Oduu Haaraya

Ololli fi duulli itti heddoomus, qabsoon bilisummaa Oromoo galii hawwamu otuu hin gahin hin hafu

 

 

Abdii Boruutiin

 

Mee ofis walis haa gaafannu: Qabsoo bilisummaa saba bal’aa dhiisii, waanuma fedhee yoo ta’e, wanti gaariin hawwamu tokko haa xinnaatus haa baay’atus wareegama malee argamaa? Asirratti wareegama yoon jedhu, kun wareegama yeroo, wareegama qabeenyaa fi kana birallee dabree wareegama lubbuus ta’uu danda’a. Waan barbaadan tokko argachuuf ammoo, obsa qabaachuunis baay’ee murteessaa dha. Obsa dhabuun murannoo fi kutannoo nama dhabsiisa; hamilee namaallee hir’isuu danda’a. Qabsoo bilisummaa Oromoo (QBO) yoo ilaalle, erga biyyi Oromoo Minilikiin weeraramee, uummatni keenya gabrummaa jalatti kufee, kunoo waggoota dhibba tokkoo fi soddoma (130) lakkaawuuf deemna. QBOnis uumurii’uma kana qaba jechuun ni danda’ama. Maaliif yoo jedhame, uummatni bilisummaa fi biyya ofii dhabe, waan humnaan irraa fudhatame sana deebisee argachuuf, gaafuma sanaa kaasee qabsoo eegala jechuu dha.

 

Qabsoo baroota dheeraa fudhate kana keessatti, wareegamni qabeenyaa hafee, lubbuun ilmaan Oromoo meeqatu galaafatame? Meeqatu ajjeefamee karaarratti gatame? Meeqatu bakka buuteen isaanii wallaalame? Meeqatu mana hidhaa keessatti dararamaa jiru? Meeqatu qayee isaaniirraa buqqa’anii, jireenya namaa gadii jiraatu? Meeqatu beela fi gadadoo keessatti kufan? … Gaafiilee dhuma hin qabne!! Qabsoon bar-dhibbee tokkoo ol fudhate kun, lakkii nutti dheeratee; galii isaa gahuu dadhabee jedhee uummatni Oromoo of ifatee; obsa dhabee; qabsoo dhaabee jiraa? Deebiin gaafii kanaa firas ta’ee diina QBOtiif ifa dha. Fudhachuu ykn fudhachuu baachuun yookaanis ammoo amanuu ykn amanuu baachuun waan biraa ti. Dhugaan lafa kanarra jiru garuu, qabsoon kun cimaa deeme malee, hin dhaabbanne, hamma galii isaa gahutti dhaabbachuus hin danda’u.

 

Egaa, mee ammas of haa gaafannu: Qabsoon bar-dhibbee tokko caalaa adeemaa jiru fi bu’aa bayii meeqa keessa dabree sadarkaa kanarra gahe kun, otuu obsa nama hin dhoowwin (dhoorkin), qabsoon Adda Bilisummaa Oromootiin gaggeeffamaa waggoota afurtama (40) lakkoofsise kun yeroo dheeraa fudhate jedhamee maaliif nama dinqa? Maaliif obsa nama dhabsiisa? Alagaa wajjin hojjetaniif qabsoon kun gabaabbatinaa laata? Warri gabrummaa keessa nama tursiisuu barbaadan akkamitti qabsoo kana gabaabsanii galii barbaadamutti nama geessuu danda’u? Uummatni yookaanis jaarmayaan ABO caalaa baroota dheeraa qabsaa’ee bilisummaa ykn/fi walabummaa argate addunyaa kanarra hin jiruu? Warri beekaniis ta’ee otuu hin beekin ykn hin hubatin olola akkanaa oofan kun, ABO maqaa xureessuuf, dadhabsiisuu fi yoo danda’ame dhabamsiisuuf; hamilee uummata Oromoo cabsuuf carraaqu malee, kan isaan jedhan kun amansiisaa ta’eetii miti.

 

Warri akka namtokkoottis ta’ee akka gareetti kaayyoo QBO gananii; diina fi alagaatti makaman, fedhii mataa isaanii guuttachuuf yookaanis kaayyoo biraa qabaatanii isa kana galiin gahuuf yoo ta’e malee, dhuguma waggootiin afurtamman dabran kun isaan ifachiiseeti jedhee hin yaadu. Dhugaa dha, wanti dhara hin taane, ABOn akka jaarmayaatti dadhabbii qaba. Kana biratti ammoo, qabsoo keenya diinni keessa fi alaan itti heddoomaa jira. Humnootni bilisummaa gara gara faca’anii jiru; tokkummaan qabsaa’otaa keenyaa laafaa dha. Tokkummaan qabsaa’otaa, kan hundaa hammatus akka hawwamutti milkaawuu hin dandeenye. Diinni ammoo karaa lamaan nurratti duulaa jira. Inni tokko kan amma nu nyaachaa jiru, Wayyaanee yoo ta’u; kan biraa ammoo, warra nu nyaachuuf, nu balleessuuf qophaawaa kan jiranii dha. Haala akkanaa kanatu obsa nam dhoowwee; gantummaa fi ayyaanlaallattummaan akka heddooman taasisa malee dheerina qabsoo tii miti.

 

Obsa fi hamilee dhabuunis yookaanis ammoo ofitti amanuu dadhabuunis akka kaayyoo ofiirraa dheessan nama taasisa. Akka alagaatti harka kennatan nama godha jechuu dha. Kun ilaalcha fi dadhabbii mataa ofiiti malee, ABOn waggoota afurtama (40) keessatti kaayyoo isaa galiin gahuu hin dandeenye jechuun waan fudhatama hin qabnee dha. Oromiyaa walaba taatu arguun abjuu dha; waan hin milkoofne dha; waayeen kun du’ee jira jedhanii olola oofuun hamilee uummata keenyaa cabsuuf otuu hin taane, fudhatanis fudhachuu baatanis hangam hamileen isaanii akka cabe agarsiisa. Haa ta’u malee, waayee kana akka laayyootitti ilaaluun gaarii hin ta’u. Abjuu uummatni keenya walabummaa Oromiyaatiif qaban balleessuu baatanillee, warri olola akkanaa oofan kun yeroo gabaabaas ta’u qabsoo kanatti gufuu ta’uu fi gaaga’ama fiduun isaan hin oolu.

 

Amannus amanuu baatnus, waayeen walabummaa Oromiyaa yoo ka’u, diinni keenya lamaanuu, kan har’a diina walitti ta’an (kan nu nyaachaa jiru fi beelayee nu nyaachuuf hamuummachaa jiru) dhimma kanarratti fedhiin isaanii tokkuma. Lamaanuu kaayyoon isaaniis walfakkaataa dha. Kunis ABOs ta’ee jaarmayoota Oromoo kan walabummaa Oromiyaatiif qabsaa’an hundaa dhabamsiisuu dha. Kanaaf, karaa lamaan QBO irratti duulamaa jira. Duula kanaaf meeshaa guddaan ammoo, warra kaayyoo gananii, mooraa diinaa fi alagaatti makamanii dha. Hanga galtuu, gantuu fi ayyaanlaallattuun jirtutti qabsoo kana keessatti gufuun hin dhabamu. Kaayyoon dhugaarratti hundaa’e garuu galii hawwamu gahuun isaa waan hafuu miti. Kun garuu obsa fi wareegama guddaa barbaada.

 

Egaa, akka haala yeroo ammaarraa hubatamuu danda’utti, adeemsi siyaasaa ifa ta’ee karaa lamaan waan deemu fakkaata. Inni tokko, Itoophiyaa diimookraatessuu yoo ta’u; kan biraa Oromiyaa walab taatu ijaaruu dha. Yeroo wanti hunduu ifa ta’e kanatti ammoo kaayyoo fi ejjannoo ofii qulqulleessuun murteessaa dha. Yoo kun hin taane garuu ammas ayyaanlaallattummaa fi gantummaa biraatiif carraa akka uumu waan nama mamsiisuu miti. Waayeen kun sirriitti hubatamuu qaba. Kan dabrerraa barachuun yoomiyyuu caalaa amma ta’uu qaba. Yoo qabeenya, humna, beekumsa fi dandeettii ofiitti amanan, waan barbaadan tokko wanti hin arganneef sababni hin jiru. Kaayyoon ilmaan Oromoo wareegamniifis galii isaa gahuun hin oolu.

 

Akka galiin hawwamu kun milkaawu, maaltu godhamuu qaba? ykn Maal godhuu qabna? jedhanii of gaafachuun barbaachisaa dha. Wanti hubatamuu qabu, har’a qabsoo keenya keessa fi alaan diinni itti heddoomuu qofaan nutti mul’achuu hin qabu. Laafina jaarmayoota keenyaas dursinee ilaaluu hin qabnu. Haalli keessa jirru baay’ee ulfaataa fi walxaxaa ta’ullee, humna fi dandeettii keenya akka laayyootti ilaaluun sirrii miti. Humna fi dandeettii gahaa qabna. Kan barbaadamu garuu waan qabnu hundaa qindeessinee, tooftaa fi tarsiismoo haaraa dhaan qabsoo kanarra oolchuu danda’uu dha. Tokkummaan qabsaa’ota fi jaarmayoota keenyaa akka hawwametti otuu hin milkaawin turullee, hanga kun uummutti, Oromoon hunduu akka namtokkoottis s ta’ee akka hawaasaatti, bakkee jiranitti qabsaa’aa ta’uu qabu. Karaa danda’amu fi waan danda’amu godhuu dhaan qooda ofii gumaachuu qabu jechuu dha.

 

Olola diinaa fi jalakaattuu isaanii ofirraa ittisuu danda’uunuu gahee tokko taphachuu dha. Tokkummaan dhugaa, kan kaayyoo tokkorratti hundeeffamu, akka ijaaramu hawaasonni Oromoo jaarmayoota keenyarratti dhiibbaa godhuu qabu. Yoo akkanatti tattaaffiin hin godhamne, gara gara qoqqoodamuu fi diinaaf saaxilamuun waan nama shakkisiisuu miti. Haa xinnaatu, haa baay’atu; haa dhiphatu haa bal’atu, qabsoon bilisummaa Oromiyaa keessatti akka ibiddaa qabsiisamee boba’aa jiru kun diina keenya gubee akka balleessu, dargaggoota fi uummata keenya jajjabeessuu fi karaa danda’amu hundaan isaan bira dhaabbachuun dirqama Oromummaa ti. Duulli nurratti godhamaa jirus Oromummaarratti waan ta’eef, Oromummaa guddisuu fi cimsuu dhaan duula kana ofirraa ittisuu qabna.

 

Dhumarratti, gaafii tokko dhiyeessuu dhaan barruu kiyya xumura. Hubadhaa Oromoo! Uummatni keenya yoomiyyuu caalaa biyya abbaa isaa keessatti hidhamaa, dararamaa, ajjeesamaa, biyya abbaa isaarraa akka baqatu taasisamaa jira. Oromiyaan cicciramtee gurguramaa jirti. Biyya boru ijaarrachuuf hawwinu dhabuuf deemna. Uummatni keenya, kan biyyarraa baqatanii biyyoota biroo keessa jiranillee, du’aa ol fi jireenyaa gadi keessa jiru. Kuun ammoo qabamanii biyyatti deebi’uuf deemu. Hireen isaanii maal akka ta’u hin beekamu. Karaa biraatiin ammoo, jiruu maatii kiyyaan fooyyessa jedhanii biyya Arabaa deemanii akka saree karaarrtti dhaanamanii; boodarra lubbuu isaanii kan dhaban, lammiileen Oromoo kan akka Alam Dachaasaa meeqatu jiru?… Kuni hunduu mallattoo gabrummaa ti. Egaa Oromoo: “Kana caalaa maal taana?” Furmaatni isaa hoo maali? Deebii gaafii kanaa isiniifan dhiisa. Ani ammaaf kanan jedhu, akkuma weellisaan keenya Artist Hirphaan jedhe, “Ka’i lammii Oromoo…”

 

Galatoomaa!

 

Abdii Boruu: aboruu@gmail.com

 

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

PP and mutagenic servants are facing nuclear bomb of the Oromo people

By Dr. B. K. DERESSA Now days we Oromo’s and other oppressed nations are unable …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *