Oduu Haaraya

LAFEE OROMOO CACCABSITEE NYAATAA?*

LAFEE OROMOO CACCABSITEE NYAATAA?*

Taammanaa Bitimaa irraa

QALBEEFFACHIISA: Yaa dubbiftoota walaloo kanaa jaalatamoo fi kabajamoo, walaloon kun bara 2011, ji’a Caamsaa keessa mandheewwan Oromoo kanneen addaddaa irratti baafamee ture. Ani kaleessa mandhee “bilisummaa.com” oggaan banen, kurfeessitoota mandhee tanaatiin ammas deebifamee baafuu isaa arge. Dubbiin ennaa san walaloon kun irratti xiyyeeffame dubbii daran cimtuu, tan lafaa fi lafee uummata keenyaa waan taateef, obboleewwan keenya deebisanii gabbaasani. Akkuma harra mandhee Oromoo isa “gadaa.com” jedhamu irratti dubbiftan, warri abbaa qawwee kunoo ijuma teenya duratti: Aannolee Lammaffaa fi Calanqoo Lammaffaa akka biraatti adeemsisaa jira. Habashoonni Tigraay humna qawwee fi humna abbootii qabeenyaa kanneen warra alaatti hirkachuun, Oromiyaa teenya akka dullacha masqalaatti qircatanii qircisiifachaa jiru. Kan nama dhibu warra isaan akka diina tokkoffaatti ilaalaa turan, nafxanyoota haareyyii fi moofeyyii kanneen Habashoota Amaaraa waammachuun, lafa lafee Oromoo tahe: Ambo irraa hamma Malkaa Jabduu fi Dirree Dhawaatti, Jimma irraa hamma Kombolcha Warra Qaalluu fi Baatii isaan Wallo keessaatti saammachaa, warreeni fi firoottan isaanii badhaasaa, waraabeyyii akka isaanii kanneen baargamaatti gurgurachaa jiru. Hubaddhaa! Awwaallan haadholii fi abbootii keenyaatu, dabreeyyuu kan jagnoota keenyaa kan akka Tufaa Munaa, Birraatuu Goolee, Waamii Garoo, Shabbuu Bordee fi Ilaansoo Halloo faatu buqqifamaa jiraa! Laggeeni fi harawwan Oromiyaatu summii fi xurii-ajaawaa gabroomfatoota Habashaatiin faalamaa jiraa! Daa’immaan Oromootu summii kanan dararamaa jiraa, itti-dabaleetuu dararamuuf deemaa! Yeroon iyyinee iyya dabarsinuu fi, ee akka Oromoota Kurnan Gullallee bara Minilik sanii: “uu uu qabi dhayi” jennu abadan ammuma! Hayyee tokkummaa, tokkummaa! Karaa hundaan ijaaramuu, ijaaramuu! Karaa hundaan hidhachuu, hedhachuu dha mallisaa!

Jalqabaaf bakka jirru marattuu walagayii fi hiriiratti gadi haa yaanu! Lakkii, ishiin namoonni keenya tokko tokko waan hundumaa beellama kennuun gara boruutti dabarsan, “ennaa Oromiyaan bilisoomte furmaata argata“, nuun jedhan kun gonkumaa hin tahu. Wanneen akkanaa kanatti xiyyeefannee tarkaanfachuun, sirumaa qabsoo saba keenyaa akka jabeeffachaa deemnu nu taasisa malee, kan isa laaffisuu miti! Akkuma yommuu leellisaa Minilik, Teedii Afroo fi warra Biiraa Baddallee irratti olkaane san kana irrattis bobbawuu qabna! Dabaleesoo, ishiin qaruuteewwan warra Wayyaanee: “Magaalaawwan naannoo Finfinnee Shaggar guddisuu fi misoomsuufi” nuun jedhan, dubbii sobaati. Uummata keenya qeyee fi araddaa isaa irraa buqqisaa, aadaa fi afaan keenya balleessuun kan warra abbaa qawwee bakka-buusaa, namaa-sa’a, lafaa-muka summeessaa, barbadeessaa guddinnii fi misoomni wayiituu hin jiru. Kun biyyee fi biyya Oromooamaaromsuu isa lammaffaati! Kun biyya duubatti-hafaa fi warra duubatti-hafaan kan adeemsifamu malee, biyyoota qaroomina ammayyaatiin tarkaanfatan keessatti magaalaawwan guguddoon isaan xixiqqoo hin liqimsani, hin alkafatani. Fakkeenyaaf magaalmataa Biyya Jarmanii, Barliin ishiin amma keessa taa’ee waraqaa tana shalalu, naannoo ishii magaalattiiwwan xixiqqoo hanga: Duukam, Daalattii (“Alamganaa“), Sabata, Buraayyuu, Koloboo (“Mannaagashaa“), Aqaaqii Basaqaa, Qilinxoo, Sandaafa, Laga Xaafoo, Bakkee, Caancoo fi Sululta faa hin geenye 20 oltu jiru. Motummaan Jarmanii mootummaa qaroomee fi dimokiraatawaa waan taheef, magaalattiiwwan kanneen Barliin jala galchuuf hin aggaamu. Yoo tasa aggaamee immoo uummata naannoo tanaa callaa otoo hin taane, Jarman guututuu itti-ka’uun aangoo irraa isa buusa. Biyyoota qarooman kanneen keessatti magaalaawwan xixiqqootu filatama; jaalatama. Walittii qabiitii summeessin kun kan warra duubatti-hafoo akka warra Habashaa kanaati. Innin waayee Barliin irratti jedhe kun Roomaa fi Paaris, Osloo fi London faafis kan tahu. Kanaafuu, nuti uummata keenya fi Oromiyaa teenya summii fi xurii, diiguu fi mancaasuu warra abbaa mancaas jalaa oolchuuf, alaa-manaa oljennee mee haa tarkaanfannu! Mee iyyinee iyya haa dabarsinu!

Lafa, lafee Oromoo
Qaama sabaa kan qomoo
Biyyee, Biyya Oromoo
Dachee sabaa kan Qomoo
Maaf irra dannabsa
Maalumaaf caccabsa?

Lafatoo saamamee
Lafeetoo raamamee
Biyyeetu summeeffamee
Biyyatu guuyyeffamee
Anoo kanaafan iyyaa
Na dhagayi yaa biyya!

Jarri gaaraa dhufe
Kan roorroo itti-fufe
Warri abbaa qawwee
Nutti ta’e jawwee!

Nutti ta’ee jawwee
Hundumaa dhudha’aa
Nu duguuguuf hawwee
Hundumaa qusa’aa!

Inni sodaa Waaqaan beeku
Homaa safuu biyyaan eegu
Odaa-dha mummura
Awwaala gurgura
Aayyoo-dha garafa
Aabboo-dha wacafa
Kichuu keenyammoo soqola
Namummaa keenyaso fonqola!

Lafa keenya irratti
Lafee teenya caccabsee
Biyyee teenya irratti
Saba keenya daddabsee
Gabroota nu godhatee
Olii-gad nu unkura
Awwaala akkilee-llee
Gabaa baasee gurgura!

Laftoo lafee teenyaa
Kan irratti dhalannu
Kan irratti awwaalamnu
Yaa WAAQ maalumaafi
Kan irratti waadamnu?

Innis ilmoo namaa
Nutis ilmoo namaa
Dacheerraa duguuguuf
Maaliif nutti gamaa?

Isas Waaqatoo uumee
Nuyis Waaqatoo uumee
Inni maaf nu gabroomfata
Ofii-saan of-shuumee?

Dirra Oromoo madeessitee dhaantaa?
Lafee Oromoo caccabsitee nyaattaa?
Lafa Oromoo qiqircattee saamtaa?
Handhuuraa saba-koo ol-harattee baattaa?
Xiqqaa-guddaa keenya garaftee waaddaa?
Uummmata-koo jiraa-saallee awwaaltaa?

Laggeen summeessitee
Gandeen bulleessitee
Dubbii bukeessitee
Garaa-kee kan bineensaa
Kan namaa fakkeessita
Sammuu-kee isa iyyeessa
Kan gamnaa fakkeessita!

Qawwee fi beelaan biyya keenya lixxee
Joollee fi manguddoo waaddachuun fixxee
Kunoo, amma awwaallan abbilee
Maarree, kaabbaawwan aayyilee
Gurgurachuun horoosaa raamta
Lafee namas caccabsitee nyaatta!

Coqorsa ciccirtee
Coqortuu diddirtee
Jaarsa gadamoojjii hiitee-woo garaftaa
Jaartii warra-moodii huutee-too wacaftaa!

Siiqqee caccabsita
Dhugaa daddabsita
Yeeyyiitti hirkattee
Lafee teenya caccabsatta
Alatti hiixattee
Lafa keenya gadabsatta!

Kunoo, Oromiyaa teenya
Gabaa addunyaa baaftee gurgurta
Ilaa, Oromoo fi Kuush keenya
Eeleerratti baaftee guggubda!

Mee-yaa uummata-koo
Uumee-too saba-koo
Hamma yoomiitti waadamaa jiraatta
Hanga hammamiitti dhaanamaa gixaanta?

Abboo silaa duuti hin ooluu
Maleekanillee kana achin qoluu
Akka abbootii keetii hidhaddhuu gadbayi
Akka haadhotii teetii siiqqedhaan olka’i
Yeeyyota alaa-manaa
Qaltuu sa’aa-namaa
Gubduu margaa-mukaa
Awwaaltuu namaa-dhugaa
Ka’iitii asii fi achi bittimsi
Darbaddhuutii ofirraa figgimsi!

Hayyee gaye, gaye
Ilaa gaye, gaye
Olka’ii tokkummaa-kee cimsi
Gadbayii diina-kee bittimsi
Walatayii gabrummaa dhidhimsi!

Akka lamuun deebineef
Dhidhimsii fageessi
Akkan bayyananneef
Irree-kee jabeessi
Jabeessii ofirraa qoladdhu
Cimsii mirga-keef loladdhu!

Olka’ii tokkummaa-kee cimsi
Gadbayii diina-kee bittimsi
Walatayii gabrummaa dhidhimsi
Eekaa, dhidhimsii fageessi
Dachee Abbaa Gadaarraa
Biyya warra odaarraa
Gabrummaa balleessi!

Awwaala gabrummaa-rratti
Kosii roorroo gubbaatti
Republika Gadaa tolchii hundeeffaddhu
Dhiigaa-lafee keenyaan bu’ur-jabeeffaddhu!

Barliin – 10. 05. 11

************    Hubachiisa Miiljalee    ************

Walaloon kun mee miseensota qutee-bulaa Oromoo fi warra Gambeellaa, isaan qeyee fi gandeen ofii irraa buqqifamaniif mararfannoo fi biradhaabannoo haa tahu! Akkanuma uummata obbolaa keenyaa, Somaalota Ogaadeen warra gabroomfattoonni Habashaa rasaasaa fi beelaan fixaa jiraniif, mararfannoo fi biradhaabannoo haa tahu!

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

Waraana calqaba isaa malee xumurrii fi ittibahinsi isaa hin beekamne – Oromoon maal godhuu qaba?

Berhanu Hundee Waraanni amma garee seeraa fi heeraa ala mootummaa Federaalaa ofiin jedhu fi mootummaa …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *