Oduu Haaraya

Gaaddiidduu Jaaramayaa Farra Sabboonummaa Oromoo (kutaa shanaffaa)

(Xannacha Keeysaa Kan Qabsoo Bilisummaa Oromoo ABOn Hogganamtu Quucarse)

7. Dhaabbii Galaasaa Dhimma Shororkeessuummaa irratti

Akkummaa beekkamuu Bin Laden bara 1991 hangaa 1996-tti biyyaa Sudan keessa ture. Mootummaa Sudan keessatiis kan isa utubee ture  Hassan al Turabii dha. Waraannii ABO karaa dhihaa hanga 1996-tti sosso’aa ture. Waraana haarayaa lenjisuufis tahee kan bobba’ee jiruu ofitti dhiheessuun yaada QBO irra yaada amantiin itti dhiyaatee meeshaa godhachuuf Hassan Al Turaabii fedhii isaa ture. Dawud Ibsaa fi A/Caalaa Lataa fedhii isaa dura dhabbachuun murtee maayyiif Galaasaa Dilboo akka Kahartumitti yaaman. Galaasanis bara 1996 Kahrtoum deeme. Galaasa, Dawud fi Abbaa Caalaa dhimma kana irratti wal hubatanii murtee hegree qabsoo bilisummaa Oromoof taatuu murteessani. Kan haala kanaa hin hubatiin gariin Dawud fi A/Calaan warra qabsoo hidhatnoo gaggeessan mitii jeedhanii yeroo isan ololaan dhaga’ama. Kanaan boodas akkumaa Galasaan murtee dhaaba Mootuummaa Sudaan qaqqabsiiseen Dawud fi A/Calaa sa’aa 24 keessatti akka biyyaa Sudan gadhiisanii bahaan mootuumichi murteesse. Murteen yeroo sanaa fudhatamtee hangaa har’attii dhaabni kun  mootummaa USAn gola shoroorkeesituutti akka hin moggafamnee kan ittise dha. Kunis kan tahee yeroon kuni yeroo Baasastonni biyyoota dhihaa Bin Laden jala waan deema turaniif sochii mara ni hordoofu turan. Uttu hin turinis Mootuumman USA  Warshaa Qorichaa  al-Shifa August 1998-tti Warshaa Meeshaa shororkeessaa homishuudha jeedhee  Missailaan rukkutee. Utuu Galaasaa, Dawud fi A/Caalaa yeroo isaatti murtee qajeeltoo hin fudhatne tahee silaa har’a hundeen QBO fuula biroo godhattee haala rakkisaa keessa nu seensisa ture.

8. Koraa Sabaa Hatattamaa booda haala jiru

Leencoon kora kanaan boda Gaaffii fi Deebii Toronto-tti, september 21 bara 1998 namtichaa Heinrich waliin godheen wa heedduu nama aja’ibuu keessa tokko dubbate…”I think, we have to go ahead with this in stages. We arrived at where we are now through a process. Reversing it will also require a process.”…(AGKED info Nr.1. November 1998 p.3).

Kanaan booda hidda isaa kan ABO keessaan qabu irraan ABO irratti daran halkanii fi guyyaa, keessaa fi alaan irratti hojjeechuu eegale. Shirri jalqabaa Dawud fi Galaasa gidduutti dhibdee uumuu ture.

8.1. Dawud Harkaa Diinaatti Kufuu (Blackmailing of Mr. Dawud)

Hariiroon  Galaasa fi Dawud Kora hatattamaa booda hariiroo jaalalaa fi jaallummaa kan durii sanaa utuu hin taane hariiroo wal shaakii  ture. Galaasan haala jijjiraama dhufe keessatti nama na booda  Hayyuu duruumaa fudhaata jedhee sodaa irra qabu keessaa tokko  Dawud ture.

Haalli naannoo Keniyaa, Somalia fi Sudan  bara 1996 irraa kaasee  ija tika mootumooti dhihaa keessa jira. Daraanu erga Hagayya(August) 7 bara 1998 balaa  Shoroorkeesitootan Imbasiin Amerikaa kan Nairobi, Kenya fi  Dar es Salaam, Tanzania irraan gahanii namnii 258 lubuu dhabee fi gara nama  5,000 mada’een booda nama sochii qabsoo hidhatnoo keeysatti qooda qabuuf ilaalcha gaarii hin qaban ture. Haala akkasii keeysatti ture kan Abdullah Ochalan gaggeessan Kurdistan Workers’ Party (PKK) magaalaa Nairobii Keniyaa keessatti gafa Guraandhalaa (February) 15 bara 1999, wal-tumsaa tikaa Isra’el fi Amerikaan uttu  Grik Imbassy  irra garaa  Dirree Xiyaara  Joomoo Kenyata-tti, deemuu qabaamee kan Mootummaa Turkiif keenname. Haala akkas sodaachisaa keessatti dha Dawudii ti dirqamnii  itti keennamuun walakkeeysaa bara 1999-ti gara Nairobiitti  ajaja Galaasaan ergamee harkaa Tikaa Keniyaatti kufe, mana hidhaa seene. Mana hidhaa keessatti du’aaf murteeffachuun nyaataa didee(hunger strike). Iyyannoo namoota isaaf mararfannoo qabani kan akka Tarfaa Dibaaba fi kan biroo Geneva fi bakkootii adda addaatti galchaniin akka  Nairobii dha hin baneetti wabiin bahe. Sanaan booda  Milaan biyyaa Keniya irraa bahuun gara biyyaa Norway tarkaanfatu danda’e. Itti aansuun akka inni mormitoota Mootummaa Ityophiyaa fi Mootummaa Norway waliin hasa’uu baatii Onkolooleessa bara 1999  keessaa gara  Oslo, Norway-tti bahe. Eenyuutu harkaa diina isa buusee kan jeedhuuf  tahuu malaan (senario) jiru :   1) Galaasaan aangoo narraa fudhata jedhee yaaddawee, 2) Leencoo kan Galaasaa fi Dawudiin walitti buusuuf dhama’u 3) Tika Keniya kan ofuma irraa ka’ee ta’uu mala kan jeedhu dha. Namni barruu kanaa dubbissuu dhugaa jirtu ofii ha soqatu. Akka yaada kiyyaatti ta’uu malaa inni 3ffaa kan fakkaatu miti, sababni isaas otuu tika keeniyaatu ofumaa qabeera ta’e, dabarsee Ityophiyaaf kenna ture. Ta’uu malaa laman hafan ilaalchisee, odeeffatni yeroo sanatti ture akka garee Leencootti kan Dawudin bobbaase Galaasa wan taheef nama Fesahaa Ganaatii  jedhamu, waayila Galaasaatu akka inii harkaa tikka Keniyaan qabamu godhee kan jedhu dha. Gartuun Galaasaa ammoo, gartuu Leencootu waan Dawudin ofitti hawwachuu barbaadaniif dhibee keessa galchanii, dhibee keessaa baasuu akka toftaatti fudhatan. Kan kana shakisiisuu ammoo Dawud Visa Norway hattataman argaee Oslo-tti bahuu isaati. Galaasaas ta’ee Leencoo Dawud adeemsa kana keessa qabamee harkaa tikkaa Keniyaa seenuun balaa lamaffaa jireenyaa isa keessatti isa mudate dha.

Dawud Norway irraa yeroo deebi’uu karaa Asmaraa goruun Moqadoshoo seenee achiin boodaa Gumiin Sabaa sadaasa bara 1999 teessuma godhachuun HD tahuun filame ykn akka Galaasaan jeedhuutti fonqolchi tahe. Yeroo kanatti mooraa qabsoo bilisummaa Oromoo cimsuuf jecha seenaa aangoof bololuu irra uummataaf hojjechuuf filachuu irratti seenaan Bultum Biyyoo fi kan Dawud Ibsaa yeroo itti wal fakkaate dha. Walga’ii jila qabsaawotaa kan dirraa dhiyaa Beegii keessatti February bara 1988, gaggeeffame irratti bakka itti aanaa Hayyu Durummaaf sagalee guutuun kan filatame Dawud Ibsaa ture, yeroo sanatti umurii isaa fi muuxannoo hojii qabsoo ilaalee qabsichaaf akka tolutti aangoo isaa kana mormatee Leencoo Lataaf dabarse. Bultum Biyyoos yeroo Galaasaa Itti aanaa Hayyu Duree namni ture, Hayyu Duree ta’uu irra akka Dawud HD ta’ee hojjetu namoota dhiibbaa godhan keessaa nama tokko dha. Kunis jabinaa fi jaalala qabsichaaf dhimmamuu irra kan madde dha.

Haallan karaa dhihaa caasaan dhaabaa diigamaa deemuun fi Wareegamuu wayyabni  Miseensolii Waajira Siyaasa Karaa bahaa jiran dhaabichaa muddachuun dhaabicha keessatti rakkina hundee bu’ureesse. Kunis Warri akka Leencoo Lataa fi Diiman-ffaa wan ofii isaanii qabsicha irraa faggachaa deema jiraniif hiree kana salphaatti dhimmaa itti bahuu danda’an. Haala kanaan bakka Gootowwan Nadhii fi Gutamaa-ffa namoota bakka bu’an jedhanii Sisay Ayele Batii ykn Leencoo Baatii Konyaa Minisotaa irra kakkachalaan nama adabnii naamusaa irratti jiguu qabuutu Miseensa Gumii Sabaa godhaanii filchisaan. Ergaa Leencoon hogganaatti dabalamee ABO keessatti gandummaa fi Ityophiyumaan bultiin dagaagaa fi hiddaa fageeffataa deeme. Leencoo Lataas  Wakiila isa dhabicha keeysatti hundeeffate.

8.2 Hayyuu Durummaa Galaasaa irra Gara Dawud-tti Darbuu

Galaasa  Dilboo irratti dhalaan-dhaalli ka’ee ittuma ciimaa deeme. Bobbaan Somalia irra waraana gara biyya keessatti deebisuun salphaa hin taane. Kana irratti gartuu Leencoo ijolee Arsii Gandummaan leenjisee haalli hoggana keessaa Galasaatti ciimuun, Kana irratti Dawudiin diinatti saxiluun dhukuba irratti dhukuba itti tahe. Biyya ambaa keessatti Koreen hojii Alaa Abiyyuu Galataan Hogganamu hookkara adda addaa biyya alaa keessatti dhalche. Keessahuu rakkoon Union of Oromo in North America (UONA) fi Awuroppaatti sabaaba rimiddii fi Caasaan falmiin Koree Hujii Alaa( KHA) mudatee jiru salphaa hin ture. Haalli kun hundi dhidhibamee  Gumiin Sabaa Sadaasa bara 1999 teessuma godhachuun fonqolchaas ha jeedhamu malee sirnaan Galaasa irra kaasee Dawud HD godhe.

Haalli Moqadisho keessaa sabaaba ulfaataa dhufeef  hogganni Dawudin durfaamu Galaasa dabalatee qubsuma isaa gara biyyaa Ertitrea Asmaraatti jijjiirrate. Dawud akka Hayyuu Durummaa qabateen dhaabicha tarkaanfachiisuuf shaffisan wan torba irratti xiyyeeffate.

1) Jarmoolee Oromoo araaran waliitti fiidu kuniis wal hubannoo Jaarmayootii Bilisummaa Oromiyaa Adooleessaa 25 bara 2000 sanaan booda  Birraa 20 bara 2000 ULFO  bu’ureessuun mirkana’ee

2) Biyyaa keessatti gola diinaa keessatti nama ijaaruu (Ibsa ABO mata duree ”Abdii Ummataa Gutuun yeroon isa har’aa” jeedhee bara 2000 keessaatti baasee ilaala)

3) Humnootii Siyaasa Impayeriicha keessatti sossa’an waliin hariiroo tolfachuu (Walii-galtee 20.04.2000  jarmoolee OLF, ONLF, SLF, BPLM, EDFUF, EPDM fi akka observer AAPO, Abrah Yayyee, fi Warra Gambella waliin tahee ilaala)

4) Yaada OLF Agenda for Peace to resolve the conflict in Ethiopia kan Leencoo Lataatiin dhiyaate, Mootummaa TPLF kan ija halaaga duraatti OLF nagaa hin barbaadu jeedhe hadheessu gatii dhabsiisuuf jiruu diplomasiif tolchuu

5) Jiruu qabxiilee sadaffa fi arfaffaa irratti ibsaman raawwachuuf na gargaruu jeedhee kan yaada Manguddoolee Barcuma Yuubaa jedhee Galaasan moggesse(Leencoo, Dimaa, Xahaa fi Tadassa) Dawud xalaya Guraandhalaa 23 bara 2000 barreesseen Miseensoota fi Deeggartootattii Jarri kun akka Barcumaa Yubaatti dirqama adda addaa eegaluu isanii ibsee ”Jette Jeettee”n akka duraa hin dhaabbanne jeedhe cimsee dhammate.

6) Caarra qubsuma fi gargaarsa biyyaa Eritrea irra argateen humna waraanaa leenjsuu fi dirree Oromiyaatti bobbaasuu eegalee.

7)  Korrii Sabaa  akka GS murteessetti akka Wagga tokko keessatti raawwatu Koree Qindeesitu Kora Sabaa itti tolche.

Oromoon yeroo mammakuu ” Bittaa wallaalani gabaa abaarani, Himata Wallaalanii haayyicha abaarani” jedha. Dawud yaadaa fi karooraa qajeeltoo ofitti qabatee qaama wal-faana hojjeechuu hin-dandeenyee tokkon wal faana nin hojeechiisa jedhee yaluun isa nama aja’aba ture. Kunuu haala qubsuumni ykn command post-n hogganaa dachee Oromiyaa ala jiru dha.

Kan jalqabaa Leencoon guddaa fi inni xiqqaan(Leencoo Baatii) haasa Jarmoolee habashaa fi Mootummaa Ityophiya waliin godhamu irraa fedha isaan qaban guddaa yeroo tahuu, ijaaramuu ULFO fi leenjii Waraanaa garuu gurraan dhagayu hin fedhan. Akkasumas hariiroo humnoota kibbaa waliin godhamu akka hariiroo tarsiimoo ta’u hin barbaadan.

Galaasaa fi Dhugaasaan Leenjii waraana fi ULFO irraa fedha guddaa qabu, hariiroon tarsiimoo humnootii kibbaa waliin godhamus murteessaa akka ta’e himu, garuu humnootii habashaa fi mootummaa Ityophiya yeroo waliin haasayan mitii jedhu. Kun bultiidhumaan dhibdee tahaa deemee, mufii Galaasaan qabu dabalatee gara foxoqinsaatti guddachuun, waldhibdeen dhimma kayyoo tahee gadi bahee. Haala akkasii kanatuu Abiyyuu Galataa Damee Dantaa Alaa irra kasisee akka miseensaa Koree qopheesituu Kora sabaa 3ffaa Abba Biyyaa Roobaa jalaatti ramadamu tolche, Abba Biyyaa Abba Jobiriin ammoo karaa irra fidee Mataa Damee Dantaa Alaa tolche, Miseensooliin Gumii sabaas akka Abbaa Biyyaa Abbaa Jobir jalatti hojeetan ta’e.

8.3 Foxxoqinsa Qaama Ce’umsaa      

Foxxoqinsa QC bara 2001 ilaalchisee wa heedduun barreeffamee jira, wa heeddunis jedhamee jira. QCn Maqaa fi aasxaa ABO qabatee, heera fi seera ABO cabsee dhaaba irraa bahuun aadaa fokkataa yeroo jalqabaaf ijaarsa Oromoo keessatti mul’ate dha.  Kanaafuu kana irratti wan jeedhamuu dandayu QCn dhaaba keessaa taa’ee falmuu irra maqaa dhaabaa fudhate heera dhaabaan ala of goochuun isa gabaabatti itti gaafatama seenaa irraa isa hin olchu.

8.4 Galaasaa Asmaraa irra Garaa Germany-tti

Galaasaan dhukkuba sukaaraa fi dhiibbaa dhiigaa(high blood pressure) ni qaba. Dhukkubooti kun Galaasaaf haarayaa osoo hin taane, kanuma duraanu isa waliin turee fi duraanu Germaniitti wal’aanamaa ture dha. Haa ta’uu Dawud araara shanachi deemsisaa jiru ni milkeessaa jeedhe wan yaadeef akka inni Walgahii ULFO xumurateen ofi isaa konkolaataa isaatiin gafa 18/10/03 gara Germanii gaggeesse. Galaasan nama Dawudiin Nairobiitti qabsiisse jeedhamee shakaamuu, har’as  jiruu isaa irratti aangoof jecha danqaa tahee jiraachuun hubatamu, ammallee uttu abdii irra hin kutatiin waa qajeelcha laata jeedhee kabajaan isa gaggeessuun isaa Dawud jaalala Galaasaaf qabu qofaa utuu hin taanee jaalala sabaa Oromoo fi QBOf qabu mul’ise ture. Haata’uuti akka inni akeekkatetti otuu hin milka’iin, QCn akkuma foxxoqeetti hafe, Galaasaanis gara biyya Ingilizitti  galee hirkattummaa siyaasaa gaafatee qubate.

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

Jijjiiramni Oromoon kumaatamaan itti warageeme kana fakkaata

Ajandaa Mana Marii Nageenya Biyyolessaa (National Security Council/ NSC) Roobii Darbee:Roobii darbe jechuun gaafa Qaammee …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *