Naggaadeen alaabaa ar'aas waanuma kalee irra deebi'uun gad jabeessite | Oromia Shall be Free
Oduu Haaraya

Naggaadeen alaabaa ar’aas waanuma kalee irra deebi’uun gad jabeessite

Ibsa Dabalataa Kan ABO- Dhimma Alaabaa Ilaalchisee

Waxabajjii 9, 2022

ABOn, xalayaa gaafa 06-06-2022 lakk.022/xly-abo/2022 gara Partii Kongiresii Federaalawaa Oromoo (KFO) barresseen haalli itti fayyadama alaabaa Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) seera biyyattii fi hariiroo dhaabbilee lameen tiksuun akka ta’uu malu gaafachuun keenya ni yaadatama.

Hafurrii fi ergaan xalayaa sanaa gabaabaadha. Haafuurri xalayaa sanaa waanni sirreeffamuu malu dhaabbillee gidduutti wayita umamu karaa seeraa, naamusaa fi walkabajuun sirreeffamu qaba kan jedhu ture.

Addi Bilisummaa Oromoo erga alaabaa kana ibsituu kaayyoo isaa godhatee raggaasifatee, akka mallattoo dhaabichaa godhatee qabsoo bara dheeraa ittiin haa hogganu malee, akka faajjii qabsoo Oromoo maraatti ilaala. Faaruun, ibsi, jechi, fi miirri ABOn alaabaa kanaaf qabu kanuma mul’isa. Alaabaan kun kan ABOti jechuun kan Oromoo miti jechuu akka hin taane ifaadha. Kan Oromooti jechuunis kan ABO hin ta’u jechuu miti. Seenaan ABO, seenaan Qabsoon Bilisummaa Oromoo (QBO) fi seenaan qabsoo baroota shantamaa asii Oromoo akka waligalaatti wal-hidhate jira. Kana irratti, osoo beekanii yookin hin beekin atakaaroo hin feesifnee kaasuun eenyuunu hin fayyadu.

Alaabaa kanaaf miseensoti ABO, hogganni fi deggertoonni dhaabichaa akkasumas ummati Oromoo bal’aan walbira dhaabbachuun seenaa ummata cunqurfamaa keessatti, wareegama ol’anaa fi cululuqaa ta’e irratti baasan. Addatti ammoo hogganooti fi miseensoti ABO alaabaa kanaa waliin irbuu fi kakuu lubbuu qabu. Miseensi ABO yeroo dhaaba kanatti dabalame qabsoo seenu alaabaa kanaaf kaayyoo ABOtiif irbuu seena. Hanga har’aatti wareegamni bahe; lafeen itti caccabe; dhiigi itti dhangala’e; maatiin itti tamsa’e qabsoo keenyaaf utubaa hin raafamne ta’ee jira. Alaabaan kunii fi qabsoon ABO Oromoo tokkoomsuu fi akkasumas ummata carraa tokko, kaayyoo tokko fi fedhii bilisummaa fi walabummaa qabu tokko uumuu keessatti shoora akkaan mul’ataa ta’e qaba. Alaabaa kana kan eeggatu, tikfatu, kabajatu akkasumas bor abjuu keenya sanaan nu gahuu ummata bal’aa Oromooti. Dhaabni kamiyyuu alaabaa seenaa akkanaa qabduu; abjuu fi hawwii Oromoo muli’ftu; bilisummaaf walabummaaf asxaa taate ni kabaja, ni eegas jennee amanna. Ummatni Oromoo wareegama alaabaa kanaaf gumaachee fi gumaachaa jiru, hawwii billisummaa fi walabumma bakkaan gahachuuf faajjii isaa godhatee addunyaatti ibsatuuf taahuun ifaa dha.

ABOn ummati Oromoo alaabaa kana akka qabeenya fi asxaa isaatti fudhachuu isa gammachuu guddaa irraa qaba. Kaayyoon ABOn bilisummaa fi walabummaaf qabu ummata keenya biratti jaalatamuu fi fudhatamu akka ta’etti hubata. ABOn aktivistoonni fi gartuuleen alaabaa kana qabatanii socho’aa turan qaamuma kanaa godhee ilaalaa har’a gahe. Kanaaf fayyadamuu aktivistootaa ilaalchise guyyaa tokko yaada mormii kaasee hin beeku. Ummati Oromoo hiriira dantaa Oromoo tiksu kamirratti; duula dipilomaasii ummataa irraatti; dhimma Oromoo biyyoota biroof ibsamu irratti; gaafii Oromoo Mootumma Gamtoomaniif (UN) dhihaatu irratti; yookin guutuu addunyaaf dhihaatu irratti fi dhimma hawasaa irratti akka mallattoo enyummaa fi asxaa sabummaa isaatti fayyadamuun mirga Oromoo maraati. Kanneen akkasi ABOn akka injifannoo kaayyoo isaafi kan Oromoo waligalaatti fudhata. Kaayyoon ABO ummata carraa tokko, biyya tokko fi hawwi tokko qabu uummuuf waan ta’eef.

Partileen Oromoo kan biroon alaabaa kaayyoo isaanii ibsu mata mataatti qabu. Hogganootni isaaniis akkuma hogganoota ABO kaayyoo dhaaba isaanii kan itti amananii fi kan ABO irraa adda tahe ittiin ibsatan alaabaa fi faajii mataa isaanii qabu. Akka seera biyya kamiittuu, kan biyya kanaa dabalatee, partileen siyaasaa alaabaa seeraan, aadaan fi seenaan kan mataa isaanii ta’e, kan dhimma siyaasaa kanneen akka walgahii, ibsa midiyaa, hiriira, xalayaa, asxaa waajjira isaanii, duula filannoo fi kannen kana fakkaatan irratti fayyadamu. Paartilee kunnnen alaabaa isaanii kaayyoo yookin sagantaa siyaasaa mataa isaanii bakka bu’u fayyadamuun ummataa burjaajii irraa oolchuu fi adeemsa iftoomsuuf fayyadamu. Yoo kana ta’uu baate partii addaa, sagantaa siyaasaa addaa, asxaa addaa dhaabboleen siyaasaa hedduun adduynaa irra jiraniif hin barbaachisu ture. Dhimmi alaabaa dhimma kaayyooti jechuudha.

Alaabaan dhaaba tokko sagantaa siyaasaa fi heera ittiin bulmaata dhaaba sanaa keessatti ifaan caqafamee qaama hariroo fi adeemsa paartilee biyya tokko masakuun raggaasifama. Kunis hojii fi adeemsa keenya guyyuu taliiga. Kan ABOf kan waa’ila keenya KFO haaluma kanaan hojiirra oole jira. Hariiroo kana walii tiksuun ammoo seera sanaaf itti gaafatama qabaachuu irra taree hariiroo keenya daran jabeessuuf walhubannoo gaarii tolchuuf nu gargaara. Xalayaa armaan dura KFOf barreeffame sana irrattis, hoggantooti dhaabbilee keenya lamaaniis seera lamaan keenyaayyuu waliif kabajuu malu jennee wal gaafanne. Dhaaba KFO fi hogganoota saanii waliin hariiroo ijaaraa qabna. Kuni ammoo qabxiilee waliigallu irratti fi dantaa Oromoo tiksa jennee amannuu irratti daran jabaannee akka itti hojjennu nu gargaara.

Yaada KFO waliin kaafne kana irratti walmormi ‘alaabaan kun kan Oromooti moo kan ABOti’ jedhu tokkollee hin kaafne. Ummati Oromoo ‘ni fayyadama moo hin fayyadamu’ jedhus hin kaafne. Ka’uus hin danda’u. Garuu dhaabni siyaasaa kamiyyuu alaabaa fi asxaa sagantaa isaa ibsuun alatti yookin ammo kan seeraan isaaf kennameen alatti sochii siyaasaaf (political mobilization) akka kan isaa ta’eetti fudhatee alaabaa dhaaba biroo fayyadamuun sirraffamu qabaa jenne.

Yaaddoo ummati keenya dhimmoota tokkommaa isaa tiksuu malaniif hin malle dammaqinaan ilaalu ni hubanna. Sun guddoo gaabiffamu qaba. Osoo waantoti rakkoo uumuu malan jedhanii yaadaman hin babal’atin karaatti wal-deebisuun ammoo tokkumma keenya daran jabeessa. Kanneen faallaa keenya dhaabbataniif tokkommaa Oromoo fi dhaabbilee Oromoo laaffisuuf halkanii guyyaa dalagan akka jiran dagachuu hin qabnu. Hariiroon dhaabbilee Oromoo waan wal-ta’ani irratti waliin hojjetan; waan wal-hintaane ammoo bulfatnii mala wal-hubannoo qabuun boruuf turfatanii itti deeman jennee waliin hojjataa as geenye diina Oromoof gammachuu hin kennu. Kanaaf ummati keenya, kanneen tokkummaa Oromoof dhippattani, burjaaja’uu irraa jabaadhaa of- eegaa jenna. Haala hayaataa fi kabaja qabuun akka waliin dubbatuuf ummata keenyaaf dhaamsa dabarsina.

Ummatni keenya alaabaa itti waliin wareegamne kana bifa fedhee fi ittiin sabummaa isaa dhaadessuu, faayatuu fi hawwii bilisummaa isaa ibsatu dhimma itti bahuuf mirga guutuu akka qabu gadi jabeessinee amanna, irra deebiin mirkaneessina.

Yeroo kana jennu, akka ilaalcha ABOtti, alaabaan kun sagantaa fi akeeka dhaabbateef akka ooluu kan tohatuu qabu ABO caalaa ummata itti wareegame dha jennee amana. Alaabaan kun kaayyoo bakka bu’uu fi sangantaa siyaasaa dhaabbatuuf qaba. Qaamni siyaasaa fi hoggannooti dhaabbillee siyaasaa sagantaa siyaasaa alaabaan sun dhaabbateen alatti sochii siyaasaaf fayyadamuu irraa akka of qusatan gaafanna. Gama keenyaanis alaabaa kaayyoo fi sagantaa siyaasaa keenya bakka hin buune sochii siyaasaaf hin fayyaadamnu fayyadamnees hin beeknu. Kana walii kabajuun hariiroof waayilummaa qabsoo nuu jabeessa, sochii siyaasaa keenyaa tartiiba fi sirna itti hora.

Alaabaan kun akkuma ammaan tana Oromoon offitti fudhatee akka sabaatti alaabaa isaa godhate, fuulduratti alaabaa biyyaa Oromiyaa fi mootummaa akka taatuu gochuuf ummata waliin qabsoo isaa itti fufa.

Injifannoo Ummata Bal’aaf!

Adda Bilisummaa Oromoo

Waxabajii 9, 2022

Finfinnee

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

Gammoojjii fii baadiyyaa qofa osoo hin taane magaalota keessa galaa jirra

BBC Afaan Oromoo Waraanni bilisummaa Oromoo (WBO) kan mootummaan ‘ABO-Shanee’ jechuun paarlaamaan shororkeessummaan faraje, erga …