Waan kooraa fuudhaniif fardi hin wallaalu. Wanti na dhibe nu hunda dhibee jira yoo ta’eef jedheen gaaffii tana mata duree godhachuuf dirqame. Haala FXG Oromiyaa guutuu keessatti dhohee belbelaa turee fi jiru dhaamsuuf, olola ilmaan Oromoo muraasaan yeroo ammaa irratti baname gurri na caqasuu dadhabee, garaan na hammaatee gaaffii kana kaase. Diinni Oromoo Wayyaanee dha. Oromoon Oromoof diinaa miti. Olola diinaan malu wal irratti oofuun mee maal jedhama? Namni mana tokko kabu citaa wal hin saamu. Dhuguma rakkoo tokko qaamni qabu furmaata tokko kan barbaadu ololaan wal irratti duuluun tahuu hin qabu. Kun amantaa Habashaan Oromoon sabaa fi sab-lamoota biyyattii bulchuu dhiisii mataa ofiituu bulchuu hin danda’u yaada jedhu sana of irratti mirkaneessuun fedhameeti moo maal yaaduu irraa ti?
Sareen ofii wal nyaattu bineensa of irraa/wal irraa hin baaftu. Qabsaawaan qabsoo wal harkatti qabu diinaaf utubaa ta’ee umrii gabrummaa ummata isaa irratti waarsa malee hawwii ummata isaa guutuu hin danda’u. Namni hojjatu dogongoruu ni danda’a. Kan hin dogongorre isa hin sochoone qofa. Dhaaba kana/sanatu dadhabaadha/laafaadha jechuun yeroo Oromoon itti wal ajeeffatu /abaaru keessa hin jirru. Yeroo laafaa jabeeffatnee, jabaa faarsinee, wallaalaa barsiifannee, jallataa qajeelfannee gamtaan diina keenya irratti irree keenya humneessinee
diina keenya mancaasuu qabnu keessa jirra.
Dammaqiinsi keenya wal fakkaataa akka hin tahin nin beeka. Baay’ee kan dammaqe, xiqqoo kan dammaqee fi dammaqiisna woyiituu kan hin qabnetu waliin socho’aa jirra. Garaagarummaa dammaqiinsaa jiru kana wal simachiisanii socho’uun ammoo mala/tooftaa bilchaataa akka feesisu beekkamaa dha. Oromoonni ogummaa kana qaban yeroon itti barbaadaman amma. Wal ceersuun, diina jalatti gadi wal qabuun hir’ina armaa olitti tuqaman irraa madda. Dadhabiinsa kana dafanii cufatuun ammoo dirqama Oromoota maraa ti. Furmaata fiduu irratti anaa fi si’i jennee wal eeguu osoo hin taane, nu cufti jennee gamtaan socho’uu gaafata yeroon keessa jirru.
Sadarkaan sab-boonummaas akkasuma garaa garummaa ni qabaata. Sab-boonaan dhugaa of irra saba ofiitiif dursa kenna. Namni akkasii dhuguma nama siyaasaan bilchaate. Kan waan woloo malee waan garee/dhuunfaa hin dubbatu/hin fardeessu. Haasawa hawaasa giddutti rakkoo uumuu malu irraa bilisa tahe haasawa; rakkoolee dhalachuu malaniif dursee furmaata lafa kaaha; rakkoolee tasa dhalataniifis battalummatti furmaata akeekuu danda’a. Oromoon har’a namoota akkasii danuu horee jira. Hojiin gadi bahanii kan mul’atan garuu muraasa. Isaan keessaahuu namoonni yaada bilchaataan kutatanii gadi bahan lakkoofsaan jiru. Hedduun isaanii garuu akkuma mataa gadi qabatanitti riphanii jiru. Isaan ammoo ebalu fa’a jedhee himuu nin danda’a, garuu hin godhu. Sodhaadhee osoo hin taane akkuma isaan ofii of beekanii gadi bahanii beekkumsa qaban saba isaaniif oolchan
akeekuufi.
Gama biraan beektotni Oromoo warreen yaada ummata Oromoo kan woloo lafa kaawanii yaada dhuunfaa isaanii ol fuudhanii hafarsanis ni jiru. Hayyoomina/qaroomina yoo qabaatan tarii isaanuu beekanii of sirreessuu ni danda’u jedheen abdadha. Kunis waan natti dhagahame ibsachuu fedhee ti malee namoota yakkuuf miti. Wal gorfachuun wal qajeelfachuun aadaa sabni keenya dhalootaan qabu. Tantoommiin gadoo hin baaftu akkuma jedhamu wal abaaruu fi wal arrabsuun nagaya hin uuman. Kana irraa haa guddannu.
Ummata bal’aa Oromoo waggaa dhibbaa ol harqoota gabrummaa jala jiru gabrummaa jalatti hambisuu kanneen barbaadan ilaalcha gandummaa, amantii, naannummaa, gosummaan akka xaxamu yaada hammeenyaa keessa buusu. Ololli qindaawaa yeroo ammaa sochii Qeerroo Bilisummaa fi ABO irratti adeemsifamaa jiramu qaama sochii akkasii ti. Diina abaaruu/balaaleffachuu lakkisanii qaama ofii of irratti maaxaruun maaliif barbaachise? Diina Oromoo irraa fonqolchuuf moo diina jalatti Oromoo mogolchuuf? Sararoota sab-qunnamtii gara garaa irratti ololli deemaa jiru keessattuu yeroo murteessaa kana keessatti maaliif barbaachise? Namoota tokkee akka dhuunfaatti qabsoo irratti yakka dalagan akka diina innikaatti sadarkaa isaanii ol fuudhanii hafarsuun maaliif feesise? Qabsoon cidha miti. Bu’aa ba’ii hedduu qabdi. Diinni balleessuuf deeman daran nama balleessuuf hojjata. Akkuma nuti diina keenya dhabamsiisuuf tooftaa adda addaatti dhimma baanu diinni keenyas nu dhabamsiisuuf tooftaa gara garaatti akka dhimma bahu maaf wollaalame?
Gantummaan waan haaraya qabsoo Oromoo qofa keessatti dhalate miti. Qabsoo gosoota hundaa keessatti kan turee fi fuula duraas kan itti fufee jiraatuu dha. Diina kallattiin ummata keenya fixaa turee fi jiru dhiisanii namoota dhuunfaa mata duree godhatanii irratti haasawaa bulanii ooluun maaliif akka barbaachise of duuba deebi’anii ilaaluun hin badu. Kanneen kanatti jiran Oromoo naasisuun diina keenya gammachiisuuf akka tahe waan hubatan natti hin fakkaatne.
Namni tokko waanuma namni tokko raawwatuu danda’u raawwata malee sanaa ol raawwatuu hin danda’u. OPDOn humna Wayyaanee of cinaa qabduu fi ummata bal’aa kana bakka buuna jettu ummata Oromoo qabsoo isaa irraa of duuba deebisuu hin dandeenye. Akkuma ummata isii salphina jalatti ittisaa turte ofii isiitiifuu waaroo salphinaa uffattee mugaa jirti.
Diina hanga inni hin geenne ol fuudhanii gurra itti godhuuf yaaluun ammoo barbaachisaa miti. Olola dhihoo kana deemaa jiru keessatti namoota lama kan Girmaa Xurunee jedhamantu maqaan ka’a. Ummata mootummaa hanga funyaanii meeshaa baranee waraanaa hidhatee itti bobba’ee hin sodaatin, namoota lamaan kanneeniin sodaachisuuf yaaluun gowwummaa dha. Namoonni kun diina haa ta’anii fira, ummata isaan keessa bobba’anii jirantu beeka. Diina ta’an isaanuu gurra micciiranii dhabamsiisuuf jiraatu. Fira ta’anis isaanumatu akka gaariitti beeka. Ummata bal’aaf hiree kana kennuun osoo danda’amuu, ummata wallaalaa homaatuu hin beekne fakkeessanii nutu isiniif beeknaan, dibbee namoota dhuunfaa ol kaasanii dillaaquun barbaachisumma waan qabu natti hin fakkaatu.
Nama nama ajjeesse/ajjeesise, ni ajjeesu/ni ajeesisu. Dawaan du’aa du’uma. Kan ta’uu qabus kanuma malee kalloo ololaa itti hafarsuun diinummaa irraa isaan hin dhaabu/hin diinomsus. Dharti tuullaa citaa ti. Dhugaan ija mixii ti. Dhuma irratti kan muldhatuu fi mohatu dhugaa tahuu haa beeknu.
ABOn ilma Oromoo ti. Oromoo irraa ijaarame. Oromoof ijaarame. Hoogganni isaa laafuu fi jabaatuun seenaa biraa ti. Hooggana isaa jibbuun furmaata hin fidu. Hoggana irraa dubbachuu kan danda’u nama dhaaba keessa jiru. Dhaaba jibbuun ammoo Oromoo jibbuu dha. Ilma yoo jaalatan furrii wajjini akkkuma jedhamu ABO jaallatanii hoggana isaa jibbuun hin fakkaatu. ABO kan jibbu gabroomfataa haarawaa fi gabroomfataa moofaa duriii qofa. Dhaaba dhiigaan, lafeen, lubbuun
ijaarame irratti olola kan oofu Oromoo ta’uu hin qabu. Keessattuu namoota duraan miseensa dhaaba kanaa ta’aniin ololli irratti deemsifamuun ceera guddaa dha. Yakka dhiifama hin qabne.
Miseensota gadii irraa hamma hogganoota qaama ol aanaa dhaaba kanaa warra turaniin ololli akkasii irratti banamuun ummata Oromoo gabrummaa jalatti gadi qabuu irraa adda miti. Irbuu sabaa “qabsoo kana hanga wareegama lubbuutti irraa adda hin baanu, yoo baanee argamne irbuun saba keenyaa nu haa qabu, lafeen jaallan kaayyoo kana irratti wareegamanii nu haa waraantu” jedhanii seenan diiganii jireenya mataa ofii ooffachuuf biyyoota alaatti baqatanii achirraa olola kana irratti kan bobba’an irbuun dagatan isaan irratti dalagaa jiraachuu muldhisa. Silaa afaan ittiin dubbatanuu hin qaban ture. Mana dhim’isu abbaa keessa galu/jirutu beeka. Dhim’uu sana haala itti of irraa dhaabu kan beekus isuma. Mana ofii keessa hin jirre irratti haasawuun doofummaa dha.
Namni liqaan irra jiru akka lafti bari’u hin fedhu; abbaan liqaa irraa qabu waan dhufee rakkisuuf. Namni manni itti dhim’isu duumessa samii irratti jibba; waan rooba sodaatuuf. Namni niitiin itti qanyiftu aduu dhiitu hin jaalatu; manatti galuu waan hin feeneef. Namoota rakkoolee gosa kanaa qabantu ABO fi Qeerroo irratti olola rakashaa fi bushaawaa kana oofa.
Waa’ee qabsoo irratti yaada kennachuuf waan irraa eeggamu gochuun barbaachisaa dha. Akka nama murteessaatti of ilaaluuf ammoo, hadhaa qabsoon hidhannoo qabdu dhandhamuu feesisa. Nama tokko qabsoo sabaaf murteessaa ta’uu kan mirkaneessu hojii inni lafa irratti mul’isu malee afaan mi’aawuun qofti qabsaawaa haqaa hin taasisu. Qabsaawaan haqaa dandeettii, beekkomsa, qabeenyaa fi yaada isaa walii galaan qabsoo saba bira dhaabbata. Namoonni ulaagaa kana hin guuttatiin irkoo qabsichaa ti malee murteessoo qabsoo kanaa ta’uu hin danda’an. Gowwaa dirra dhawan, qaroo bira dhawan.
Oromoon dhalootaan tokko. Garaa garummaan guyyaa keessa karaa amantii gidduu isaatti uumame adda isa hin baafne. Tokkummaan dhalootaa akkuma dhalatetti jiraaf. Kun jabina Oromoon qabu keessaa isa tokko. Biyyoota Arabootaa, kan dhiigaan, amantiin, biyyaan tokkoo har’a bakka meeqatti wal hiranii ibiddaan lafa irraa wal duguugaa jiru. Kanaaf Oromoon ummata hawaasa addunyaafuu fakkeenya addaa ta’uu danda’a. Tokkummaa midhagaa dhalootaa kana xureessuuf dhalli Oromoo ofitti gamuun gocha hamaa fi diinummaa ti.
Hoogganoota dhaabaa abaaruun fala hin fidu. Qabsootti dabalamanii qabsoo
sana jijjiiruu irratti bobba’uutu furmaata waaraa fida. Ijaan hojjataan hojii hin dadhabdu. Waan namni biraa dalagu taa’anii ilaalanii laafina irraa himuun ammoo balleessuu malee tolchuu hin tahu. Hinaaffaan masaanuufuu homaa hin tarre. Namni qabsoo tanaaf yaadu haadha qabsoo tanaa ti. Haati ilma jaamaa isiitiinuu Bakkalcha koo jettee waamti akka inni ija hin qabne osoo beektuu. Sa’a abbaan gaafa cabse ormi ija balleessa akkuma jedhamu, ABO balleessuu irratti bobba’uun diina Oromoof daboo bahuudha malee Oromoof dhimmuu/dhaabbatuu miti. Hawwii fi fedhii saba bal’aa irraan tarkaanfatanii fedhii fi hawwii dhuunfaa dursuun badii dhiifama hin qabne raawwatuu dha. Akka nam-tokkeetti, akka gareettis tahe akka dhaabaatti kunneen olola hamaa kana irraa qooda qabdan osoo irraa of qusattanii irra isiniif gooma.
Warra osoo beekuu diina tajaajilu, farrummaan isaanii waan beekkamuuf of irraa tiksuun hin dhibu. Rirmi qabsoo guddaan namoota fira fakkaatanii qabsoo irratti duula hamaa banuudhaan geergoo/tukaana qabsoo ta’anii dha. Kan falfalu osoo falfaluu kan horu hinuma hora akkuma jedhamu ABOn bu’uureffama isaa irraa kaasee osoo dura dhaabbatamuu shira hunda irra aanee har’a gahe. Fuula duras dhaaba eenyullee dhabamsiisuu danda’uu miti. Kan dursee dhabamu isa ABO
dhabamsiisuuf shiruu dha. Qabsaawaan ni kufa, qabsoon itti fufa! Bilisummaan ni dhufa! jedhamee kan dhaadatamuuf kanumaafi.
Kanaaf kaayyoo fi akeekni ABO hanga bilisummaa fi walabummaan mirkanaawutti bakkuma ofii jiraata. Namootni abjuu diinaa dhugoomsuuf carraaqxan gocha hammeenyaa boru seenaan itti isin gaafatuuf jiraatu geggeessaa jirtan, irraa deebi’aa. Rakkoo tarrisuu dhiisaatii fala rakkoo tarrisuu irratti fuulleffadhaa. Walitti duuluun ofitti duuluu akka tahe hubadha. Wal ittisuun of ittisuu akka tahe beekaa. Kana bira dabartanii olola keessan kan itti fuftan yoo tahe akka maanguddichi Oromoo tokko bara Xaaliyaaniin biyya qabatte sana teessuma irratti itti haasawamaa oolamee gara dhumaatti xaaliyaantichi, wanti ani isinitti himaa oole cufti isinii galee jedhee gaafatnaan; manguddichi lafaa ka’ee ”Hanguma isin as jirtanuu nuuf galuuf hin jiraatu” jedhe jedhamu sanaa, akkasitti quba of qabaadhaa. Gaaffii tiyya tan naaf, moo, nuuf hin galin jettu tana irra deebi’aa of gaafadhaa/wal gaafadhaa deebii quubsaa itti kennaa.
Ammas taanaan akka nama tokkootti ani akkuman gaaffii kaase yaada furmaataa sammuu kiyya keessa jiru maddisiisuuf yaalee jira. Hanga beekan mana eegan akkuma jedhamu hir’inni jiraatus beekaa hedduu waan qabnuuf kan beekutu sirreessa amantaa jedhun qaba. Kanaaf, wal dhabuu irratti walii galuu irra, walii galuu irratti walii haa gallu. Ummata keenya tokkummaa dhorguu irra diina keenya tokkummaa dhorguun mancaasuu irratti haa cichinu. Anaa fi sihi ykn nuhii fi isin jechuu dhiifnee nuhi jechuu qofa haa aadeffannu. Huubaa huura wal irratti guuruu haa lakkifnu. Namoota facebook/paltalk irratti yaada hammeenyaa kan diiggaa maddisiisu facasuu irratti bobba’an deeggaruu dhiifnee seenaa duubbee isaanii adda haa baafaannu.
Waa hundaa caalaa dhimmi Qeerroo irratti ololamu na ajaa’ibe. Kaleessa Qeerroo duuba humni tokko hin jiru jedhamaa hin turree? Namoota/dhaabota meeqatu sochii Qeerrootti abbaa ta’uuf hiixataa ture? Ijoolleen ofuma isaaniif akkanumaan ka’anii fincilan malee qaamni duuba jiru tokko hin jiru afaan jedhanii dubbachaa bahaniin har’a badiitu ta’eef maqaa hammeenyaan ABO qaqqabachuu maaltu fide? Gaafa jabaadhaa Qeerroo teenya isin waliin jirra jedhamaa turame maqaa gaarii sanaan ABOn maaf maqaan kaafamuun hanqatame? Akkuma Wayyaaneen yoo bishaan xaasaa tokko jige ABOtu jigse jettu, dhalli Oromoos akkas jechuun qaanyii dha. Nama of hatu/saamu hin danda’ani jedhama mitii ree?
Xumuruuf namootni adda durummaan olola rakasha kana oofan keessattuu kanneen biyya alaa jiran namoota dhaaba kana himatanii bahanii fi maqaa dhaaba kanaatiin hiree doolaaratti bahuu badhaafamanii quufni irra dabree dha. Kun hodhuu dadhabu dhoorgachiisuu hin dadhabuu aroogessaa sana fakkaata. Nuti qabsoo ala taane, isinis akka bakka hin geenye goona jechuun duula banamee dha. Olola maqa xureessii kanaaf jecha qabsoon ABOn hoogganamtu fi FXGn Qeerroo Bilisummaan belbelaa jirus hanga galma gahuu eenyullee dhaabuu akka hin dandeenye diinnnis, firris tolchee beeka. “BOOLLA NAMAA HIN QOTIINAA, QOTTANIS HAALAAN GADI HIN FAGEESSINAA, KAN DU’AA EEGAN KAN DU’U HIN BEEKANII” sanii mee of qusadhaa. Barcuma ulfinaa abbaatu of jala baata waan ta’eef, wal kabajuu aadaan qabnu sanaan mee haa araaramnu. Jibbi intala nama dhorgatee, jaalalli intala namaa hin kennu, hireetu namaaf kenna.
Waan taheef, wal jibbiinsa kana haa toobbannu/haa lagannu. Kanaaf waliigalan alaa galaniin ofitti araaramaa, walittis araaramaa. Sochii farrummaa irraa dhaabbadhaa. Gaaffii kiyyaaf deebiin yoo jiraate nin eega.
Suutumaa Raagaa