Oduu Haaraya

MINILIKOOTA BARDHIBBEE 21-FFAA : Kutaa Shanaffaa

                                                                    Taammanaa Bitimaa irraa

DURAANDURSA

Jalatamoo fi kabajamoo warra barreefata kana duukaa-buutanii jirtan, mee waan hundumaa duran nagaa fi nageenya isiniif hawwa!  Barreeffama kana kutaa sadaffaa, kunoo akkana jechuunan xumureeyyu: “Amma gara wiirtuu dubbii Dr. G. Hayilee sanatti yoo deebine, mee maaluma-laa qaroominni Amaaraa kan inni Oromoo fi Muslimootatu barbadeesse nuun jedhu kun? Innii fi illiitonni isaanii kaan, amma gara seenaa waggalee 400 fi 500-ii faatti deebiyuun kan uummata Oromoo fi Muslimoota Toopphiyaa kabajamoo irratti waraana banan, Toopphiyaa isaanii tana ijaaru fi moo diiguufi? Jarri kun uummata Oromoo isa walakkaa uummatoota Toopphiyaa kan barana lakkoofsaan kitila 92 (92 000 000) tahee, jechuun kitila 46 (46 000 000) fi sana irratti uummattoota Toopphiyaa kana keessaa, Muslimoota dhibbayyaa 50 (“50%”) fi dabreeyyuu, uummatoota Kibbaa maratti summii tuttufuun maal akka isaanii fiduufi? “Yaa qotiyyoo gowwaa, marga malee hin agarre bowwaa!”, jedha Oromoon waan akkanaa-tiin. Mee amma kutaan kun akka nutti hin dheeranneef, asuma irratti haa dhaabnu! Kutaa kanatti aanee dhufu keessatti, erga muummiyyeewwan Amaaraa duula hamaa fi jibbisiisaa: uummata Oromoo fi Muslimoota Gaafa Afrikaa irratti bananii seenaa Oromoos, seenaa Muslimoota keenyaas bardhibbee 16-ffaa fi bara Ahimad Giraanyi duraa irraa kaasuun dhugaa fi dhugoo irratti hundeeffamuun ibsamaatii, mee hammasitti nagaa fi nageenyi qeyee keessan irraa hin dhabamini!

Egaa, amma akkuma jedhame sanatti itti-fufamaa, yoo yeroon kan isiniif hayyamu tahe, mee barreeffama kana duukaa-bu’aa! Rakkoo fi dhibeen ginni-bittee Amaaraa fi illiitonni isaanii qaban jibbaa fi sodaa isaan uummataa fi saba Oromoo irratti qaban callaa otoo hin taane, kan isaan Muslimoota Gaafa Afrikaa keessumaa kanneen impaayera Toopphiyaa irratti qabanisi. Nuti jaalannus, jibbinus harra impaayerittii tana keessa uummatoota gabromfamanii fi amantiiwwan hacuucamantuu jiru. Isaan kun lamaan walitti guduunfaa cimaa akka qabanis beekuun dogoggora karaa kanaan uumamu jalaayyii nama baasa.
Harqoonni gabrummaa Habashaa inni uummata keenya Oromoo irra jiru kun, akkanuma uummatoota Oromiyaa irraa gara Kibbaa jiran cufa irrattis argama. Kunoo, uummatoonni: Afaari fi Somaalee, Hadiyyaa fi Sidaamaa, Kambaataa fi Gedewoo, Alaabaa fi Burjii, Walaayitaa fi Goofaa, Koonsoo fi Gaamoo, Kafichoo fi Moochaa, Gimiraa fi Kuulloo-Kontaa, Gambeellaa fi Beenishaangul, Guraagee fi Adaree faa gara waggaalee 140 harqoota gabrummaa Habashaa jala jiru. Akkanuma uummanni Kuush keenyaa Agawoo kunoo gara waggaalee 800 olii waanjoo gabrummaa Habashaa jalatti kufee argama. Koloneeffattoonni Habashaa meeshaa-waraanaa kan ammayyaa isa obbolaa amantii isaanii san humnoota Oroppaa oggaa sanaa: Biritaaniyaa Guddoo, Faransaa, Ixaaliyaa fi Rusiyaa irraa argatanii, leenjiftoota Faranjiitiin leenjifamanii, gorfamanii waraana otoo walirraa hin citin waggaalee 31 adeemsifameen Oromiyaa qabatani. Uummata Oromoo lafarraa duguuguun kitila (miliyoona) 10 irraa gara kitila 5-tti gaddeebisanii turani.
SEENSA
Habashaanni humna Afrikaa teenya irraa ala taheen gargaaraman kun yoo Naazota Jarmanii, Hitler faa tahe malee, waan ilmoon namaa ilmoo namaa irratti hin hojjanne, uummata Oromoo fi uummatoota obbolaa isaa warra Kibbaa irratti adeemsisaniiti jiru. Harra harmaa-harka muraan Aannolee, funyaan-muraa fi ija-buqqisaan Calanqoo kunoo ifa bawuun addunyaatti muldhachaa jira. Mootummoonni Habashaa dhufanii dabran marti kana dhoksanii, ukkaamsanii as gayanillee uummanni Oromoo duruu beeka. Kana waan sirriitti beekuuf, ijoollee ofiitti himaa, guddisaa asiin gaye. Kunoo, ammaan tana dhalawwan Oromoo faashistummaa gita-bittee Amaaraa kana biyyalafaa guutuutti beeksanii, ammallee beeksisaa jiru. Illiitonni Amaaraa arrabni isaanii dhugaa mitii, soba dubbachuutti boonu isa kana “fottoqxuuwwan Oromootu uume“, jechuun ammallee kana dhoksuuf duula fi olola hamaa nu irratti oofaa jiru.
Oromoonni Arsii f Barentuu (“Harargee“) mee kan dirree waraanaatti cabuun qabaman bara 1886 fi 1887 keessaa! Waggaa 128 harraa jechaa dha. Akka Oromoon jedhutti gadaa 16 yookaan jaarraa 3 fi gadaa tokko qofa.* Akkoolee fi akaakaawwan keenya gariin gocha Aannolee fi Calanqoo ijaan arganii jiru jechaa dha. Oromoon waggaa Habashaa fi sa’aa Habashaa isa shallaggiin himamu dhimma ittiin hin bawuu, bara lakkaawuu kana sirrumatti beeka; sirruumatti gadaa fi jaarraan lakkaawee afaanii afaanitti, dhalootaa irraa dhalootatti dabarsa. Amma baatii dabre keessa jaarsi Oromoo kan umuriin waggaa 160 tahu mandheewwan Oromoo irratti dubbifnee jirra. Inni akkanaa kunillee kan namoonni hedduun irra-gayanii mitii, kunillee jira jechumaaf asi irratti tuqame. Lafarraa duguugamni kanaa olitti kaafame kun kan uummata Oromoo callaa irratti adeemsifame otoo hin taane, kan uummatoota Kibbaa danuu irrattis godhame. Nu Oromootas mitii, dhalawwan warra Kibbaas mitii, isa kana barreessitoonni Oroppaa hedduun barreessanii jiru. Gariin ennaa Minilik mataan isaa akkuma duula Calanqootti faa waraana isaa gaggeessuun uummata Walaayitaa akka nama tokkootti walatahuun torban sadii guutuu ofirraa ittisee booda qawwee ibiddaatiin lafarraa duguugamu, Faranjoonni ijaan argan barreessanii jiru. Akka uummata Kafichoo fi uummata Dimmee keessaa dhibbayyaa 70 (“70%“) fixaniis, warruma biyyoota alaatiin kitaabamee argama. Hardha sabni Oromoo jabina baay’ina lakkoofsa uummata isaatiin heddummaachaa kan as dhaqqabe yoo tahu, uummatoota Kibbaa hedduutu Habashootaan lafarraa duguugamee dhabame. Kaan lakkoofsi isaa gadi-deebiyuun kuma shan, kuma kudhan faa taheeti argama. Nuti Oromoonni yommuu gabrummaa fi roorroo saba keenya irra jiru ibsinu, kan uummatoota Kibbaa kanas himuu fi dubbachuu qabna! Kana namummaa keenya fi itti-gaafatama seenaatu nu dirqisiisa.

QAAMADUBBII

Dursee qaroomina jechuun maal maal faa akka tahe, barreefama kana kutaa afraffaa irratti walumaan ilaallee turre. Muummiyyeewwan (illiitonni) Amaaraa kun qaroomina dhuunfaa mataa isaanii godhachuun nu uummatoota impaayerittii isaanii keessatti argamnu callaa otoo hin taane, Misira irraa kan hafee uummatoota Afrikaa mara “qaroomina maleeyyii” nu taasisanii argamu. Jarri kun of-tuulummaa fi sanyummaan ija of-cufanii jiru. Sanyummaan dhibee hamaa, naqarsa, isa qoricha hin qabne waan taheef isaan barabaraan dhibee kanaan dararamaa jiru. Dhibee hamaa kanatu fakkeenyaaf ija barateessaa Amaaraa, Dr. G. Hayilee cufee akka inni qaroomina Oromoo keessaa sirna Gadaa faa hin mildhanne isa taasise. Kanatu nama kana ilaafilaamee (dimokiraasii) Gadaa, isa addunyaan raajeffatu “maafiyaa dha“, isa jechisiise. Namtichi kun waan maafiyaan tahe, baargama cewuun, Biyya Xaaliyaanii keessa labee beekaa, biyyuma Gadaa keessa uumarii isaa gara irra-caalu jiraatee, waan Gadaan tahe hin beeku. Kan kana akka hin beekne isa taasise namummaa isaa otoo hin taane, sanyummaa isaati.

Inni kana bira dabreetuu uummata Oromoo mara “tiksee” jechuun arrabsa. Maali namni kun seenaa-dhaan doktorummaa argate moo addaggummaa-dhaani (baalagummaa-dhaani)? Akka kiyyatti tikseenis keessumaa nama barate biratti ni kabajamti. Hojiin marti: tiksummaan, horsiisanii-bultummaan, qonnaan-bulummaan, hojiin-bulummaan, daldalummaan, seedatummaan, shammaanummaan, tumtummaan, faaqummaan, weexummaan faa marti ni kabajamu. Hojiiwwanii fi jiruuwwan kun akka hawaasa Amaaraa keessatti hin kabajamne, akka hedduu tuffataman sirriittan beeka. Ammoo, namni kun mee nama barate qofa otoo hin taanee, nama Biyya Ameerikaa keessa jiraatuu! Naannoo fi hawaasa keessa jiraatu sana irraa inni homaayyuu hin baratu moo maal dubbiin? Yaa Waaq dukkana wallaalummaa akkanaa kana keessa Oromootas, uummatoota kiyya warra Kibbaas, dhala-namaa hunda na jalaa hin galchini!
Inni Oromoodhan “tiksee” kan jedhe horsiisee-bulaa (“pastoralist“) jechuu wallaaletii miti. Inni isuma kanas ni tuffata. Isaaf kan uummanni isaa irratti argamu “qonnaan-bulummaa” callaatu kabaja qaba yookaan “qaroomina“. Erga qotiisaan jiraachuun qaroomina tahee, Oromoonis waan qotiisaanis jiraachaa tureef, (ammallee jiruuf) qaroomina Dr. G. Hayilee qunnaa-dhaan namaaf hiru kana, Oromoon keenyas argachuu qaba. Maal jennaan? Uummanni Oromoo hundee uummatoonni Afrikaa Kaaba-bahaa irratti bu’ureeffaman erga tahee, horii-horsiisuus tahee lafa-qotuu isatu obbolaa isaa warra Kuush wajjin jalqabe jechaa dha. Bardhibbee 16-ffaa keessa oggaa waraanni hamaan Habashoota fi Oromoota jidduutti adeemaa ture san, Oromoo keessaa gosoliin baay’een qonna dhaabuun horii-horsiisuu qofa irratti bobbayanii turani. Waraana hamaan warri Habashaa kun ennum sanallee humna Afrikaa irraa alaa, Portugaalota waammachuun adeemsisaa turan, jechuun meeshaa-waraanaa Faranjoota irraa argachuu qofa otoo hin taane, loltoota isaanii 400 tahantu isaan duukaa-deemuun Oromoon lolaa turani. Kanaaf, Oromoodhaa waraanni sun waan laayyoo wayii hin turre.
Aadaa fi duudhaa warra Habashaa keessumaa kan warra Amaaraa taheeti, waraanni isaanii saammatee, raammatee buluu malee, waan mindaa jedhamu hin qabu ture. Oggaa waraanni isaanii kun daangaa ofii irra dabrun Biyya Oromoo seene, Oromoonni loonii fi fardeen ofii faa ooffataniitoo gara Kibbaatti, gara miilli Habashootaa dhaqqabuu hin dandeenyetti baqatu. Ammegaa, midhaan isaanii isa oobruu (maasii), oogdii fi gootaraa keessa jiru akkamitti ooffatanii jarreen kana jalaa baqatu? Kanatu bara san Oromoota duraan qonnaa fi horii-horsiisuun jiraatan akka qonna dhiisaniif isaan dirqisiise. Kana jechuun immoo Oromoota keessaa, warreen durumaanuu horii-horsiisuu callaan jiraatan hin jiran jechaa miti.
Ani akkan naannoo Oromiyaa Waltajjii keessaa abbootii seenaa irraa qoraddheetti, jechuun Oromoota Tuulamas, Oromoota Macca Bahaa irraas isuman kanaa olitti ibsame kanaan dhagaye. “Ilmakoo isin warri barattan kun waanuma mana barumsaa keessatti dhageessan, waanuma qeesota irraa dhageessan duwwaatu mirkana jettanii hin fudhatinaa! Oromoonkee duris qoteetuma, loonis horsiisetuma jiraachaa ture. Otoo hin qotin, otoo garbuu faa facaafatee hin galfatin maaliin ateetee bulfata? Maal walitti facaasuun wal-eebbisa. Biqila maalii itti-tufuun shii heerumtuu fi isa fuudhu eebbisa? Ani amman beekutti isuma naannoo kanaan sittimaa Tuulamnis, Maccis qoteetuma, tikfateetuma bulaayyu.” Naan jedhe ekeraan isaa daadhii keessaa isa booka haa dhugduutii, namni seenaa Dabbabaa Gammachuu Qamalittii. Kan inni nuuf ibse kun, akka walqabanneetoo gara seenaa keenya isa bardhibbee 16-ffaa duraatti deebinuu fi gara Madda Walaabuu (Haroo Walaabuu) deemnuuf nu afeera.
Namni Jarmanii kan umurii isaa guutuu waayee Oromoo fi uummatoota Kibbaa qorate, Mabba (Unbarsitii) Firaankifurtii-tti barachiisaa kan ture, Eike Haberland akka Oromoon durattumaa qonnaa fi horii-horsiisuun jiraatu, ragaa hanga harraattuu eenyumtuu dura ijaajjuu hin dandeenye nuuf dhiyeesse. Inni dursee seenaa Oromoon waayee dhaloota isaa akka oduutti (sheekkootti) dhiyeeffatu irraayyi ka’e. Oduu tun tan gosoolii Oromoo hundaa biratti beekamtu. “Oromoon waan sadii wajjin waaqarraa gara lafaatti bu’e. Sadeen kun: sa’a, hoolaa fi garbuu dha.” Pirof. Haberland: “wanneen sadan kun seenaa Oromoo keessatti isaan jalqabaa, isaan durii durii tahuu-laa?“, jechuun wanneen kana qorachuu eegale.
Loon baddaattis, gammoojjiittis waan horsiifamaniif ammana isa hin rakkifne. Hoolota keessaa immoo hoolaa Somaalee faa ishii biyya hoowwaa, gammoojjjiitti horsiifamtu otoo hin taane, “hoolaa Oromoo” tan jedhamtu qorate. Hoolaan Oromoo tun biyya qorru, baddaatti tan horsiifamtu. Inni rifeensi ishii fi duboon ishii otoo hin hafin qorachuun akka hoolaa biyya baddaa taate mirkaneeffate. Dhuma irratti garbuunis eessumattuu akka biyya baddaa callaatti biqilu bira gaye. Wanneen kun sadanuu Oromoon erga addunyaa tana irra jiraachuu jalqabee, kan isaa fi kanneen biyya baddaatti tahan waan taheef, inni “Oromoon baddaa Baalee” irra turee booda, bakka amma Booranni jiruu faa, Oromoon Gabraa fi Ormaa (Keeniyaa) jirufaatti godaane jedhe.** Inni namni seenaa Oromoo Dabbabaa Gammachuu Qamalittii: “Biqila maalii itti-tufuun shii heerumtuu fi isa fuudhu eebbisa?“, jedhe kun isa pirofeesar Habareland jedhu san kan akka gaariitti deeggaru. Garbuun hundee Oromooti jechuutu dandayama. Akaakuu farsoo keessaa inni sonaan jaalatamaan sun, hamma mammaattuu “farsoo Oromoo” kan jedhamu garbuu irraa akka qoppheeffamu yaadachuun mishoo dha.
Kana irratti idayamuu kan qabu waayee bunaati. Bunnis kan naannoo gammoojjiitti biqiluu miti. Bunni naannoo baddadareetti kan margu yookaan kan dhaabamu. Oromoon akka garbuutti isa waliin “waaqarraa lafatti buune“, jechuu baatullee akkuma garbuu faa aadaa fi duudhaa isaa keessatti bunnis bakka olaanaa qaba. Aadaa fuudhaa-heerumaa, ateetee, ayyaana waggaa, shanan dubartii deessee, araara fi eebba faa biraa bunni hin hafu. Oromoof bunni asxaa nagaa-ti. Akkuma coqorsi asxaa jireenyaa tahe bunnimmoo mallattoo nagaa tahee, Oromoo fi nu dhalawwan isaa biraa hafuu didee biyyambaa kanas nu waliin jiraata. Dr. G. Hayilee bunnis kan “tiksee“-ti jechuun isaa ni mala. Ee, uummanni isaa aadaa bunaa waan hin qabneef, waan bara dhiyoo warra “tiksee” kana irraa barateef, ammas akkuma qeesota isaanii jara durattii: “waan Gaallaa kana akka hin tuqneef, waan Islaamaa kana akka harkaan hin qabanneef, maqaa abbaatiin, maqaa ilmaatiin, maqaa hafuura qulqulluutiin isin magannee jirra (“basima-aab, basima-waldi, basima-manfas qiddus gazzitanaal)!” Akka nuun hin jenne.
Isaan as irrattis “Gaallaa” isaanii kana Muslimoota irraa addaan hin baafne. Waan isaan lameen kana, jechuun Oromoo fi Muslimoota warri isaa addaan-baasanii hin ilaalleef, kunoo bardhibbee 21-ffaa kana keessas Oromoo fi Muslimoota Gaafa Afrikaa walitti qabeetoo cagada. Waan hundaafuu Muslimoota keenya isaan Gaafa Afrikaa kanneen dhiisitii, isaan Garba Diimaa gamaatuu waayee bunaa kana Oromoodhuma isaanii irraayyi fudhatani. Maddi bunaa biyya Oromoota Kuush Kuusaa akka tahe amma shakkii wayiituu malee, qorattoota seenatiin bira gayameeti jira. Hayyee, Oromoon keenya buna midhaan eebbaa, WAAQNI eebbisee isa badhaase kana innis eebbisee addunyaa teenya badhaasee jira. Seenaa buna Oromoo ennaa biraan isiinii dhiyeessaa, amma akka Oromoon bara 575 keessa buna dhuguu jalqabee jala-harriqeen dabra.
Habashoonni “keenya“-mmoo bara himame kana dhiisitii bara maraataa fi shifticha isaanii, bara Teediroos-iyyuu (1855 – 1868) uummanni isaanii buna hin dhugu ture. Ginni-bittee isaanii immoo buna dhuguu kan jalqaban, erga Oromoota Walloo fi Yajjuu, Tuulamaa fi Macca keessa Horro, Guduru, Jimma Raaree, Amuuruu fi Sadan Liiban faa keessaa nam-tokkeewwanii fi gurmuuwwan gariin magaalaa fi masaraa Gondor seenanii asii (bara mooticha Suusiniyoos, 1606-1632) irraa kaasanii-ti. Dur qeessonni isaanii buna keenya kanaan: “muka sheexanaa – yesayxaan takil” jedhuun turre. Kunoo galanni kan Oromoo haa tahuutii, gallanni kan qaroomina Biyya Gadaa haa tahuutii, harra numa wajjin midhaan eebbaa kanaan gammaddaa, mirqaanaa jiru! Erga aadaa bunaa warra Gadaa irraa baratanii, maal jedhe naan jedhaa buli-bulii aadaa Gadaas (dimokiraasiis) uummata Gadaa kana irraa ni baratu! Kana malees, mootummaan Habashaa fi dureeyyiin isaanii kunoo hardha bunni akka waan kan mataa isaanii taheetti addunyaatti dhiyeeffatu. Imaltoota (turistoota) impaayerittii isaanii seenan maratti, hoteelota urjiiwwan shanii keessatti akkuma aadaa Oromootti damfisuun: jabanaa marga coqorsaatiin marsanii, shaarfaa bunaa kan garbu irraa akaawame faa dhiyeessanii ittiin daldalachaa jiru.
Kanaa olitti waayee garbuu fi waayee qonnaan-buluu Oromoo durii durii kaafnee turre. Oggaa gosooliin Seem sadii Arabiyaa Kibbaa irraa Garba Diimaa cewuun dachee Kuushotaa irra miilli isaanii hin ijjatin, naannoon Biyya Habashaa isa ammaa kana,  Oromiyaa fi naannoon uummatoota Kibbaa kun qonnaan hedduu kan beekamu ture. Kun Ertiraa Kibbaas ni dabalata. Kunoo, midhaan harra Habashoonni akka waan isaan irraa maddeetti dhiyeeffatan: xaafii, nuugii, garbuu fi ajjaa faa koolu-galtuu tahuun otoo isaaan hin dhufin, warra Kuushotaatiin bara dhibba meeqaa fi meeqa dura hoomishamaa turani. Adaala (“desert“) Arabiyaa irraayyi finnee dhufne, akka jedhanii nu hin kofalchiifne, ni abdanna. Kanneen keessaa kan akka xaafii fi nuugii aadaan qonna isaas, jechi sagalee isaas Afaanota Kuushii irraa kan ergifatame. Maali isaan midhaan akkuma garbuu naannoo baddaatti margu sanaan, jechuun ajjaa-dhaan (kunis Afaanuma Oromoo fayi) hanga dhiyootti “YeGaallaa gabsi” jedhuun ture mitii?
Ijjaarsi Aksum, inni isaan harra dhuunfaa ofii godhachuun ittiin boonan kunillee kan isaanii qofa miti. Isaan uummata Kuush raajeffatamaa kana jechuun Agawo keenya lafarraa duguuganii fixanii Goojjam, Walloo fi Beegamdiritti (Beejaa-midir) waa hafee, isaa kaan “Falaashaa” jechuun warra Israa’elitti bara Dargii irraa kaasuun gurgurachaa jiruu, siidaa Aksum kanas handhuuraa isaanii, kan warri Kuush homaayyu keessaa hin qabne godhatuu? Waan hundaafuu, aadaa kallacha Oromoo, aadaa siidaa isa hardhumallee naannoo Oromoo Arsii keessaa Sulula Dhooqaa keessatti argamuu, ijaarsa fi hambaa qaroominaa isa naannoo Oromoo Tuulamaa keessaa Malkaa Qunxuree fi Maaram Adaadii faatti argamuu, qorattoota seenaa keessaa warri xindhakaa qorachuutu barbaachisaa taha.
Sirni Gadaa Dr. G. Hayilee tuffii hamaadhaan “maafiyaa” jedhee arrabsu sun, sirna qaroominaa kan Oromoon Habashootas, Arabootas, Yuudota isaanis, Faranjoots, uummatoota Asiyaa fi Afrikaa keessaa hedduu dursuun ittiin bulu ture. Eekaa, oggaa uummatoonni fi biyyoonni kanaa olitti kaafaman mootolii fi gooftoliin, abbootii irree fi muummichootan bulan san Oromoon caffee isaatti waggaa saddeet-saddeetiin dureewwan ofii filachuun ilaafilaameen walbulcha ture. Seenaa ilmoo namaa keessaa Oromoon sirna dimokiraasiin kan of-bulche ennaan jedhu, dimokiraasii warra Giriikii durii sana irraanfaddhee miti! Inni kun akka kan Oromoo fi akka kan warra Oroppaa fi Ameerikaa Kaabaa isaan ammaa kana  dimokiraasii guutuu tahe hin turre. Dimokiraasiin Giriikota durii dimokiraasii abbootii gabraati. Gabroonni kan qaama uummata Giriikii san turan filachuuf mirgaa fi haqa tokkollee hin qabniiyyu. Dimokiraasiin USA-a kunis amma malee, duraan dimokiraasii abbootii gabraa ture. Kanatti dabalameetuu dimokiraasii sanyummaa irratti bu’ureeffame ture. Oggaas kan filamuufis, filachuufis mirga qabu Faranjoota callaa dha. Afroo-Ameerikaanonnii fi Warri Abbaa Biyyaa, kan isaan “Red Indians” jedhaniin mirga wayiituu hin qaban ture. Karaa kanaan hardha addunyaan teenya tun, jechuun karaa dimokiraasii-tiin Oromoomtee jirti jechuu dandeenya.
Mee akkamitti mootummaan tokko abbaa irraa ilmatti dabruun dhaalama? Kun nu Oromootaaf hin galu. Mataa keenyatu daddhabaa tahe otoo hin taane, loojika ilmoo namaa isa kanatti bulu sanatu daddhabaa ture. Warri Dr. G. Hayilee isaan akka hoolotaatti abbootii duulaa (“raasota“) fi mootolii isaanitiin tikfamaa, oofamaa turan sun isa kanaaf mammaaksa tokko qabu. “Samaay aayittaarrasim, nigus aayikkassasim – samiin hin qotamu, mootiin hin himatamu!” Inni kun gadaantummaa gadaantummaa caalu, kan ilmoo namaa akka horiitti ilaalu. Oromoo biratti garuu, Abbaan Gadaa fi ministeeronni waggaalee 8 callaaf filamu. Erga Abbaan Gadaa fi miseensonni kaabinee isaa saglan filatamanii booda waggaa afuritti hojiin isaanii, adaraan biyyi itti-kennate sun yaa’in waamamee gamaaggamama. Balleessanii argamnaan hojii irraayyi buufamu. Afaan Oromoo keessaa jechi Abbaa Gadaa mootummaa irraa buusu kun, jechaa daran jabaa fi jabaataa kan buqqisuu (“to uproot“) jedhamu. “Samaay —“-n warraa Amaaraa tun as irratti bakka wayiituu hin qabdu. Akka nuti beeknuttis, akka addunyaan beektuttis isa Gadaa kanatu qaroomina qaroomina caalu. Warra akka hoolotaatti mootolii fi abbootii duulatiin oofamuu bareef, inni kun “maafiyaa” dha. Hatahu malee, warri sirna qaroominaa kana, sirna Gadaa arrabsaa jiran kunis oolee bulee garuma sanitti deemu. Kunoo, hardhaayyuu gargaarsa Faranjootaa isa bakka amantii ofii buufatan sana argachuuf, “nuti dimokiraatota, Toopphiyaa kottee Wayyaanee jalaa baafnee sirna dimokiraasii-tiin bulchina” jechaa jiru.
Kutaa kana asuma irratti dhaabuun mee haa bullu! Hammasitti nagaa fi nageenyi qeyee keessan irraa, haarri bunaa manaa fi gandeen keessan keessaa hin dhabamini! Horaa naa bubbulaa!
                                                      Itti-fufa —!
==============    HUBACHIISA MIILJALEE    ==============
* Namoonni keenya gariin jecha Oromoo isa “jaarraa” jedhamu, jecha Afaan Ingilizii isa “century” jedhamuuf kennu. Garuu, sirna Gadaa keessatti “jaarraa” jechuun waggaa 40, ilmi abbaa isaa booda dhufuun abbaa bokkuu faa tahuu dandawu sana. Isa kana ammas akkanumatti jechuun waggaa 40-f dhimma ittiin bawuu qabna. “Century“-f immoo jecha “bardhibbee” jedhamu qabna. Akkanuma:barkurnee = “decade“, barkumee = “millennium“.
** Oromoon durii duriis Madduma Walaabuu, jechuun Baddaa Baalee keessa qofaa ture jechaa miti. Otoo inni bardhibbee 16-ffaa keessa gara biyya ofii isa Oromiyaa Waltajii fi Oromiyaa Kaabaa: Raayyaa, Yajjuu fi Wallotti ol hin deebiyin Oromoonni biroo naannolee kana akka jiraachaa turan ni beekama. Otoo Oromoon Tuulamaa fi Maccaa kanneen akka isaan jedhanitti “Haroo Walaabuu” irraa ka’uun gara amma jiraatan kana hin dhufin, naannoo amma Gindabart jedhamu keessa Oromoo “Oromduroo” jechuun Oromoo Durii jedhamutu ture. Kana malees oggaa Macci gariin Laga Gibee cewuun naannoo Wallaggaa dhaqqabu, Oromoonni biroo akka achi turan amma bira gayamee jira. Erga Oromoon qaama hortee Kuush tahee, Kuush kanaaf immoo maddi isaa Nuubiyaa (Nuu+biyya), jechuun Misira Kibbaa fi Sudaan Kaabaa tahee kun kan nama maalaluu miti.

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

Waraana calqaba isaa malee xumurrii fi ittibahinsi isaa hin beekamne – Oromoon maal godhuu qaba?

Berhanu Hundee Waraanni amma garee seeraa fi heeraa ala mootummaa Federaalaa ofiin jedhu fi mootummaa …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *