Oduu Haaraya

Mooraan Qabsoo Bilisummaa Oromoo maaf itituu dhabe?

 

Dubbii kanaaf deebii heddun akka kennamu namaaf gala,waan namni jedhu haga tokko yoo kaafne ,garii oromootu walii hin galu jedha, gariis hogganootatu dadhaboo dha jedha,kaan ammoo beektotatu qabsoo keenyatti hin hirmaatne jedha,kuun ammoo oromiyaa walaboomte ijaaruutu addunyaa fi oromota garii biratti fudhatama dhabe jedha, murni tokko ammoo oromiyaan sabaa fi sablammotan waan marfamteef cituun hin mijatuuf jedhu ,hangi tokko ammoo oromumma fi ethiopi’ummaatu MQBO keessatti wal danqaa ture  fi  hedduu dha.walumaa gala rakkoolee kana kan keessatti hirmaatee fi itti siqeenya qabu waan hedduu rakkatu natti hin fakkataatu. Ani waan natti mullate hanga tokko irraa jedheen gara yaada kotiitti drba.

Diinni ABO dahabsiisuu fi qabeenya oromoo saamee humna waraanaa fi tikaa ittiin ijarrachuun  biyyoota qabsoo oromoo deggaran garii haleelee sodaachiisuu fi garii ammoo maallaqaan bitee karaa hunda ABOtti cufuu fi lafa irraa dhabamsiisuuf qawwaa itti dhimma hin bahin hin qabu. Kana malees demokiratawaa of fakkeessun mootummota addunyaa gowwomse fi maqaa goolessitootan rukkuta jedhuun mallaqa ,meeshaa fi deggers basaasotaa USA aragatee sanatti dhimma bahuun alaa fi keessan schii ABO dhabamsiisuuf waan hedduu hojjete. Kana alas maallaquma oromoon oromoota garaa isaniif bulan hedduu bituun ABO diiguu, caccabsuu fi  hawwaasi oromoo akka ABO hin deggerre gochaa ture fi jiras, gurmuu isaa facaasuu irratti gad jabenyaan dalage. qor-qalbii uummata oromoo biyya keessaa miidhuu irrtti waan hin godhin hin qabu. Hiyyoomsuu, beelessuu,lafa irraa buqqisuu,  biyyaa ari’uu fi kkf fi hedduu dha.

Dogoggoraa fi seenaa darbe irraa maal baratna Dhaaba,  Jaarmiyaan hawwaasaa Waldaalen garaa garaa?

Seenaa darbe jechuun waan hedduu dha. gochaa gaarii, dogogora gadhee , waan nama gammachiisanii fi  waan nama gaddisiisan of keessaa qaba. kana yammuu kaafnu isa tolaa tahe irraa baratnee fudhatnee fuula duratti ittiin tarkanfatna . Isa gadhee tahe ammoo qaama dadhabiinsatti hubatnee irraa barachuun dogoggora akkasii gochuu irraa of tiksuun karaa qajeelaa irra  akka sossonu nu taasisa. Yeroo hunda dogoggorri maaliif tahee qofa osoo hin taanee  akkamitti tahee xiinxaluutu nama barbaachisa kanaaf kan oromoon yammuu makmaaku ”bakka itti kufte osoo hin taane bakka irraa mucucaate ilaalii” waliin  jedhuuf.

Dhaaba,waldaa amantii, fi ijaarsa hawaasaa tokko keessatti seera lafaa qabaniin wal gorsuu ,wal diniinuu fi adabanii wal sirreessuu  yoo baatan badiin daangaa godhachuuf hin deemu jechuu dha ,akka kanatti jaarmiyaas tahe waldaan sun sirna dhablootan liqnifamee jireenyi isaa iyyuu gaaffii jala gala jechuu dha. Kun ammoo kan inni warren ani  harmaan olitti  tuqe keessatti bayyatuuf sababaalee hedduutu jira. Innis gandummaa, amantii , garee ,dantaa wal irraa qaban sodachuu fi maqaa walii tiksuu irraa madda.

Wanneen akkasii yammuu dalagaman daddafiin iggitii itti gochuu baatnan jaarmiyaa , waldaas tahe gurmuun sun gad malee ol hin deemu sababni isaas badii yeroo tookko nam tokkees tahe  gartuu badii san dalage daangaa itti gochuu yoo baatan,  kan biraa sirreessu waan nama dhorkutu jira innis, Nam tokkees tahe gartuu amma nuti adabuuf deemnu sun tole nuuf hin jedhan sababni isaas isa dura darbe san gatii ganda kee taheefii dhiiftee, inni eenyuu? ani maalii ? jechuutu dhufa. Kana booda inni badii dalagees ,inni  utuu gaafatama qabu sirreessuu dhiisee fi inni callisee ilaales badii wal fakkataa qabatanii caasaa tasgabbii hin qabne keessa waliin sosso’u jechuu dha .

Riphee lolaa ykn mormituun tokko yoo tika, seera,heera,danbii adabaa fi naamusa akka sibilaa jabaatu kan mootummaa mormu san ol dachaa dachaa caalu hin qabu yoo tahe ofumaa bakkuma jirutti deema malee akka silaa barbaachisutti hin milkaa’u. Maaliif yoo jettan diinni qaawwaa kanatti dhimma bahuun guyyuu isa laaffisa waan taheef keessaa iyyuu hawaasa  oromoo biyya alaa kan diinni laaffisuu fi diiguu dandaheef inni guddaan kana. iji oromoo biyya alaa kun hedduun  diina isaa of biratti hin argu. Kana malees wal nyaachaa waliin nyaachuun aadaa tahaa dhufeera biyya alaa kanatti. Kana jechuun nama oromoo diigu tokko utuma beekananii callisanii waliin jiraatu jechuu dha. Hogganooti jarmiyoolees tahan hawaasaa nama garee ykn ganda isanii tahe saaxiluu hin fedhan.kun ammoo beekaas tahe osoo hin beekin diinaaf hojjechuu dha.

Yeroo ammaa kana diinni oromoo hedduun oromoo dhuma. Kan dantaa isaa malee dhumatiin lammii isatii itti hin dhagahmne dha. Yammuu diinni maqaa daysfooran mana iyyeesa sadii afurii diigee isaaf kennu kan isa gammachiisu,akkasuma inni ammoo biyya alaatii hawwaasa keessa jiru diigee ti kan inni diina biraa carraa kana argatu. kana jechuun diinni alaaf keessan milkaa’uu jechuu dha ”dhakaa tokkon shimbra lama ”akkuma jedhan. Akkasitti diinni lukeelee isaa biyya alattii dhabootaa fi hawwasa keessa kawwachuun  namoota jajjaboo tahan summii yeroo nyachisaa fi olola sobaa irratti oofanii akka inni dhaaba ykn hawwasa san ala tahu gochuun dadhabsiisaa deemu. Gaaf saaxilamuuf jedhan ammoo dirqama ifaa diina irraa fudhachuu jalqabu.”Kan garaa garaa haa ta’u” jedhan. Namootni kanaan dura qabsoo bilisummaa oromoo keessatti dadhabanii beekaas tahe osoo hin beekin harra diinaaf dalagaa jiranis hedduu dha.isaan kun ammoo garii dantaan bitaman kaan ammoo olola diinaan gowomanii ti.  

Basaasoti harra illee biyya ala kanaa hawwaasa keessa tahanii sochii oromiyaa keessatti tahaa jiru kana waan Abbaan Duulaa fi bitamtooti wayyanee warri oromoo ficcisiisaa jiran kun godhan fakkeessanii hojii ABO fi Qeerrootti bshaan naquuf yaalan ollaadhuma keenya jiru.Yoo nuti beekaadhuma arguu baatne malee .ABO maqaa ballessanii fi dadhabsiisanii dhabamsiisuuf warri carraqan nam tokkee fi dhaabota maqaa oromoon wayyaneef basaasanii fi QBO dhabamsiisuuf irratti hojjetanii dha. Warra kanaaf dhaamsi keenya horii fi lafa oromoo wayyanee saamtee isiniif  laattee oromoo irratti  isin bobbaaftu kana utuu hin nyaatin akka isin  wayyanee waliin dhabamtan shakkii hin qabnu.

Kan biraan gannoota hedduu daraban kana keessa kan hedduu  nu laaffisee diina keenya dhiisnee akka wal nyaatnu nu godhe warren ani harmaan olitti tuqe  kunneen yoo jedhe soba hin tahu. Akkan yaadutti wanti fuuldurratti nu deemsisu; ykn injifatnnootti nu geessu wal saaxiluu, tarkanfii wal irratti fudhachaa, wal sirreessaa, wal to’achaa  fi kabajaan wal jala yaa’uun  daandii naamusa qabuu fi abadatamaa ta’e irra deemnee dha . sababni seeroti hrman olitti tuqne kun tumamuufis kanaaf. Walumaa gala wanni ani dubbii kunneen kaaseef tarii laafina  waan harmaan olii kanaan caccabiinsi nu mudatan kun dhufee laata yaada jedhu irraa tahuu mala.

Jeneralota diina keessaa dhufanii kana irraa waanan heddutu abdatamee. abjuu tahee hafe.

Yammuu isaan hiriiranii dhufan  oromoo hedduutu abdiidhaan guutame ,gammades, maaliif jennan MQBO ogeessa waranaatu hirrata waan taheef jedhame. namooti gariin  ammoo yoo xiqqate diina irraa hirrata kan jedhan qabu turan. Sun dansa garuu erga jarri kun  dhufanii MQBO ni  itite moo ni shororkahe jedhanii yaaduun gaarii natti fakkata, ”buddeen nama quubsu eelee irratti beeku jedha oromoon”ani yammuudhuma isaan lafa hiriiranii deeman wayyaneen callistee ilaalte naaf liqifamuu dide dubbichi. Kana malees  jarri kun gaafa dhufanis diina irraa nama tokko  ajeesanii hin dhufne. Erga dhufaniis akkasuma, hinumaa iyyoo hogganoota QBO irratti  umurii isanii guutuu fixan rashanuu fi WBO gameeyyii nama kudha torbaa ol galaafatuu isanii malee waan biraa waan agarre hin qabnu, kun dhugaa wal sobuu hin dandeenyee dha.  Harra hoo maalitti jiru? Maatiin isanii biyya alaa ti akka fedhan  galanii finfinnee keessa bashannananii deebi’u sanuu yeroo wayyaneen ilmaan oromoo jumlaan fixaa jirtu keessa. Kana hoo maal jettu???,lafaa fi manni isaan oromoo saaman harra illee wayyaneen eegamaafii jira. Maaliif??

Kan biraan dhaaba tokkos tahe caayaan tokko  dallaa saawwaa miti kan yeroo fedhan badii dalaganii keesaa utalanii bahanii yammuu fedhan ammoo akka fedhan gaaffii male  itti ol seenan miti. Dhaaba tokko keessaa bahunis tahe itti deebi’uun seeraa qaba.yoo kan deebi’u illee tahe mirgaa fi dirqamni isaa daangawaa tahuu qaba.

Kan biraan  dhaabi saba tokkoof qabsoo godhu nama kaleessa saba isaa gar malee diina waliin hiriiree miidhaa ture callisee dhuma ofitti hin dabalu, yoo kana tahe innis miidhaa san keessaa harka qaba yoo jedhan cubbuu hin tahu. Badiin osoo hin beekin dalagamee fi dogogorri daangaa qaba. Dhaabota waliin tokko taana jennu kana  keessatti waan hedduu argaa jirra. Innis warri kaleessa dhiiga ilmaan oromoon laaqaman suufii, kaakii fi harki isanii dhiiga ilmaan oromoon xuraawe harras saalfii tokko malee yammuu diinni akka qodaa cabee darbate  of keessaa baasu warri ofitti fuudhanii gandaa fi gareen  wal muudan kana iji keenya yammuu argu ekeraan obbolaa keenyaa waan nu dhiisu nutti hin fakaatu.  Dhiignni ilmaan  oromoo gad naqamame kun kan salphatti bira darbamus jedhanii yaaduun nama rakkisa.

Wanti kan darbe darbeera, kan du’e hin galalu,bishaan darbe hin warabatan jedhu sun dogoggora guddaa dha. kana jechuun kanneen diina wajjin hafanii oromoo fixaa jiraniin  abshir jedhanii  jajjabeessuu dha. kun ammoo inni uummaticha fixaa turee dhufes tahe inni simatees diinuma uummata  dhumaa jiru sanaa tahuun isaa ifaa tahuu qaba.

Dubbii kana harra maaliif kaastee? yeroon kun yeroo waliin hojjetan malee yeroo wal komatan mitii jechuu dandeessu, kun dhugaa dha yaadaan namuu akkasuma hawwa. hojiidhaan garuu kan argaa jirru faallaa isaa ti .Sababni isaas jarri kun harras yammuu oromoon walitti dhufee hirree tokko tahee dhaaba tokko ABO biyya tokko oromiyaa fi hiiree tokko bilisummaa jechaa tarree tokko irratti golee oromiyaa maraa ol kahee wal irratti dhumaa jiru kana  maqaa jijijjiiraa fi alabaa sararaa ooluun hojii uummata oromoo laaffisuu fi walitti buusu dalaguu irraa hin dhaabbatne waan taheefan kaasa.

 

Ethiopia dullomtee raafamtuu fi oromoota duukaa kufuuf raafamaa jiran.

Warri harra illee yammuu abjootan ethopia demokratofte  malee oromiyaa walaboomte iji  isaanii arguu hin dandeenye ni jiru. Isaan kun ammoo oromoota habashoota caalaa ethiopi’ummaan sabboonan  jechuu dha. jarri kun hanga gaafa ethiopian dulloomte kun isaan waliin dhabamtutti tokkummaa oromoo diiganii kan ethiopia ilmaan cunqurfama hundi jibbe san suphuuf gad hin ciisan.

Haa ta’u malee warri kun  miilana yammuu abjuu keessaa dammaqan  oromoo oromiyaa maraa keessaa yeroo tokkon kahee, wal tahee Oromiyaan kan oromoo ti. diinni dachii keenya keessaa nuuf haa ba’uu  fi ofiin of bulchina jechu argan ittumaa qaajja’amaa jiru. Gariin isaanii warra ethiopia durii afaan tokko amaariffa, Amantii tokko ortodoksii fi Alaabaa tokko magariisa,keelloo  fi diimaa jalatti habashootaaf qomma’ee buluu fedhuu dha. Maaliif yoo jettan jarri harra iyyuu waan kun hundi  harkaa hin buune waan taheef .warri kaan ammoo  jara tigireekan  maqaa federalaa of harkaa qaban duukaa akka dhalladduu bishaan keessaa raafamaa jiru. Hanga gaafa galaanni gudeesha gangalchee fidee isan irra ba’utti waan gar tokkotti lucca’an hin fakkatan.

Walumaa gala warra  injifatnnoon amma argamaa jiruu fi alaabaan amma oromiyaa guutummaa keessatti dhaabamaa  jiru kun maaf karaa keenyaan ala ta’e jedhanii asii fi achi wixxifachaa jiranis mullatan, Waanti nama ajaa’ibu garuu jarri kun dhuguma uummatnni oromoo roorroo jalaa bahuu ni fedhuu? Utuu tahee abbaan fedhe iyyuu haa fidu milkii waggaa 40 ol barbadamaa turetti hin hinaafan ture. Warra kanatti itti rakkachuun hin mbarbaachisu, maal goona ree isintu fedhii uummata keessanii ala deemee  jechuun gahaa dha. ABOn amma uummatni oromoo fedhiinis tahe humnaan sii wajjin jirra jechaa jiruu  fi alaabaan amma oromiyaa guutumma irratti fannifamaa jiru kun kan dhiigni  ilmaan abbootii isanii fi ilmaan isaniin kallattii arfaniin irratti dhangala’ee addana gahee dha malee, kan warri ethiopia badhaasan miti.

Dhaabni ejjetnnoo jabaa  qabu  fi  fedhii uummata isaatii   jala deemu qaroomaa dha. Onnee uummata isaa keessa waan jiruuf galii baheef sana waan hin geenyeef hin qabu .

Fulmaata jedhee kanan yaadu habashoota ganna dhibba tokkoo oliif uummata keenya dhiiga xuuxaa turee uummaticha gargaarun  humnaan irraa fonqolchanii akka dhiibbaa tokko malee uummatichi hiiree isaa ofiin murteeffatu gochuutu karaa dha malee habashaa jaarraa tokkoo oliif lafa irraa isa daguugaa jirtu waliin gungumuun fulmaata waaraa hin fidu. Kun ammoo kani inni milkaa’u dhoksaa tokko malee ifatti walitti himuun barbaachisaa dha . lubbuu uummata keenya lafa irraa daguugamaa fi  qabeenya keenya saamamaa jiruuf bakka laachuun  gaafatama seenaa jalaa ba’uu dha. ”dhoksaan fanxoo hin fayyisu” akkauma jedhan.

Kan biraan hirmannan hawwasotaa utubaa qabsoo saba tokkoo ti .Hawwaasni ititaan walii gale dhaabota ykn jarmiyoota irra humna qaba. Sababni isaas maddi jara kana hawwasa sana waan taheef. Isaa ala hin jiraatamu, akkuma qurxummii galaana keessaa ti .Hawaasnni ititaanii fi jabaan dhibuun akka dhaaboti bibixalamaa olaan fi  laaffatan  taasise. Kanaaf naannoo jirru hindaatti hawaasa ijaaruu fi jabeessun itti haa fufu.

Dhuma irratti yeroon harra keessa jirru kun baayyee murteessaa dha.uummatnni keenya diina waliin morma wal hudhee jira. Kanaaf namuu waan dandahe hundaan bira dhaabachuun wareegama qaqqaalii kaffalamaa jiru kana injifatnoon akka xumuramu goochuu dha. Tahuu baatnaan diinni uummata keenya isa dhumaa lafa irraa dhabamsiifti.

Dogoggora koof na ofkalchaa.

Injifatnnoon uummata oromoof !!!

 

.

 

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …