Oduu Haaraya

Tokkummaan jaarmayoota fi qabsaa’ota Oromoo akkamitti ijaaramuu danda’a?

 

Abdii Boruutiin

Kutaa duraa – Gaafii guddaa yeroo ammaa?

Waldhabbii qabsaa’ota Oromoo jidduutti uumameen kan ka’e waggoota dabran keessatti jaarmayoonni Oromoo heddoomuun kanuma beekamu dha.

Waldhabbiin kun jaarmayoonni haaraan biroo akka ijaaraman godhuu qofaa otuu hin taane Addi Bilisummaa Oromoo (ABO) illee garee (murna) saditti akka hiramu godhe.

Dhibdee dhalateef furmaata argachuun hafee jaarmayoota heddoomsuun faashinii yeroo ta’ee ture. Baay’inni jaarmayootaa kun beekumsa fi qabeenya gara gara hiree humna dadhabsiisuu irraa kan hafe bu’uaan inni uummata Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromoo (QBO) tiif fide hinjiru. 

Har’a gara gara hiramuun kun bu’aa akka hin fidini fi QBO illee haala kanaan cimuu akka hin dandeenye hubatamee bakkee hundatti gaafiin tokkummaa ka’aa jira. Kanaa hubachuun tarkaanfii tokko waan ta’eef warra waayee kana gadifageenyaan hubatanii karaa kanatti deebi’uu barbaadaniif galanni keessan Bilisummaa fi Walabummaa haa ta’un jedha. Kun kan dabre irraa barachuu dha. Kan dabre irraa barachuu danda’uun ammoo beekumsa fi hubannoo guddaa dha.

QBO kan qancarte fi galii booddee otuu hin ga.’in kan turtte sababni guddaan humna dhabuu ykn humna cimaa horachuu dadhabuu dha. Humni uumamuu kan dadhabame ammoo waliigaltee fi tokkummaan waan dhabameefi. Har’a kuni hubatamee waan karaa sirriitti deebine natti fakkaata. Gaafiin ka’uu qabu garuu tokkummaa lallabuu qofaa otuu hinta’in akkamitti tokkummaa dhugaa uumna ykn uumuu dandeenya; akkamitti kan hawwame kana hojii irra oolchinee humna keenya cimsina kan jedhu dha. 

Tokkummaa dhugaa uumuu ykn ijaaruu dhaaf tarkaanfiin duraa: dhugaa jiruutti amanuu, sammuu ofii amansissuu, dhugaa dhaan wajiin hojjechuuf onnee dhaan murteefachuu, balleessa dabref ittigaafatama illee fudhachuu fi kan dabre kana irraa barachuu, kan dabre dabree gara fuulduraa ilaaluu, laphee, garaa fi sammuu ofii qulqulleessanii wal jaalachuu, wal kabajuu fi hunda caalaa wal amanuu dha.

Kuni yoo hin dursine ykn hin jiraanne waliigalteen jiraachuu hin danda’u. Yoo waliigalteen hin jiraanne ammoo tokkummaa uumna jechuun faayidaa hin qabu.

Tokkummaa jaarmayootaa fi qabsaa’otaa uumuu dhaaf yaaliin yeroo ammaa godhamaa jiru baay’ee gammachiisaa dha. Jalqaba gaarii dha. Kun itti fufuu fi cimuu qaba. Kan galii booddee dhaan nu ga’u humna cimaa qabaachuu dha. Humnni cimaan ammoo tokkummaa irraa dhufa.

Gaafiin mata duree barruu kiyyaa kun karaa lamaan ilaalamuu ni danda’a. Tokko, walumaagalatti tokkummaa jaarmayootaa fi qabsaa’otaa ijaaruuf maaltu godhamuu qaba kan jedhu dha. Kana godhuu dhaaf tarkaanfiin duraa akkuman kanaa olitti tuqee dabre dha. Karaa lammaffaan ABO ilaalchisee ti.

Waayee kana gadifageenyaan ilaaluuf waan tokko hubachuun barbaachisaa dha. Jalqabuma irraayuu kaasee sababni heddoomina jaarmayoota Oromoo dhibdeelee ABO keessatti dhalataniin kan ka’e dha. Kun akka qabsaa’onni gara gara faca’anii humna ofii laaffisan godhe. Hunda caalaa gaddisiisaan ammoo ABO umtuu bakka saditti hiramuu fi murni ykn gareen sadeenuu nutu ABO dhugaa ti jedhanii waliin mormuu isaanii ti. Yeroo dheeraa wal arrbsaa, wal abaaraa, diina dhiisanii wal irratti duulaa, olola wal irratti oofaa, onnee wal madeessaa turan. Madaan kun fayyuu dhaaf yeroo fudhachuu danda’a. Haa ta’u malee amma kan dabre dabree, kan ta’es ta’ee kan dabre irraa baratanii ABO deebisanii tokkoomsuuf waliin haasofna kanaafis qophii dha jechuu jalqabuun isaanii oduu gammachiisaa dha. Mee rabbi kanas fiixa nuu haa baasu. Kan jedhames akka hojii irra oolu nuu haa godhu. Waan gaarii nu dhageechisee akka arginu illee nu haa godhu.

Waliigaltee fi walitti deebi’anii tokkoomuun ABO murna ykn garee sadeenuu hawwii guddaa uummata Oromoo, hawwii guddaa hunda keenyaa ti. Kun hundee tokkummaa Oromoo hundaa fi cimina QBO ti. Kanatti hunduu akka amanan mamiin waan jiru natti hin fakkaatu.

Akka meediaalee gara garaa irraa dhageenyu fi barruulee gara garaa irraa dubbifnutti tokkummaan ijaaramuu malu ykn ijaaramuuf yaalamaa jiru kun walitti baqinsa jaarmayootaa fi qabsaa’otaa akka ta’u dha. Kaayyoo tokkoof, sagantaa tokkoon, hoggansa tokko jalatti wal ijaaruu fi waraana tokko kan kana jalatti socha’u illee ijaaruu dha. Gabaabinumatti jaarmayaa cimaa tokko (ABO tokko) godhuu natti fakkaata. Jaarmayaan tokko ammoo dura taa’aas haa ta’u dura deemaa tokkoon hogganama.

Haa ta’u malee ani akkan yaadutti jaarmayoota fi qabsaa’ota biroo ABO waliin walitti baqsuu irra ABO murna sadeen deebisanii tokko godhuu tu ulfaataa natti fakkaata. Waan tokko diiguun salphaa dha deebisanii ijaaruun garuu baay’ee ulfaataa dha.

Deebisanii tokkoomsuu ABO irratti gaafiilee baay’ee tu ka’uu danda’u jedheen yaada. Fakkeenya tokko tokko kaasuuf kaayyoo fi sagantaan isaanii illee yoo tokko ta’e tooftaa fi tarsiimoo tokko irratti waliigalteen godhamuu qaba. Amma murni sadeenuu hoggantoota fi korelee hojii gaggeessituu adda addaa waan qabaniif walitti baqinsa irratti gaafiileen namootaa (hoggantootaa) illee ka’uuf malu. Gaafiin akkanaa ammoo gaafii rakkisaa ta’uu danda’a jedheen amana. Karaa biraatiin ammoo Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBO) murna sadeen jala jiran deebi’anii walitti makamuu fi ajajaa tokko jalatti socha’uu qabu.

Yoo gadifageenyaan ilaalame dhugaa dubbachuu dhaaf gaafiilee cimoota tu ka’uu danda’u jechuu kooti. Kanaaf ABO tokkoomsuun (walitti baqsuun) qormaata guddaa (big chalenge) ta’a jedheen yaada. Yeroon yeroo qormaataa waan ta’eef kanaaf ammoo sirriitti of qopheessuu dha. 

Akkuman kanaa olitti tuqee dabre qabsaa’onni Oromoo baay’ee wal madeessani. Madaan kun dafee akka fayyu godhuu qabu. Kan dabreef dhiifama wal gaafachuu fi walii godhuu qabu. Kan dabre irraa baratanii; karaan amma ammaatti kopha kophaa deemaa turre eessanuu nu ga’uu hin dandeenye; kan humna nu horachiisu tokkummaa qofaa dha jedhanii; QBO keessatti seenaa haaraa barreessuu qabu.

Kaayyoo dhaabbataniif, kan qabsaa’onni birollee itti wareegaman akkasumas haala uummanni Oromoo har’a keessa jiru hubachuu dhaan fe’ii ofii dura waayee kanaaf dursa kennanii dhugaa dhaan, garaa fi onnee dhaan dhugaa jirutti amanuu fi wal amansiisuu dha. Wal amanuun ammoo hunda caalaa barbaachisaa fi murteessaa dha.  

Yeroon ammaa yeroo dhugaa dubbatanii dhugaa argatan, yeroo dhugaa dhaan hojjetan, dhugaatti amananii wal amansiisan, dhugaa dhaan kaayyoo tokkoof wareegamuuf illee kutatanii ka’an ta’uu qaba. Yeroon ammaa yeroo seenaa QBO keessatti boqonnaa (chapter) haaraan banamu fi qabsoon kun yoom iyyuu caalaa cimaa ta’ee galiin booddee kan keessatti barreeffamu ta’uu qaba.

Yeroon ammaa yeroo QBO keessatti carraan biraa dhalate waan ta’eef carraan kun ammas bu’aa malee akka hin dabarre gadifageenyaan kan itti yaadamu ta’uu qabu. Yeroon ammaa yeroo tokkummaa ti. Yeroon kophaa kophaa qabsoo bakkaan geenya jedhan faashiniin irraa dabree jira. Dhugaa kanatti amanuu caalaa filannoon biraa waan jiru natt hin fakkaatu.  

Jechi “dhugaa” jedhu barruu kana keessatti bakkee (iddoo) baay’eetti mul’ata.Maaliifan deddeebi’ee kaase?  Ammas jechuma kana irra deddeebi’uu dhaan gaafii kanaaf deebii kenna.

Yeroo ammaa dhugaa yaaduun, dhugaa dubbachuun, gaafii dhugaa dhiyeessanii deebii dhugaa argachuun, jaalannus jibbinus dhugaa jirutti amanuu fi dhugaa dhaan wal amansiisuun, waan tokko godhuuf fe’ii dhugaa qabaachuun, dhugaa dhaan waliin haasa’uun, kaayyoo dhugaatiif waliigaltee godhuu fi tokkummaa dhugaa ijaaruun hunda caalaa barbaachisaa fi murteessaa waan ta’eefi.

Tokkummaa dhugaa yoon jedhus tokkummaan wal jaalala fi wal amanuu irratti hin bu’ureeffamnne, kan dhugaa dhaan waliin hojjechuuf hin murteeffamne tokkummaa maqaa duwwaa tokkummaa artificial waan ta’uuf kan hundee dhugaa irratti hin ijaaramne ammoo dafee diigamuu illee danda’a jechuu kooti. Gabaabumatti tokkummaan dhugaa tokkummaa wal jaalala fi wal amanuu irratti kan hundeeffame jechuu dha.

Dhugaan jiru hoo maali? Dhugaan jiru fakkeenya tokko tokko kaasuuf:

  • Gara gara faca’anii kophaa kophaa qabsoo kana galii booddee dhaan ga’uun akka hin danda’amnne
  • Diina dhiisanii wal irratti duuluu fi olola wal irratti oofuun diinaaf karaa bana malee uummata Oromoof bu’aa tokko illee akka hin qabnne
  • Tokkummaa dhabuun human keenya akka laaffisee fi QBO illee akka qancarttu godhuu isaa
  • Qbasaa’onni Oromoo kan wareegaman bu’aa mataa ofii tiif otuu hin taane mirga ummata Oromoo fi kaayyoo dhugaa tiif jedhanii lubbuu isaanii dhabuu; qabsaa’ota jirani irraa kan eegamus kanuma ta’uu
  • Hunda caalaa dagatamuu kan hin qabnne ammoo miseensonni WBO beelofnne, dheebonne, rakkanne otuu hin jedhin, otuu of hin ifatin, otuu abdii hin kutatin, otuu hamileen isaanii hin cabin gaaraa fi bosona Oromiyaa akkasumas biyya ollaa keessatti Bilisummaa Oromoo fi Walabummaa Oromiyaa tiif lubbuu ofii dhabuu dhaaf qabsoo kana keessa akka jiran; araaramaa, walitti deebi’aa tokko ta’aa jedhanii dhaamsa fi hawwii isaanii illee ergachaa jiraachuu isaanii
  • Haalli yeroo ammaa uummanni Oromoo keessa jiru yoomiyyuu caalaa hadhaa’aa fi gaddisiisaa akka ta’e
  • Duulli diinni uummata keenya irratti godhaa jiru illee akkasuma yeroo dhaa yerootti cimaa akka jiru
  • Yeroon ammaa Oromummaa fi tokkummaa dhaan harka walqabatanii, humnna cimaa horatanii QBO finiinsuun yoomiyuu caalaa barbaachisaa akka ta’e fi filannoon biraa kan dafee galii booddee dhaan nu ga’u akka hin jirre

 

Egaa dhugaan jiru lakkaawamee kan dhumuu miti. Kana ammoo qabsaa’ota tu caalaa beeku. Isaan yaadachiisuun barbaachisaa miti. Haa ta’u malee dhugaa jiru kana gadifageenyaan irra deebi’anii hubatanii, furmaanni rakkoolee kanaa tokkummaa qofaa akka ta’e amanuu dhaan otuu oolanii hin bubbulin, otuu carraan haaraan kun hin dabrin, otuu yeroo fi umriin illee hin deemin, amma gaye jedhanii seenaa saba keenyaa kana barreessuu qabu. 

Uummanni Oromoo of ifatee jira; rakkooleen gara garaa isa qabatanii jiru; diinni illee yoomiyyuu caalaa irratti cimaa jira; biyya ofii keessatti jiruu namaa gadii jiraachaa jira. Kanaaf kan uummanni keenya har’a barbaadu jaarmayaa fi hogganaa cimaa tokko kan rakkoolee kana keessaa dafee isa baasuu dha. Sagaleen uummata keenyaa fi dhaamsi WBO hatattamaan dhaga’amuu qaba.

Nuyi lammiileen Oromoo abbaan fe’e tokkummaa jaarmayootaa ykn ABO tokko haa ijaaru, abbaan fe’e haa hogganu, abbaan fe’e dura haa deemu, garuu inni kun cimaa ta’ee nuyis isa wajjin (waliin) qabsoo kana duuba akka hiriirru kan nu godhu ta’uu qaba. 

Yeroon ammaa kan cimina akkanaa barbaachisu waan ta’eef haasa’uu duwwaa otuu hin ta’in kan jedhame, kan hawwame fi godhamuu illee qabu dafanii hojii irraa oolchuu dha. Yoo kuni hin taane ammas yeroo fi umrii fixuu duwwaa ta’a. Yeroon ammoo dhaabbattee nama hin eegddu.

Amma walitti deebinutti nagaan turaa.
Abdii Boruu: aboruu@gmail.com

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

PP and mutagenic servants are facing nuclear bomb of the Oromo people

By Dr. B. K. DERESSA Now days we Oromo’s and other oppressed nations are unable …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *