Oduu Haaraya

MINILIKOOTA BARDHIBBEE 21-FFAA : Kutaa Jahaffaa

                                                                    Taammanaa Bitimaa irraa
DURADUBBII

Jalatamoo fi kabajamoo warra barreefata kana duukaa-buutanii jirtan, mee waan hundumaa duran nagaa fi nageenya isiniif hawwa!  Barreeffamni kun isa xumuraa tahuu isaan dursee gurra isin buusa. Barreefama kana kutaa-kutaatti qoqqooduun isiniif dhiyeesseen jira. Erga kutaa shanaffaan isiniif dhiyaatee asillee, duulli Minilikoonni bardhibbee 21-ffaa nu Oromootaa fi biyya teenya Oromiyaa irratti banan sun homaa hin dhaabanne. Sirumaa nafxanyoonni Amaaraa fi warri Wayyaanee walcinaa goruun, qonnaan-bultoota keenya qeyee fi oobruu isaanii irra buqqisaa jiru.

Barreeffama kana kutaa tokkoffaa keessatti gaafiin: “MINILIKOOTA? Eenyu isaan?” jedhu kaafamee ture. Deebiin isaas achuma irratti waan kennamee tureef, mee amma dubbii qulqulleeffachuuf as irratti haa kaafnu. “Dursee Minilikoonni as irratti ka’an kun namoota laalleewwan (informeeshina) dhabiisaan, itti-yaada dhabiisaan yookaan lafumaa ka’anii onnoomudhaan: “Minilik, Minilik” jechuun Minilik naazicha Afrikaa sana faarsanii miti. Minilikoonnin ani baanu kun Habashoota Amaaraa keessaa garii kanneen yaada Minilik Lammaffaa amantii fi baruyaa (idolojii) godhachuun alaa-manaa nutti wacaa, arrabaa fi qalamaan nutti duulaa jiran kana. Isaan waraana fi duula hamaa fi kan hammeenyaa, jibbamaa fi jibbisiisaa kanan: “waraana qulqulluu” jedhaniiti jiru. Jarreen kun namtokkeewwan asii fi achi cecceyaa jiran wayii otoo hin taane, warreen: gareewwan  taliigaa dhaddhaabbatan, gaazexootaa fi kitaabeewwan maxxaansuun raabsatan, weebotaa fi biloogota kukurfeeffatan, paaltokii fi maaltokii wawaammatan, raadiyoolee fi fago-muldhiftuuwwan (tiibiiwwan) babbanachuun “waraana qulqulluu” isaanii kana: uummata Oromoo, saba Oromoo fi Oromiyaa irratti dabraniis uummatoota Kibbaa maraa fi biyyota isaanii mara irratti oofaa jirani.
Erga barreeffamni kanaa olitti tuqame ifatti bayee asii, “waraanni qulqulluun” muummiyyeewwan (illiitota) Amaaratiin labsame kun, homaayyuu hin dhabannee caalayyuu itti-fufee jira. Waraanni fi duulli alaa-manaan warreen kanaan oofamaa jiru kun, kunoo amma duula afaanii fi sagalee bira dabruun gara duula irree fi eebootti ceyeeti jira. Kun eessattiii fi akkamitti akka tahe, barreeffatan waayyee “Buqqifama Oromoota Shaggarii fi Naaannoo IsaaKutaa Shanaffaa” keessatti dhiyeesse tokkon mee as irrattis isiniif tuqa:
Nafxanyoonni fi jalaa-jaleewwan isaanii kunoo Oromoota irratti duula afaanii bira kutaanii, duula irree fi eeboo jalqabaniitoo jiru. Fakkeenyonni lamaan: inni magaalaa Biyya Amaaraa, Baahir Daari-tti namoota ispoortii Oromoo irratti tahee fi inni barattoonni Amaaraa magaalaa Oromiyaa Kibbaa, Shaakkisoo-tti adeemsisan nafxanyoota haareyyii fi moofeyyii kan qullaa isaanii dhaabee maalummaa isaanii nuu fi addunyaatti agarsiisu! Seera Toopphiyaa isa amma jiru keessatti, naannoleen saglan alaabaa naannoo ofii fi kan Toopphiyaa fannifatu. Oromiyaa keessatti alaabaan Oromiyaas, kan Toopphiyaas walcinaa kaayamu jechaa dha. Ijoolleen Amaaraa isaan magaalaa Shaakkisoo, mana-barumsaa oliyyaa keessaa garuu, oggaa alaabaan Oromiyaa fannifamu itti-qoosuu, itti-wacuu fi arrabsuu bira dabruun buqqisanii darbachuuf itti-ceyani. Kana irratti kan walitti-bu’uutiin barattoota saboota lamaanii jidduutti jalqabame. Ijoolleen Amaaraa miskiinonni kun hubaatii (“victim”) baattuuwwan “PHD”, “MA” fi “BA” warra Amaaraa tahan jechaa dha. Nama sammuu fayyaalessaan yaaduuf, wanneen amma illiitonni Amaaraa Oromoo fi Oromummaa irratti adeemsisaa jiran hin galuufi.
SEENSA
Wanneen yeroo amma kana muummiyyeewwan warra Amaaraa alaa-manaa nutti duulaa jiran keessa inni tokko waayee Minilik isaanii kanaa irratti. Kana irratti warreen kun addaddummaa hin qabani. Xiqqaa-guddaa isaanitu “Minilik goota biyyaatii nu jalaa hin tuqinaa” nuun jechaa jira. Kan isaaniif gootaa kun nuuf immoo gorraatuu, gabraan-daldaltuu fi gabroomfataa dha. Harkaa fi harmaa muraa dha. Nu Oromootaaf, dabreeyyuu uummatoota Kibbaa kanneen akka Walaayitaa, Kafichoo, Gimiraa, Dimmee, Hadiyyaa fi uummatoota Sulula Laga Omoo fayiif, Minilik faashistoota Xaaliyaanii Mosolonii fi Giraaziyaanii faa wajjin tokkuma. Kan isaan kanneen tokko taasisuu garajabeessummaa fi faashistummaa isaanii-ti. Mee akkamitti namni sammuu fayyaalessaan yaadu, nama harma harmee namaa cicciree fi nama harka abbaa nama mummuree, dabrees nama funyaa ilmoo namaa mursiisu, ija ilmoo nama buqqisiisuu fi nama daa’imman hallayyaatti darbachiisu “goota keetii fudhaddhu, siidaa isaa mijjirii kee irratti dhaabbaddhu” namaan jedha? Habashoonni Amaaraa duguuggaa sanyii (“ethnic cleansing“) Minilik uummata Oromoo callaa irratti otoo hin taane, uummatoota Kibbaa kannee akka Kafichoo, Dimmee fi Gimiraa faa irraatti dhumaatii hamaa adeemsise kana “goota keessanii fudhaddhaa malee, hammeenya isaa hin kaasinaa” nuun jedhu. Kun mee qaama seenaa keenyatii maal goonee, maal jennee irraanfanna? Isaanoo isa faashistichi Giraaziyaanii jedhamu sun uummata keenya irratti qofa otoo hin tane, uummata isaanii irrattis adeemsise san ni irraanfatu? Seenaa ofii keessaayyi haquu? Kun seenaa biyyoota kamii keessattuu tahee hin beeku.
Mee amma seenaa Jarmanootaa keessaa as irratti waa haa kaafnu. Namni uumaa fi qaamaan namaa, ammoo kan garaa fi gochi isaa kan bineensa tahe, Adolf Hitler uummata qaama uummata Jarmanii tahe, warra Yuudaa lafarraa duguuguun isaa ni yaadatama. Kan biraa kuteeyyuu biyyoota Oroppaa humna meeshaa-waraanatiin qabate cufa keessatti Yuudota akka bineensa daggalaatti adamsuun kaan qalee, qalchiisee uummata kitila jahaa (6 000 000) tahu Oroppaa keessaa fixe. Kaan warshaa keessatti naqsiisee qalchiisuun moora isaanii faa irraa gaazii hoomachiise. Gochi kun seenaa ilmoo namaa keessatti kan adeemsifamee hin beekne. Harra Biyya Jarmaniitti warra Yuudaa kanaaf beenyaan ni kennama. Pirezidaantii fi muummichi Ministeeraa kan Jarmanii oggaa gara Biyya Israa’el dhaqan hunda, bineensummaa warri Naazi-tiin uummata Yuudaa irratti adeemsifame balaaleffachuun uummata Yuudaa bakka jiru maratti dhiifama gaafatu. Bara 19 fi torbaatamootaa (“1970s“) keessa Muummichi Ministeeraa kan biyya Jarman Lixaa, kan hedduu addunyaa keessatti beekamaa fi jaalatamaa ture, Willy Brandt yeroo duraaf Biyya Poolandaa deeme, bakka Naazonni uummata Yuudaa qalchisanii, booda mootummaan Poolandaa siidaa ijaarsiseef yommuu dhaqu: miila isaa lamaaniin jilbeeffateeti ija ofii cufachuun warra qalaman san yaadate, Waaqas lubbuu isaaniitiif kadhate. Erga biyya ofiitti deebiyee gaazexessitoonni waan tahee hin beekne kana raajeffachuun “maaltu akkanatti akka jilbeeffatu si taasise?“, jennaaniin “waan naazonni maqaa uummata kiyyaa, maqaa Jarmaniitiin uummata Yuudaa irratti adeemsisan jechaa fi afaaniin ittiin ibsu waanan dhabeefi.“, jedheetoo deebise. Ee, inni ofumaafuu waan miseensa Paartii Sooshaal Dimokiraasii taheef, adamfamnaan baqatee Biyya Noorwee ture. Inni bineensummaa warra Naazii kana afaanin, jechaan ibsuun isa rakkifnaan qaama isaa san kan barroolee hedduu tahuu dandayu saniin ibsateeyyu.
Kana malee, harra seera Jarmanii kan paarlamaa isaanitiin raggaafamee seera biyyaa taheen, namni Jarmanii tokko yoo wanneen Naazonni uummata Yuudaa irratti adeemsisan, haalee kun soba jedhe, yoo gadi-xixiqqeessee argame faa mana seera geeffamee adabama. Harra Biyya Jarmanii guutuu keessa siidaan miseensota warra Naazii tokkollee hin jiru. Kun seeraanis sonaan dhoorkaa dha. Egaa, kun biyya qaroominaan sokkee fi uummata qaroominaa fi dimokiraasiin bulu keessatti. Habashoonni “keenya” garuu, siidaa Minilik kanaa, siidaa naazii gurraachaa kanaa akka gandeen keenya keessatti ijaarrannuuf nu abboomaa jiru. Nuti kana dinnaan jibbaa fi arrabsoo sanyummaa irratti hundeeffame nutti roobsaa jiru. Kan nama dhibuu, illiitonni Amaaraa isaan biyyoota Oroppaa fi Ameerikaa keessa jiran, isaan qaroominaa fi dimokiraasii biyyoota kanaa habbuuqqachaa jiran, isaan Saalaa-Dingaay, Mooxaa-Qaraaniyoo fi Gondor keessa jiran caala waan kana irratti nutti duuluu isaanii-ti. Maal godhuree, lafa yoo dhiqan ni qulqullaawaa- ree?
Kana irratti dabaluun jarreen kun Minilik “jagna, goota” nuun jedhu. Maraatuu fi gorraatuu jagna godhachuun kunillee aadaa fi duudhaa isaanii waan tahe natti fakkaata. Maal Teediroos maraatuu gabaa keessaa sana akka jagnaatti ilaalu mitii? Ofiif manneen barumsaa keessatti barachuu bira kutaanii nus barsiisaa turani mitii? Kana mee, barreessitoonni isaanituu “Qinee” isaanii sanaan sirriitti hojii namticha maraataa, maraatee “Gaallaa fi Muslimootan” Gaafa Afrikaa irraa hariyaa “maaloo daddafatii meeshaa waraanaa naaf ergaa!” jedhee, “Igizaabeerota” warra Habashaa warra Oroppaa kadhata hin turree? Mee “qinee” isaanii lama qofaa: “Mooxaa Qaraaniyoo minnaw aayittaarras, bareessaa-laay maxxaahu, kazzaa iskazzii diras“. Naannoo Mooxaa irraa hanga Qaraaniyoo-tti (lachuu Goojjaam keessatti argamu) nama qotu tokkollee otoo hin arginan, reeffa irra deemee Qaraaniyoo dhaqqabuu isaa ibsa. b) “Atsee Tewudiroos ijjig tawaarraduu, ya-Shawaan makwaanint ijji-nasastawu heduu!“. Kun gabaabumatti qondaalotaa fi abbootii biyyaa kan warra Shawaa harka irraa mummuran jechaa dha. Seenaa iaanii keessa harka-muraan kun duratummaa jira jechaa dha. Kana malee, Teediroos kun naannoo tokko erga waraanaan cabsee moyee booda, boojiyamtoota isaa manatti naqisiisee manuma san wajjin gubsiisuuf, loltuu isaa keessaa “mana ol- seenitii, meeqa akka tahan lakkaayii natti himi” jedheeni. Loltuun sunis olseenee erga lakkaayee booda, Teediroos balbala irra dhaabatu sanaan namoota 69 jechuuf: “gooftaa koo namoota torbaatama tahuuf, tokkootuu hanqata“, jedheeni. “Ati olseenitii isaan wajjin torbaatama guuti“, jechuun namicha san manatti oldarbachiisee, ibiddaa mana sanatti qabsiisise. Kunoo, warreen akkanaa kana motooliin Amaaraa!
QAAMADUBBII
Karaa biraatiin Minilik kun gara-bineensummaa hamaa kana, oggaa hidhamaa taheetoo masaraa Teediroos keessa jiraate irra-caala barate jechaa dha. Warri Amaaraa waayee Minilik kana waan hedduu odeessuu, karaa hidduun isaa faaarsuu mee seenaa nama kanaa keessaa asi irratti waa haa kaafnu. Inni haadha manaa abbaa isaa irraa nama dhalatee miti. Gabroota abbaa isaa kanneen masaraa abbaa isaa keessa hojjatan irraayyi dhalate. Ishiin warri Amaaraa “aand baal, aand miist” jedhan sun, jechuun abbaan manaa haadha manaa isaa dhiisee olii-gad hin fiffiigu, akkanuma haati-manaanis abbaa manaa ofii dhiisuun olii-gadi hin cecceetu jedhan sun soba jechaa dha. Abbaan Minilik, mootii biyya tokkoo tahee, namaaf fakkeenya tahuu, achi darbachuun haadha warraa ofii dhiisuun bakkuma halletti kukkufuun Minilik argate jechaa dha. Haati isaa kun uummatoota isaan: “shaanqillaa, baariyaa-gabra” jedhanii akka bineensaatti adamsuun gurguratan san irraayyi dhufte jechaa dha. Kanaaf, warri Amaaraa inni yaadaan malee, bifaan nu hin fakkaatu jedhuuni. Maali namni gurraachi, namni funyaan fungaa tahe, isaan keessa hin jiru jechaa dhaa?
Oromoon keenya garuu, heddumminaan bifni Oromoo magaala jedhee fudhatullee, kan biraa hafee namootuma garaa tokko keessaa bayanii fi abbaa tokko qaban irraayyuu obbolaa: gurraacha, magaalaa fi diimaatu argamu. Haasaa Oromoo keessattuu: “garaan haadhaa buburree-dha” kan jedhamutu argama.” Karaa amantii Waaqeffannaas bifti ilmoo namaa hunduu kan Waaqaan uumame waan taheef, kabajamaa dha; walqixxee dha jedha. Haatahuu, warri qeyee abbaa Minilik keessa hojjatan cufti waadaa waliif galuun mucicha dhoksuun, jechaan akka ilma mootichaa tahee dhoksani. Haatahu malee, isaa waggaalee sadii guutee dubbiin sun nama harkaa baatee, gurra haadha warraa Hayila-Malakot seente. “Barbaadaa hatattamaan fidaa” jechuun otoo ishiin dhaadattuu firoota warra Minilik keessaa inni tokko, mucicha dhoksaan fudhatee gara Biyya Oromootti baqate. Biyya Oromoo keessaa naannoon Minilik ijoolummaa isaatiin kooluu itti-gale kun, naannoo Oromoo Karrayyuuti. Yeroo san Biyya Oromoo keessaa, gandi hamma barruu harkaa gawu wayiillee warra Habashaa jala hin turre. Uummanni Oromoo uummata birmaduu, sabni Oromoo saba bilisa, Biyyi Oromoos biyya walaba turewoo!
Bakki dhaloota Minilik kan isaan akkanumaan “magaalaa” jedhaniin malee, ganda gudddaa wayii kan daangaa Biyya Oromoo keessaa naannoo Abbichuu Galaan irraa wantee (kiilomeetira) 10 callaa fagaatee argamu. Biyyi Oromoo inni naannoo Karrayyuu immoo naannoo Manjee karaa bahaatiin daangessa. Minilik gara waggaalee sagalii aannanii Oromoo dhugaa, damma Oromoo muuxxachaa, foon dilbii sangaa Oromoo sooramaa Afaan Oromoo dubbachaa guddate. Oromoon nama rakkatee itti-baqatee dhiisitii, karadeemaayyuu akka itti-keessummeessuu ni beekna. Inni halbee haadha manaa Hayila-Malakot jalaa baqatee, dhoksaan gara isaanii dhuufuun kun immoo caalayyuu mararafannoo fi jaalala Oromoota Karrayyuu uumefii qananiin guddate. Booda isaa waggaa 12 tahuu, Teediroos maraataan sun Biyya Amaaraas, Biyya Oromoo isa Walloos gubaa, barbadeessaa naannoo Biyya Amaaraa isa Shawaa jedhamuu dhaqqabe. Abbaan isaa waraana irratti otoo hin taane, tasa waan du’eef warri Amaaraa bakka inni itti-baqatee itti-guddate sanii, Biyya Oromoo Karrayyuu irraa fuudhuun gaangee irra kaayuun, qeesota cinaa buusanii waraana Teediroos dura gorani. Ni moyamanii, gurbichis boojiyamee bakkka oggaa san Teediroos Oromoo achi irra-qubate lafarraa duguuguun masaraa itti-ijaarrate, Dabra Taabor keessa gara waggaa 10-ii jiraate.
Turee, Teediroos Biyya Oromoo Walloo barbadeessaa, ennaa namoota Ingilizii kanneen biyya isaa keessa jiraatan hidhe san, waraanni Biyya Ingilizii kan Jeneraal Nappirin gaggeeffamu, kolonii isaanii Indiyaa irraa itti-dhufu, Yohaannis warra Tigree kan booda mootii-mootolii Toopphiyaa isaanii tahe, karaa baneefii gara Teediroositti akka dabran gargaare. Amma Teediroos namoota Ingilizii, Minilikii fi dureewwan Oromoota Walloo hedduu, ilma mootiittii Warqituu faa qabatee gaara dheeraa hallayyaa fi qaalaan marfame kan Biyya Oromoo Walloo keessaa, Maqdallaa (maqaa dallaa)-tti baqate. Booda oggaa waraanni Ingilizii kun bakka Teediroos jiru, Maqdallaa dhaqabu inni qaata waraana Oromoota Walloo kan mootuu Warqituutiin durfamu isa marsee argani. Otoo warri Ingilizii Mootuu Warqituu hayyama gaafatanii fiixee hallayyaa Maqdallaa sana dhaqabuuf haasawaa jiranuu, Teediroos hidhamtoota Biyya Ingilizii, Minilikii fi namoota isaa gadi lakkeessee, Oromoota Walloo kan lakkoofsaan baay’ee tahan, ilmi Mootuu Warqituu otoo hin hafin hallayyaa sana irraa gadi darbachuun isaan fixe. Yoona waraanni Warqituu isa marsee jiru sun aaree Teediroos ajjeesse. Ennaa jeneraal Naappiir Teediroos bira gawu inni du’ee jira. Namoonni Teediroos kan baqatanii gara Ingilizootaa dhaqaban: “mootiin keenya harka hin kennaddhu jedhee of-ajjeesse” jechuun seenaa sobaa hamma harraattuu barreessitoota Amaaraatiin dadarbatamu lafa kaayani.
Kanaa achi Minilik namoota isaa kan isa waliin hidhaman kanneen lakkoofsaan 10 tahanii malee, wanni inni qabu hin turre. Horii yaabbii fi galaa wayiillee hin qabu ture. Amma Warqituun nammummaa fi garalaafina Oromoo saniif jecha: gaangolii, fardeen, galaa fi loltoota ishii keessaa namoota hanga biyya isaa gawuttu isa gaggeessan wajjin kenniteefi. Inni ganda teessoo mootummaa abbaa isaa, Ankoobar dhaqqabee, gargaarsa Goobana Daaccee fayiin mootii Amaara naannoo Manjee (Shawaa Kaabaa) tahe. Booda otoo waggaa kundahnillee hin guutiin bara 1873 keessa waancaa itti-dhugee fi waciitii itti-nyaate caccabsuun, harka-laateef nyaachuun biyya Oromoo Walloo kan Mootuu Waqqituu-tiin durfamotti duulee humna meeshaa-waraanatiin qabate. Inni amma naannolee Biyya Oromoo isaan ollaalee biyya isaa tahaniitti duuluu hojii isaa isa hangafa godhachuun meeshaa-waraanaa Oroppaa irraa argateen mowuu jalqabe. Biyyi Oromoo Karrayyuu kan gaafa rakkoo fi cinqii isa baasee, isa guddise sanillee hin dhiifnee, waraanaan qabachuun gabroomfate. Minilik kana warri Amaaraa akka goota isaanii isa duraasaa fi akka jagna gita hin qabneetti dhiiyeessu. Namummaa isaas akka nama waan jedhe hin haalletti, waadaa namaaf gale hin cabsineetti ilaalu. Kana irratti akkana ani abbootii seenaa Oromoota Tuulamaa fi Macca-Baha (Oromiyaa Waltajii) irraa walitti qabetti inni nama waadaa namaaf galee eegus miti, jagna hiriyaa hin qabnes miti. Inni isaaniif waan fedhe tahuyyuu, uummata Oromoo fi uummatoota Kibbaatiif naazii Afrikaa waan taheef, siidaan isaa dachee teenya irraa buqqifamuu qaba!
XUMURA DUBBII
Uummanni Oromoo haqaa fi mirga uumaan qabu, kan gabroomfatoota Habashaatiin irraa fudhatame deebisee gonfachuuf, kunoo bara sonaan dheeraa dirree qabsoo keessatti argama. Akkuma barri dhufee dabru qabsoon isaa kun cimaa, walitti ititaa as gaye. Uummanni nagaa fi ilmoo namaa jaalataan kun akka gaaf tokko fiixaan bawu mamiin wayiituu hin argamu. Qabsoon dhalawwan Oromoo barana Oromiyaa guutuu keessaa sochowuun, waltaatee goote kun Oromoo fi firoottan isaatiif boonsisaa fi hamileessaa cimaa yoo tahu, diinota isaatiif ammoo salphinaa fi sodaa guddaa taheeti jira. Amma Oromoon alaa-manaa waltahuun garum fuulduraatti tarkaanfachuu malee, filmaata biraa waa tokkollee hin qabu. Uummanni kun cimee, tokkoomee, waltahee harqoota koloneeffattoota Habashaa of irraa darbachuun akka caccabsu diinonni isaas, firoonni isaas beekuu qabu. Bilisummaa fi walabummaa Oromiyaa isa “akka du’aa hin oolle” kana daran shaffisiisuuf wanneen nuti Oromoonni fiixaan-baafachu qabnutu jira. Mee isaanin armaan gaditti tokko tokkoon tarreessee, jala-harriquun barreeffama kana xumura.
1) Tokkummaan Oromoo kan ammaa caala akka gaariitti cimuu qaba. Oromoon wal malee, akka namuyyuu hin qabne beekuun bakka jiru maratti cimee walcimsuutu karaa nama baasu taha. Dhaabbileen hawaasotaa, dubartootaa, dargaggootaa, artistootaa, barateeyyii, amantiiwwanii faa akka gaariitti waltahuun walcinaa goruu qabu. Kana akka godhaniif, Oromoota waayee siyaasaa irratti hojjatan qofaa otoo hin taane, sheekonni, qeessonnii fi qaalluuwwan Oromoo alaa-manaa akka Oromoon waltahuuf: kakaasuu, lallabuu fi WAAQA kadhachuu qabu! Bilisimmaa waaqni wajjin nu uume eenyumtuu nu irraa mulquu akka hin qabne, sagalee qulqulluu fi arraba qulqulluutiin dabarsuun dirqama warra Waaqatti amanuutisi!
2) Oromoon jaarmolee isaa karaa garagaraatiin walitti fidachuun, odaa tokko jalatti walitti qabachuutu isa barbaachisa. Kun jaarmolee siyaasaas, jaarmolee kan siyaasaa hin taanes kan ilaalu. Walitti mufatanii akka sangaa didaa asii fi achi ceccewuun kun eessumaanuu kan nama gawuu miti. Impaayera Toopphiyaa jedhamtu tana dimokiraatessuuf dhamawuun kunis, gonkumaa karaa nama baasuu miti. Seenaa ilmoo namaa keessatti, muuxannoolee addunyaa tanaa irratti impaayerri gara biyya dimokiraatawaatti geeddarame tokkollee hin jiru. Impaayera Toopphiyaa ishii rirmi nyaatee tortorse tanaaf raajiin wayii kan amma dhalatuu miti. Impaayerittiin gaafuma dhiiga Aannolee fi lafee Calanqoo irratti ijaaramte san, akka ishiin gaaf tokko caccabdee kosii-seenaa keessatti darbatamtu Waaqaa-lafaan murteefame. Kanaaf, karaa kanaanis Oromoon lammiiwwan isaa tokko tokko amansiisuun ofitti deebifachuu qaba!
3) Uummanni Oromoo kan ammaa caala, alaa-manaa jaarmolee isaa cimsachuu qaba. Kanneen ciman immoo walitti qindeeffachuutu isarra jira. Uummata akka gaariitti ijaaramee, akka gaariitti tokkoomee, akka gaariitti karaa maraan hidhate eenyumtuu cabsuu hin dandayu. As irratti dubbiin of-ijaaruu kun karuma taliigatiin callaa akka hin taane, hubachuun mishaa dha. Ijaaramuu fi wal-ijaaruun seenaa uummataa fi saba Oromoo daran dheeraa kana keessatti bakka olaanaa akka qabu, dagatamuu fi irraanfatamuun irra hin jiru. Ee, ijaaramuu, ammas ijaaramuu dha dubbiin bilisummaa fi walabummaa!
4) Uummannii fi sabni Oromoo karaa dandaye maraan hidhatee wal hidhachiisuu qaba. Uummata sirriitti of ijaaree, isa sirriitti tokkomee, sirriitti dammaqee oljedhe humni isa jilbeeffachiisu hin argamu. Uummata kutatee ka’eef, meeshaan waraanaa rakkoo miti. Meeshaan waraanaa achuma biyya isaa keessa ciisaa jira. Uummanni Oromoo kitilli 50-ni (miliyoonni 50) kun waltayee iyyee iyya dabarsuunuu diina isaa haleelluu dandaya. “Nuti uummanni Hindii yoo waltaanee Gaara Himaalayaatti olbaanee fincoofne, ficaan keenya koloneeffattoota Ingilizii akka galaanaatti nurraa haree Maanya Hindiitti naquu dandaya“, jedhee ture Mahatma Gandhi. Nutis humnaa fi leecalloo uummanni Oromoo karaa addaddaatiin qabu kana, walitti jabeeffannee, karaa maraan jabaannee ka’uutu waamicha harmee Oromiyaati! 
5) Nuti Oromoonni uummatoota Kibbaa hidduu kanuma akka keenya waanjoo gabrummaa Habashaa jalatti argaman waliin, qabsoo keenya obbolummaa irratti hundawuun walitti qindeeffachuu qabna. Kana malees, diinni keenya gita-bittee Habashaati malee uummata Habashaa akka hin taane sirriitti beekna. Kana warra gurra nutti cufateef deddeebifneetoo ibsuun barbaachisaa dha. Hardhas, borus uummanni kamuu inni nagaan biyya keenya keessa jiraatu nagaan isaa ni eegama. Kanas deddeebifnee warra hin beekneef yookaan immoo kan beekaa dideef himuu qabna.
6) Nuti dhalawwan Oromoo kanneen bineensummaa mootummoota Habashaa baqachuun garaa waaqaa jalatti faffacaanee argamnuu, kan ammaa caala cimneetoo waayee uummata keenyaa addunyaatti beeksifachuu qabna. Qabsoon nuti barana ijoollee teenya ishii Oromiyaa keessaa cinaa dhaabachuun goone, fakkeenya gaarii nuuf taha. Eekaa, nuti Oromoota keenya warra Minisootaa fi Awustiraaliyaa akka fakkeenyaatti fudhannee of haa jabeessinu. Oromiyaa bilisoomte, ishii sammuu keenya keessatti argamtu tana abadan eenyumtuu nu keessaa haqee ballissuu hin dandayu!   
                                                            ==============    //    ==============   

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

Waraana calqaba isaa malee xumurrii fi ittibahinsi isaa hin beekamne – Oromoon maal godhuu qaba?

Berhanu Hundee Waraanni amma garee seeraa fi heeraa ala mootummaa Federaalaa ofiin jedhu fi mootummaa …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *