Oduu Haaraya

MANNI GOGAA WARAABEESSAAN IJAARAME,

GAAFA WARAABEESSI YUUSU DIIGAMA !!
Y.G(2005)
Sochiin Maqaa Oromoon gaggeeffamuuf yaadamu, garuu, Oromummaa kan of keessaa hin qabne, yoomillee ta’uu milkaa’uu akka hin dandeenye, seenaan waa hedduu akka ragaatti nu kaa’ee dabreera. Namni waan dabre irraa hin baratiinii fi of hin sirreessiin, seenaa Ummata mufachiise sana dabalee, tuffatamuun ala waan Ummata kanaaf argamsiisu tokko illee jiraachuu hin danda’u. namni ykn hawaasi ykn sabni ykn gareen kufaatii fi dogoggora irraa hin baratiin , bara baraan rakkoo ofitti dhalchaa fi of gaadi’ee bitintiraa jiraata malee, galii barbaadamu sana bira ga’uu hin danda’u. kanaaf kan kaleessaa irraa baratanii waan fooyyaa’aa hojjachuu qofaatu Ummata salphina keessaa baasu danda’a .

Har’a rakkoo keenya dabre kaafnee yennaa katabnu, ykn dubbannu, namoonni hedduun, waan dabree amma yoomitti lallabaa jiraannaa ? jedhanii , yaada arrabsoo irraa hin fagaanne yennaa laatan , guyyuu taajjabaa jirra. Garuu hundeen har’aa , kaleessa ta’uu hubachuu dhabuu keenyatu, bakka tokko dhiitaa akka jiraannu nu taasisaa jira. kaleessa waan ittiin laamshoofnee namni nutti kolfee , daballee wayita irra deebinee rakkoo kan biraa ofitti fidinu , dhibeen jiru kan kaleessaa wallaalu ykn hubachuu dhabuu keenya qofaa Odoo hin taane, yoo hubannoo qabaanne iyyu, waan dantaa keenyaa irra gaafa geenyu, isa kaleessa abaaraa turre ofii akka dabalaa jirru seenaatu ragaa ba’a. kana jechuun ammoo, sochiin Maqaa Oromoon gaggeeffamu kamuu, Oromummaan hundee sochii sanaa yoo hin taasifatiin, amma ka’anii deebi’anii gadi taa’u ta’uu, ammas seenaatu waa hedduu nu argisee jira.

Humna kamiifuu , badii ykn miidhaa ykn kufaatii yk dogoggoora kaleessaatu isaaf ka’umsa ta’a. kan kaleessaa odoo dubbannuu jiraannaa odoo hin taane kan nama komachiisu, waan waggaa 150 ol nu miidhe irraa barachuu maa dadhabne ? isa jedhutu namummaa keenyayyuu akka shakkinu nu taasisa. ammallee jabeessinee kan jennu yoo jiraate, kan kaleessaa irraa bu’aa malii argannee ? jedhanii yoo irratti walii galteen hin jiraatiin , boruu bu’aa argamsiifna jennee yaaduun , gawwummaa qofaa ta’u hubachuu feesisa. amma yaada kana hubatanii kan karaa jalqabanii fi hegaree qabsoo Oromoo gar-tokkotti luucceessuuf yaadaa fi wareegama baasaa jiran jiraachuun haqa . inni kaan ammo, sadarkaa yaada kanaa dhaqabu ykn yaadu dadhabee waan salphinaa irra deebi’aa jiraachuu inuma argina. Kaan ammoo haqa jiru odoo beeku, Qabsoof haa jedhu malee , obboleessa isaa irratti duuluuf ykn dhabamsiisuuf miidiyaa halagaa irratti yennaa lallaban argaa fi dhaga’aa jirra. Yaada wal irraa fagoo kana dhiphisuuf hanga irriibaa ka’anitti yaadachiisuun , haqa jiru itti himuun barbaachisaadha.

Kanaaf waan kaleessaa irraa yk kaleessa waan nutti fakkaate hojjannee har’a salphannee waan jennu wallaallee, isa sochaa’aa jiru abaaruu irra kan hin tarree gorsuuf , kan kaleessaa kaasuun, waan qabatamaan ta’e irraa barachuu dadhabuu isaanii qofa osoo hin taane, Mammaaksuma Oromoo Umurii guutuu isaan waliin ture irraa barachuu yoo dadhaban “MANNI GOGAA WARAABEESSAAN IJAARAME, GAAFA WARAABEESSI YUUSU DIIGAMA ! ” jechuun keenya hin dhaabbatu. Mammaaksi kun , nuuf waan dabre ykn waan bu’aa ykn miira keessa keenyaa qofaan kaane hojjannu, boruu jiraachuu akka hin dandeenye wayita nu dhaamu, DIINNI garuu, bara baraan hiikkaa mammaaksa kanaa akka hin hubanneefi of-irratti akka hin dammaqneef nu irratti akka hojjatu wal yaadachiisuun dansaadha.

Dogoggora dabre akka irra hin deebineef, dogoggorri duraanii namaa gadi nu gochuu isaa hubachuu qabna. Keenyas siinsallee kan addunyaas dubbisnee hegaree keenyaaf wal dandeenyee hin tarkaanfannu taanaan, beekumsaa fi dandeettiin keenya maalii ? beekumsi nuuti qabnu kan addunyaan itti fayyadamtee gabrummaa keessaa itti baasaa jirtuudha. Nu bira ga’ee maaf laamsha’ee nu miidhaa jiraata ? gaaffii hedduu tarrisuu dandeenya. Dhaloota itti aanu dhaqabuuf , rakkoo fi dogoggora dabre irra akka hin deebi’amneef dhalli Oromoo hundi hojjachuutu irraa eegama.
WAAN FOOYYEEFFACHUUN NU IRRAA EEGAMU:-
1. FEDHII UMMATAA GADI FAGEESSANII BEEKU :

Fedhii Ummata ofii wallaaluun Dogoggora hamaaf nama saaxila. Nama miiraan socha’u nama taasisa. Madda Ummata ofii tuffachuu ta’uu ni danda’a. keessa Ummata ofii wallaaluu irraa , halagaaa waliin teenye, ummata kana harka qabnee akka finnutti waadaa madda salphinaa nu seensisa. Kana jaallatee fudhataa ? yk sossobeen of jala hiriirsa jennee , habjuu ganama ka’aanii waan of biraa hin argannee nu habjochiisa. Sirnoota Itoophiyaa warri masaraa keessatti waliin sirban isa jiraachisuu akka hin dandeenye hundaa, namoonni nu marsanii harka nu rukutaniif jecha, qabsoo Ummata kanaa akka fedha keenyaatti micciirree , feenu diina jala galchinee, feenu kiisa keenya keessatti qabannee deemnaa jedhee kan nama yaachisiisu, fedhii Ummata ofii wallaaluudha. Gama kanaan bara 2000 kaasee waa hedduu dabarsine jirra. Har’a dhala Oromoo Addunyaa irra jiru addatti kan Biyya keessaa hiraarrii dhandhamaa jirutti, waa’ee siyaasa keenyaa,adeemsa siyaasaa Biyya Itoophiyaa jedhamtu fi addunyaa iyyuu , 1+1 = 2 JEDHANII tan itti himanii miti.
Haala qabatamaa jiruun yoo ilaallee , Ummati OROMOO , dhaabbilee Siyaasa Oromoo hundaa yaadaa fi qor-qalbiin dabree deemu eenyullee haaluu hin danda’u. kan caalaatti nama raaju, Ummati Oromoo hangamuu jabiina qalbii fi yaadaa qabaatuu illee, rakkoo keessaa fi alaan dhaaba irra rakkoon gara garaa wayita dhaqqabu, dhaaba karaa qabsoo Bilisummaa itti argisiise KUDHAAMA isaa taasifatee abdachaa jiraachuu isaatii. Kan dagachuun nu irra hin jirree, hatattamaan adeemsa Ummataa kanaan wal qixxeessanii Ummata kana galii barbaadamutti yoo hin qajeelchiin yk hin dursiin, tarii Ummati kun obsa isaa fixatee, waa xiqqoon mirga isaa kabachiisuuf sochiin taasisu babal’ataa deemee yoo abbaa dhabe, deebi’ee isa miidhu akka danda’u hubachuun dansaadha.( Asi irratti ragaa tokko kaa’uun barbaada.)

Bara 2000 keessa sochii Barattoota Oromoo haala qindaa’een eegalame, wayyaanee irriiba dhabsiisee turun hin dagatamu. Yeroo sochii sanaa Dargaggoonni Booranaa fi Gujii Maanguddootaaf yaada tokko kaasanii turan. “amma yoomitti akkasittin jiraanna ? hireen keenya nu harka jirti malee , halgaa harka hin jirtu, maaliif asumaa achi haxoofnee dachee isaanii irratti wal hin gaafannu ? Ilmaan Oromoo kana hojiin argisiisuu dadhabnaa ? Oromootti nu labsaa miidhaa kana of irraa dhaabnaa !” jedhaniin. Maanguddoonni mari’atanii kan jedhaniin, “Qaamni socha’uuf Mataan jiraachuu qabaa obsaa ” jedhaniin. Dargaggoonni yeroo sanatti mormanii turan. Garuu yaada nama bulee dhaga’uun aadaa dha jedhanii , diina qe’ee keessa isaan yaa’u odoo arganii callisan.
2. ABOn, KUDHAAMA UMMATA OROMOOTI !

Haqa kana kan hin hubatiin , kan Ummata kanaaf kabajaa hin qabaatiin qofaadha. ABO Ummata irraa adda baasuuf, sochiin gama hundaan hin taasifamiin hin jiru. Akkuman duratti kaase, “ABOn KUDHAAMA UMMATA OROMOO” ta’uu isaatiin, firaa fi diinoonni keenya, dogoggora seenanii jiru. Dogoggorri kun walii-lama ta’uu danda’a. Diinni , KUDHAAMII kun , kan fakkeessaatti fudhachuu irraa, ummata harkaa fudhachuu ykn isa irraa adda baasu yennaa yaalu, firri ammo, KUDHAAMI sun dhugaa ta’utti beekaaf, harkaa butee kan isaa taasisu keessa dogoggoran . hojii fafaas dalagan. Diinni kudhaama fakkeessi akka hin taane kan raga ba’ee, waggaa 22 ifaajjii taasise milkaa’uu dhabuu qofaan odoo hin taane, ABO maqaa gooleessaan galmee ASHABBAARII keessa galchuuf wayita tattaafatee fi Ummatichi daranu itti cimu irraatti .
Nuutis hanguma qalbiin nu yaaddun, ABOn , KUDHAAMA UMMATA OROMOO ta’u isaatti amanuu irraa , waan fedhii keenyaa raawwachuuf jecha, warra qabsoo Oromoo bu’ureessee dhaabichi hojjatus dhiisuus gaggeessaa jiran odoma beekanu, Kudhaama kana butuuf jecha, dandii salphinaa meeqa kan seenan, ammallee halgaaf jecha dandii salphinaa kana keessa kan gangalatan ni jiru. Kun qalbii ummata kanaa tuffachuu irraa madda. Ummata kana qalbii cabsinee, ammuma iji nu ilaaltu yaaduu irraa , maqaa seenaan meeqa itti galmaa’e har’a lafaa kaanee, akka huccuu keenyaa butannee fiigu yaanna. Kun keessa Ummata ofii walaalu irraa madda. Ummata haala kanaan gawwamsinee diina jala hiriirsina jechuun mataa isaa badii guddaadha.

Kanaaf , adeemsa bu’aan tokkollee hin argamsiifne kana irraa barachuun barbaachisaadha. Ummata ofii burjaajeessuu yaaluun , ummata ofiif yaadu miti. Addatti hawaasi Biyya alaa jiru , dogoggora kana sirreessuuf adda durummaan irratti hojjachuu qaba. Beektoonnis kana irratti hojjatanii waan ummata qalbii hirsiisuuf hojjatamu dura dhaabbachuu qaban. Seenaa Oromoo kan dubbannu ykn katabnu yoo taane, seenaa qabsoo Oromoo karaa irraa yennaa maqsifamu beektoonnis ta’u ummati callisee ilaalu hin qabu. Waan ifatti maqaa isaan daldalamu argaa callisuun ummata kanaaf yaadus miti. Abbaan fedhe maqaa baafatee haa gurmaa’u. garuu maqaa wal saamanii hojii manaa diinni nu kennu hojii irra oolachuu keessaa ba’uu qabna. Kana irratti yaadaa fi ejjannaa tokkoo qabaachuu qabna. Maqaa ABO saammachuuf qabsoo eegalle , kan jedhu yoo jiraate fayyummaa hin qabaatu. Kan fayyummaa hin qabne waliin kan fiigus , fayyaa hin qabu . fayyaa dhabuun kan abbaa ta’ee , warra fayyaa dhabeen ummati kun hiraaruun yakka . yakka seenaan nama hin dhifne. Kana gochuu keenyaan ammo , mammaaksa “MANNI GOGAA WARAABEESSAAN IJAARAMEE,,,,” dhugaa ta’uu amanu qabna.

3.ILAALCHAAN ADDA TA’UUN, OROMUMMAAN ADDA TA’UU MITI !
Mooraa qabsoo Oromoo keessatti ykn Ilaalchi siyaasa Oromoo keessa jiru , ani ilaalcha lama caalaa ni jiraata jedhee hin yaadu. Walabummaa Oromiyaa fi Bilisummaa Ummata Oromoo kan jedhuu fi Itoophiyaa Dimokiraatofte keessa jiraachuu dandenya kan jedhu. Lameen kana irratti kan murtee dhumaa laatu, UMMATA OROMOO qofaadha. Yaadi kun lameen kan milkaa’uu danda’an keessa yk fedhii Ummatichaa akka gaaritti hubachuu irraati. Waan hubachuu qabnu garuu , Inni walabummaa Oromiyaa jedhu, carraa Ummatoota Oromiyaa keessa jiraatanii dukkaneessuu akka hin taane wayita hubachiisan, warri Itoophiyaa Dimokiraatoofte keessa jiraachuu dandeenya jedhanis, mirga Ummata Oromoo dhiibanii milkeessuu akka hin dandeenye waliif amanun barbaachisaa ta’a.
Ilaalchi kun lameen hangamu garaagarummaa qabaatan, OROMUMMAA wal irraa mulquu hin qaban. Jibbi diinaaf qabnu fi waliif qabnu hedduu wal irraa fagaata natti fakkaata. Kaleessa adda baanee wal gaarreeffannee , wal salphifnee, ……. Waan irraa arganne qabanaa ? yeroos miira kamiinu haa kaanu, ni ta’a jennee kan eegallee ta’eeraa ? kana yaadachuu qabna. Kana har’a wal irraa fagaates, boruu yerootu walitti fida. Diinni hojii manaa nu kaa’ee kana irra tarkaanfannee dachaa isaa yaannee , isa injifachuu qabna. Abshalummaan keenya hedduu dabaluu qabna.

Jibba Ilaalcha irraa maddu hundumaa wal irraa kaafnee diinatti achi deebisuun, shirri diinni gama hundaan adda nu baasee umurii isaa dheereffachuuf tattaafatutti bishaan naqnee, kaleessa irra akka waliif jirru diinatti mul’isuun waan yeroon nu gaafattuudha. Keessattu , Biyyoota alaatti walirraa fagaachuu mul’ataa jiru kana dhaabamsiisuuf , ani akkasii jedhee kan utaalu waliin utaaluu irraa of qusatanii , waan deemamuuf dura hubatanii , lakkii dhaabbadhu jechuu qabu malee , yeroo hundaa akka dikee bishaan irraa ta’anii, ummata ofii taajjabsiisuun dhaabbachuu qaba. Kana malees beektoonnis ta’an kanneen hafan hundumtuu qabsoon kun na ilaallata jedhanii , yoo xiqqaate yaada laachuu irraa dhaabbachuu hin qaban.

Gaaffii Ummata kanaa gama hundaan dhageesisuuf , miseensa qofaaf dirqama kennuun hin taatu. Miidhaa saba ofii dhageesisuuf Oromummaan ga’aadha. dhimma keenya irratti wal tumsuun waan hundaan olitti kabajaa sabummaa nu goonfachiisa. Dallansuun, maal na dhibeen, dhimma isaanitiin kkf hundi deebi’anii nu miidhaa jiran malee, waan nu fayyadan hin qaban. Mooraa qabsoo Oromoo jabeessuuf, rakkoo jiru xiqqeessun gaaffii jalqabaa ta’a. kun ammo nama dhuufaa irraa eegala. Amma hundumtuu kan yaade irratti hojjachuu qabu, diinni qaawwaa nu gidduutti uume akkamiin cufachuu dandeenya ? isa jedgu irrattidha. Diinni shiroota ittin adda nu baasan beekanii dursanii argamuudha. Wal jibbiinsa diinni nu hawwuu sana lafa kaa’anii , yeroo rakkoo waliin jiraachuu argisiisu qaban. Sochiin OSAn gochaa jiru kana , gama hundaan babal’isanii , dhimma keenya dhaaba qofa irraa eegu odoo hin taane bakka jirrutti irratti hojjannee , diina keenya qaanfachiisuu qabna.
Kana irratti kan hubachuun nu barbaachiisu, rakkoo keenya cufachuuf yaadi ka’ee kun, mooraa diinaa keessa gangalachaa maqaa Oromoon, dantaa diinaa kanneen raawwachiisan hammachuu akka hin dandeenyedha. Kan kaleessaa irraa barachuun keenya keessa keenyaaf malee diina waliin waan nu baraaru hin qabu waan ta’eef.MANNI GOGAA WARAABEESSAAN IJAARAMEE……kutaa 2ffaan itti fufa.
Burqaa430@gmail.com

Note: The views expressed and the links provided on our comment pages are the personal views of individual contributors and do not necessarily reflect the views of bilisummaa.info

Check Also

faannoo

OROMO CIVILIANS CONTINUE TO BE TARGETED BY FANO MILITIA

Amhara Fano continued to attack Oromo civilians. In this latest incident, at least 17 people …