Oduu Haaraya

Obboo Lencoo Lataa fi garee isaa maal fakkatu?

 

Jalqabaa qabsoo ABO sochii hidhannoo bayamee irraatti bahaa oromiyaattii du’aa Jaal Baaroo irraatti osoo namaa ajjeesse beeku biyya ambaatti bayee Jaal Baarroo Sooressaa jarraa abbaa gadaatu ajjeesse jechudhaadhaan oromo ilmaan biyyaa takkaaf hiree takka qabuu walficisisee qabsoo oromoo diguudhaan oromoo jidutti madaa hin faayyine uumeera

Gaafaa koraa moqaadishoo yeroo hoganaa kessaa bayu arii sanirraa ka’udhaan hogganoota filatamani harawaaf kan muxannoo hin qabnee jechuudhaan media akka VOA kan biraa hololaa isaa oofu fi waraqisa gadii buusuun [downplay] godha turuun sochii qabsoo irratti badii hamenyaa dangaa hin qabne tasiseera

Baraa 2008 koraa OSA irrattii sodaaf ofi duuba jedhaa tokko malee oromoo islaama akka sodaatuu yaada isaa ibsudhuun wal shakkii qabsaayoota jiddutti maqaa amatiidhaan uumudhaan waan oromoo hin qabnee godhuudhaan balaa dangaa hin qabne uumuudhaan danqaa qabsoo oromoo irrattii rawaateera.

Qabsoo oromoo akka laafatuuf fedhiin isaa bakkaa gayuu karaa isaa mijeefatuuf jechaa qabsaayoota muxannoo yeroo dheeraa qaban kaneen akka Jaal Boobbaasa, Jaal Bultum fi Abbaa biyyaa Rooba akka qabsoo kessaa mogaafaman harkaa lafaa jalaatiin jalleewwan isaatiif obbolessaa isaa Abbaa Caala waliin harkaa walitti hidhattuun dalageera.
Gareen Leencoo Lataa qabsoo wayyanetti galchuuf qajeelfama hooggana isaan wayyane irra itti kennamu fudhachuun woorqsa qabsoo woyyanetti galchuudhaaf jarmiyaan oromo addaan diigamuf , karooraaf hojii dhaaba dubatti deebsuuf falleessuu irrattii dalaga turuu isaan mirkanayyadha.

 

 
Akkasumas rakkoo qabsoo kessaatti umametti irkatudhaan maqaa araaraaf tokkummaa jedhu golgatan qabsaayoota bifaa garagaratiin digudhaan addaan baabaasu isaanii beekamaadha. Obbo leencoo lataa jarmiyaa kessatti dabalootaaf miseensota jarmiyaa addaan qodudhaan akka yeroo dherradhaaf dhaabni kun hoogganaa malee hafuu tasisuudha. Waliigalatti Garee leenco kana yoo olaalle hojii diggomsaa qabso kessatti itti fufudhaan qabso saba sakaluudhaaf badi qabsoo kessatti ta’ee qooda ol’aana kan qabaniidha. Kaayyoo Jaarmayaa kaayyoo waaltummaa dimokraasiitii Jaallummaan miseensota , tan kaayo bilisummaa Oromiyaa, tan Sagantaa Siyaasaa fi Seera keessatti lafa kaayamte irratti hundeeffamtee irra tarkanfatudhaan tumsaa fi jaallummaa kaayo bilisummaa fi guddina Oromiyaa irratti hundoofte miseensotaa fi Saba Oromoo jiddutti jirtuu bitineessuu tarkanfachuun isaan gochaa dinumma kan itti qaxaraman tahuu mirkaneessa.

Obbo Lencoo har’a waayee qabsoo oromoo hasayu kun saboontota oromoo qabsoo kanaaf bayan falma irra turan hoganuma isaatiin wayanedhaan waligalee mana hidhatti erga galche booda kaan erga qabsisee kan ajesise wayyaanee wallin mallatteessee wayyanneef tumsee biyya bahee har’as gaabbii tokko mallee ergaa diina fudhatee itti fuffeera. oromoon mirga isatiif falmachuu fi innis waan san kessatti hirmachuu isa badi tahuu bareesse xalayaa wayanetti galchuudhaan sirna wayyanee mirkanesse akkaata kamiin namni kun qabsoo oromootiif ni falma jechuu dandahaa. Gocha isaa hammata kan halagaff fiirris beeku kana hunda ni waakata.
Kanaafuu garee kun garee Dinaati. Gufuu qabsoo oromot. Lammiin oromoo bakka jiruu hundatti garee kana beeke ofirraa facicisuun barbaachisaadha. Lammiin oromoo iyyee iyyaa dabarsuu qaba. Firaa fi alagattis malummaa ibsuun barbaachisadha. Jara kana wayyanedhaan adda baasan ilaaluun dogongora.

Dhugabaas
For further comments you can contact me at baatiigannaa@gmail.com.

Check Also

faannoo

OROMO CIVILIANS CONTINUE TO BE TARGETED BY FANO MILITIA

Amhara Fano continued to attack Oromo civilians. In this latest incident, at least 17 people …

One comment

  1. By Guri Yasyas
    Hedannaa Duuwwa( Empty Hope)
    Dhugaan qal’atus,bade hinbadu.
    Tokkummaan /Gurmuun maliif Barbaachisa??
    Maliif Oromoon lagaan,gosaan osoo walii hin hiree(qoodne) ,yaadaaf kaawoo tokkoon diina irratti kan tokko isaan godhe hiddaa tokko irra waan dhufaniif osoo hin tanee ,gaaffiin isaaniif hacuuccaan ,gidiirraaf miidhan isaan irra gaheetu akka kallatti maran walii barbaadan tasiisee,yaada bilisummaa Oromoof,birmadummaa Oromiyaa maddisiise.
    Haata’uti,Oduun tibaana dhageenye tokko Oromoo biraati ,gaaffiiin burqissiisa jiru hacuuccaa gaafa saniitu Oromoo irraa dhabbaate moo,gaaffii bilisummaatu deebi’ee moo, birmadummaa Oromiyaattu lallabamee moo,maltu gurmuu tana baqasee ykn qoode???
    Namni waan qabsa’oon duraa mana bahaaniif sana cbse ,dabse,ykn jal’ise dhiign isaan lafeen isaan haa arguu.Oromoon akka siyaasaa biraan gowwoomee(mooksamee) hin booji’amnetti ABOn karaa cufuuf sabaa ofii jabeeffachuu qaba.
    ODF akka barsiisutti Oromoon dukkanaa ,gabrummaaf hacuuccaa keessaa hin baane sienna.Waanti akka tasaatti dhufu hin jiru ,abbooni keenya sababaa gugurdaa hedduttu isaan gurmeese.Jarri itti yaadan akeeka kaawoo guutuu ABO uuman.Qabsoon qoosaa hin qabdu;birmadumman,bilisummaan akkasuma qoosaa mit akka foyyeen hin deebi’uu nama harkaa baanaan.Oromoon abdii kutatee summii dhuguu ykn Of-fannislleen hin ta’u.Waliin dubbaatan karaa Oromoo barbaachisu baalchun malee Dhaabaa sanyii Oromoo itti miidhame ajjeesuun akkasumas laafisuun barbaachisa mit!

    Akka ilaalcha(attitude ) kiyyatti warri angafaa gurmuu tana cabsan yoo karaa sammuun isaan ajajee deeman,Oromoon asii biyya keessaa jir u’immoo jaatanii guddaan isaan eegaa ture,ammaas isaan akka tokko ta’aanf araaraman eegaa jiran yaani faallasamaa kuni immoo milkii gaarii hinqabu hanquu jedhu!
    Akka ani xiinxaleetti Gurmuun tun digamun waa heedduu ilmaan Oromoo keessatti Uuma jira.
    Rakkoon haalan sodaachisa jiru asii biyyatti kan sabaa walii gaafachisa jiru gaddiisisa jiru.
    Rakkoolleen saddeeti (8) duuchattu dubbatama hojjirraas oola jedha jiru.
    1). Hedannaa(Hedachuu) sabn isiin irra qabus liqimfama hinjiru.
    2).Yaada-Horooraa akka qabdan ta’usaaf keessayyuu Dhaabaa siyaasaa Oromoo jedhe dhaabatu kamuu sonaa (Value) dhabbisiisa(fudhatama)
    3). Isaanummaafu yaada fafoo Diinaaf karaa (daandii) baanu.
    4). Inni biraa kan Oromoon jedha jiru ,dhimmi kun dhimma naamusaa(ethics ) walii qabatu jechutti jiru.Sababiin isaa ABOn duuba fakkeesitoota kahuun ammaas dhimma boruus ta’e har’asi rakkoo Oromoo hinfalee ,maliif yoo jettan ammaas Oromoon gochoota waggaa torbaa duuba ABO ture akka salphaati hin ilaalu .Cimnaa warra fakkeesitoota ,akka muxxaanoo Osoo hin tane waan ifaan hin dubbaneef akka yakkaati ilaalun hin hafu hin hafnees maliif alagaan akkas osoo godhe alagaa jedhame waanuma eegaamu ture .
    Ammaas ABOn fakkeesitoota yoo jiratan sakatta’e addan baasuun barbaachisa ta’usaaf ,akkasumas hafteewwan cita-tuuta (sub-set ) ODF ta’aan akka kaawoo saba hin gagaane itti gaafatamuma isaa bahuuf alaaf, keessoo isaan eeggachuu qaban.Waant dubbatan,waanti hojjataniif ,waanti yaadan ,Oromummaasaanii kan mul’isu ta’uu qaba.Sadarkaa ODF,amma irra jiru kan araara Toophiiyaa waliin dimookraasi leellisuu( farsuu) essaa akka ga’ee, ABOn hordofe Oromooti himuuf gocha badii yoo jirate balaaleffatu qaba.
    5). Tasgabbii ykn Nagaa Oromoon waliif ykn Ofiisaaniif qaban akkasumasi Ollaasafis ta’ee hawaasa biroof rakko ta’a ijoolee Ofiitu amanuun!
    6).Hawwiif fedhiin diini Oromiyaa irra qabu daraan dabala.
    7). Hiddi dhaloota warra qabso tana gagaa’an Oromoo biraati gaaffii ta’a jira ta’ees .Kun immoo raacita eenyummaa kan akka bishaan gabatee irra nama gonfachisa .Kana jechuun kiyya akka muka Rirmi nyaateeti yoo waanti humna qabu itti dhufee dafee harka kennu ,jechu kiyya

    Hayyee akki araara yoo jirate araarsa osoo dubbiin tun hin dheerane ,yoo jirrane qabsoo irrati teeysaan kabajaa walii hin godhina,balaaleefadha malee!!!!!
    Like · · Sha