Oduu Haaraya

MANDAROOTA FI MAGAALAAWWAN OROMIYAA – OROMIAN TOWNS AND CITIES: Kutaa Afraffaa

                                                                                      Taammanaa Bitimaa irraa
DURADUBBII
Dubbiftoota barreeffa kanaa jaalatamoo fi kabajamoo, baga nagaa fi nageenyaan naaf turtanii kutaa afraffaa kana duukaa-buu’uuf dhuftani! Akkuma isin amma gara mandhee tanaa dhuftan mee nagaa fi nageenyi, bilisummaa fi walabummaan Oromiyaa taanyaaf haa dhufu!
Erga Ambo bultanii bishaan, aannanii fi damma isaatti gammaddanii, amma adeemsa keenya gara Shaggarittii mitii gara magaalaa Baakkoo-tti haa xiyyaaffannu! Ambo qobaa isaa mitiwoo mandaroota fi magaalaawwan obbolaa isaa tahan kanneen godina Tuulamaa fi Maccaa (Oromiyaa Waltajjii) keessatti argamanii doowwachuun, sammuu keessaniif beekumsa, qalbii teessaniif tasgabbii (nageenya), ija keessaniif immoo gammachuu argamsiisa. Amboo baatanii achuma cinaa isaatti, wantee 110 irratti magaalattii sonaan bicuu takka, Sanqallee (15) – geessu. Nooraa fi dhagaan, “dhagaa Amboo” jedhamee beekamu, kan manneen warra sooreyyii dira Finfinnee ittiin ijaaraman Sanqallee kana irraayyi madda. Kuunnoo, garaaracha koobii (tullubbee) amma jiguuf, deemuu san keessaayyi baafama. Kunoo, amma qotanii qotanii biyyee Amboo kana sooreyyii warra Wayyaanee fi warreen kaanii gabbaraa jiru. Amma magaalaa Amboo fi Gudar jidduutti argamtu. Tulluu gara fuula Walisootiin isinitti muldhatu san argituu? Tulluu Wajiiraa jidhama. Akkuma agartan inni amma qullaa isaa dhaabata mitii? Ani ijoollee tahee yommuu Shaggar irraa konkolaataa-dhaan konkolaannee Gudar Gabaa Jaafaroo dhufnu, tulluu caakkaa dukkanaatiin dukkanaawu agarra turre. Mukni tulluu kanaa fi naannoo isaa harki jaatamni gaattiraa Oromoo kan gara waggaalee 200 faa ture. Ennaan ani karra koleejii Finfinnee irra tarkaanfaddhu, “bulguun mukaa” sun mukkeen san duguugee jira. Kana abbaa kiyyatu aariin gubachaa natti hima ture. Biyyi Torban Kuttaayee kun: Bolaan, naannoon Wajiiraa, Abeebe Booranaa, naannoon Cilmoo faa akkanuma naannoo Afran Walisoo keessaa Qaqaldhiin, Boddi, Dulleelee fi Wanci faa muka keessaa kan gaatiraa Oromootiin jifaaraman turani. Naaf hubattuu, “ture” tahee hafe seenaan keenya!

QAAMADUBBII

Kunoo amma, magaalaa Gudar (16) – jaalatamaa kana dhaqabnee jirra. Gudar maqaalee wanneen lamaa ti. Maqaa lagaa kan Tulluu Jibaat jalaa maddee, urufa Xuqur keessa bayee booda Laga Abbayyaatti yaa’uu fi kan magaalaa isa irratti hundeeffamee kanaa ti. Lagni Gudar kun “maaf maqaa-koo narraa fudhattee isaan waamamta?”, jechuun magaalaa Gudar isa mirgaa fi bitaa isaatti hundeeffamee kanatti aaree, shimala itti-luqqifachuu gaye. Uummanni Gudar beekaan kun yaa’ee isaan lamaanin: “adaraa Maaram Jijoo Gabataa, adaraa Damfaa Abbaaa Boorichaa!“, jechuun walitti araarsee, yaadannoo araara sanaatiif riqicha (dildila) beekamaa tokko ijaareefi. Amma riqicha kana achi ceyaatii Fincaawaa Gudar, kan magaalaa Gudar keessatti argamuu kana hanga ijji keessan quufutti dowwaaddhaa! Garuu,Gaarri Gorfoo inni karaa fuula Naqamteetin isintii maldhutu, kan magaalaan Gudar jalatti ijaarame “nutti jiga” jettanii homaayyuu hin sodaatinaa. Gaarri Gorfoos, magaalaan Gudaris, lagni Gudarii fi namni Gudaris, dabalees Ambo guutuun nama nagaan itti-dhufe nagumaan simata. Isa shimalaan itti-dhufe shimalumaan, isa qawween itti-dhufe qawwumaan simata. Kanaaf, isin warra “waddii” Abbaay Tsahaayee faa mitiiwoo waan takkollee hin yaaddayinaa!
Gabaan Gudar, kan Gabaa Jaafaroo jedhamu gabaalee Oromiyaa Waltajjii kanneen daran guguddoo tahan keessatti kan argamu. Inni hunda caala sangaafii damma isaatiin beekama. Sangoonni Warqaa-Abeebee, Xuqurii fi Horroo Guduruu gaaf san waan qeyeetti hafan namatti hin fakkaatu. Ajab yaa sangaa Horroo kan gaafa san Gudar dhaabatuu! Gaafni isaa kan samii tuquuf aggaamu sun: geeba, shiinii araqee, kolba billaa fi qodaa addaddaa meeqa taha laata? Ani hin beekuu, manni Turban Kuttaayee, manni Torban Guduruu fi manni Kudhalamaan Horroo haa lakkaawu! “Midhaan gabaa Gudar dhaabatu Toopphaa-kee hunda quubsuu danda’a“, naan jettiiyyu akkoon tiyya, Haati Badhaatuu! Mee amma otoo karaa keenya hin qabatin, daadhii Gudar qabbana kana dhugaatii garaa keessan qabbaneessaa! Dabalees Gudar akkuma magaalaa Walisoo, magaalaa Mojoo, naannoo Oromoo Afran Qalloo faatti kan kudiraa fi fudiraan beekamee, kan keessaa feetan hamma feetan nyaaddhaa! Loomiin Gudar irraa Shaggar bawu, gabaa fi nama Markaatoo urgeessee shittoomsa. Biinoon Gudar inni beekamaan kun silaa aannanumaa nama hin xuquu, keessumaa Oromoo isaa hin tuquu hamma feetan haleelaa; kan baasu ijoollee Gudar keenyatii homaayyuu itti hin rakkatinaa!
Jagnichi Oromoo, Maammoo Mazammir magaalaa kanatti dhalatee akka guddates yaadattuu-laa? Gaafa mootummaan Habashaa mana hidhaa keessatti akka gaararraatti isa rarraasisu san, wanni inni jedhe kan barumbaraan yaadatamu. “Waanan hin gooneen na yakkitanii, dukkanaan mana dukkanaa keessatti na ajjeessuuf deemtuu, gaaf tokko seenaa- koo ijoolleen Oromoo ifa keessa teessee dubbifti! Warri na yakkee na ajjeechisu kunimmoo yeroon isaan uummata keenyaan gatii-saanii argatan fagoo miti!” Inni bara 1967 keessa raajii kana himee nu jalaa galafatame. Warreen isa galaafatan sun immoo, qondaalonni Habashaa kan warra Hayila Sillaasee bara 1974 keessa mootummaa Dargiitiin ajjeefamani. Kunoo, akkuma inni raajii hime sana harra ijoollee Oromoo tan Dhaloota Qubee jennuun, kitila (miliyoona) hedduun lakkaawamtutu seenaa isa akkuma inni jedhe “ifa keessa taa’ee dubbisuu” bira dabreetoo, faajjii fi alaabaa Oromoo rarraafatee mootummaa koloneeffataa Habashaa, Wayyaanee unkuraa jira. Aduun magaalaa Gudar laafaa mitii, mee amma otoo qarmammeettii-tti gadi nutti hin hoowwin gara Geedoo-tti haa qajeellu!
Amma kunoo, randa Gaara Gorfoo baatanii jirtuu, mee konkolaataa keessaa gadi-bayaatii biyya abbaa keessanii isa asiin jiru kana doowwaddhaa! Gara fuula Finfinnee yoo ilaaaltan, kuunnoo magaalaan Amboo diriiree isinitti muldhata. Nama isa keessa jiraatullee waan lakkooftanii galmeessitan isinitti hin fakkaatuu?  Karaa kibbaatiin immoo kuunnoo Bolaa biyya cakkaa gaatiraa Oromoo ture san argitu. Urufni Xuqurii fi magaalaan Incinnii (17 ) – kan oggaa tokko tokko Xuqur Incinnii jedhamuu isinitti muldhachaa jira. Karaan achi nama geessu magaalaa Gudar irraa bayee, urufa Xuqur kan Gooroo Tokkee Kuttaayee fi Ruggee Ammayyaa jedduutti diriiree, diddireeree Goodaa Gadab isa godina Arsii fi Baale jedduutti argamuu fakkaatee muldhata. Booda karaan kun erga hedduu faagaatee deeme Tullu Jabaat faarfamaa fi jaalatamaa san gara harka mirgaatti dhiisee, jala dabruun “Noonnoo biyya gafarsaa” jedhamee isa geerrarsaan farfamu keessa kutee, magaalattii wiirtuu Noonnoo taate Shanan (18) – keessa dabree Laga Gibee cewuun Limmu Innaariyaa seena. Hubaddhaa! Kunoo amma gaarran beekamoo fi dheddheeroo kan gulantaa Oromiyaatti isaan duraa keessatti argaman argaa jirtuu:Roggee Ammayyaa (Meetira 3 350 M) fi Tullu Jibaat.(M 3 075) Namoonni tokko tokko Roggee Ammayyaa kanaan “Baddaa Roggee” jedhu. Tulluu Jibaat-tti karaa lixaatiin aanee naannoo Gaamoo Jibaat jedhamutu jira. Isaaa fi Laga Gibee jidduu immoo Gaamoo Gibee-tu jira. Gaamoon inni kitaaba Abbaa Baahiree keessatti ka’eeyyu sun, Gaamoo isa asii kana malee, isa Toopphiyaa kibbaa Gaamoo Goofaa keessatti argamuu miti. Karaa konkolaataa-tu hin jirre malee, Tulluu Jibaat irraa magaalaan Geeddoo fi Ijaajjii daran dhiyoo dha. Walaloon uummata Oromoo kan Tulluu Jibaati fi Roggee Ammayyaa faarsu baay’ee dha. Mee lamaan isaanii callaa:
                    “Jibaat caakkaa dukkanaa
                    Kormee keessa qupphanaa
                    Bosona Roggee Ammayyaa
Kutaa-dha achi wayyaa
                    Kutatee itti-galaa
Gaafa barii Masqalaa!
                    “Jibaat caakkaa maseenaa
                    Faannoon eessaan aseenaa
                    Yoo lappheen lowe malee
                    Yoo jilbaan deeme malee
                    Roorrisaa garaan lugnaa
                    Dubbiin eessaan aseenaa
                    Yoo biddeen seene malee
                    Yoo farsoon lowe malee!
Roorrisaan garaa lugnaa” kun nafxanyoota fi malkanyoota warra Habashaa sani. Namni nama miidhu, namni namatti roorrisu inni waan fe’elyyuu ofiin jedhu, uummata miidhame san biratti “lugna“, dabooroo dabooroo gadiiti jechaa dha. Akka dhaamsa geerrarsa kanaatti isaaf dubbiin haqa ilmoo namaa hin galuufi; kan galuuf waayee garaa-saatii duwwaa dha.
Akkuma naannoo Salaaletti Oromoon yoo nafxanyaa itti-goobe gombisee bosona Mogor seenu san naannoo Sadan Liiban (Ammayya, Walisoo fi Kuttaaye)-tti, naannolee Calliyaa, Caboo, Iluu Galaan, Daannoo fi Noonnoo faatti nafxanyaa namatti baace gobbisaniitu bosona Jibaat yookaan Roggee Ammayyaa seenu. Ennaa ani kutaa 10 magaalaa Walisootti baraddhu namoonni Oromoo kutattuu ta’an: naannoo Afran Walisoo fi naannoo Ammayyaa keessaa Roggee Ammayyaa seenuun mootummaa Hayila Sillaasee muddaa turani. Kan oggaa san nafxanyoota heedduu yaachise, abbootiin sangaa (baalabbaatonni) kanneen Ammayyaa “shiftoota kana qabaa fidaa!“, jedhamnaan diduu isaanii-ti. “Mirga ofiitii ka’uu malee, maal balleessan?”, jechuun gaafachuu isaanii ti! Oromoonni bosona Roggee Ammayyaa manneen ofii godhatan sun loltoota mootummaa Habashaa isaan qabuuf ergaman san “lulluuqqachaa” turani. Booda kutattoota Oromoo kana keessaa garii loltuu fi foolisii “faxinoo-daraash” jedhamu itti-duulchisanii erga qabanii, gabaa magaalaa Walisoo keessatti fannisiisani. Nuti isa oggaa san barumsa seenaa irratti, barroo (kitaaba) “The Old Wolrd” jedhamu keessatti bardhibbee 13-ffaa fi 14-ffaa faa Oroppaa keessatti tahaa ture san ija keenyaan, biyya keenya keessatti agarre. Dubbiin isaan bosona seenaniif waayee lafaa irratti ture. Abbootii lafaa isanii nafxanyoota gombisani. Haa-tahuutii, isa kana gaafa gara Walisoo deemne, bakka isaan itti-hidhamanii fi itti-fannifaman ilaalla. Hammasitti Dhaloonni Qubee kunii fi warri kaan: Baddaan Qeerroo, Roggeen Ammayyaa, Tulluun Jibaat, hummi Mogor, lagni Gibbee, sululli Dhiddheessaa, bosonni Dalloo Baalee fi caakkaan Carcar faa nama miidhameef manneen manneen caalan, manneen bilisummaa tahuu akka dandayan jala-harriqeen dabra. Egaa, mee amma garuma kaaneef san gara Geeddoo fi Baakkootti haa qajeellu!
Kunoo amma, Gaara Gorfoo baatanii goroo Tokkokkee kana dhaabaddhaatii karaa kibbaa fi karaa kaabaa-tiin Oromiyaa miidhagduu Waaqni miishagagsuun nu badhaase kana, mee sirriitti doowwaddhaa! Gara kibbaatiin Bolaa biyya gaattiraa, Roggee Ammayyaa fi urufa Xuqur isa korme keessa baroodu san akka gaariitti aggartu. Karaa kaabatiin immoo bowwaa Nyamar beekamaa fi faarfamaa san agartu. Lagni Gudar bowwaa Nyamar bakka lamatti kutuun keessa dabra. Karaa kanaan Lagni Gudar Gindabaratii fi Nyamar addaan- baasa. Booda immoo Calliyaa fi Gindabarat addaan-qooda. Godina Tuulamaa fi Maccaa (Oromiyaa Waltajjii) kanatti Nyamarii fi Mogor geerrarsa Oromoo beekamaa fi jaalatamaa san keessatti walii-wajjiin kaafamu. Akkuma Salaale nafxanyaa isatti goobe gombiseetoo Mogor seenu, Macci Bahaa malkanyaa fi nafxanyaa isatti baace gombisee Nyamar lixa. Ilaamee, geerrarsoota akkanaa keessaan lamaan isaa callaan isiniif dhiyeessa:
               “Manni keenya Mogorii
Mogor moggaa Salaalee
Yoo doofaa fi raatuu malee
               Eenyutu isa wallaalee?
               “Manni keenya Nyamarii
               Nyamarii fuullee Bolaatii
               Sanyii bineensaa mitii
               Nutis sanyii namaatii
               Namnin beekne nu bari!
Ee, nafxanyoonni isaan humna meeshaa waraanatiin biyya keenya qabatanii, humna meeshaa waraanaa saniin uummata keenya jilbeeffachiisanii bitaa turan, namummaa uummata Oromoollee hamma wallaalutti gayanii turani. Kanaaf, kutattoonni Oromoo kutatanii bowwaa Mogarii fi Nyamar seenan: “nuti akkuma keessan ilmoo namaatii, mee nu baraa!”, jechuun geerrarani. Kunoo, otuma waayee Nyamarii fi Mogor faa waa qalbeeffachaa deemtanu magaalattii “Tokkee Kuttaayee (19)” jedhamtu geessanii jirtuu, mee amma achitti haara baafaddhaa! Eekaa, sirrii-dhumatti haara baafachuun booda gara Geedootti qajeella!
                                                                                       Itti-fufa!
==============    //    ==============
Barreeffata kana kutaalee dabran ilaaluuf mee as tuqaa:
1) Kutaa Duraa
2) Kutaa Lammaffaa
3) Kutaa Sadaffaa

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

Kitaaba Raammisoo sagaleen..

Warra RAAMMISOO dubbisuuf dharraataniif hamma kitaabichaan walitti baatanuu, waraabbii sagalee kutaa 1-rraa hamma 7-aa, heera …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *