Oduu Haaraya

Dararamni biyya Yaman keessatti lammiilee Oromoorra gahaa jiru yoom dhaabbata laata?

 

 

Abdii Boruutiin

 

Yoo jechootni soban suuraaleen hin soban. Wanti kaameeraan kaasu tokko waan ijaan argamu fi lafarra jiru malee, waaan hin argamne fi hin jirre kaasuu hin danda’u jechuu dha. Akkuma marsaalee intarneetaa gara garaa irratti argamu fi meediyaalee adda addaa irratti dhaga’amu, wanti biyya Yaman keessatti lammiilee Oromoorra gahe fi gahaas jiru, kan ija fi gurra ilma namaatti toluu miti. Toluun hafee, kan sammuu dhala namaa keessaa bahuullee hin dandeenyee dha. Namni biyya ofiirraa baqatu sababoota addaa addaatiin biyya ofii gadhiisee deema. Uummatni Oromoo garuu waan gabrummaan biyya keessatti hammaate fi lubbuun isaaniillee gaaga’ama keessa galuuf, kana jalaa dheessuuf jedhanii; jiruu fi jireenya nagaa barbaaduuf biyyoota adda addaatti baqatu. Akka seera mirga dhala namaa addunyaa kanaatti silaa mirgi jireenya nagaa eegamuufii qaba ture. Biyya Yaman keessatti garuu mirgi nageenyaa kun eegamuun hafee, uummatni keenya jiruu ilmi namaa hin jiraanne keessatti argamu.

 

Dhimma kana ilaalchisee mee gaafiilee tokko tokkon ilmaan Oromootiif dhiyeessa. Yoo bakkee baqttoota keenyaa kanatti of ilaalle, maaltu nutti dhaga’ama? Warri ijoollee qabnu hoo, yoo hojii sukkaneessaan akkanaa ijoollee keenyarra gahu, maal godhuu qabna? Oromoon kan lammii isaatiif nahu fi dararamni kun itti mul’atu yoomi? Yoo har’a yeroo hamaa kana wal hin gargaarre, yoom wal bira dhaabbachuu dandeenya? Yoom dirqamni lammummaa nutti dhaga’ama? Yoom dirqama Oromummaa baana? … Kana caalaa gaafiilee hin baay’isu. Deebii gaafiilee kanaa garuu Oromoon hunduu barbaaduu qabu. Deebiin kunis salphaa yoo ta’uullee baate, waan argamuu danda’uu dha jedheen yaada. Dirqama ofii hubachuu qofaa gaafata. Dirqama keenya yoo beekne, deebii gaafiilee kanaas argachuun ulfaataa hin ta’u jechuu kooti.

 

Ani akkan ofii kiyyaa yaadutti, namni suuraalee fi viidiyoolee dararama uummata keenyaa agarsiisan kana argu, waan boqonnaa argatee, rafee bulu natti hin fakkaatu. Hirriiba dhabuun qofaa garuu furmaata hin ta’u. Maal godhuun qaba? Maal godhuun danda’a? jedhanii of gaafachuun barbaachisaa ta’a. Yoo gaafiilee kana ofiif dhiyeessan, deebiis barbaaduu fi argachuu danda’u jechuu dha. Deebiin gaafiilee akkanaatiif hatattamaan argamuu qabu, gabaabumatti “waanan danda’u karaa danda’uun godhee; lammii kiyya kan dararamaa jiruuf, siif jira si biran dhaabbadha jechuun qaba” kan jedhu dha. Kuni hoo akkamitti danda’ama? Kun ammaaf karaa lamaan ni danda’ama jedheen yaada.Karaan biraas jiraachuu ni mala; garuu ammaaf karaa lamaan kana ibsuun yaala.

 

Karaan tokko fi kan daddaffii dhaan ta’uu qabu, warri biyya nagaan jiru keessatti jiruu fi jireenya nagaa keessa jiran; warri xinnaatullee nagaan bahanii galuu danda’an; guyyaatti yeroo sadi – ciree, laaqana fi irbaata isaaniirraa isa tokko qusatanii; lammiilee keenya Yaman keessatti beela fi dheebuu dhaan dhumaa jiran kana, karaa danda’amuun gargaaruu dha. Nyaata guyyaatti yeroo sadi nyaatanillee akkuma jiranitti dhiisanii; waan guyyaatti dabalataan dhuganirraa hir’isanii; kan hir’isan kanarraa lammiilee keenya, kan rakkoolee hamaa keessa jiran, kanaaf gargaarsa godhuun ni danda’ama. Ittiyaaduu, hubachuu fi garaa laafuu qofaa nama gaafata. Waliif nahuun yeroo kana bakkee guddaa argachuu qaba; onnee keenya keessatti uumamuu qaba. Jaalalli uummata keenyaaf qabnu hojiin mul’achuu qaba. Afaanumaan Oromoon tokko jechuurra, tokkummaa kana dalagaan agarsiissuu qabna.

 

Karaan inni lammataa, karaa danda’amu hundaan bakkee jirrutti iyyannaa dabarsuu fi uummata keenya kan dararama keessa jiran kanaaf sagalee ta’uu dha. Kuni ammoo bakkee jirrutti, mootummoota biyyoota keessa jirruutti akkasumas jaarmayaalee mirga dhala namaatiif falman hundatti xalayaalee iyyannaa barreessuu jechuu dha. Asirratti, rakkoon jiru tokko naaf gala, nan beekas, mootummootas ta’ee jaarmayaaleen tokko tokko iyyannaa kanaaf akka gurra hin kennine waan nama mamsiisuu miti. Kanaaf, haalli akkanaa kun abdii nama kutachiisuu danda’a. Haa ta’u malee, fakkeenyaaf waan itti xiyyeeffatan tokko dhawuu dhaaf, yoo dhgaaa (dhakaa) baay’ee darbatan, dhagaalee kana keessaa inni tokko waan itti xiyyeeffatan sana dhawuu danda’a; kan hafan waan sana otuu hin dhayin yoo bira darban yookanis ammoo otuu bira hin gahin yoo hafan jechuu dha.

 

Egaa, karaaleen biroollee yoo jiraatan, karaalee lamaan kanaa olitti ibsaman kanatti yoo fayyadamne, uummata keenya kana gargaaruu fi isin bira jirra jennee isaan jajjabeessuun murteessaa dha jedheen yaada, amanas. Ammas irran deebi’a: dararamni uummata keenyarra gahaa jiru kun guyyaa dhaa guyyaatti, sa’aatii dhaa daqiiqaatti nutti haa mul’atu. Har’a arginee ykn dhageenyee kan boru hirraanfatnu otuu hin taane, yeroo hunda sammuu keenya keessatti mul’achuu qaba. Oromoon wal malee fira hin qabu. Yoomiyyuu caalaa fira waliif ta’uun yeroo akkanaa ti. Iyyaa iyya dabarsaa jechuun amma ta’uu qaba. Waan jedhamu tokkotu jira. Innis, nama yeroo lubbuu dhaan jiru akka malee rakkatu tokko, gargaaruun otuu danda’amuu, kana godhuun hafee; yoo namni kun du’e booda garuu lafarra gangalatanii booyuun homaa hin fidu; nama kanas lubbuu itti horuu hin danda’u. Ofis komachaa jiraachuunis bu’aa hin qabu. Uummata keenya kan du’aa ol, jireenyaa gadi qarree du’aarra jiran kana yeroo dhaan haa dhaqqabnu.

 

Dhumarratti, dhaamsa waliigaaa tokkon dabarsuu barbaada. Uummatni Oromoo yoomiyyuu caalaa gabrummaa hamaa ta’e keessa jira. Gabrummaa hamaaa yoon jedhu gabrummaa gaariin jira jechuu kiyyaa miti. Wantin jechuu barbaade, gabrummaa Wayyaaneen har’a uummata keenyarratti feete kun, kan mootummoota Habashootaa kana duraa caalaa hamaa akka ta’e ibsuufi. Lammiileen keenya, kan mana hidhaa Wayyaanee keessatti dararamaa jiran, lakkoofsa isaanii Waaqayyo/Rabbi qofaatu beeka. Kan ajjeefamanii karaarratti gatamani fi kan bakka buuteen isaanii hin beekamnes akkasuma. Hanga Wayyaanee faashistii kana ofirraa buqqisnee, bilisummaa keenya argannutti dararamni uummata keenyaa itti fufuun isaa waan ooluu miti. Kanaaf, yaa uummata keenya, kan bakkee hundatti, biyya keessas ta’ee biyya alaatti, karaa adda addaatiin dararamaa jirtan, jabaadhaa, Rabbi obsa fi jabeenya isiniif haa kennu; gargaarsa isiniif haa ta’u, karaa rakkoolee kana keessaa baatan isiniif haa fidu. Nutis ilmaan Oromoo karaa dana’amuun isin bira dhaabbatna. Jabaadhaa abdii hin kutatinaa, biiftuun Oromoos gaaf tokko bahuun ishii hin oolu.

 

Galatoomaa!

 

Abdii Boruu: aboruu@gmail.com

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

Waraana calqaba isaa malee xumurrii fi ittibahinsi isaa hin beekamne – Oromoon maal godhuu qaba?

Berhanu Hundee Waraanni amma garee seeraa fi heeraa ala mootummaa Federaalaa ofiin jedhu fi mootummaa …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *