Oduu Haaraya

Meetni Nama Harka Jiru Dhagaa Fakkaata

Malkaa Caffee | Ebla 10, 2013

Qabsoon Bilisummaa Oromoo kan dhiigaa-lafee fi lubbuu gootota Oromoo kumootaan utubame bu’uurri isaa akka jabaa gadi dhaabbatee jira. Bu’uura kana jabeessanii tikfachuudhaan achi irratti waan hafe ijaaruu qofaatu guyyaa bilisummaa ummata keenyaa dhiheessa. Waan akka Sabaatti dhabne sana argachuuf mala/daandii haaraya barbaaduunis hammeenya hin qabu. Waan haaraya tokko gadi dhaabuuf bu’ura amma jiru kana diiguu barbaachisa yaadni jedhu yoo jiraate garuu, dogoggora seenaa guddaa dha. “Isa Mukaan Fuudhaatti, Isa Ukaa Buufti.” inni jedhamu (mammaaksi abbootii keenyaa) sun nu  mudachuu waan danda’uuf. Maaliifin kana kaase?

Ebal 21 bara 2012 irraa eegalee namoota dhimma QBOtu nu yaachise jedhaniin mariin dhimma kana irratti xiyyeeffate deemaa jira wanti jedhu oduu ow’ituu dhiheenya kanaa ti. Sanuma ilaalchisee yaadotni “Adeemsaa fi akeekni marii kanaa kan QBOf tolu osoo hin taane faallaa kanaa ti.” jedhanii dura dhaabbachuudhaan bifa shakkii, mormii, komii, qeeqaa….fi kkf. media adda addaa irratti daddarbatamaa jiraachuunis waan jiraa ti.

Yoo gamni lachuu dhuguma dhimma QBO irraa quuqamee dubbata tahe maaltu garaagarummaa yaadaa fi wal dura dhaabbannoo ykn. wal shakkii fi walitti quufuu dhabuu kana fide? Dhimma kana ilaalchisee waan natti dhagahamuu fi mul’atu kanin wal hubannoo fi walitti quufuu dhaba, akkasumas wal shakkii fi adda addummaa yaadaa amma mul’atu kanaaf sababa/madda tahuu danda’u jedhee yaadu gabaabsee ibsuuf, achumaanis quuqqaa kiyya hanga tokko of irraa buqqisuufin waan kana barreessuu dirqame. “Yaa Waaq siifan lafaa ka’a !  Achumaanin gaayyaa koos fudhadha.” jette jaartiin jedhu mitii.

Mariin Dhimma QBO irratti mari’atamu akeekni isaa kan tahuu malee fi tahuus qabu inni angafti umrii sirna bittaa alagaa gabaabsuu fi galma gahiinsa qabsichaa shaffisiisuu dha. Kana gochuun akka itti danda’amu keessaa inni qooda guddaa qabu ammoo, ilmaan sabichaa qabsoo kanatti akka hamileedhaan hiriiran, abdii fi jajjabina itti horuu dha. Warra hanga ammaa hin hiriirin akka hiriiraniif hamlee, abdii fi jajjabina itti horuun kan dada’amu ammoo, warra adeemsa QBO kan hanga ammaa keessatti hiriiranii wareegama bifaa fi sadarkaa adda addaa baasaa turanii fi baasaa jiraniif quudhuu, jajjabeessuu, hamlee tiksuu fi waan danda’amu hundumaan cinaa dhaabbachuudhaan taha.

Akeekni lammaffoon marii dhimma QBO kan tahuu malee fi tahuus qabu ammoo, toltuu fi hamtuu, akkasumas milkii fi gufaata qabsichi eegala isaa irraa hanga har’aatti keessummeesse guutummaatti gilgaalanii, haala jabinnii fi moyxannoon boonsaan horataman daran itti jajjabeeffamanii fi gabbifaman, akkasumas hanqinnii fi mudannoon hahamoon mummudatan/mumul’atan itti qoratamanii fuula duraaf irraa of tiksuun haala itti danda’amu mala dhawuu dha. Kana gochuun kan danda’amu ammoo, jabinaa fi moyxannoo boonsaa horatames tahe hanqinaa fi mudannoo hamaa mummudate osoo hin dhoksin, hin haalinii fi irra hin diddibin dhugaa jirtu lafa kaa’anii, nam-tokkees haa tahu qaama ykn. murna isa toleef itti quudhamuuf fi kan isa hammaateef itti komatamu illee akeekanii haala fuul-duraaf toltuu fi fiixa bahiinsa QBOf hojjechuu fi isaaf wareegamuutti nama kakaasu ‘motivation’ fi hamtuu QBO irraa ammoo nama daangessu tolchuudhaan taha.

Waa’ee QBO waa’ee ABOtiin addaan baasanii ilaaluun hedduu ulfaataa dha. Waa’een ABO fi waa’een Ummata Oromoo illee hangasuma takka sadarkaa addaan baasanii ilaaluun dhibutti hidhata seenaa horatee jira yoo jedhan dhaadhessuu hin tahu. ABOn waan akkuma salphaatti Dhaaba/Jaarmaya Polotikaa tokko jedhamee ibsamu bira dabree mallattoolee Oromummaa keessaa tokkotti hanga hubatamuutti onnee fi sammuu ummatichaa keessatti halluu hin haqamneen barreeffamee jira. ABOn Jaarmayaa fi Hooggana ummatichaa tahuun har’a ummaticha qofaan osoo hin taane alagaadhaan illee hubatamee jira yoo jedhan soba hin tahu.

ABOn Maali?/Eenyu?

Deebisaan gaaffii ykn. ibsi waa’ee maalummaa fi eenyummaa ABO kun ibsa abbaan barbaade akka isatti fakkaatuu fi fedha dhuunfaa isaatiin wal qabsiisee kennu osoo hin taane dhugaa/haqa dhiigaa-lafee akkasumas gatii lubbuu gootota Oromootiin gadi dhaabbattee fi tikfamaa jirtuun of mul’isa. ABOn ilaalchaa fi fedhii nam-tokkee namoota/miseensota isaatiin osoo hin taane Kaayyoo/Akeekaa fi Daandii/Tarsiimoo qabsoo isaa akkasumas Heera ittiin masakamuun beekama/ibsama. Kuni Kaayyoo fi Safuu Jaarmayaa ti. Kaayyoon QBO fi Heerri Dhaabaa kan miseensotni ABO waliin itti kakatan daangaa sirnaa fi naamusa, akkasumas kaayyoo fi safuu jaarmayaa (organizational principle) kana keessatti akka ofis tahe wal tiksan isaan gaafata. ABOn shira keessaa fi alaa hunda irra aanee kan yoona gaheenis miseensota warraaqoo fi of-kennoo kanneen jireenya lubbuu fi dantaa/sadoo mataa isaanii wareeganii irbuu seenanitti cichan waan qabaachaa turee fi jiruufi.

Seenaa Saba keenyaa irraa wanti hubannu, yeroo Aadaa fi Safuun Sirna Gadaa qondaalotuma Gadaatiin cabuu fi irra eejjetamuu jalqabe (Rakkoon/dhiibbaan alaa kan haala sana maddisiisuutti gumaache jiraatus) gurmuu fi jabbinni ummatichaas laaffachuu jalqabe. Haalli sun osoo malli itti hin dhawamin humni gabroomfataa laafina sana keessatti nu dhaqqabee akka nu irra aanuu danda’e dha seenaan keenya kaleessaa kan nu hubachiisu. ABO keessattis yeroo Kaayyoo fi Safuun Jaarmayaa kun miseensotuma hooggana Dhaabichaatiin cabuu fi irra ejjetamuu jalqabe irraa kaaseeti haalli gurmuu miseensota Dhaabichaa fi sochii QBO irratti illee dhiibbaa qabu suuta suuta guddachuu jalqabe. Adeemsi Kaayyoo fi Safuu Jaarmayaa ABO cabsuudhaan deemamuu jalqabe kun yeroo ammaa sadarkaa yaaddessaa irra gahuutti jira jedhameetu miseensota ABO hedduudhaan amanama. Yoo xiinxalli kun dhugaa tahe, miseensota ABO qofa osoo hin taane hayyootni, manguddootni, dargaggootni, walumaagala sab-boontotni Oromoo hundi kan biyya keessaas tahe kan biyya alaa haala mooraa QBO keessatti deemaa jiru kana dammaqiinsa cimaa fi hordoffii addaan hin citneen jala bu’anii, miidhaa inni QBO irraan gahuu malu, danda’amu hanqisuu, dadhabamu xiqqeessuu keessatti qooda ofii gumaachuun dirqama seenaa kan yeroon ammaa kun gaafatu taha.

Akkumaan olitti irraa tuqe, ummatni keenya madda jabinaa fi ittisa isaa kan tahe Sirni Gadaa isaa laaffatee jennaan diinota isaatiin mohamee gabrummaa jalatti kufuu mudate. Jireenya gabrummaa fi roorroo hadhaawaa sirna bittaa alagaa (gabroomfataa)dhaan irratti fe’ameen Jaarraa tokkoof erga bittinnaawee eenyummaan sabummaa isaa gara dhabamuutti dhihaatee booda, kan inni deebi’ee akka sabaatti gurmaawee naannoo isaa fi addunyaatti illee beekamuu danda’een Dhaaba kallacha qabsoo bilisummaa isaa tahe Adda Bilisummaa Oromootiini. Yeroo ammaa Oromoon (hanga isaaf malu tahuu baatus) kan beekameen, kan inni kabajamuu fi sodaatamuun Dhaaba isaa kana (ABO)tiini. Akkuma yeroo Jaarraa 19ffaa kan laaffachuu Sirna Gadaa irraa gurmuun Ummata keenyaa qaqaawwuu arganii daran addaan qoqqooduudhaan isumaan isa cabsuutti milkaawan sanatti, yeroo ammaa illee diinotiin keenya rakkinaa fi diigmaya mooraa QBO fi ABO keessatti dhalatutti gargaaramanii bakka geenye irraa hanga danda’an duubatti nu deebisuuf ijibbaachuu irraa tasumaa kan hin boqonnee fi rafanii hin bulle tahuun waan hojiidhaan arguutti jirru. Dhalli Oromoo har’a jiru (keessattuu kaa’imman) waan ammaan booda QBO fi jireenyaa fi dagaagina sabummaa Oromoo bakka gahe irraa duubatti deebisuutti gumaachu kamiifuu carraa kennuu ykn. dagamuunii hin qaban.

Mee waanin armaan olitti tuqe, kanin Yeroo Kaayyoo fi Safuun Jaarmayaa ABO miseensotuma hooggana Dhaabichaatiin cabuu fi irra ejjetamuu jalqabe irraa kaaseeti haalli gurmuu miseensota Dhaabichaa fi sochii QBO irratti illee dhiibbaa qabu suuta suuta guddachuu jalqabe jedhe sanaan eegalee bal’ina/detail yaada kiyyaatti haa seenu:

1)      Dhaaba/Jaarmaya akka ABO kamuu keessatti haalli miseensotni Dhaabichaa walitti quufuu fi waliin deemuu dadhabanii hanga tokko wal bubuusan, dabreetis haalli namootni hagni tokko garee uumanii Dhaabicha irraa itti fottoqan uumamuun waan baasaa (dur-hin-jirree) miti. Dur-hin-jirreen ykn. baasni QBO fi ABO qofa keessatti mul’ate (kana dura bakka biraattis yoo mul’atee jiraate warri beektan na qajeelchaa wal irraa barannaa) garuu namootni akkasitti Dhaabicha irraa fottoqan maquma Dhaabicha Kaayyoo fi Safuu Jaarmaya isaa kan itti kakatan (irbuu itti seenan) cabsanii bahanii sanaan of yaamuu isaanii ti. Akka waan durumaanuu Dhaabicha jechuun isaanuma (namoota sana) jechuu taheetti. Kun aadaa fi amala badaa kan nam-tokkeen Jaarmayaa fi Heera Jaarmayaatii olitti of ilaaluu irraa madda. Haalli akkanaa tokko irra lama deebi’ee ABO mudate.

2)      Baasni biraa ammoo waan tahiinsa lamaan kana booda agarree fi dhageenyee dha. Jaarsi, Angafti yookaan namni akka jaarsaa fi angafaatti ilaalamu, nama dogoggore dogoggora isaa itti himee, gorsee karaatti deebisuunii fi namoota wal dhaban gidduu dubbii ilaalee, bakka itti waa jallatte akeekee, mala furmaataa dhawee araara buusuun aadaa Ummata keenyaa keessatti waan beekamaa fi iddoo guddaa qabu. Ilaalcha qulqulluu hundee aadaa ummata keenyaa irraa maddu kanaan angafootaa fi jaarrolii keenya kan jaalalaa fi kabajaa guddaa qabnuuf (Bu’uuressitootaa fi MG ABO) rakkoo mooraa QBO fi ABO keessatti deddeebite kana ni furu jedhamee guddoo abdatame. Haa tahu malee adeemsi isaanii, dubbiin, barreeffamaa fi gochi isaanii, madda rakkoo mooraa ABO keessatti dhalatte ilaalchisee, kanneen kaayyoo fi safuu jaarmayaa ABO irratti cichanii hundeen Dhaabichaa fi QBO akka hin diigamneef wareega baasanii fi kanneen beekaas haa tahu itti fakkaatee dogoggora ykn. badii raaw’atan akka tokkichatti ilaaluu, sana bira iyyuu dabree, gara silaa badiin/dogoggorri jirti jedhamee amanamutti cillaanfachuu fi garasiif baabsuun mul’ate. Adeemsi akkanaa jaarrolii fi angafoota keenya kanneen gariin isaanii Bu’uuressitoota ABO tahuutti beeknu irraa mul’achuun mooraa ABO fi QBO keessatti baasa biroo fi gaddisiisaa tahee dabre. Angafootni keenya (jaarroliin) kanneen ABO bu’uursanii kaayyoo fi safuu jaarmayaa illee ofumaa tolchaniifii ittiin hooggana kennaa turan Dhaaba ofii bu’uursan kan ummatni Oromootis abdii isaa tokkicha godhatee jaalalaa fi deggersa hiriyaa hin qabneen faana hiriiree jiru, ofumaa deebi’anii kaayyoo fi safuu jaarmaya isaa dagatanii ykn. cabsanii kanneen isa irraa fottoqaniin wal qixxeessanii “Gareelee/murnoota maqaa ABO himatan….” Jedhanii yaamuun waan tasumaa isaan irraa eegamu hin turre. Mooraa ABO fi QBO jabeessuu fi bilisummaa Ummatni keenya dheebote kaleessuuttis waan gumaache ykn. gumaachu hin qabu. Inumaa faallaa sanaa yoo tahe malee. Dhugaa/haqa maalummaa fi jireenya ABO haaluun ykn. dabsuun akeeka maaliifi? ‘Precedence’ akkamii dhaloota boriif kaa’uutti jirama ?  gaaffiin jettu miseensota ABO keessaa xiixxee kaanaan “Lakkii kun humaa iyyuu mitii, waanuma salphaa dha, wanti guddoon araarri bu’ee gurmuun qabsaawotaa walitti deebi’uu dha.” jedhame. Gaaffiin tun namoota gariidhaaf (kanneen maalummaa ABO/Jaarmayaa fi qabsoo irratti hubannaa gahaa hin qabnee fi hadhaa fi wareegama qabsoon qabdus dilas hin dhandhaminiif) dhimma salphaa kan ka’uu iyyuu hin malle fakkaatti. Kanneen gaafataniif garuu gaaffiin tun gaaffii bu’uuraa, jiraachuu fi dhabamuu ABO fi QBOtiin tan wal qabattu gaaffii ulfaattuu dha. Mee fakkeenyaan haa ibsinu:

  1. Bara 1978, 2001, fi 2008 ABO keessatti Fottoqatu mudate. Kanneen ABO irraa fottoqanii fi ABO gidduutti walitti bu’iinsa ykn. lolatu (sadarkaan isaa wal haa caalu malee) dhalate. Miseensotni ABO, dhimma olitti kaasne kan Kaayyoo fi Safuu Jaarmayaa ABO kan hanga wareegama lubbuutti jedhanii irbuu seenaniif sana irra dhaabbachuudhaan, Dhaaba keenya ABO dhabama irraa baraarra, itti fufiinsa qabsoo bilisummaa saba keenyaa mirkaneessina dhaabbii jedhuun falman. Falmaa kanaanis wareegama lubbuu fi qaamaa hir’achuutti dabalee wareegama bifa gara garaa hedduu baasan. Wareegama isaan baasaniin ABO fi QBO jiraatee yoona gahe. Har’as kan QBO itti fufee diina kuffisee kufaa jiru isaanuma (Miseensota ABO) ti. Kun dhugaa dha. Dhugaan ammoo yoomuu, eessattuu, eenyuufuu dhuguma. Ulaagaan dhugaa dhuguma tahuu isaa qofa. Dhugaan yeroo nu gammachiisus, yeroo nu gaddisiisus, yeroo nu boonsuu fi nu qaanfachiisus, yeroo itti gaabbinus, yeroo itti quufnee itti mirqaannus, yeroo qooda keessaa qabnuu fi hin qabnes, yeroo keenyaas, yeroo kan nama biraas, wanti dhugaa dhuguma.
  2. Warri ABO irraa fottoqes dhaabbii isaanitti fakkaateen hiriiranii falman. Isaanis wareegama baasan ni qabu. Wareegamni lubbuu, qaamaa hir’achuu, qabeenyaa….fi kkf. bahe hundi ija bu’aa fi honga/kasaaraatiin oggaa ilaalamu, keenyaa fi kan isaanii jedhamuu hin danda’u. Hundumtuu walumaan keenya. Kan Oromoo ti. Nutu/Oromootu itti miidhame. Bakka itti garaagarummaa qabu garuu ni qaba. Wareegama isa garamiitu itti fufiinsa jireenya ABO fi QBO mirkaneessuutti gumaache? Isa kamtu faallaa sanaatti gumaache? gaaffii jettu deebisuu irratti. Isa dabre hamaa fi tolaa isaa hunda irraa baratanii, isa duranaa sirreeffachuu fi jabeeffachuudhaaf hojii hojjetamu keessatti, gaaffiin tun “Kan dabre seenaaf dhiifnee isa duranaa qofa dubbanna.” yaada jedhuun irra dibamtee, haqni dhiigaa-lafee, haqni lubbuu ilmaan Oromoo achi keessatti awwaalamtee tan bira dabramtu yoo taate, itti bahi adeemsa akkanaa amna QBO isa nu afatu kan nuuf salphistu hin taatu. Hegeree Oromootiifis ‘Precedence’ jabinatti gumaachu kaa’aa deemuu hin taatu. Kana akkasitti fardeessanii irraa falmuu fi tuffannee bira haa dabarru jechuun (ilaalchi lachuu) mooraa QBO keessa yoo jiraatte madda wal hubannoo dhabuu tokko tahuu dandeessi.

3)      Adeemsi Kaayyoo fi Safuu Jaarmayaa ABO cabsuudhaa kan jireenyaa fi eenyummaa ABO xiqqeessuu, dabsuu fi haaluu fakkaatu kana qofatti hin dhaabbanne. Qabsoon Bilisummaa Oromoo kan Akeeka/Galii qabsichaa ABOn hordofu ifatti maxxanfatee addunyaaf labse eegalamee, baroota hanga kanaa deemee, bu’aa-bahii hedduu qaxxaamuree, injifanoolee hanga kanaa galmeessee, wareegama lubbuu ilmaan Oromoo dila sana gaafatee, har’a illee haaluma kanaan itti fufee osoo jiruu, dhiheenya kana guyyuma keessaa lafaa ka’amee “Jalqabuma irraahuu Kaayyoon QBO kan ABOn maxxanfatee ka’e inni dhugaa akkana moo akkas turee?” falammiin jettu mooraa QBO keessatti akka kaatu taasifame. Ilmaan Oromoo kan Kaayyoo ABO fi QBOtti amananii, jireenya isaanii qabsichaaf wareeganii, hamilee fi of kenniinsa guutuudhaan qabsaawaa jiran, kan jaallan isaanii qabsaawota/warraaqxota hedduu wareegamaan of biraa dhaban biratti wanti kun akkamitti hubatama? Haala akkamii uuma? Dhimmi jaallan/gootota akeeka kanaaf wareegamanii hoo? Haala itti gaafatamummaan/responsibility namatti hin dhagahamneen, jechaanis haa tahu gochaadhaan dogoggorri raaw’atamu gariin isaa adeemsa qabsichaa, gurmuu fi hamilee qabsaawotaa hubuu bira dabree ekeraa jaallanii illee hanga boqonnaa dhorkuutti deema. Dhimma akkanaafaa akkasitti jabeessanii ilaaluu fi akka biraatti salphisanii/xiqqeessanii ilaaluun (ilaalchi lachuu) yoo mooraa QBO keessa jiraatte wal hubanoo fi walitti quufuu dhaba amma mul’attuuf madda tokko tahuu dandeessi jedheen amana.

4)      Baroota digdamman (20) dabran QBO injifannoo galmeesse (bu’aa argamsiise) hin qabuu? Har’a hoo hojiin qabsoo hojjetamaa jiruu fi bu’aan wareegamaan argamaa jiru hin jiruu? Akkaataa itti adeemsa QBO ilaallu, hubannuu fi xiinxallu irratti garaagarummaa fi rakkoon guddoon bakki jirtu tokko deebisaa gaaffilee kanneenii irratti tahuutu natti mul’ata. Osoo mooraa QBO keessatti Chartera Mootummaa Cehumsaa keessaa bahuu ABO booda, wal afaan deebi’anii wal komachuu fi wal diinomsanii wal irratti duuluu malee injifannoolee hanga yeroo sanaatti galmaawan tiksuu fi irratti ijaaraa deemuuf homtuu hin dalagamne tahee, dhiiro silaa duula mootummaan Wayyaanee yeroos irraa jalqabee daboo humnoota hedduu dabalatee nu irratti gaggeessaa ture irraa Dhaabnii fi qabsoon saba kanaa dandamatee yoona ni gahaa laata? Haa tahu malee, yeroo xiinxala akkasii (Baroota digdamman dabran mooraan QBO wal irratti duuluu ykn. rakkoo keessaa qofa keessummeessaa jira kan jedhu) dhiheessinu waa’ee eenyuufaa fi waa’ee fuula hojii qabsoo isa kamii haasawuutti akka jirru ni qaabannaa? Waa’ee fuula hojii qabsoo isa kamii daganne hoo? Dhuguma, haalli baroota digdamman dabran kana Oromoota biyya ambaa (Diaspora) keessatti deemaa bahee fi amma illee jiru xiinxala kanaan wal fakkaachuu danda’a. Dispora keessatti ammoo waan fedhe dalaguuf kan QBO fi ABO caalaatti aanjaa itti qabu diina keenya (Wayyaanee) dha. Sanuu tahee garuu, diaspora keessattuu haala diigmayaa fi wal irratti duuluu qofaan waggoota 20 dabarsine jechuun dhugaa irraa fagoo dha. Miseensotaa fi deggertoota ABO biyya ambaa (diaspora) kanneen olola, gochaa fi adeemsa diigoo hunda, garii isaa gurra irraa cufatanii, garii isaa ammoo gootummaadhaan dura dhaabbatanii hanga danda’an dirqama QBO isaan irraa barbaaddu bahachaa yoona gahan, qooda isaanii dagachuu ykn. haaluus taha. Achuma ‘diaspora’ keessattuu wanneen ijaaroo fi QBOf irkoo cimaa tahan hedduun dalagamaa waan turanii fi jiraniif. Osoo dubbannuu, miseensota ABO kanneen baroota digdamman kana keessatti horatamanii har’a iddoo dirqamaa fi gaafatamaa furtuu meeqa irra jiranii fi jireenya ABO fi QBOf utubaa tahanii jiran hoo xiinxala kana keessatti ni daganne moo ni yaadanna? Waan waggoota 20 dabran keessa dabarre qofa osoo hin taane, mee waan har’umaa keessa jirru haa ilaallu. Sa’aatii ammaan tana ani waan kana barreessaa jirutti ilmaan Oromoo miseensotni ABO kanneen Bilisummaa Ummata keenyaaf jecha baddaa fi gammoojjii, magaalaa fi baadiyaa biyya teenyaa keessatti diina kuffisanii kufaa jiran hedduu dha. Wareegama WBOn baadiyaalee Oromiyaa keessatti baasaa jiru kan yeroo hedduu qunnamtii media addunyaa dhabee caasaa ABO qofa keessaan dhagahamu qofa oso hin taane, wareegamni ummatni keenya (keessattuu Qeerroon Oromiyaa) haala diinni ukkaamsee dhoksuu hin dandeenyeen baasaa jiranii fi injifannoon gara kanaan galmaawaa jirus abbaa beekaa rafe malee nama dhimma QBO hordofu kamuu jalaa dhokataa miti. Xiinxalli waggoota 20 as aananiif qabnu kan waanin asii olitti tuttuqe kana hundaaf bakka hin kennine kun, falmaa Oromoon bilisummaa isaaf gaggeessaa jiru kana ni jajjabeessa moo harkatti busheessee hamilee tuquutti gumaacha? Fiixa bahiinsa qabsoo bilisummaa Saba keenyaaf dhimmamna jechuu fi warreen akeeka kanaaf hanga wareegama lubbuutti qooda kennaa jiranii fi wareegama baafamaa jiru guutummaatti ‘ignore’ godhanii waan biraa qofa odeessuun akkamitti wal fudhachiifama? Kan nuti dagachuu hin qabne, lubbuun har’a QBOf wareegamaa jiru kun lubbuu jaallan angafoota keenya qaqqaalii kanneen akka Maammoo Mazammir, Elemoo Qilxuu, Taaddasaa Birruu, Baaroo Tumsaa, Magarsaa Barii……fi wkf. sana irraa addummaa hin qabu. Wareegama lubbuu ilmaan Saba keenyaa kan Bilisummaa Ummata keenyaaf baafamaa turee fi baafamaa jiru hunda waluma qixa bakka kennuufiin haqa.

Xiinxalli dhimma ABO fi QBO irratti goonu akeekni isaa fiixa bahiinsa gaaffii bilisummaa Ummata keenyaa hanga tahetti, xiinxala tattaaffii ilmaan Oromoo kaayyoo kanaaf gochaa turanii fi jiran, wareegama isaan baasaa turanii fi jiran, bu’aa wareegamni kun argamsiisaa turee fi jiru hunda sakatta’ee mul’isuudhaan faarsee, jajjabeessuu fi hanqina/laafina turee fi jiru illee karaa qajeelaa fi ijaaraa taheen mala furmaataa waliin kan lafa kaa’u tahuu qaba. Akka duranaaf daran hamilanii, jabaatanii falmatanii fi galiin bilisummaa sun dafee dhaqqabamuuf ammoo, tooftaa fi daandii dhugumaan nu milkeessu, kan hojiitti hiikamuu danda’u (Practical) kan akeeku tahuu qaba. Xiinxalli tattaaffii fi wareegama ummatichaa, akkasumas bu’aa wareegama kanaa dagatu, yookaan beekaa leellisuu dhiisu, hamilee sab-boontotaa fi qabsaawotaa tuquutti gumaachuu danda’a. Olola diigaa kan harki diinaa duuba jiru fakkaachuus danda’a.

5)      Marii amma irraa dubbannu kanaan wal qabsiifamee, yaadni maqaa namoota dhuunfaa tokko tokko dhawuudhaan “Basaasota tarsiimoo, ergamtoota diinaa, warra gaafa akkasii badii akkasii gaheef gaafatamoo, gantoota diinatti galuuf deeman…..fi kkf.” jedhamu hoo dhuguma QBOf toltuu yaaduu irraa kan maddu yaada bilchaataa ragaa fi qorannoo gahaan deggeramee dhaa? Yoo hin taane, dubbii bifa kanaan hammeessanii ololaan maqaa wal xureessuu fi garaa wal hammeessuun diina moo nu miidha? Bu’aan isaa hoo eenyuufi? Waan marsaalee interneetii irratti facaafaman kan QBO laaffisuu fi diiguuf akeekkatan irra hedduu isaanii diinni suduudaan fi karaa ergamtoota isaa akka godhu beekamaa tahu illee, hundumtuu kan diinaan raaw’atame qofa jechuun garuu ni danda’amaa laata? Yaadni akkasii yaada/ilaalcha wal faallaa tahan lama kan yeroo adda addaatti mooraa QBO keessatti mul’atanii fi dhagahaman keessaa madda jedheen shakka. Yaadni/ilaalchi wal faallaa lamaan: Inni tokko QBO hoogganuun ammaan booda kan dhaloota haaraa tahuu qabaa jaarroliin dhimma QBO kana irraa harka keessan kaasaa kan jedhuu fi inumaa maddi rakkoo QBO jaarroliin harka keessa naqachuun jeequu dha kan jedhu oggaa tahu, inni biraa ammoo Jaarroliin, keessattuu bu’uuressitootni rakkoo QBO hundumaaf furtuu of harkaa qabu jedhee kan amanuu fi yeroo hundumaa isaan madda furmaataa malee qaama rakkoo tahuu akka hin dandeenyee fi akka niis hin dogoggorretti illee of amansiisee isaanuma qofa irraa waa dhagahuu kan barbaaduu dha. Yaadni kun lamaanuu dogoggora. QBO ni miidha malee hin toluuf. Sababaan isaa:

a)  Akkuma Sirni Gadaa keenya kan Gogeessa gadaa hundumaa turetti QBO illee kan dhaloota Oromoo hundumaa ti. Namni mirgaa fi dirqama QBO irraa soorama bahuu ‘retirement’ namatti/namaaf kennuuf aangoo qabus hin jiru. Jaarroliitu madda rakkoo ti jedhanii angafoota keenyaaf (keessattuu Bu’uureessitoota Dhaaba keenya ABO) maqaa akkasii kennuufiinis (hanga isaan hiriira diinaa hin seeninitti) cubbuu cubbuu caalu. Safuu haqa QBO illee cabsuu dha.

b)  Nama tahe namni hin dogoggorre, jallachuu hin dandeenye, humna/energy hin fixanne, qulqulluu fi jabaan akka Waaqayyoo, kan yeroo hunda waan hunda gochuuf dandeettii, beekumsaa fi jabina qabus hin jiru.

c)   Amna qabsoo isii nu hafte laaftuutti xumurachuun kan danda’amus yoo qoodni gama lamaanuu waliin jiraatee fi wal tin’ise qofaa dha.

6)      Jireenya dhuunfaa ofii jiraachaa, iddoo nagaa qabu tokkotti walitti dhufanii dhimma QBO irratti mari’atanii waa murteeffachuun wareegamni/dadhabbiin inni nama gaafatuu fi waan akkasitti murteeffatan sana achii bahanii hojiitti hiikuun wareegamni/dadhabbiin inni gaafatus waan wal hin himne; waan hedduu addaan fagoo ti. Isa jalqabaatiif yeroo fi qabeenya keenya irraa waa xiqqo wareeguun gahaa tahuu danda’a. Isa lammataatiif garuu, dantaa/sadoo jireenya kiyyaa irraa hangana wareegeen hangana qusadha jechuun hin danda’amu. Sadoo jireenya dhuunfaa guutuutti (hanga lubbuutti illee) gaafachuu danda’a. Yoo dhugumaan garuma keenya irraa dhimma QBO fiixaan baasuu dubbanna tahe jechuu dha. Oromoon dhimmi siyaasa Oromoo dhimma kiyya jennee waan kana naannessaa jirru lakkoofsi keenya hedduu xiqqaa dha. Miseensota Dhaabota siyaasaas haa taanu kanneen akkasumatti garee garee uummannees tahu mata mataan waa’ee siyaasa Oromoo hordofnu, hojjennu, wal falminuu fi irratti walitti bubuunu kun hundumtuu osoo walumatti dabalamnee lakkaawamnee lakkoofsi keenya kan warra faallaa keenyaa waliin yoo madaalame hedduu xiqqaa dha. Waan taheef namni kun irra gaddaan isaa eenyutu eenyu akka tahe wal beeka. Eenyutu haasaa/jecha qofaan qabsaawaa fakkaataa fi eenyutu gochaan/hojiidhaanis qabsaawaa dha ykn. qabsaawaa tahuu danda’a kan jedhu madaala walii beeka. Waan tokko asitti tuquun barbaada.: Waggoota digdamman (20) dabran mooraa QBO keessatti walitti duuluu fi wal diinomsuutu caalaatti keessummeeffame xiinxala jedhu kanin olitti ibse ilaalchisee. Duulli jedhame sun irra guddaan isaa eenyuun gaggeeffamaa ture? Eenyu irratti gaggeeffamaa ture? Deebiin isaa salphaa dha. Namoota jireenya dhuunfaa ofii gaggeeffatan kan sadoo jireenya isaanii irraa 5%  QBOf wareeguutti hin jirreeniti namoota sadoo jireenya isaanii 100% QBOf wareeguutti jiran irratti gaggeeffamaa bahe.

Sababni ani kana kaaseef, marii amma dhimma QBO irratti deemsifamaa jira jedhamu kana keessatti, eenyummaan namoota hirmaachifamaniis yoo kan jiila olitti ibsame kana daranuu hammeessu tahe, wal dura dhaabbannoo marii kana ilaalchisee amma mul’atuuf sababa tahuu danda’a yaada jedhu irraahi.

Xumura:

Ummatni keenya (Oromoon) har’a jaarmaya ni qaba. Jaarmayni Oromoon akka Sabaatti waa irraa eeggatu/dhaggeeffatu kan akka sabaatti gurmeessee/itichee isa hoogganuu danda’u  ykn. sanaaf abdatamu tokko har’a ni jira. Innis ABO dha. Wanti har’a Oromootti hir’atee jiru waan tokkicha (garuu guddicha) Aangoo Polotikaa ti. Sana Oromoodhaaf argamsiisuufis waan tokkichatu as dhihaata. Innis ABO jabeessuu dha. Karaan ABO jabeessaniin dheerachuus gabaabbachuus ni danda’a. Haalli har’a mooraa QBO keessatti mul’atu karaa dheeraa fi gabaabaa (lameen) keessaa filachuuf bakka itti dandeenyu waldaya isaa         ‘Cross road’ irra kan jirru fakkaata. Fayyaalummaan, wallaalummaan, xiiqii fi of-tuulummaan walii keenya gidduu, ayyaan-laallattummaan, obsaa fi bilchina dhabuun, waan dabre irraa barachuu dhabuun/diduun, dhugaa irraa dheessuun,…fi kkf. karicha dheeressuu danda’u. Kanneen irraa yoo guddannee fi yoo itti beekkanne garuu karichi gabaabaa dha. “Meetni nama harka jiru dhagaa fakkaata.” jedhu. ABO haa jabeeffannu.

Akkaan ofii koo dhimma QBO fi ABO itti hubadhuu fi moyxannoo fi odeeffannoo xixiqqoo qabu irra dhaabbachuudhaan waanin dhugaa jedhee itti amanu hanga tokko akkanatti barreesse. Marii amma dhimma QBO ilaalchisee deemsifamaa jiru irratti adda addummaa yaadaa fi hubannoo namoota dhimmichi nu tuqu (dhimma keenya tahe) gidduutti mul’attu dhiphisuuf xiqqaattus bu’aa ni qabaata jedheen yaada. Adeemsaa fi itti baha marii jalqabamee sana kan QBOf bu’aa qabaatu taasisuu keessattis qooda gumaachu hin dhabu jedheen amana.

Maayyii irratti, yaada yaadaan, xiinxala xiinxalaan wayyeessuu, gabbisuu fi bilcheessuu, yoo dogoggoraa fi soba qabaate ammoo, sirreessuu haa aadeffannun jedha. Isatu hafuura wal shakkii, wal jibbaa fi addaan fageenya qabsaawota gidduutti dhalatu dhiphisaa fi dhabamsiisaa deema. Fayyaa tahaa !

Injifannoo Ummata Oromoof !

Malkaa Caffee

Waxabajjii 2012

malkaacaffee@gmail.com

 

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

Waraana calqaba isaa malee xumurrii fi ittibahinsi isaa hin beekamne – Oromoon maal godhuu qaba?

Berhanu Hundee Waraanni amma garee seeraa fi heeraa ala mootummaa Federaalaa ofiin jedhu fi mootummaa …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *