyyaa jabeefachuu akka tajaajilus waan hubataniif;

4-Haalli kuniif kanbiraallee itti dabalame waan haala mijeesseef waan faranjoonnji “happenstance” jedhan tokko huumee qubeen hojiirra oole malee waan hojii Leencootin dhufee miti. Kanaafuu Kireedita kana Leencoof laachuun cubbuu gudaa ta’a jedheen amana.

Gaafa loltuun TPLf loltuu biyyaa akka ta’u murteeffamu hireen WBO maal akka ta’u wanti itti yaadanii lafa kaawwatan waan hinturreef waraana hangas gahu gaaga’ama sanaaf saaxilanii akka dhabamu itti murteessani jiru.

Bara 1992 filannoo jalqabaa adeemsisiisuuf waraanni akka mooratti galu gaafa murteessan Maanguddoon tokko akka dubbatanitti “murtee kana yoon dhagahu akka malee rifadheen fiigichaan waajjira Leencoo dhaqee. Barreessituun isaa waan nabeektuuf naseensiftee Leencoon buna nuu ajajee haasa’u jalqabnee”jedhu. “Maalif akkan dhufe nagaafatee, anisi waayee waraana mooratti galchuu kanatu nayaaddeesseen dhufee” jedheen itti himee jedhan. “Maaltu siyaaddess jedhee naggaafete”jedhu. “Akkamitti jara kana amantanii waraana kana hiikkachiiftanii mooratti galchiituu?” Jedheen gaafadhee jedhu. “Nuti wal amannaa kana malees ammo warri Ertiraa nu jidduu jiruu” naan jedhee jedhu. “Warri Ertiraafi jarri kuni akkuma lagni Hawaashi Oromoo Shawaafi Oromoo Arsii addaan baase isaanis Lagni Marab addaan baase malee lammii tokko, isaanis akkamitti amantanii waan kana hojjattu?” jedheen gaafadhee jedhu. Sana booda Leencoon nattii aaree “egaa isin akka feetanitti yaaduu dandeessu, nuti waadaa waan qabnuuf wal amanna, walis hingannu”, jedhee dheekkamsaan naa deebise, anis sana caalaa deemuu waanan hindandeenyeef gaafii koo dhaaben galateeffadhee biraa bahee” jedhanii waan sana booda ta’e yaadachuun gaddaan barreessa kanatti himani. Maanguddoon kuni nama siyaasaa fageessannii xiinxaluuf akka leencoo barmoota guddaa argatanii miti. Hubannaa siyaasaa Habashaa qabaachuurratti garuu nama Leencoo hoogganaa Ummata kanaa of taasisee caaqaa ture kana hedduu bira darbanii akka deemaa turan agarsiisa. Ummatumti Oromootirree waan sana akka hinfudhatin ifaa ture.

Murtee sanarraa ka’uun WBO bahaafii Kibba Oromiyaa keessatti lafa bilisoomsee qabate keessaa walitti qabanii hidhannoo hiikkachiisuun mooratti galchani diinatti kennan. Kan akka carraa lubbuun bahe lakkoofsi yartuun jiraatus kan harka halagaatti dhumaniifi hanga har’aatti lafa hinbeekamnetti hidhamani dararamaa jiran manni yaa lakkaa’u jedhanii bira darbuu wayya.

Waraana qofaa oso hinta’in ummata isaan deggeree qabsoo keessaa qooda fudhachuu akka galaanatti jigee jaarmichaa cinaa dhaabbate waggaa tokko guutuu sirbisiisaa horii irraa guurun ala caasaa takka oto hindirirsini gaafa Caartara keessaa bahanii baqatan akkaa midhaan cubbuutti facaasanii isaan doolaara saanii saamsonaayiti guuttatanii karaa Boolee xayyaaran yaa’ani. Wanti biraa hafee jaarmicha bakka bu’un ministeera Qonnaa ta’anii kan hojjachaa turan Obbo Zagayyee Asfwutti bahuu saani oto hinhimin waajjiruma wuyyaaneetti gatanii biraa baqatani. Oto wuyyaanen garaa itti jabaattee hangam lubbuu nama kanaa gaaga’amaa saaxilani akka turan hubachuun nama hindhibu.

Erga kana hojjatanii biyyaa bahani itti anaan Leencoo ammaa Yohaannis Naga’o Naaroobi ta’ee akka nama ummata ijaarutti sabboontota hidhaa TPLF irraa hafan qunnamuun hojii erga itti kennee booda gaafa isaan cimanii hojjachuun ijaarsa amansiisaa ijaaruu jalqaban “yoo akkanatti deeman isaanuu mootummaa ta’an” jechuun  ammas dabarsanii diinatti kennuun hiisisaafi ajjeechisiisaa akka turan waan keessa dabarre waan ta’eef hinirraanfannu. Sana booda hooggana jaarmichaas akka addaan qoodamu taasisanii walitti buusuun dhabamsiisuf yaaliin taasisani akka fedhanitti jaarmicha dhabamsiisuu baatus laamshessuurratti hanaga tokko hinmilkoofne jechuu hindanda’amu.

Eega jaarmicha addaan diiganii booda maanguddoo araaraa of taasisanii jidduu deemuun daran jaarmicha addaan ciranii laamsha’u saa erga mirkaneeffatanii, deebi’ee hindandamatu jedhanii erga amatii horatanii booda hojii saanii kana akka mattaayaatti diinaa dhiyeessanii biyyatti galuuf jaarmiyaa sabgantootaa (OPDO#2=ODF) bixxilatanii qaamafii sammuu umriin butuchite qabatanii QBO biyya keessatti dhaloota haara’aan belbelaa jiru dhaamsanii impaayaratti akkuma saanii dulloomtee du’uuf kirkiraa jirtu lubbuu keessatti qabuuf arreeddu jalqabani.

Kuni waan ummanni oromoo ifatti beekuudha. Kana duuba shirri guddaan jaarmicha dadhabsiisuu, laamshessuu, qoqqoodiif QBO qiyyafannaa impaayara ijaaruu habashootaa jalatti galchuuf akka hojjatamaa ture Leencoon dur ifatti dubbachuu baaturree hojii isaa fii fakkaattota satin hojjatamaa turerraa hubachuun nama hubatee hordafaa tureef dhokataa natti hinfakkatu. “Gubataa marqaa hubataatu argaa”jedhaa miti Oromoon. Har’a ammo MQBO erga laamshessee booda ifa of baasee lallabuun “ani umrii koo keessatti takkayyuu Oromiyaan bilisoomsa jedhee hinbeeku, Joograaffirra’is dhimma hinqabu” jedhee raga ofirratti gaafa bahu ammas namni hojii Leencotti dammaqquu dadhabe, qabsoo Leencoon hogganuunan bilisooma jedhee yaadu yoo jiraate nama hir’ina ilaalchaa qabu ykn yaaduu dadhabe yookin ayyaan laallattuu dantaa mataa saati dhaabbatte ta’u mala jedheen amana.

Kuni kufaatii Leencoo dhumaatii hinqabne waggoota afurtama darbeef raawwatamaa tureedha. Kufaati kana kufaatii akaakuu lammaffaa jalqabarratti ibsame jalatti ramaduun nidanda’ama. Kufaatii gadhee murtee ilaalcha doggoggorraa madduun dhufu jechuudha. Asirratti kitaabichattan isin deebisa “Failures can be categorized blame worthy and praise worthy based on there nature. What ever is the out come of the failures it has not to go un reported. The unfortunate consequence is that many failures go unreported and their lessons are lost.”(H.B.R. p.50).

Hiikaan isaa “Kufaatiin akka huumaa saanitti  abarraamiif leellifamaa jedhamee ramadama. Itti bahiin isaa waanuma fedheyyuu yaa ta’uu kufaatin otoo hingabaafamin hafuu hinqabu. Xumurri gaddisiisaan kufaatii  hedduun oto hingabaafamin hafuu saaniitiifi barmoonni isaanirra argamu oto hinbaratamin hafuu saati.”jechuu ta’aa.

Kufaatiin namoota hooggantoota of muudan kanaa gaaf tokkooyyuu ummata ni hoogganna jedhanitti hafee miseensotuma jaarmiiyaa saanittu himamee irratti haasa’anii irraa barachuuf carraan hinargamin jira. Yoo akka malee kufan, yoo ummata ficcisiisan, yoo miseensota gaaga’an, yoo hojii karooranii hojjachuu dadhabuun qabsoo laamshessan fi kkf hojjatan isaanis hingabaasanii, ummannis akkamitti dabarsinee diinatti walkenninna jechuun madaa saa ofumaa rirrittatee waan callisuuf hanga har’aatti kufaatiiwwan kanarraa bormoonni argame hinjiru. Namni itti gaafatama fudhatus hinmul’anne. Ummanni guddaan kuni namoota akkanatti isa tuffataniin hoogganamee eessa gaha laata?

Loltuun saayinsi lolaa baratee lola tokko yookin shaakala tokko erga adeemsisee booda taa’ee qorannoo “After Action Review” (AAR) (gilgaala raawwi tokko booda taasifamu) jedhamu adeemsisa. Waan karoorratan tokko erga raawwatanii booda taa’anii galii barbaaddamu gahuuf hanqachuu saanii, adeemsa keessatt gufulee isaan mudatan, akkamitti akka irra darbaniifi kan danqerree akkamitti akka irra darbuu danda’an, gara fuulduraatti laafina saanii akkamitti akka cimsan fii cimina saanii akkamitti akka qabatani ittifufan mari’atu. Tooftan kuni kan loltuu keessatti daanga’ee hafu oso hinta’in beektonni biiznasaa hooggantoonni biiznasaa akka dhimma itti bahan saayinsi biznasaatti dabalaa jiru. Kana malees leenjiftoonni sportesotaa beekumsa kanatti dhimma bahuun dorgommi tokko booda gareen saanii taa’ee akka hirrinaaf jabina saa irratti mari’achuun laafina argame dorgommi dhufurratti akka hinmul’ifne shaakalli gahaan kennamaafi irratti hojjatu.

Leencoon faan waggaa sadi dura Oromoo Dialog forum ijaarree ummata Oromoo mar’achiifne yoo jedhan akkamitti akka galanii Impayara moofofte haaromsan qofaa mari’atan moo , “AAR” wagoota afurtama darbani adeemsisani xiinxalani sanarra dhaabbachuun akka murtee saanirra gahan nu hinibsine. Yoo adeemsa saanii waggoota afurtama darbee xiinxalanii jiraatan feed-back sanarraa argatanittu akka TPLF tti galan itti agarsiisee laata? “Painfully learned lessons of the past are forgotton”(Barmoonni rakkina guddaan argamee darbe ni irraanfatame” jechuudha. Akkamitti akka as gahan irraanfatanii jiru jechuudha.

Kanaafii gantummaa bara dheeraa kana fafakkaatan erga hojjatee booda gaaga’ama darbaniif waan itti hingaafatamaniif ummatichi qalbii hinqabu jedhee fakkataa har’as maqaa ummatichaatiin aangoo qabachuuf, walabummaa biyyaafii bilisummaa ummataa oto hinta’in kan isin barbaachisu mirga lammummaa biyyatti argachuudha, mirga lammummaan isini fida” jedhee ummaticha afanfaajjessaa jira. Diina ummata oromoo qee saatti itti bobba’ee kumaataman mana hidhaatti guuree dararaa, ajjeesaa, as butee dhabamsiisaa, lafarraa buqqisee ala bulaa taasisaa, kaan biyyaa ari’ee galaana biyya halagaa keessatti bineensa nyaachisaa jiru waliin mari’atee Demokraasifii lammummaa inni nuu fiduu deemu arguuf teenya. Inni diinaa wajjin wuskii cirrifachaa lafa qotee bulaa Oromoo yoo gurguratan harcaatuu funaannachuuf yoo ta’e malee Demokraasin inni Faashistoota wajjin mari’atee ummata kanaa fidu gonkumaa waan lafarra hinjirreedha.

Kana laalchisee namni waggoota afurtamaaf wayee qabsoo karaa naga’aa qoratee, lafarratti akka hojiin mirkanaa’u taasisee barreessun ummattoota adunyaa cunqursaa abba hiree jala jiraniif gumaachuun akka beekumsa kanatti dhimma bahanii bilisooman taasisaa jiru namni Gene Sharp jedhamu barreesseen isini tuqa. “When faced with the sever problem of confronting a dictatorship some people may lapse back into passive submission. Others, seeing no prospect of achieving democracy, may conclude they must come to terms with the apparently permanent dictatorship, hoping that through “conciliation,” “compromise,” and “negotiations” they might be able to salvage some positive elements and to end the brutalities. On the surface, lacking realistic options, there is appeal in that line of thinking.” (From Dictatorship to Democracy, by Gene Sharp, p.14).

Hiikaa saa:

“Namoonni tokko tokko yeroo abbaahirrumaa dura dhaabbatanii falmuuf rakkoo cimaan isaan mudate harka kennachuu keessatti kufu. Kan biro ammo Demokraasiin akka dhufu waan itti hinmul’anneef karaa waliigalteetin, araaraa fii mariitiin abbahirrummaa jiraachuun isaa ifa ta’e waliin michoomanii dantaa bu’aa qabdu fiduufii hammeenya hojjatamutti xumura gochuu barbaadu. Lafarraatti filannoo qabatamaa dhabuun yaada akkasiitti harkifamu.” Kanarraa yoo kaanu Leencoon abdii kutannaaraa waan kana keessa akka gale argina. Haalli kunii jalqabumarraa gufuu hamaan akka dhahe arginurree “qabsoodhaa itti fufna” jechaa jiru milkaa’u laata? Kan bullee waliin laallu ta’a.

Gene Sharp akkas jedha “Negotiations are a very useful tool to resolve certain types of issues in conflicts and should not be neglected or rejected when they are appropriate.”

“In some situations where no fundamental issues are at stake, and therefore a compromise is acceptable, negotiations can be an important means to settle a conflict.”

“When the issues at stake are fundamental, affecting religious principles, issues of human freedom, or the whole future development of the society, negotiations do not provide a way of reaching a mutually satisfactory solution. On some basic issues there should be no compromise. Only a shift in power relations in favor of the democrats can adequately safeguard the basic issues at stake. Such a shift will occur through struggle, not negotiation………. The point here is that negotiations are not a realistic way to remove a strong dictatorship in the absence of a powerful democratic opposition.”(Ibid, p.16-17)

Hiikan isaa, “Mariin waldiddaa tokko tokko furuuf meeshaa barbaachisaa waan ta’eef yeroo dhimma itti bahuun danda’amu  irra darbamuu ykn tuffatamuu hinqabu.”

“Haala tokko tokko keessatti yeroo wal diddaan bu’uuraa hinjirreefi araarri fudhatamu qabutti waldiddaa hiikuuf mariin haalan barbaachisaadha.”

“Yeroo wanti irratti waldidame waldiddaa bu’uraa, kan sirna amantii tuqu, kan gaaffii mirga namoomaa ilaalu, ykn guddinaa hawaasaa waliigalaa laallatu ta’e mariin hiikaa waloo quubsaa ta’e fiduu hindanda’u. Rakkoolee bu’uraa tokko tokko irratti walii galuun hindanda’amu. Haalli jijjirraa humnoota demokraatotaa mijatu yoo argame qofaa dubbi irratti falmamu sana anjessuu danda’ama. Jijjirraan akkanaa ammo kan dhufu qabsooni malee mariinii miti…………Asirratti wanti beekamuu qabu bakka mormituu demokraata’aa cimaan hinjirratti abbaahirrummaa cimaa buqqisuuf mariin karaa qabataamaa miti.”

Gene Sharp Qormaataaf muuxannoo hojiirraa argameen deggeramee mariin akaakuu kamiituu yoo taasifame diktaatara akka mootummaa TPLF aangorraa buusuun abjuu yoo ta’e malee akka milkaa’u hindandeenye irra muree jala muree hime. Leencoon yoo waan kana akkuma jedhutti itti milkaa’ee impaayaratti demokraatesse ummta Oromoos ta’ee ummattoota biyyatti keessatti qawween bobba’anii qawween galan hundumaa salphina kana jalaa baase yaada nama kannaa faallesse tiyoorii mataa saa barreessee dubbisuuf dharraan eegaa jirra.

Gene Sharp waan hedduu jedha “Resistance, not negotiations, is essential for change in conflicts where fundamental issues are at stake. In nearly all cases, resistance must continue to drive dictators out of power. Success is most often determined not by negotiating a settlement but through the wise use of the most appropriate and powerful means of resistance available.”( Ibid p.22)

Hiikan isaa: “  Iddoo waldiddaan bu’uraa jirutti falmii malee mariin jijjirraa barbaaddamu hinfidu. Dhimmoota hunda jechuun danda’amu keessatti abbahirree aangorraa arii’uf diddaan cimee itti fufuu qaba. Yeroo hedduu injifannoon karaa sirrii fii beekumsarratti hundaa’en humna diddaa jiruutti dhimma bahanii diddaa finiinsun malee walii galteefii mariin murteeffamtee hinbeektu.”

Ittan isinii dabala “Not everyone who uses the word “peace” wants peace with freedom and justice. Submission to cruel oppression and passive acquiescence to ruthless dictators who have perpetrated atrocities on hundreds of thousands of people is no real peace. Hitler often called for peace, by which he meant submission to his will. A dictators’ peace is often no more than the peace of the prison or of the grave.” (Ibid; p.23).

Hiikan isaa “Namni ‘naga’a’ faarsu hundi nama naga’a bilisummaafii seerawaa ta’e barbaaduu miti. Cunqursaa hamaaf jilbiinfachuufi abbaa hirree gara-jabinaanaan namootaa kuma dhibbota hedduu fixun  walii galuun ykn fudhachuun nagaa waaraa hinfidu. Hitler yeroo hedduu naga’a watwaataa ture, yoo kana jedhu ammo namoonni akka isaa jilbiiffatan jechuu saati. Nageenyi abbootin herree waaman naga’aa hidhaatti ykn awwaalatti nama geessu hincaalu.”

Kana ammo waan Leencorra gaherraa qabatamaati argineerra. Biyya abbaf haadha saa biyya itti dhaltee guddatee keessa halkan lama buluu dadhabee akka saree ( naa hubadhaa saree faranjii oto hintain saree biyya keenyaa jechuu akka ta’e) kajeellaa ganda dhaqxee “koottubahi”(jecha saree ittin ari’an) jedhamee  kan ifatti beekkamu yeroo sadaffaaf baqatee biyyaa bahuun isaa salphinni uffata ta’eefii itti dhagahamuu baatus, ummaticha gochaa satin waggota digdamii arfan darban qaaniin morma olqabatee deemuu dadhabe daran qaanii itti dabalee biraa deemee.

Egaa Leencooniifi kittillayyoonni saa waan olitti tuqe kana hindubbifne jedhee miti kanan asirratti tuquu dhaqe. Oromoonni garaa fayyaaleyyiin mootummaa faashistii wuyyaanee waliin mari’achuun nagaa waaraa biyyatti keessatti fiduun nidanda’ama jedhanii yaadan waan hindhabamneef gonkumaa akka hindanda’amne akka hubataniifi. Leencooniifi kittillayoonni isaa kana miidhagsanii beeku, garuu waan fedhii saanii hindeggeerreef fudhachuu hinbarbaadani. Otuma beekanuu akka nama hinbeeknee irra darbuu barbaadu. Ijaafii gurra irraa qabatu. Wanta akkasitin faranjoonni “motivated blindness” jedhuun. Waan arguu barbaadan malee dhugaa lafa jiru irraa ija qabachuu jechuu fakkata.

Adeemsa Leencoofi fakkaattota saa bara Dargiirraa kaasee hang harraatti hanga xiqqoo gaggabaabsee tuqu yaalee jira. Yoon kana jedhu badiin Leencoo kannin qofaadha jechuu miti, kumaa kittilli jiraachuu danda’a.Tokko okkoon mul’achaarree akka jiran argaa jirra. Ani akka nama alaa hubateetti waanan beekun tuquu yaalee, warri waliin hojjachaa turan ammo waan hedduu tarreessu akka danada’an shakkiin hinjiru. Hundumaafuu yoo bilisoomuu barbaanna ta’e ayyaan laallattumaa jalaa of baafnee dhugaa walitti himuuf wal sirreessuun yeroon saa har’a jedheen amana. Sobni, shirrii, dabni, maltummaan, fi kkf waggoota afurtama darban kuufamee dhugaa awwaalee,keessa keenya nyaachaa addaan nuu diigaa jira malee igiriinu nu hingeenye. Kanaafuu, iftoominni, qulqulunni, safuun Oromoo, ittigaafatamummaan fi kkf nukessatti deebi’anii dagaaguu qaban jedha.

Yoon kana barreessuu Leencoon ykn namoonni ijjannoo saa jala deeman ykn isaaf fakki ta’anii darban kan akka Haylee Fidaafii Baaroo Tumasaa homaa hinhojjeennee jedhee falmii keessa hiungalu. Wanti hojjattan akkuma jirutti ta’e wanta balleessanii wajjin madaala loogii hinqabne madaala qulqulluurra kahhaamee madaallamuu qaba. Sana madaallee hojiin saanii yookkin badiin saanii inni kum akka caalu hubannee seena isaan ibsuu danda’u kaahuufi qabanan jedha. Kana ammo ummanni Oromoo keessattuu qabsaa’onni oromoo murtii namoota kanaatin jaallan saanii biraa gaaga’aman, kan lubbun jiranirree rakkinoonni adda addaa isaan mudate sodaa tokko malee ifa bahanii mudata saanii ibsachuun seenaa galmeessisuu qabu. Ummanni Oromoo marti ammo kan hanga ammaatii wareegama adda addaa kaffalaa jiruufi galii qabsoo isaa arguu dadhabe qabsoon kuni kan adeemsi saa sarbame daba/dogoggora namoonni kuni waggoota afurtama darban hojjataniin akka ta’e hubatee har’a isin gahee narraa dhaabbadhaa jechuuni danda’au qaban jedha.

Anis akka Oromoo tokkootti Leencooniif kittillayyoonni saa ofii saanii bittaaf gurgurtaa bifa kamiitifu of dhiyeessuuf, fashistootatti harka kennatanii galuufiis akka mirga qaban nan amanaa mirga kanas nan kabajaaf. Garuu mirga ummata Oromoorratti murteessanii walii galtee mirga ummata Oromoo hiree ofii ofiin murteeffachu hanga eenyumarraahu adda bahee mootumma saa ijjaarruu danda’utti qabu waan sarbu irratti waliigaluuf eenyumtuu akka bakka isaan hinbuufanneefi mirga homaatu akka hinqabne beekanii akka irraa of qusatan gorsa cimaan dabarsaafi. Yoo kana keessa seenanii borcuun mirga ummanni qabsaa’afii wareegama hedduu itti baaseefi har’arree lubbuu itti wareegaa jiru akkuma kanaan dura bacancarsaa turan bacancarsuu yaalan akka du’a ofirratti murtessan beekuu qabuu jedha.

KUFAATII HAYYU DUREE GADAA LAMAAF AANGORRA JIRANII

Hayyu dureen kuni gadaa lamaaf aangorra turu saanii ummanni Oromoo qulqulleesee beekaa. Kuni ammo seerafii heera jaarmiyya ala akka ta’es nibeekkama. Maaliif akka akks ta’e garuu isaaniis ummatatti bahanii ibsu saanii wanti dhagahame hinjiru. Gareelee jaarmiyaa kanarraa adda bahan tokko tokkorraa kan hafe ummannis ta’ee miseensonni amma jaarmichaa keessa jiran wanti kuni akka sirra’u gaafachuun saanii hindhagahamne. Gadaa kana lamaan keessattis ammuma barri haarofti dhufu miidiyaarratti bahanii barichi bara injifannoofi bilisummaa ta’u saa nuu hawwu malee injifannoofi bilisummaan hawwan suni akkamitti akka dhufu wanti ummataa ibsanis hindhagahamne. Yoon kana jedhu bal’inaan hojii saanii kessa seenee qeequf miti. Dubbin nakaafte gabaabdudha. Isittan isin dabarsa.

HD kuni dhiyeenya kana miidiyaarratti bahanii ummanni Oromoo diinarratti finciluu dhabuu saatiif cimsanii komatani. Ofii saaniti komachuu qofaa oto hinta’in halagoonnirree ummaticha akka qeeqan raga baasifatan. Fakkeenyaaf jedhan “Jornaalisitin Jaappaan kan ummata kanarratti qormaata adeemsise ummanni kuni dinarratti finciluu dhabusaa baay’isee balaaleffate” jedhan. Kana malees “mootummoonni gargaarsa gaafannu hundumtu ‘ummata hagana gahu oto qabdanu gargaarsa maal isin barbaachisa?’ jedhanii nu qaanessu” jedhan. Qabsoo ummanni Ertiraa, ummanni Suudaan Kibbaa, ummanni Palistin, Ummanni Veetnaam fi kkf taasisan kaasanii ummanni Oromoo akkasitti qabsaa’u dhabuu saa balaaleffatani.

Akka yaada kootti qaana’un saanii sirridha. Garuu kufaatii kanaaf kan itti gaafatama fudhachuu fi balaaleffatamuu qabu ummaticha oto hinta’in HD fi waaheloota saani ummata kana hoogganaa jirra jedhan akka ta’e beeku qabu turani. Ummanni tokko oto hinijaarramin akkamitti akka fincilu ykn qabsaa’u HD waggoota afurtamaaf qabsoo keessa, gadaa lamaaf ammoo angoorra turetu beeka. Ummata ijaaruu yaallee ijaarramuu dide, ykn ijaaree tooftaf tarsiimoo baafneefi hooggana itti ramadnee qabsaayi jennaaniin qabsaa’u dide akka hinjenne waan jaarmiyaan kuni lafaratti hojjachaa tureefi har’as itti jiru nibeeknaa-wanti akkasii hinhojjatamne. Kanaafuu komiin kuni dadhabbina ofii ofirra dabarsanii ummatichatti quba qabuuf “kuunno badiin ummaticha bira jira malee nabira hinjiru” jedhanii ummattichi akka dadhabbina saanitin isaan hinkommanne dursanii ofirraa rukutun afanfaajjessu natti fakkata. Kana malees wareegama ummanni Oromoo baasaa tureef har’allee itti jiru bishaan itti naquu ta’a jedheen amana. Kumoota hedduun wareegamuufi hidhamtoonni kuma dhibbaan lakkaawwaman mana hidhaa diinaa keessatti dararaa ilma namaatii hinmall’e argaa jiraachuun saanii oto qabsaa’u baatanii akka irra hingeenye HD miti namni siyaasaa hinbeeknee niyaada jedhee sammuu koo keessa dhufee hinbeeku. HD rraa kana dhagahuuns raajii guddaa natti ta’e.

HDn kuni yoo galeef waan hiriyaan saanii namtichi koluu galtummaa kennaniif dhiyoo kana miidiyaa warra habashaarratti dhiyaatani waan isaan dubbatan tuqaaf. Yoo yroo qabaatanis barmoota irraa argachuu waan danda’aniif gaafifii deebii sana akka dhaggeeffatanan afeera. Yoo namtichaa qaaman dubbisuu danda’an itti dhiyaatanii akkamitti qabsaahanii ummata Ertiraa injifannoon akka gahan irraa qorachuun barmoota argachuunis dansadha jedheen gorsa.

Hundumaafu prezedaant Isaayiyaas Afawarqii akkas jedhan:

1-“Qabsoo adeemsisuuf ummata dammaqsuu qabda, yoo ummata dammaqsuu baatte kaayyoo kee galiin gahuu hindandeessuu” jedhan

2“Ummaticha dammaqsitee yoo ijaaruu baatte homaa hoijjachuu hindandeessuu”jedhan.

3-“Meeshaalee (qabeenyaa) qabsoof dhimmi itti bahamu (horii, meeshaa lolaa, meeshaa qunnamtii fii kkf) dhiyeessuu qabdaa jedhan.

Gabaabatti ummanni Ertiraa HD kuni akka fakkeenya jagnummaatti tuquun ummata Oromoo waliin walbira qabanii waldorgomsiisuun dadhabbina ummata Oromoo itti ibsuu yaalan kuni haallan prezedaantiin saanii guutamu qaba jedhan olitti tuqaman kanatu guutameefi akka qabsoof of kenne bara dheeraaf keessa jiraataniyyu hinqoranne, namootuma wajjin jiraatanirree gaafatani irraa baruu hinfeenee jechuudha.

Egaa HD ummata komatan kana hagam akka ummata ijaaruu irratti hojjatanii milkaa’u dadhaban hin ibsinee. Yoo ijaarrame ammo qabxiilee prezedaantiin Ertraa tuqan sana hangam guutanii, tooftaf tarsiimoo baasanii ummata biraan gahuun akka irratti hojjachuu yaalanii dadhaban kan jedhu gaafii guddaadha. Diina ummata Oromoo basaasuuf guyyaatti qarshii miliyyona hedduu gadi naqu fuulduratti barattooni qalama malee waa tokko kiisii hinqabne akkamitti akka diina qoma saaniifi adda saanii rasaan diiguu fuuldura dhaabbatanii akka qabsaa’an oto arganu ummanni qabsaa’u dide jedhanii halagaa waan qabsoon Oromoo keessa jiruu dhagahuufi guddina qabsoo Oromoo hinbarbaanne waliin ummaticha qeequun yaada fayyaalessa hoogganaa ummataa ofiin jedhurraa eeggammu natti hinfakkatu.

Waan tokko tuqeen yaada koo guduunfa. “Groups don’t form and take action by spontaneous combustion. Someone has to pull people together to begin the process of taking collective action. Whoever does this is functioning as an organiozer……………….. The role includes being a recruiter, motivator, agitator, leader, consolidater, facilitator, trainer, strategist, and tactician…………………..

By definition, a leader directs and guides a group by being out in front of followers.No matter how democratic the process, leaders go before their backers, showing the way for action.Thy lead by pulling their constituency along through example and inspiration. (Roots to Power, by Lee Staples, p.27)

Hiikan isaa: “Gareen tokko tasuma lafaa ka’ee tarkaaniifi tokko hinfudhatu. Tarkaanfii waloo tokko fudhachuu keessa seenuuf namni tokko ummata walitti fidu qaba. Namni kana hojjatu ammo nama waa gurmeessuudha…………….hojiin kuni miseensomsuu, humneessuu, dammaqsuu, hooggannuu, tokkomsuu, haala mijeessuu, leenjisuu, tarsimoo baasuu, fi tooftaa qopheessuu dabalata…………………….

Hiikadhumti jecha hooggana jedhuutu waaheloota saa fuuldura bahuun qajeelchuu fii masakuu jechuudha.Hanguma fedhee adeemsichi demokraata’aa ta’uyyuu hoogganni daandii ummanni  tarkaanfii ittin fudhatu agarsiisaa isaanii fuuldura deemuudha . Ummata saa walitti fiduun fakkii ta’uun kakaasuun masakuuudha”. HD kuni gadaa lamaan aangoorra turan keessa waan kana yoo dalagan hinmul’anne. Kanatu jaarmichaa diigee, qabsoo laamshessee, walumaa gala kufaatii keessaa bahuun akkan rakkisaa ta’ee keessa nu galche.

Walumaa galatti mata duree KUFAATII jedhu iddoo sadi’itti addaan qoodee laaluu kanan yaaleef akka namoonni tokko tokko mirga harcaatuu arggamte tuttuquun wal faarsaa ummatichaa of dagachissa jiran oto hinta’in ummatichi akka ummataatti har’a yeroo kamiyyuu caalaa akka kufaatii guddaa keessa jiru hubatee, abalutu alaa dhufee nabilisoomsa jedhee akka nama miiltoo eeguu ofirratti eeguu dhiisee hiree saa harkatti galfachuuf yoo danda’e hooggana jiru dhiibee yaa sana dadhabe kan biraa baafatee kufaatii kana keessaa akka of baasuuf qabsaa’u hubachiisuun barbaachisaa ta’ee waan natti dhagahameefi. Hooggantoonni ummaticha hoogganaa jirra jedhanis bu’aa propaagaandaa ittin argachuuf lubbuu kichuu ilmaan Oromootti qoosuu dhiisanii tooftaf tarsiimoo, ijaarsaaf dhiyeessi qabsichi barbaadu hunda mijeessuun qabsicha seeran akka masakan hubannoo kennaaf jedheen yaada. Yoo haaluma amma jirru kanaan wal mooksaa itti fufnee garu igiruu akka hingeenye hundi keenyaa hubachuu qabna. Dhumarratti mammaksa Booranaa tokkon isinii tuqa. “ Arbbi mittaan qalame dhumeeti iilleettin mittaa malee qalamte dhumuu diddee jedhu”. Qabsoon keenyas akkuma illeetti mittaa malee qalamtee kana ta’ee galii kaaneef gahuu dadhabne, nikufne jechaadha. Mee Rabbi beekumsaafii ogummaa siyaasaa abbootiin keenya bara sirna Gadaatiin wal bulchan qaban nuuf yaibsu, bakka itti kufnee yaa nu kaasuu!!!!!

Galatoomaa!!!!
Rabbi hooggantoota saba kanaatti beekumsaaf qalbii haakennu!!!!
Oromiyaan nibilisoomti !!!!

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

Waraana calqaba isaa malee xumurrii fi ittibahinsi isaa hin beekamne – Oromoon maal godhuu qaba?

Berhanu Hundee Waraanni amma garee seeraa fi heeraa ala mootummaa Federaalaa ofiin jedhu fi mootummaa …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *